Hir’ina dhiigaa yeroo ulfaa

Akkuma beekamu dhalli namaa erga guyyoota 280f gadameessa haadhaa keessa turee booda gara dachee kanaa dhufa.

Guyyoonni 280 kunniin guyyoota cimoo dubartoota aarsaa guddaa kaffalchiisaniidha. Dubartooonni ulfaa haalli sirna qaamasaanii namoota kaanirraa adda waan taheef taateewwan baay’ee kessummeessuu danda’u.

Maalummaa hir’ina dhiigaa walyaadachiisuun haa jalqabnu mee. Akkuma yeroo darbe ilaalle hir’ina dhiigaa jechuun, yoo dhiigni diimaan qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu’u ykn ammoo dandeettiin oksiijiinii qaama keenyaaf barbaachisu sombarraa fuudhee gara qaamaatti raabsuusaa gadi bu’e jechuudha.

Kanaaf, dhiigni qaama keessaa yaa’u seelii dhiigaa diimaa gadi bu’aa (hanga barbaachisuu gadi) ykn dandeettiin oksiijiinii baachuusaa hir’ataa osoo jiruu, yoo onneerraa darbatamu ujummoo dhiigaa (artery) humnaa ol yoo dhiibe namni kun hir’ina dhiigaas dhiibbaa dhiigaas qaba jechuudha.

Dubartoota ulfaa (garaatti baatan) namoota biroorraa addatti maaltu hir’ina dhiigaaf saaxila?

Dubartoonni ulfaa, nomoota kanneen biroo caalaatti dhibee hir’ina dhiigan hubamu. Haaluma kanaan, dubartoota ulfaa keessaa harki 57 dhibee hir’ina dhiiga qabu. Keessumaa biyyoota haalli jireenyaa hawaasdinagdee gadi bu’aa ta’eefi walga’iinsi kenniinsa tajaajila fayyaa gadi bu’aa ta’e akka biyya keenyaatti hir’inni dhiigaa dubartoota ulfaa kun hedduu olka’aa kan ta’eedha.

Dubartoota ulfaarratti dhibeen kun maaliif addatti baay’ata kan jedhuuf, sababoonni hedduun dubartoota ulfaa dhibee kanaaf saaxilan waan jiraniifi. Hundasaanii tarreessuu yoo baanne sababoota kanneen keessaa hangafoonni:

  • Wayita ulfaa fedhiin ykn barbaachisummaan ayireenii (elementii dhiiga hojjechuuf gargaaru) hedduu dabala. Kunis harmeen daa’ima garaatti baattu tokko ayireenii akkuma nama kamiiyyuu ofii ishiitiif qaama isheef fayyadamtuun alatti daa’ima gadameessa keessa jiruufillee dabarsitee waan soortuufi.  Keessumaa ammoo mucaan garaa keessaa lakkuu yoo ta’e ayiranii hedduun waan barbaachisuuf carraan hir’ina dhiigaa qabaachuu haadhaa daran olka’aadha.
  • Da’umsa wajjin walqabatee dhangala’uu dhiigaati.   Dhangala’uun dhiigaa kunis, da’umsa dura, yeroo da’umsaafi da’umsa boodallee ta’uu mala. Dhangala’uun dhiigaa kun hir’ina dhiigaa hedduu cimaa ta’e fiduurra darbee, yoo kan hedduu dhiige ta’e lubbuu harmee sanaallee dabarsuu mala. Kanaaf furmaata guddaa kan ta’u haadholii mara mana yaalaatti akka da’an taasisuudha.  
  • Wayita ulfaa dhibeewwan hir’inaa dhiigaaf nama saaxilan keessaa inni biraa infeekshinii dhukkuba busaati. Dhukkubni busaa namoota kanneen biroo caalaatti dubartoota ulfaa baay’inaan kan hubuufi miidhaan geessisus yoo ilaalle dubartoota ulfaarratti kan cimuudha.

Dhukkubni busaa keessumaa dubartoota ulfa jalqabaafi kan lammataarratti yoo qabate middhama nama kan biraa irraan ga’u caalatti irra geessisa. Hir’inni dhiigaa akkuma kaasuu yaalle dhibeewwan dhukkubi kun fiduu keessaa isa tokko yoo ta’u, hir’ina guluukoosii qaama keessaafi rakkoo sombaaf carraan saaxilamuu haadha ulfaa olka’aadha.

