Waasihun Takileetiin
Tibbana Weellisaa Galaanaa Gaaromsaa wallee haaraa “walagarraa” jettuun dhageettii miliyoonotaan lakkaawaman horateera. Ergaan Walleesaa daraan gadi fagoofi duudhaa, safuufi dimokiraatummaa uummata Oromoo sirriitti kan ibse ta’uusaatiin jaalatamummaa guddaa horateera.
Kana wajjin walqabatee waalleesaa kana keessatti kudhan gorse, kudhan obsee, kudhan dhoksee jechi jedhu namoota tokko tokko biratti gaaffii ta’eera.
Gaaffii kana deebisuuf barreeffamni keenya kun gara Baha Oromiyaa ona Ituu handhuura Carcar galma Odaa Nabee magaalaa Baddeessaarraa kiiloo meetira 12 fagaatu isin geessiti.
Oromoon Ituu Oromoo Oromiyaa Bahaatti argaman keeysaa isa tokko yoo ta’u, gosoota Oromoo kan akka Afran Qal’oofi Anniyyaan marfamee kan argamuudha.
Oromoon Ituu akkuma Oromoota biroo afoolaan kan badhaadhe yoo ta’u, sirna dimokraatummaa abbootiisaarraa dhaaleen Odaa Bultum jalatti heera hundeessuu keessattis warreen maqaa qabaniidha.
Gosoota afoolaa Oromoon Ituu ittiin beekamu keeysaa sirboota aadaa kan akka Hellee, Hellemmaa, Mirrigaa, Geerarsa, Daragsii, Shaggooyyeefaan quuqqaa, gammachuufi mudannoosaa ibsata.
Kanamalees Ituun gosoota gara garaa kan of jalaa qabu yoo ta’u isaanis Baabboo, Gaadullaa, Elellee, Aalgaa, Waayyee, Addayyoo, Arroojjii, Gaamoo, Baayeefi Qaalluudha.
Isaan kun martuu Odaa Bultum jalatti walgahuun aangoo wixinee heera lallabatu. Alangee walharkaa fudhatu. Odaa Bultum jechuun mataansaa mana bultii Heeraati jedhamee amanama.
Oromoon Ituus Oromoota dimokiraatummaatti amanan ta’uun walqabatee namni tokko badii yoo dalage adeemsa ittiin tarkaanfiin irratti fudhatamu gara garaa keessa darbuu qabu heerasarratti lallabateera.
Heerri kunis “Heera soddomman Ambaa Daayaa” jedhamuun beekama. Heerri Oromoon Ituu ittiin walqajeelchaa yeroo barbaachisuttis yakkamtoota ittiin adabu kun kudhan gorsanii, kudhan obsanii, kudhan dhoksanii fugugii gamatti darbu jedhama.
Akkaataa heera kanaatiin namni kamuu seera ykn aadaa ykn duudhaa faallessee ykn dabsee yoo argame adeemsa keessa darbamuu qabu hordofanii sirreessuuf yaaluun egeree jireenya nama sanaa waaltessuuf kan gargaaru yoo ta’u, didee yakka ykn seera kan faallessu taanaanimmoo adabamee warreen kaan irraa akka baratan taasisuun fala heerichi lallabateedha.
Egaa heerri 30n daayaa Oromoo Ituu hojiirra oolmaa heerichaa kanaan kan of gahe yoo ta’u, kan badii dalage akkaataa badiisaatiin yeroo soddoma dhiifamni akka taasifamuuf ajaja.
Walleen Artisti Galaanaa Gaaromsaa tibbana miidyaa hawaasaa to’attee jirtu kunis haala yeroo biyya keenyaa kana jechoota warqeefi Heera soddomman Ambaa Daayaa Oromoo Ituu imala biyyaatiif riqicha ta’uu dandahu gurra ummataatiin kan geesseedha jechuun nidandahama.
Mootummaan haaromsaa ammaan tana aangoorra jirus wayita aangootti dhufu dhiifamaan ceena, irree gamtoomeenis Itoophiyaa gara dirree badhaadhinaatti ceesisna jedhee ture. Kun ta’us imala yeroo muraasaa booda walsakaallaan mudatee faallaa sirna Gadaa ta’uun komiin akka ka’u godheera.
Isa kanaaf furmaata kan ta’u heera aadaa sirna Gadaa soddomman Ambaa Daayaa kana waan ta’eef ammas yeroo qabanitti fayyadamuun waliigaltee uumanii biyyattii ceessisuuf gargaara.
Madda keenya OBS taasifachuun akka odeeffannetti akkaataa heera soddomman daayaan namni tokko yoo yakka dalage ykn seera ittiin bulmaataa, duudhaa hawaasichaa faallessee yoo argame al kudhan akka gorfamu ta’a jechuudha.
Kanamalees irra deebiin yakkicha kan ittifufu gorsaan yoo deebi’uu baate irra deebiin yeroo kudhan obsuufiin dirqama ta’a jechuudha. Obsa yeroo kudhanii kanarra darbee ammas faallaa aadaa, duudhaafi seeraa ta’ee yoo argame yeroo dhumaatiif al kudhan dhoksuun adeemsa heera soddomman daayaa odaa Bultum jalatti lallabamee guutuu jechuudha.
