Sagaleen nageenyaaf kenname ammas kabajamuudhuma qaba

Biyyi keenya, Itoophiyaan barana taateewwan jajjaboo lama haala gaariidhaan milkeeffatteetti, milkeeffachaas jirti; filannoo marsaa jahaffaa nagaqabeessummaasaatiin hawaasa addunyaa ajaa’ibsiiseefi Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa guutiinsi bishaaniisaa geggeeffamaa jiru.

Keessumaa gama filannootiin barri baranaa bara seenaqabeessa. Hawwiin filannoo dimokraatawaa barootaaf ture qabatamaan akka dhugoomu ta’eera. Kaanis waanti hawwameefi abjootame raawwatameera.

Dimokraasiin biyya keenyaaf hawwii qofa otoo hintaane qaama seenaa ta’uunis ummata addunyaa fuulduratti ifatti mul’ateera. Boordiin filannoo loogii qaama kamirraayyuu bilisa ta’e hundaa’ee yeroo gabaabaa keessatti filannoo amanamaafi haqaqabeessa kana hogganee milkaa’inaan gara xumuraatti fideera.

Lammiileen Itoophiyaa daangaa hanga daangaatti bahanii qaama bakka na bu’a jedhan sodaa tokko malee waan filataniif akka Itoophiyaan mo’attu ta’eera.

Adeemsa kana keessatti paartiilee morkattoonni, taajjabdoonniifi hawaasni bal’aan mataansaa haala biyya kanattti baratamee hinbeekneen haqummaa filannichaatiif ragaa bahaa turaniiru.

Adeemsa filannoo baranaa kan hubate paartiin biyya bulchaa jirus yoo mo’ate paartiilee morkattootaa hunda haaluma naannoo itti dorgomaniifi humna qabaniin caasaa mootummaa keessatti hirmaachisuun mo’attummaa Itoophiyaa caalaatti mirkaneessuuf qophii ta’uu eereera.

Filannichaan akka waan ummanni Itoophiyaa mo’atteetti waan lakkaa’amuufis paartiileen ummata bakka bu’anii dorgoman haaluma dorgommiisaaniitiin caasaa mootummaa keessa akka seenan yaadamuun miirri walgaarreffannaafi wacni kanaan dura filannoo booda ture akka jijjiiramu ta’eera. Ummanni Itoophiyaa siyaasessitoota hunda kan caalu ta’uunis akka gochaan mul’atu taasiseera.

Paartiileenis wajjummaan ta’anii ummata oolmaa guddaa ooleef kana mudaafi waca tokko malee waanin inni barbaaduun mo’ataa gochuufi garaa ga’uu qabu.

Paartiileen qabsoo yaadaafi walta’iinsa yeroo filannichaafi booda agarsiisan ummata hunda caalaa nagaa dheebochuusaa gaafa kenniinsa sagalee dadhabbiifi nuffii tokko malee tilmaama keessa galchanii socho’uun adeemsi dimokraasii jalqabarra jiru kun cimee akka ittifufu gochuu qabu.

Paartiileen hundi muuxannoon dimokraasii keenya kichuu ta’uu hubachuu ta’uufi imalli hafe daran dheeraa ta’uu hubachuun akkasumas, adeemsa qaroomaa ummanni filannicharratti agarsiise xiyyeeffannaa keessa galchuun socho’uu qabu.

Filannoo ummanni biyyattii hunda caalaa nageenyasaatiif dursa kennuun dhiibbaa alaafi keessaa dandamatee geggeesse kabajanii tarkaanfii ittaanuuf of qopheessuunis muuxaneeffamuu qaba.

Paartiileenn akka biyyaattis ta’e naannootti socho’an kamuu adeemsa siyaasaa biyya keenyaa walshakkiifi waltakaaluudhaan beekamu keessaa bahanii ummata rakkooleen adda addaa ittiwalfuran kana adeemsi filannichaa hanguma fedhe hanqinaafi dogoggora qabaatullee fedhiisaa kabajuufiin dhimma yeroo kamuu caalaa barbaachisa afi murteessaa ta’eedha.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013

Recommended For You