Garaa kaasaa jechuun yeroo bobbaan bifa dhangala’aa ta’een si’a sadii sa’aatii 24 keessatti darbudha. Kunis gosa bishaan fakkaatuun, dhiigaa fi furrii fakkaatuun tahuu danda’a. Daa’immanis tahe namootni gurguddoon garaa kaasaan ni hubamu. Kunis sababa jarmoota ijaan hinmul’anneefi mul’ataniin dhufa. Kunneenis:-
- Baakteeriyaa
- Vaayiraasii
- Maxxantuuwwan akka Jiyaardiyaa, Ameebaa
- Hanqina nyaataa madaalawaati.
Jarmootni garaa kaasaa daa’immanitti fidan kunneen akkamiin qabuu danda’u?
- Qulqullina dhabuu nyaataa daa’immanii.
- Hanqina qulqullina bishaan dhugaatii.
- Qulqullina daa’immanii eeguu dhabuu.
- Foon dheedhii nyaachisuun, killee hinbilchaanne yoo nyaachisne
- Tuttuqqaa daa’imman biroo garaa kaasaa qabanii
- Qulqullinaan qabuu dhabuu meeshaalee nyaataa itti nyaatanfi dhuganiiti. Kunis yeroo hedduu uummata keessatti bal’inaan ni argama. Daa’imman dhalatanii sababii garaagaraan hoosiftuun (xuuxxoo) waan dhugan eegalu. Kun immoo jarmoonni keessatti akka wal horaniif haala mijataadha.
- Utaalloon deddeebi’anii qabamuun daa’immanii jarmootni akka vaayirasii gara mar’immaanii deemuun akka garaa kaasaan hubaman taasisa.
- Hanqina nyaata madaalamaa kan akka pirootinii.
- Daa’imman waggaa lamaa gadii jiran sababa kulkulfannaa nyaataa (food allergy) mar’immaanii irraan kan ka’e dhufuu mala. Nyaatawwan kunniinis kanneen akka killee, aannan sa’aafi looziidha.
- Qulqullina dhabuu naannawaatiin maxxantuulee lafa irra jiran tuttuquun gara afaan isaanii yoo galchan
Garaa kaasaan daa’imman irratti dhiibbaa akkamii fiduu danda’a?
- Bishaan qaamaa isaanii keessaa ni hir’isa. Kun immoo hanga baheen yoo bakka buufamuu baate rakkina dabalataaf saaxila. Bishaan qaamaa isaanii keessaa yeroo hir’atu mallattoolee garaagaraa mul’isu. Kunis fedhiin bishaan dhuguu ni dabala, gogaan qaama isaanii ni cooliga, boqonnaa dhabu, of wallaaluu danda’u.
- Hir’ina nyaata xixiqqoof (micronutrient) ni saaxilamu. Xuuxamuun nyaata xixiqqoo kunniinis itti dhufa. Kunis miidhaa bira qaqqabsiisa.
- Hanqina nyaata madaalamaa kan akka pirootiniif ni saaxilamu. Kun immoo ofiinuu carraan garaa kaasaan sun irra akka dheeratu taasisa.
- Hanqina xuuxamuu soorataa fida.
- Faca’uu jarmootaa gara qaamota biroof sababa taha.
- Wal keessa seenuu mar’immaaniif sababa tahuu danda’a
Akkamiin garaa kaasaa daa’immanii hambisuun danda’ama?
1. Daa’imman dhalatanii hanga ji’a jahaa harma haadhaa qofa hodhuu qabu. Qaamni isaanii akka infeekshinii of irraa dhorkuuf harma haadhaa keessaa ni argatu.
2. Hoosiftuu(xuuxxoo) fayyadamuu hi qaban. Yoo sababii garagaraan dirqama tahe immoo qulqullina isaa bishaan danfeen dhiquun dirqama taha.
3. Talaallii isaanii yeroo isaa eeguun fudhachuu qabu. Kuni carraa dhibee garaa kaasaan hubamuu baay’inaan ni hir’isa.
4. Qulqullina naannawaa eeguu
5. Qulqullina qaamaa eeguufi tuttuqqii hir’isuu
6. Qulqullina bishaan dhugaatiif fayyadaman eeguu. Kun naannoo baadiyaatti rakkoo tahuu mala. Tahus bishaan danfisanii obaasuudha. Daa’imman umurii ji’a jahaa gadii bishaan gahaa harma haadhaa keessaa waan argataniif obaasuu hinqabnu.
