Filannoo bara 2013 Itoophiyaan ittiin injifatte

Waxabajjiin 14 bara 2013 ummata Itoophiyaa hundaaf guyyaa addaati; guyyaa filannoo dimokraatawaa gaggeessuuf baroota dheeraaf hawwamaa ture. Kunoo yeroonsaa gahee wanti yaadame raawwatameera.

Dimokraasiin biyya keenyaaf hawwii guyyaa addunyaatti agarsiifameera. Garee qaama kamuu kan hintaane boordiin filannoo bilisaa hundaa’uun, yeroo gabaabaa keessatti filannoo bilisaafi amanamaa gaggeessuun milkaa’inaan xumureera.

Kana booda injifannoon filannichaa kan eenyuus haa ta’uu guyyicha Itoophiyaanonni daangaadhaa hanga daangaatti bahuun, nama bakka nabu’a jedhan waan filataniif Itoophiyaan injifatteerti.

Biyyattiin haala rakkisaa keessa dabartus guyyaa seena qabeessa kanatti injifatteerti. Seenaan Itoophiyaa dhugaa faallaa bilisummaa lamaani kan ilaalamu.

Inni jalqabaa birmadummaa biyya keenyaa humna alaa kamirraayyuu ittisuun waggootaaf kabachiisuudha. Kanaanis biyya birmadummaashii eeggachuun sodaatamteefi kabajamtee jiraatte ijaaramteerti. Faallaa kanaatiin garuu olaantummaa aangoo ummataa kabachiisuu hindandeenye.

Abbummaa aangoo ummataa mirkaneessuu waan hindandeenyeef rakkooleen isaan walqabatanii dhufan biyyattii  gidiraawwan adda addaatiif saaxileera.

Seenaa kana jijjiiruuf yeroowwan adda addaatti carraan argamee ture, garuu itti hinfayyadamne. Ummata abbaa aangoo bilisaa qabu keessa akka gallu seenaan har’a carraa biraa nuu kenneera.

Ce’umsa gara dimokraasiitti taasifamu gara boodaatti kan harkisu kan darbe gocha dimokiraasii hintaaneefi gara fuula duraatti kan argamu dimokraasii haaraa gidduutti abdii mul’ataa argamudha.

Dimokraasiidhaaf qabsoofnee, biqiltuu dimokraasii kunuunsuuf fedhii hinqabnu. Biyyi halkan tokkotti dimokraatawaa ta’ee bulu akka hinjirre beeknee, ijaarsa dimokiraasiitiif wantoota murteessoo ta’an walirratti dabalaa deemuu barachuu qabna.

Filannoon paartiin kamuu yoo injifate, adeemsi filannichaa dimokratawaafi nagaan xumuramuun injifannoo filannoo tokkorraa eegamuu oli.

Adeemsi akkanas shaakala dimookraasiif muuxannoo ta’ee tarkaanfii tokko fuulduratti kan tarkaanfachiisuufi biyya keenyaaf hiika guddaa qabuudha.

Dura bu’oonniifi hojjettoonni boordii filannoo, filannoo seena qabeessa kana ittigaafatamummaa fudhachuun raawwattoota ta’anii yemmuu dhiyaatan bu’aa ce’iin hedduun akka jiru xiyyeeffannoo keessa galchuun akka ta’e ni beekamaadha.

Muuxannoo kanaan dura hinjirre fiduuf, kallattiilee adda addaatti qormaanni baay’atullee kanaaf osoo harka hinkenniin raawwachiistota filannoo bilisa ta’an hundeessuu, sirna amanamaafi ittifufiinsa qabu diriirsuuf imala ajaa’ibsiisaa imalaniiru.

Jalqabamee hanga xumuramutti paartiilee morkaattoota walqixa ilaaluun, sirna ifa ta’e diriirsuun, amanamummaan filannichaa akka eegamuuf shaakala dimokaasii biyya keenyatti shoora olaanaa ba’ataniiru. Kanaafis Itoophiyaan irra deddeebitee isin galateeffatti.

Qaamolee nageenyaafi tikaa, miidiyaaleen, taajjabdoonni, waldaleen siiviikiifi qaamoleen deggartootaa, raawwachiistonni hundi filannichi bilisa, haqaafi dimokraatawaa ta’ee akka xumuramuuf jalqabaa hanga dhumaatti injifannoon argame kan keessanis wanta ta’eef baga gammaddan; filannoo bara 2013 Itoophiyaan ittiin injifatte waan ta’eef.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You