“Bantii manaa suppuun yeroo aduun jiruudha” -John F. Kennedy

Yeroo hedduu taphattoota jabaatanii leenji’an, jabaatanii taphatan, garuu kubbaa saaphanaa wajjin wal agarsiisuu kan hindandeenye ni argina. Haata’uyyuu malee kaayyoon tapha kubbaa saaphanaa wajjin wal agarsiisuudha. Bakka itti kubba galchanii qabxii lakkoofsifatan hinbeekan taanaan sirriitti taphachuun isaanii kan jijjiirama fudu miti.

Geggeessaan karoora malee deemu akka nama dukkana keessa qaqqabataa deemuuti. Karoora ba’e tokko yoo hojiitti hiikame cimina isaa kan agarsiisu yoo ta’u, yoo karoorri ba’e hojiitti hiikuu dadhabe immoo dadhabina isaa calaqqisiisuun isaa hinoolu. Geggeessaan yeroo isaa kennee hojjechuu qofa utuu hinta’in tarsiimoo ittiin jijjiirama fidurratti gadi fageenyaan yaaduufi hojjechuun barbaachisaadha. Karoorri fedha gaarii waraqaa irra kaa’ame miti. Jabaatanii hojjechuu gaafata.

Yeroodhuma deemsa jalqabnu garam akka deemnu sirriitti beekuun gaariidha. Sababiin isaa dhaabbanni nuti geggeessinus ta’e mul’atni dhaabbatichaa maal akka ta’e sirriitti beekuu qabna. Waggaa har’aa, waggaa lama har’aafi waggaa sadiifi kudhan har’aa eessa akka ga’uu qabnu ammuma murteessuun irratti hojjechuu jalqabuu qabna.

Namni karoora hinqabne jijjiirama nan fida jedhee yaaduu hindandaa’u. Sababiin isaa yoom maal akka hojjetu nama adda baasee hinbeekne waan ta’eef. Kanaaf milkaa’inaan kan nu ga’u jalqabarratti maal akka gochuun nuuf ta’u dursinee karoorsuun baay’ee barbaachisaadha. Gara geggeessummaattis yoo dhufnu, gaggeessaan karoora hinqabne gonkumaa milkaa’uu hindanda’u. Geggeessaan karoora qabu galma sirrii niqabaata. Waan hojjetu jalqaba isaa qofa utuu hinta’in dhuma isaas arguu danda’a.

Isa kanaaf garuu maal gochuu akka qabnu beekuun barbaachisaadha. Mul’ata borii qabaachuu gaafata. Mul’ata yoo qabaanne eenyuun caalaatti karoorsuufi hojjennee milkaa’uuf carraan nuti qabnu bal’aadha. Waan nuti karoorsines kan gufachiisuu danda’u hinjiru. Karoora hinqabnu yoo ta’e, akka doonii kallattii hinbeekne irra socho’uu taana. Meeshaa kallattii agarsiisu malee dooniin tokko akka barbaachisetti eessa iyyuu sirriitti ga’uu hindanda’u. Socho’ullee karaa sirriirra lafa yaade ga’uun salphaa miti. Bu’aan isaas bubbee galaanaatiin asiifi achi oofamuudha. Akka geggeessaatti milkaa’uu kan nuti dandeenyu karoora yoo qabaanneefi karoora keenyas fiixaan baasuuf tattaaffii barbaachisaa yoo goone qofa.

Karoorri hojii malee faayidaa hinqabu. Hojiin ammoo tattaaffii barbaada, dhama’uu gaafata. Karoora qabnu dhamaanee yoo hojiitti geeddarre milkaa’inni fagoo miti. Namootni nuti har’a milkaa’oodha jennu marti namoota tattaafataniidha. Namoota halkaniifi guyyaa fiiganiidha. Namoota hiriyaan isaanii inni guddaan hojii ta’eedha.