  • Raammoon hokkoon (hook worm) jedhamu ammoo mar’umaan namaarratti maxxanuudhaan dhiiga qaama namaa keessaa xuuxuudhaan kan beekamuufi dubartoota ulfaa dabalatee namoota addunyaa keenyaa irraa hedduurraan dhibee hir’ina dhiigaa kan geessisudha. Rammoon kun salphaadhumatti qorannoo bobbaa irraan kan argamu yoo ta’u yaalli isaas qoricha salphaa ta’een kennamuu kan danda’udha. Yoo kan hin yaalamne ta’e hir’ina dhiigaa hamaa geessisuu mala.
  • Akkuma armaan olitti kaasne harmeen garaatti baattu tokko qaama lama waan soorachiiftuuf nyaata ga’aafi maadalamaa yoo soorachuu dhabde namoota biroo hedduu caalaa dhibeen keessumaa kan hir’ina dhiigaa irra ga’uu waan maluuf, nyaata madaalawaa sorachuun dirqama.  
  • Dabalataan harmeen tokko ammaa amma osoo boqonnaa gidduutti hinfudhatin kan walirratti keessumaa waggaa waggaan deessu ta’e dhibee hir’ina dhiigaa kanaaf salphaatti saaxilamti. Kanaaf mala ittisa da’umsaa gara garaa fayyadamuun walirraa fageessanii da’uun fayyummaa harmeef daran barbaachisaadha.

Hir’inni dhiigaa kun erga mudatee booda mallattoolee akka: mataa dhukkubbii, gurra keessaa namatti iyyuu, lafti namaan maruu, dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu, waa yaadachuu dadhabuu, dadhabbii garmalee sababa biraatiin hinibsamne, afuurri cituu, harkiifi milli diilallaa’uufi dhiita’uu, dha’annaan onnee oduma taa’anii akka nama fiiguu namatti dhaga’amuufi kkfdha. Haa ta’u malee mallattoolee kanneen keessaa tokko tokko osoodhuma hir’inni dhiigaa hinjiraatiin dubartoota ulfaarratti, sababa dhibee biraas ta’u akkasumaan argamuu malu. Keessumaa bowwoo (mataa dhukkubbiin) mallattoo olka’uu dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaa (pre-eclampsia) ta’uu mala. 

Hir’inni dhiigaa yeroo ulfaa dhibee kan biroo akkamiif harmee saaxiluu danda’a?

Hir’inni dhiigaa wayita ulfaa kunis dhibeewwan haadharratti dhufan akka dhibee dadhabuu onnee, infekshinoota garaagaraafi garmalee dhiiguu da’umsa boodaa kan hanga lubbuu haadhaa dabarsuutti ga’aniif saaxiluu danda’a. Akkasumas daa’ima garaa keessaarratti dhibeewwan akka: ulfaatinni daa’imaa xiqqaachuu, da’umsiifi ciniinsuun yeroo malee dhufuufi kkf fiduudhaan dhibeewwan dabalataan dhufan biroo hedduuf daa’ima saaxiluu mala.

Haadholiin ulfaa akka dhibee hir’ina dhiigaa kanaan hinqabamneef maal gochuu qabu?

  • Akkuma beekamu baarbaachisni qaamaa kan elementii seelii dhiiga diimaa hojjechuuf gargaaru ayiranii jedhamu akkasumas vaayitaaminii 12fi fooleetii hedduu waan dabaluuf dubartoota ulfaaf bifa qoricha liqimsamuun kennamuufii qaba. Kana argachuuf ammoo tajaajila hordoffii da’umsa duraa (‘antenatal care’) qabaachuun hedduu barbaachisaadha.
  • Mallattoo dhukkubaa kan hir’ina dhiigaa kan busaafi kkf kamuu yoo ofirratti argan dubartoonni ulfaa osoo guyyaan hordoffii isaanii hinga’ina yeroo kamuu mana yaalaa deemuun yaalamuu qabu.
  • Nyaata haga danda’ametti nyaata madaalamaaa kan viitaaminootaafi elementoota dhiiga hojjachuuf barbaachisan of keessaa qaban armaan gadii torbanitti al lamaafi isaa ol argachuu qabdi. Isaanis:
    • Vitaamin ‘B12’ kan ofkeessaa qaban: Foon diimaa, hanqaaquufi bu’aalee loonii akka aannanii;
    • Faalik asidii (folic acid) kan ofkeessaa qaban: kuduraaleef fuduraalee baala qaban akka salaaxaafi raafuu, cuunfaa burtukaanaa, ruuzii, paastaafi midhaan callaa akka baaqelaa;
    • Ayiranii (Fe) ga’aa kan ofkeessaa qaban: Tiruu, qurxummii, dinnicha, atara, foon diimaa haalaan soorachuu.

Haati kamuu mana yaalaatti da’uu qabdi. Faayidaaleen mana yaalaatti da’uu kanneen biroon akkuma jirutti ta’ee, inni cimaan garuu dhiiguu yeroo da’umsaa ittisuudhaan lubbuu harmeefi kan daa’ima haaraa dhalatuu baraaruudha.

Yoo dhiiguu kana ittisuun dadhabamellee yoo haati dhiigde dhiiga namoota garagaraarraa arjoomame harmee dhiigdeef kennuudhaan, akkasumas maloota garaagaraa fayyadamuudhaan harmeen dhiigde akka lubbuun hindabarre taasisuun nidanda’ama. Kanaaf harmeen kamuu mana yaalaatti da’uu qabdi jenna.

Fayyaa hindhabiinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You