7. Nyaata kan akka killeefi aannan sa’aa waggaa tokko dura eegalsiisuu dhiisuu
8. Tuttuqqii daa’immaan biroon hir’isuu qabna.
Daa’imman dhibee garaa kaasaan yoo qabaman maaltu godhamuufii qabaa?
1. Hanga mana yaalaa deemnee ogeessa quunnamnutti bishaan qulqulluunis tahu hanga baasan bakka buusuu qabna. Dabalataanis nyaata isaanii seeraan kennuu qabna.
2. Daa’imman ji’a jahaa gadii harma haadhaa sirriitti akka hodhan taasisuu.
3. Dhugaatii lallaafaa kan akka kookaa, miriindaa, cuunfaalee garaagaraa irraa fageessuu. Dhugaatii lallaafaan Kuniin carraa Garaa kaasaa itti cimsuu qabu.
4. Mana yaalaa dhihoo jiru deemnee ogeessa quunnamuu dirqama. Yeroo baay’ee daa’imman keessatti sababii jarmii vaayirasiin waan taheef bishaan bahu buusaa deemuun dhibeen ofumaa dhaabata. Kunis sa’aatii 48 keessatti jijjiiramni ni mul’ata.
Yoom gara ogeessaatti deebinee agarsiisuu qabna?
- Yoo jijjiiramni mul’achuu dhiise
- ho’inni qaamaa yoo jiraate
- hargansuun isaanii yoo dabale
- Of wallaaluu daa’immanii
- Garaa kaasaa dhiigaan walmake yoo mul’atedha.
Gifira (Measle)
Gifirri dhukkuba vaayirasii maatii Paramyxoviridaefi gosa Morbillivirus jedhamuun kan daa’imatti dhufudha. Dhukkuba walitti dhiyaachuu daa’imman qabameen, karaa kutaalee hargansuufi ijaan qilleensa keessa erga faca’ee gara qaama isaanii kan seenudha. Biyya kana keessattis bakkoota garagaraatti kan mul’atuufi du’a isaaniif sababa kan tahedha. Dhibeen kunis sababii garaagaraan sadarkaa laafaatii hanga cimaa taha. Keessattuu daa’imman hanqina nyaataa, dhibee biraan hubaman irratti cimee mul’ata. Dhibeen kun rakkina garaagaraa kan yeroo gabaabaafi dheeraa fida.
Mallattooleen Gifiraa maalii?
- Qufaafi yaa’insa dhangala’aa karaa funyaanii
- Ho’insa qaamaa xiqqaa hanga guddaa
- Diiminaafi kulkulfannaa golga ijaa (conjuctivitis)
- Shiffee (rash) qarqara rifeensa mataa gara fuulduraa irraa eegalee qaama gadiitti faca’u.
Miidhaa Gifirri daa’imman irratti qabu
Dhiibbaa yeroo gabaabaafi dheeraa fiduu danda’a. Isaanis:-
1. Dhibee garaa kaasaafi hanqina bishaan qaama isaanii keessaa
2. Humna ittistuu qaama isaanii huba
3. Sirna hargansuu isaanii madeessa
4. Infeekshinii gurraaf akka saaxilaman godha.
5. Infeekshinii sombaa (pneumonia)
6. Gaggabdoo ho’insa qaamaan walqabatu
7. Hanqina nyaataa
8. Hanqina vaaiitaaminii gosa A fiduun miidhamuufi jaamina ijaa fida
9. Miidhamuu sammuu yeroo dheeraaf saaxila
Mala ittisa Gifiraafi gargaarsi godhamuu qabu maalii?
1. Daa’imman dhalatanii hanga ji’a jahaa dandeettii of irraa dhorkuu qabu. Kunis qaama ittistuu karaa hidda handhuuraa gadameessa keessatti haadha irraa argataniini. Kan isaa booda garuu bifa talaalliin argachuu qabu. Kunis baatii sagalaffaa irratti akka sagantaa fayyaa Itoophiyaa baaseen ni kennama.
2. Daa’imman dhibee kanaan qabaman waliin tuttuqqaafi irra fagaachuun akka salphaan hindaddabarreef gargaara.
3. Daa’imman dhibee kanaan qabaman qofaatti baasuun of eeggachaa gara mana yaalaa geessuun gargaarsa barbaachisa akka argatan gochuu
4. Daa’imman rakkoo gifirri itti fides ogeessa fayyaan waan barbaachisu argachuu qabu
5. Vaayitaaminii gosa A dabalataan akka argatan gochuudha.
Doktar Naafyaad Geetuu
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013