Doktar Naafyaad Geetuu
Dhibeewwan daddarboo tahan kanneen kallattii garagaraan nama dhibeen qabamerraa gara nama fayyaatti daddarbanidha. Dhibeewwan daddarboo tahan karaa qilleensaaa, nyaataa, dhiigaa, walquunnamtii saalaafi kkf nama tokkorraa gara nama biraatti daddarbuu danda’u.
Akkuma beekamu walquunnamtiin saalaa yeroosaatti miira eebbifamee uumaa biraa namaaf kennamedha. Walquunnamtiin saalaa daangaa hinqabne garuu dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarbaniif nama saaxiluu mala.
Qorannoon tokko akka mirkaneessutti addunyaa keenya kanarratti guyyaa tokko keessatti dhukkuboota walquunnamtii saalaan daddarban miliyoona tokkoo ol ta’antu nama irraa namatti darbee oola. Jarmiiwwan akka baakteeriyaa, vaayirasiifi paraasayitoonni baay’inaan 30 ol ta’an karaa walquunnamtii saalaan nidaddarbu, kanneen keessaa saddeet (8) kanneen baay’inaan dhukkuba walquunnamtii saalaan daddarban kan nama qabsiisanidha. Kanneen saddeettan keessaa afur (4) qorichaan guutummaa guututti kan fayyuu danda’amudha. Isaanis fanxoo (syphilis), cophxoo (gonorrhea), chlamydia fi trichomoniasis dha. Kanneen hafan arfan, vaayirasii tiruu gosa B, HIV, human papilloma virus (HPV)fi herpes simplex virus (HSV) qorichaan fooyyessuu malee fayyisuun kan hindanda’amnedha.
Dhukkuboonni walquunnaamtii saalaan daddarban akkuma maqaan isaanii ibsutti karaa walquunnaamtii saalaa daangaa hinqabneen kan namaan namatti darban yoo ta’u, erga namatti darbanii boodaa gariin isaanii mallattoo yoo argisiisan gariin ammoo mallattoo tokkollee osoo hinmul’isiin akkanumaan qaama namaa irratti miidhaa adda addaa geessisu. Kanaaf namni tokko walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hinqabne kan raawwatu yoo ta’e, mallattoon qaama isaa irrattis ta’e miira isaa irratti mul’achuu dhabuun isaa fayyummaa isaa waan hinargiisiifneef akka fayyaa/bilisa ta’e beekuu yoo baarbaade/barbaadde mana yaalaa deemuun laaboraatoriin qoratamuu qofaani. Dhukkuboonni walquunnaamtii saalaa daangaa hinqabne kanaan daddarban keessaa warreen baay’inan argaman kanneen armaan gadiiti.
- HIV/AIDS – Dhukkubni HIV karaa vaayirasii Human Immuno deficiency Virus jedhamuun kan dhufudha. Dhukkubni kun karaa walquunnaamtii saalaa akka daddarbu beekamaa ta’ee, namoonni dhukkuboota quunnaamtii saalaan daddarban kan biroo kanneen akka cophxoofi fanxoo qaban carraan vaayirasii HIV kanaan qabamuu isaanii namoota biroo irra olka’aadha
- Cophxoo (Gonorrhea) – Dhibeen kun dhibee daddarbaa qaama saalaa hedduminaan hubu yoo tahu baakteeriyaa Neisseria Gonorrhea jedhamtuun kan dhufudha. Yoo yaalamuu baate turtii yeroo dheeraa keessa dhibee cimaa kan namatti fiduufi yoo yeroodhaan argamee jaalalleewwan lamaan waliin yaalaman garuu guutummaa guutuutti kan fayyudha.
- Fanxoo (Syphilis) – Jarmii Treponema palladium kan jedhamuun kan dhufu yoo ta’u, akkuma cophxoo inni kunis yoo yeroon yaalame kan guutummatti fayyu, yoo yaala hinarganne rakkoowwan hedduu kan dhala namarraan ga’udha.
- Vaayirasoota tiruu (Viral Hepatitis)– Vaayirasoonni tiruu keessumaa kan gosa B fi C karaa walquunnaamtii saalaa daangaa hinqabneen daddarbuudhaan lubbuu namoota hedduu kan galaafatanidha.
- Trichomoniasis – kun Trichomonas vaginalis jarmii jedhamuun kan nama qabu yoo ta’u, yeroo hedduu keessumaa dhiirota irratti mallattoo kan hinargisiifnedha.
- Herpes Simplex – Kunis vaayirasoota gosa lama: Herpes simplex virus type 1 (HSV-1) kan naannoo afaanii hidhii hubuufi Herpes simplex virus type 2 (HSV-2) kan qaaama saalaa hubuudhaan dhukkuboota saalquunnaamtiin daddarban keessaa sadarkaa 1fa irratti argamuun kan dhufudha.
