Magaalaan Finfinnee haala amma jirtuun kan hundoofte bara 1879 yoo ta’u, ammaan tana magaalaa guddoo Oromiyaa, Itoophiyaafi teessoo Gamtaa Afrikaa taatee tajaajilaa jirti.
Erga hundooftee baroota dheeraa lakkoofsistus hanga guddachuu qabdu guddatteetti jechuun hindanda’amu. Keessumaa baroonni waggoota sadan darban dura turan kan abbootiin qe’ee irraa dhiibamaa, qabeenyi ummataafi biyyaa itti saamamaa ture waan tureef misoomnishee umriishee hingitu ture.
Erga hoggansi jijjiiramaa aangoo qabatee hojiileen misoomaa hedduun yeroo gabaabaa keessatti hojjetamuu eegalaniiru. Akka fakkeenyaatti kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin, pirojektota guguddoo Paarkii Tokkummaa, Michummaafi Inxooxxoo haala daran miidhagaan ijaarame kaasuun ni danda’ama.
Bulchiinsi Magaalattiimmoo pirojektota garagaraa hojjetaa jira. Bara 2013 qofa pirojektota kuma tokko ta’an xumureera, warra kaanis xumursiisaa jira.
Pirojektota meegaa muraasa bulchiinsi magaalichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramaa jiran keessaa Manni Qopheessaa Magaalaa Finfinnee erga ijaaramee waggoota 60 isa tokko.
Gamoon kun waan haareffamee hinbeekneef kenniinsa tajaajilaatiif mijataa hinturre. Akka fakkeenyaattis liiftii, to’attuu haala qilleensaa kan hinqabneefi miidhamtoota qaamaa keessummeessuuf mijataa hinturre. Kana kan hubate bulchiinsi magaalattii haala ummataaf banaa ta’ee tajaajilutti haaressaa jira.
Manni Tiyaatiraa magaalichaas sistamni sagaleefi meeshaalee ammayyaa biroon guutamaniif namoota 827 keessummeessuu akka danda’utti haara’eera.
Akka waliigalaatti darbiiwwan hundi hojjetaaf mijataafi hawataa akka ta’anitti kan haaromfaman yoo ta’u, kanaafis doolaara miliyoonni 54tu qabameef. Haaressi taasifamu qabiyyeesaa osoo gad hindhiisiin hojjetamaa jira.
Pirojektiin fuuldura mana qopheessaa magaalattii jiruufi waggoota 20 oliif maqaa ijaarsaatiin dalleeffamee tureefis bajatni qarshii biliyoonni 4.6 qabamee raawwatamaa kan jiru agarsiistuu imala milkaa’aati.
Pirojektichi godambaa (muuziyeemii), mana kitaabaa ammayyaa, wiirtuu qorannoo, galma walga’ii, kaaffee, mana nyaataa, suuqiiwwan, siidaa goototaa biyyattii, bakkee daa’imman itti taphatan, bishaan fincaa’aa, tiyaatira anfii, bakkee kubbaa saphanaafi harkaa itti taphatanfaafi kkf qaba.
Manni kitaabaa guddichi naannawa Daalattii (Araat kiiloo) fuullee paarlaamaatti baasii qarshii biliyoona 1.1n lafa heektaara 19 irratti ijaaramaa pirojektii magaalattii jijjiiruu keessatti iddoo guddaa qabuudha.
Pirojektonni bakka eegumsa konkolaataa Masaraa Guddichaa, Addababayii Masqalaa, daandiin Gootaraa Saarbeet geessuufi kkfn agarsiistuu imala milkaa’aa hoggansa jijjiiramaa waan ta’aniif jalqabbiin jiru egereen magaalattii ifaa ta’uusaatiif mallattoo cimaadha.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013