Atileetonni keenya fiigicha har’aafi boriitiin sadarkaa Itoophiyaa fooyyessuu jedhamee eegama

Finfinnee: Hawaasi addunyaa hawwii olaanaan hordofaa kan jiru Olompikiin Tokiyoo 32fa boru xumurama jedhamee eegama. Jaappaan dolaarii Ameerikaa biliyoona 30 ol kan itti dhangalaafte olompikiin baranaa kun baay’ee qabbana’aadha jedhameera.

Sababnisaa ammoo vaayirasiin koviid 19 amalasaa jijjiiratee Vaayirasii Deeltaa jedhamuun osoo olompikichi hinjalqabiin guutuu Jaappaan waan weerareef imaltoonni garasitti qajeeluuf qophaa’ani turan waan hafaniifi.

Itoophiyaan dorgommiiwwan atileetiksii kanaan dura adeemsifamanitti fiigicha meetira kuma kudhanii dhiiraan Solomon Baaraggaa meedaaliyaa warqii, Geetinnat Waalee fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiin meedaaliyaa meetii, Gudaaf Tsagaayee fiigicha kuma shanii dubartotaan nahaasa argatteetti.

Dorgommiiwwan har’aafi boru adeemsifamanitti ammoo atileetoonni keenya dabalataan meedaaliyaa argachuudhaan sadarkaa biyyaa ni fooyyessu jedhamee eegama. Fiigicha meetira kuma kudhanii dubartootaan Latasanbat Giday, Tsigee Gabrasillaaseefi Tsahaay Gammachuu, maaraatoonii dhiiraan Shuraa Qixxataa, Leelisaa Disaasaafi Siisaay Lammaa, dubartootaan Tigisti Girmaa, Birihaanee Dibaabaafi Roozaa Darajjee ni eegamu.

Keessumattuu fiigicha meetira kuma kudhanii dubartootaatti meedaaliyaan ni argama jedhame abdii guddaan jiraatus dhalootaan Itoophiyaa lammuummaadhaan Holaandi kan taate atileet Siifan Hasan wajjiin falmii olaanaatu atileetoota keenya eeggata jedhameera.

Dorgommiiwwan hanga kaleessa waaree dura gaggeeffamanitti biyyoota 206n hirmaatan keessaa gabate meedaaliyaa keessa kan galan 62 qofa. Chaayinaan meedaaliyaa warqii 33, meetii 24fi nahaasa 16 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 73n sadarkaa tokkoffaarratti argamti. Ameerikaan warqii 28, meetii 34, nahaasa 26n dimshaashumatti meedaaliyaa 88n, qopheessituun olompikii Jaappaan ammoo meedaaliyaa warqii 21, meetii sagaliifi nahaasa 14 akka waliigalaatti meedaaliiyaa 44n sadarkaa lammaaffaafi sadaffaarratti argamu.

Afrikaarraa Keeniyaan meedaaliyaa warqii tokko, meetiifi nahaasa lama lamaan dimshaashumatti meedaaliyaa shaniin, Afrikaan Kibbaa meedaaliyaa warqii tokkoofi meetii lamaan meedaaliyaa sadiin, Itoophiyaanis warqii, meetiifi nahaasa tokko, tokkoo walumaagalatti meedaaliyaa sadiin, akkuma walduraa duuba jiranitti Afrikaarraa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa, addunyaarraammoo sadarkaa 40, 41fi 47 irratti argamu.

Hagayya 1 Bara 2013

Recommended For You