‘’Birmaddummaa biyyaatiif gatii kamuu nikaffalla’’ – Artiistootaafi numnoota nageenyaa

Finfinnee: Ummatoonni Itoophiyaa wayita Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) garee shororkeessaa ABUTn miidhaan irra gahetti siifan jira jechuun, qabeenyaafi humnasaatiin maddiisaa dhaabachuun hojiin seera kabachiisuu akka milkaa’u taasiseera.

Ammas wayita gareen badii kun birmadummaa biyyaa sarbuuf socho’aa jiru kanatti artiistoonniifi humnoonni nageenyaa birmadummaa biyyaa tiksuuf kutannoo qaban agarsiisaa jiru.

Sochii ogeessonni adda addaafi hawasni maddii raayyichaa hiriiruuf taasisaa jirurratti dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif miirasaanii kan qoodan Shantammaalaa Ingidaawarqi Israa’el akka jedhanitti, miseensonni RIB ilmaan gootota kaleessa saayinsiifi meeshaa waraanaa ammayyaa tokko malee Xaaliyaanii jilbeeffachiisanii injifate waan ta’aniif ammas hamilee ummanni taasisaafii jiruun utubamuun biyyasaanii aggaammii gamuurraayyuu tiksuuf qophiidha.

Ummatoonni Itoophiyaa garee shororkeessaa kana dhabamsiisuuf ilmaansaanii adda waraanaatti erguu cinaatti hamilee ta’uufi deggarsa taasisuun waan jajjabeefamuu qabuudha jedhanii, ummanni odeeffannoo sobaarraa of eeguu akka qabus gorsan.

Artisti Awwal Usmaan Boonaa gamasaatiin aartiin goota onnachiisuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuuf inniifi miiltoowwansaa akaakuuwwan aartii hundaan hanga adda waraanaatti deemanii RIB maddii dhaabachuuf qophii ta’uu ibseera.

Kanaafis akka Waldaa Artistoota Oromootti qophiin barbaachisu xumuramuufii har’as ta’u bor gama adda waraanaatti socho’uuf qophii ta’uu eeree, namni kamuu hojjetatee jiraachuu kan danda’u yoo biyyi jiraatteefi nagaa taate waan ta’eef diina biyya diiguuf socho’aa jiru kamirrattuu ummaatoonni Itoophiyaa tokkummaan qabsaa’uu qabu jedheera.

Dhimma biyyaa jechuun dhimmaa lubbuufi lafee waan ta’eef yeroon kennamuufii hinqabu kan jedhe artistichi, RIBn osoo roobaafi aduu hinjenne kutattummaan biyyaaf lolee nageenya lammiilee kan mirkaneessu waan ta’eef kabajniifi deeggarsi olaanaan kan maluuf ta’uu eereera.

Miseensi Humna Addaa Oromiyaa Saajiinii Ittaanaa Abdulaaziiz Ibraahiim gamasaaniin, Humni Addaa Oromiyaa nageenya naannichaa guutummaan mirkaneessuuf lubbuusaa qaalii kaffaalaa gama naannolee ollaatti imaluunis garee shororkeessaa barbadeessuuf RIB deeggaraa jiraachuu ibseera.

Biyya nageenyi hinjirre barnoonni, misoomniifi eenyummaan waan hinyaadamneef akkuma abbootiin keenya kaleessa meeshaalee waraanaa boodatti hafoodhaan diina barbadeessan, nutis kutattummaa olaanaan meeshaa, beekumsaafi dandeettii gahaa qabnuun biyyattii tiksuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 1/2013

Recommended For You