Namni kun kanarra darbee yakka dalaguu ykn heera faallessuu jiruusaa guyyuu yoo taasifate fugugii gamatti akka darbatamu taasifama jedha heerri Oromoo Ituu kun.
As keessatti kudhan gorsanii kudhan obsanii kudhan dhoksanii fugugii gamatti darbu wayita jedhamu “Fugug” jechi jedhu namoota biratti kallattii gara garaan hiikni itti laatamaa tureera. Hiikni kunis Fugug jechuun tulluu ykn gaaradha kan jedhan jiru. Kaanimmoo “Fugug”jechuun laga kan jedhanis hindhibani.
Abbootiin Gadaa Ituu (Oromiyaa Bahaa) dhimma kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, jechi Fugug jedhu tulluu ykn gaara ykn laga osoo hintaane biyyaa baasuu, fageessuu qaratti dabarsuu jechuu ta’uue ibsu. Kanaan alatti gaarris ta’e lagni akkasumas biyyi Fugug jedhamu akka hinjirredha kan ragaa bahan.
Kunis kan ta’u adeemsa keessa darbamuu qabu keessa erga darbee yoo ta’u, yakkamaan sun biyyaa baafamuusaatiin dura ykn fufugii gamatti darbatamuusaatiin dura yeroo 30 gorsi kennamaaf jechuudha.
Heerri kun egaa gosa Oromoo Ituu biratti durii kaasee hojiirra oolaa kan ture yoo ta’u, Oromoon durumaanuu sirna Gadaa keessatti heera ittiin bulu, walbulchuufi walqajeelchu qabaachuunsaa dimokraatwaafi ammayyaa’aa ta’uu hubachiisa.
Heerri soddomman Ambaa Daayaa ilmaan Ituu kun biyyaafis riqicha ta’ee osoo tajaajile nageenya waaraafi waliigaltee biyyaalessaa uumuu keessatti bakka olaanaa qabaata jedhamee amanama.
Har’a Itoophiyaa biyya sabaaf sablammiin 80 ol keessa jiraattu kana keessatti haaromsa walii gala fiduuf sochii miira dhiifamaan ceena jedhuun imala mootummaan haaromsaa eegalee ture jajjabeessaa ture.
Miirri dhiifamaa kun takkaan waliigalteen biyyaalessaa akka uumamu kan godhu darbeemmoo dhiibbaa alaa biyyarratti aggaamu ofirraa qolachuufillee kan gargaaruudha.
Deemsa keessa walsakaaluun walhidhuun waljifachuun dhalachuunsaa walii galteen akka dhibu nageenyi akka boora’u taasisuurra darbee dhiibbaan biyyoota alaa Itoophiyaarratti akka fe’amu taasiseera.
Dhiibbaa kana jalaa bahuun Itoophiyaa haaraa ijaaruuf inni guddaan waliigaltee biyyaalessaa uumuu yoo ta’u, innuu miira dhiifamaatiin walfaana cehuuf heera ammayyaatiin olitti heera 30n daayaa hojiirra oolchuun filatamaa ta’a.
Sirni Gadaa dimokraasii dhaalsisa erga jedhamee addunyaan itti waliigaltee ‘UNESCO’rratti galmaahee as fudhatamummaasaa dabaleera.
Sirni kun sabaafi sablammiilee Itoophiyaa biroo birattis simatamee aangoon karaa nagaan akka darbu barsiisaa kan jiru ta’us walsakaallaan ilmaan Oromoo ilaalchota siyaasaa gara garaa qaban gidduutti taasifamu dimokiraatummaa sirnichaa kan faallessu ta’aa jira.
Isa kanaafimmoo ofirra galagalanii of ilaaluun aadaafi dhuudhaa ofii kabajuun garaa dhiifamaan cehuuf of qopheessuun dirqama ta’a.
Yoo kun ta’uu baate heerri kudhan gorsanii kudhan obsanii kudhan dhokasanii jedhu jecha qofa ta’a jechuudha. Heerri kun egaa yaa soogiddaa yoo ofiif jette mi’aahi ykn dhagaa ta’i jedhanii sigatu isa jedhu qaqqabsiisuu waan dandahuuf asaasa ykn gumgummii ormaa caalaa qimmiiddaafi gorsa lammii ofii dhagahuun imala eegalameef furmaata.
Heerri soddomman Ambaa Daayaa Oromoo Ituu kun har’aaf galtee ce’umsa egereefimmoo riqicha nageenyaafi waliigaltee biyyaalessaa kan uumu ta’ee tajaajila.
Oromoon aadaa duudhaa akkasumas safuu sirna Gadaa ittiin guddate keessatti sirna ittiin bulmaataa dimokiraatawaa ta’een kan of gahedha yoon jedhamu waan dhugarraa fagaatu hinfakkaatu.
Walumaagalatti, sirna dimokraatwaa addunyaa biroofillee fakkeenya ta’u osoo qabuu ittiin walhoogganuu dhabuunsaa kan walnama komachiisu waan ta’eef waldhabdee yaadaa mudataa jiru kana ilaaf ilaamee sirna Gadaan furuun fala yoo ta’u, dinnaan fugugii gamatti darbuu isa jedhu fiduu akka dandahu beekuun barbaachisaadha.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013