Egaa karoora sirrii hojiitti geeddaramu qabaachuuf waan gochuu mallu keessaa muraasni 1. Rakkoolee nu marsan, waajjira keenya marsan yookaan naannoo keenya jiran ilaaluu. 2. Ilaalcha keenya fageessinee bor jijjiirama dhufuu malan sammuu keenya keessatti yaadaa jirru irratti xiyyeeffachuu. 3. Isa yaada keenya keessa jiru attamitti namoota kan biraa biraan akka geenyu itti yaaduu. 4. Isa yaada keenya keessa jiru kan ofii keenyaa godhachuufi duraan dursinee itti amanuu. Mul’ata burqisiisnetti hinamannu yoo ta’e, namoonni kan biroon akka hinamanne hubachuun daran barbaachisaadha. Sababiinsaa ofii keenyaa waan itti hinamanne namootni kan biroo amanuu qabu jechuu hindandeenyu. 5. Dhuma irratti duraa duubaan waan hojjechuu qabnu kana kaa’uun akka ariitiifi barbaachisummaa isaaniitti hojiirra oolchuun gaariidha.

Kanaaf namni karoora hinqabne akkasumatti yeroo isaafi qabeenya isaa balleessa. Har’allee tokkoon tokkoon keenya gaaffii of gaafachuu qabnu keessaa ani maal keessan jiraa jennee of gaafachuun barbaachisaadha. Karoora qabnaa? Dhaabbata yookaan biyya geggeessaa jirruuf karoora attamii qabnaa? Karoorri keenyaaf haalli qabatamaa amma jiru yoo walcina qabnee ilaalle hammam deebii ta’uu danda’aa? Milkaa’ina argachuudhaafis hangam jabaattee hojjechaa jirta? Geggeessaan karoora hinqabne wantoota dhaga’uufi argu qofaan kan asiifi achi rukutamu dhallaadduu bishaan keessaati. Lafa itti agarsiisan oola. Sababiin isaa ofiif bakka oolu yookaan bakka dhaqu hinkaroorfanne. Yoo ati hinkaroorfattu taate namatu siif karoorsa. Inni kun ammoo eessaan iyyuu si hinga’u. Egaa namni tokko karoora sirrii qabaatee hojii sirrii hojjechuuf kanneen barbaachisan muraasa akka armaan gadiitti haa ilaallu.

1.Guyyaa hunda sirriitti eegali

Inni kun akkaataa itti guyyaa keenya eegalluufi jireenya keenya gidduu walitti dhufeenya cimaatu jira. Ganama daqiiqaa 10-15 kan ta’uuf xiqqoo yoo fakkaatellee kanneen armaan gadii yaaduun barbaachisaadha. Waa’ee hojii, walitti dhufeenya namootaa wajjin qabaannu, waa’ee maatii, waa’ee hawaasa keessa jiraannuufi waliin hojjennuufi kan kana fakkaatan.

Maalitti gammannaa? Maal raawwachuus qabnaa? Kanaaf guyyaa nuti itti seennu kun maal fakkaachuu malaa? Inni kun guyyaa nuti itti seennu guyyaa hunda kallattii garaa garaan akka milkoofnu kan nutaasisu qofa utuu hinta’in dandeettii gadi fageessanii yaaduu nuuf gabbisa. Walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnu, bakki hojii keenyaa maal akka fakkaatuufi maal gochuu akka qabnu, karoorri baafachuu maal maal of keessatti akka qabatuuf carraa nuuf kenna. Kanaaf ganama yeroo kaanu callisnee deemuu qofa utuu hinta’in yeroo xiqqoof itti yaaduun barbaachisaadha.

2. Waan har’a raawwattu karoorsi.

Warri Raashaa yeroo mammaakan “Illeettii lama qabuuf yoo duukaa buute tokkoyyuu hinqabdu” jedhu. Geggeessaan tokko jijjiirama fiduuf tattaaffii taasisu keessatti milkaa’aa kan isa taasisu karoora inni baasuufi raawwii isaati. Abjuufi hawwii baay’ee yoo qabaatanillee kan yaadaniifi kan abjootan raawwatanii kan argaman namoota dhibba keessaa namoota lama qofa.

Dhibbeentaa sagaltamii saddeet (98%) kan ta’an abjuufi yaada qaban biraan utuu hinga’in kan hafaniidha. Waan tokko bira ga’uudhaaf abjoochuu duwwaan ga’aa miti. Garuu attamitti akka argatan karaa isaa beekuun baay’ee barbaachisaadha. Waan hawwine bira ga’uudhaaf karoorsuufi wanta karoorsan kana immoo jabaatanii hojjechuudha.