- Dhukkuboonni haala kanaan daddarban kanneen biroo akka: Chlamydia, Human Papilloma Virus (HPV), Chancroid fi bacterial vaginosis illee ni jiru.
Namni tokko yoo dhukkuba walquunnaamtii saalaan daddarban kanaan qabame mallattoo akkamiitu irratti mul’achuu danda’aa?
- Dhangala’aan adda addaa qaama dhiiraa irraan dhangala’uu, dhiita’uu cidhaani, dhiita’uufi madaa’uu xannachoota mudaamuddii (xannachoota) cinaa qaama saalaa jiranii.
- Dhangala’aan bifa addaa qabu ykn foolii addaa qabu karaa qaama saalaa dubartootaa dhangala’uu.
- Madaa’uu ykn ququnca’uu qaama saalaa dhiiraa ykn dubaraa, dhukkuubbii addaa yeroo quunnaamtii saalaa raawwatan, fincaan yoo fincaa’an garmalee nama gubuu, dhagna gubaa, dhukkubbii garaa gara handhuuraa gadii.
- Daa’immaan akkuma dhalataniin iji isaanii dhiita’uufi dhangala’aa addaa yaasuunis gosuma dhukkuboota saalquunnaamtiin daddarbaniiti. Kunis qaama deessuu irraa gara ija mucaa dhalatuu/ttuutti waan darbuufi.
Namoota dhukkuboota kanaan qaban keessaa gariin keessumaa dhiironni mallattoo argisiisuu dhiisuu malu, kanaafuu namni walquunnamtii daangaafi ofeeggannaa hinqabne rawwataa mallattoolee kana hinqabne dhukkuba kana hinqabu jechuun hindanda’amu.
Waantoonni carraa dhukkuboota kanaan qabamuu keenyaa olkaasan maalfa’i?
Wantootaafi haalotaaddatti dhukkuboota kanaaf nama saaxilan: umurii dargaggummaa, tokkoof tokkoon jiraachuu dhiisuu, dandeettiin ittisa qaama keenyaa sababa adda addaan hir’achuu, nama salquunnamtii waliin raawwatan /jaalallee/ jijjiiruu ykn baay’isuu, dhiirota ykn dubartootaa nama baay’ee waliin quunnaamtii taasisan (fkn shamarran mana bunaa) waliin quunnaamtii of eeggannoo hinqabne taasisuu, umuriin osoo hinga’iin ijoollummaan heerumuufi k.k.fdhaani. Akkasumas qorichoota nama hadoochan fayyadamuufi araada garaa garaa qabaachuun salphaatti gara walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hinqabneetti waan nama geessaniif dhibee kanaaf nama saaxilu.
Dhibee kana akkamiin ofirraa ittisuufi yaalamuu dandeenyaa? Yoo hin yaalamnehoo maaltu nu mudataa?
Irraa of ittisuudhaaf: Dhukkuboota walquunnaamtii saalaatiin daddarban irraa bilisa ta’uuf: ga’ela dura quunnamtii saalaarraa gonkuma of eeguu, tokkoof tokkoon jiraachuu, haala gaariin kondoomii fayyadamuudha.
Yaala kan argachuu qabnu: Yoo quunnaamtiin saalaa daangaa hinqabne beeknees haa ta’u hinbeekiin nama mudatuufi mallattooleen dhukkubichaa armaan olitti ibsaman namarratti argaman, hatattamaan gara mana yaalaa deemuun dawaa fudhachuun fayyuun ni danda’ama. Asirratti kan sirriitti hubatamuu qabu namoonni quunnaamtii saalaa waliin raawwatan sun lamaan isaanii yeroo walfakkaataa ta’etti qoricha dhukkuba kanaa fudhachuu qabu. Yoo jara lamaan keessaa tokko yaalamuu baate/tte, yookaan walduraa duuba yaalaman, dhukkubichi qaama jaalallee tokkoo keessa turee eeguun kan biraattii waan darbuuf yaalamuun isaa/ishee tokkoo qofti hinfayyadu.
Dhukkuba kana yoo yaalamuu baanne maaltu nama mudata? miidhaa yeroo gabaaba bira darbee turtiin booda dubartoota irratti: dhala dhabuu, ulfa gadameessaan alaa (ectopic pregnancy), dhukkubbii gadameessaa yeroo dheeraa, dhiirota irratti ammoo: dhibee fincaan fincaa’uu dadhabuu (ujummoo fincaanii madeessee waan dhiphisuuf) akkasuma daa’ima haadha qaamni saalaa dhukkuba kana qabu irraa dhalatte/tetti ija dhabuu /jaamina/ fiduufi kkf. rakkoolee dhibeewwaan fidan keessaa isaan angafoota.
Fayyaan faaya!
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013