Mirkaneessi sanadootaa guyyootaa gara daqiiqotaa

Finfinne: Baankiin Daldala Itoophiyaa tajaajila kennuun walqabatee dhaabbilee, ejansiiwaniifi waajjiraalee garagaraa biyyaafi alatti argaman waliin wayita hojjetu bu’aawwan teknolojiitti fayyadamuun tajaajila si’ataa kennaa jira.

Baankii Daldala Itoophiyaatti Pirezidaantii Ittaanaa Riijinii Giddugaleessaa Obbo Kidaanee Mangashaa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif dheengadda kennaaniin akka jedhanitti, baankichi tajaajila onlaayinii sanadootaa bakka bu’ummaa seera qabeessaa yeroo gabaabaa keessatti mirkaneessuu hojiirra oolchuuf ejansii wajjin waliigaltee taasiseera.

Waliigaltee taasifameenis hojjettoonni baankichaa hojii sanadoota dhugaa adda baasuun waajjira muummee baankichaatti, waajiroota distiriiktotaafi hoggantoota dameewwaniitti kessatti ykn karaa qaamota bakka bu’iinsi kennameefii raawwachuu akka danda’amu himaniiru.

Maamiltoonni kana dura dhugummaa sanadootaa mirkaneessisuuf kutaawwan biyyattii garagaraarraa waan dhufaniif torbee tokkoo ol kan itti fudhatuufi adeemsa kana keessattis deddeebiin waan jiraatuuf qisaasama qabeenyaaf kan saaxilaman ta’uu eeranii, tajaajilli onlaayiinii hojiirra ooluuf jiru kun kana hambisuu cinaatti sanadoota sobaatiin akka yakki hinraawwatamnellee dandeessisa jedhan.

 Hanqinni tajaajila daataa dameewwan baankichaa mudachuun tajaajila kennamaa jirurratti gufuu ta’aa turuufi jiraachuus eeranii, mirkaneessi sanadoota bakka bu’iinsaas onlaayiiniin waan raawwatamuuf hanqinni daataa gama kanaan akka hinmuudanne qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Baankichi tajaajila kennu amayyeessuuf hojiiwwan sistamiifi onlaayiiniin hojjataman hojiirra oolchuun muuxannoo qaba jedhanii,sanadoota bakka bu’iinsaa daataa baankichaatiin mirkaneessuun yoo dadhabameelle maamilli intarneetii bilbila harkasaarra jiruun mirkaneesiisuu danda’a jedhaniiru.

Daarektarri Ejansii Galmeessaafi Mirkaneessa Sanadoota Federaalaa Obbo Muluqaan Amaaraa gamasaaniin, adeemsi bakka bu’iinsa kennuufi fudhachuu torbee tokko kan fudhate ta’uu yaadachiisanii, tajaajilichi dameewwan baankichaa hundatti onlaayiiniin raawwatamuun hojiin daqiiqota muraasa keessatti akka xumuramee taasiseera jedhu.

Waliigalteen taasifame ejansichi sanadoota bakka bu’iinsaa Fulbaana 2012 daataabeeziisaa keessatti galmeesse yookiin mirkaneesse baankichi akka fayyadamu kan dandeessisuufi sanadoota Fulbaana 2012 dura galmaa’an garuu hojmaata barameen ejansicharraa kan argamu ta’uu himaniiru.

 Sinqinash Alamuutiin

Recommended For You