Karoora malee hojjechuun bu’aa malee akka hafnu nu taasisa. Yeroo tokko namichi daldalaan jiraatu tokko gamoo guddaa ijaaruu yaadee ijaarsa erga jalqabee booda yeroo afurii ol karoora ijaarsa gamoo isaa jijjiireera. Sababiin guddaan rakkoo karooraafi raawwii ni qaba jechuudha. Kanarraa kan ka’es kasaaraa guddaan isa irra ga’eera, bu’a qabeessas utuu hinta’in hafe. Akkasumas barattoonni dhibbeentaan guddaan gosa barnoota barataniif karoora akka hinqabne qorannoon addaa addaa nimirkaneessa.

Waan hojjechuuf karoorfanne hunda yeroo tokkicha hojjechuu akka hindandeenye beekuunis baay’ee barbaachisaadha. Yeroo tokko waanuma tokko qofa irratti xiyyeeffachuudhaan hojjechuun dhiphinarraa akka eegamnu gochuu qofa utuu hinta’in hojii bu’a qabeessa akka hojjechuu dandeenyu gochuu keessatti ga’ee cimaa nitaphata.

Hojii tokko yeroo sirriitti utuu hinhojjetin dabarsinaan isa borii wajjin walitti ida’amee si dhiphisuum akka waan sitaasisuuf waan har’a hojjettu rakkoon kan biraa hanga si hinmudannetti hojjechuu irraa boodatti hindeebi’in. Tarii har’as wanti walitti kuufamee, tartiibaan utuu hinhojjetamin hafee nu dhiphisu yoo jiraate hatattamaan irratti hojjechuun gaariidha. Wantoonni salphaa fakkaatan irraa jalaan hojii keenyas ta’e akka dhuunfaatti nu miidhuu ni danda’u.

3. Karoora hojiitti hiiki

Karoorri hojiitti hinhiikamne karoora dhabuu caalaa miidhaa geessisa. Karoorri hojiitti hin hiikamu yoo ta’e, karoora qopheessuun barbaachisaa miti. Kan waajjiraas ta’e kan dhuunfaa keenyaarratti gadi fageenyaan hojjechuun hojiirra oolchuun gaariidha.

Yeroo tokko leenjii geggeessitootaarratti namni tokko akkas jedhe. “Ani yeroo baay’ee waggaa haaraatti hojii addaa hojjechuuf karoora adda addaa nan baafadha. Waan addaa hojjechuufis fedhii guddaan qaban ture. Garuu dhuma waggaarratti yeroon of gamaaggamu baay’ee na gaddisiisa. Karoorri koo akkan yaadeefi akkan akeekkadhetti utuu hinta’in faallaa isaa ta’een arga. Kana qofa utuu hinta’in waajjira keessatti namoota karoora qopheessan keessaa ani isa tokko. Garuu waggaa tokkollee yaadadhee karoora koo sanaan geggeeffamee hojjedhee hinbeeku. Kun anarrattis ta’e hojii koo irratti dhiibbaa guddaa waan uumeef har’as taa’ee yeroon of ilaalu gaabbiitu anatti dhaga’ama. Garuu yeroo booddeetti deebisuun waan hindanda’amneef gufuun na rukute eessa akka inni jiru amma hubadheera. Har’a homaa tokko illee gochuu kanan hindandeenye utuun hinta’in, kufaatii koo kaleessaatiin baay’ee akkan gargaaramuufi har’a murannoodhaan ka’uuf na gargaara” jedhe.

Bor akka hingaabbinetti karoora qabaachuun barbaachisaadha. Keessumaatti dargaggootni karoora sirrii qabaachuun karoora qabnu jabaannee hojjechuun hojiitti geeddaruun daran murteessaadha. Darbees karoorsuu qofa utuu hinta’in isa karoorsine fiixaan baasuuf dhama’uu qabna. Hojiirra oolchuufis namoota murtoo qaban ta’uun barbaachisaadha. Yoo akkas ta’e bor galaana guddaa keessaa abdiifi carraa akka budduqfannu nutaasisa!

Itti yaaddee yoo karoorsite, jabaattee yoo hojjette, sammuufi humna kee sirriitti yoo hojjechiifte, of irra darbitee mul’ata biyya lafaa jijjiiru yoo burqisiifte nama biyya lafaa jijjiiru ta’uu nidandeessa.

Doktar Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You