Gaddi waan uumamaan dhala nama kamiin irrattuu mul’achuu danda’udha. Namoonni yeroo namni isaan jaalatan jalaa du’aniifi yeroo qorumsa jireenyaa garagaraa keessa darban miira gaddaafi mukuu agarsiisun amaluma dhala namaati. Miirri kun yeroo gabaabadhaaf kan turudha. Yoo wantoonni akka gaddan nama godhan sun darban gaddii sunis darbee gara dura turaniitti deebi’u.
Garuu bifa kanarraa adda ta’een namni tokko gadda cimaafi itti fufiinsa qabu kan agarsiisu yoo ta’e dhukkuba mukuu cimaa jedhamuuf saaxilameera jechuu dandeenya.
Dhukkubni mukuu cimaa kun rakkoo akka addunyaatti bal’inaan mul’atuufi hawaasa kamiin keessattuu mul’achuu danda’udha.
Namni rakkoo kanaan hubame jireenya guyyaa guyyaa isaa bifa barbaadamuun itti fufsiisuuf daran rakkata.
Mallattooleen sababa dhukkuba kanaatiif dhufan namni dhukkubichaan hubame hojiisaa hojjachuu akka dadhabu godhu.
Barataa yoo ta’e barumsasaarratti dhiibbaa guddaatu mudata. Hariiroon namoonni kunniin maatiifi ollaa akkasumas hawaasa naannoo wajjin qaban nijijjiirama.
Mallattoolee mukuu cimaa
Namoonni dhukkuba kana qaban mallattoolee hedduu agarsiisu.
Adda durummaadhaan miira gaddaafi gammachuu dhabuutu irratti mul’ata. Wantoonni kanan dura yeroo isaan fayyaa ta’an isaan gammachisa turan erga dhukkubichi kun itti eegaleen booda gammachuu homaaatu hinkennuuf! Fakkeenyaaf Namni tokko kanaan dura sochii qaamaa hojjachuun gammachuu kan kennuuf yoo ta’e, erga dhukkuba mukuu cimaa kana dhukkubsachuu eegalee booda sochiin qaamaa isaaf gammachuu hinkennu. Hiriyoota wajjin taphachuun duraan madda gammachuu ture, dhukkubicha booda hiriyoota qofa osoo hintaane nama hunda irraayyuu baqachuudhaan bakka bu’u danda’a.
Kanaan dabalatan mallattolee armaan gadii keessa garri caalu nama rakkoo mukuu cimaa kana qabu irratti mallattoolee argamanidha:
√ Ulfaatinni qaama humnaa ol dabaluu yookiin immoo humnaa ol hir’achuu.
√ Fedhiin nyaataaf qaban garmalee dabaluu yookiin immoo bifa kanaan faallaa ta’een fedhii nyaataa dhabuu.
√ Hirriba dhabuu yookiin immoo humnaa ol rafuu.
√ Dadhabbiin itti dhagahamuu, anniisaa dhabuu.
√ Akka waan gatii hinqabneetti yaaduu, irra deddeebiidhaan akka waan yakkamaa ta’aniitti itti dhagahamuu. Namoonni kunniin osuma balleessaa tokko hinraawwatin akka yakkamaatti of komatu!
√ Tasgabbaa’anii yaaduun akkasumas waan tokkorratti xiyyeeffatanii hordofuun itti ulfaata.
Amala dhukkuba kanaa keessa inni biroofi Xiyyeeffannoodhaan ilaalamuu qabu, namoonni rakkoo mukuu cimaa qaban hedduun Irra deddeebiidhaan waa’ee du’aa yaadu, of ajjeesuudhaaf keessa isaanitti yaadu, kana bira darbees hanga Lubbuu ofii balleessuuf Karoorsuufi yaalii of-ajjeessuu irra deddeebiidhaan raawwachuutti gahuu danda’u.
Mallattooleen asiin olitti eeraman kunniin bifa guyyaa guyyaadhaan jedhamuu danda’amutti itti fufiinsaan mul’atu. Sababa kanaaf dhukkubsataan kun hojiisaa bifa kanaan dura tureen hojjechuu hindanda’u.
Sababoota mukuu cimaa (Causes of Major depressive disorder)
Qabatamaadhaan waan kanatu dhukkuba kana fida jedhanii kaa’uuf rakkisaa ta’us wantoonni baayyeen kan carraan rakkoo kanaaf saaxilamuu namootaa daraan akka dabalamu godhan jiru.
Wanti sanyii irraa dhaalaan nutti darbuufi dhiphinni walitti dabalamuudhaan akkaataa sammuun keenya itti dalagu irratti dhiibbaa geessisu.
Dhiibbaan kun immoo dandeettii sammuun keenya miira fayyummaafi tasgabbiidhaan itti fufsiisuudhaaf qabu gadi buusa. Kanaf namni firri isatti dhiyaatu dhukkuba kanaan qabamee beeku yoo jiraate carraan inni dhukkuba kanaan qabamuu isaa namoota kaan irra olka’aadha.
Keemikaaloonni sammuu keessatti argaman wal madaaluu dadhabuunis rakkina kanaaf sababa ta’a. Fakkeenyaf Niwurootiranismiiteroonni “Moonooamaayinii” jedhaman kanneen sammuu keessatti argaman garmalee yoo gadi bu’an dhukkuba Mukuu Cimaa kanaaf nama saaxilu.
Dabalatan immoo wantoonni armaan gadiis akka sababa dhukkuba kanaatti eeramuu ni danda’u.
√ Araada alkooliifi araadota sammuu irratti dhiibbaa geessisu danda’an kanneen biroo jalatti kufuu.
√ Dhukkuboota biroo kan hedduu nama yaachisaniifi ulfaataa ta’aniin qabamuu. Fakkeenyaf namoonni Kaansariidhaan qabaman carraan isaan Dhukkuba Mukuu Cimaa kanaan qabamuu isaanii guddaadha.
√ Yeroo ijoollummatti balaan isaan mudachuufi kkf akka sababa dhukkuba kanaatti eeramuu ni danda’u.
Mukuu cimaaf furmaanni maali?
Dhukkubni kun yaala ga’aa kan qabuufi akkuma Dhukkuboota biroo yaalamee kan fayyudha. Yaaliin isaa yaala dawaa fi gorsa xiinsammuu of keessatti hammata. Kannarraa ka’uudhaan namni rakkoon akkanaa isa mudate yeroodhaan gara mana yaalaa deemuudhaan yaala barbaachisu haalan yoo hordofe dhukkuba kanarraa bayyanachuudhaan akkuma namoota biroo jireenya isaa geggeefachuu nidanda’a. Osoo dhukkubichi nama irra hinturre dafanii of dhaqqabuun yaalli karaa milkaa’aa ta’een akka geggeefamuufi yeroo gabaaba keessatti akka fayyan gochuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Wal’aansa mana yaalaatti godhamuun cinattis tattaaffiin dhukkubsataan sun ofii isaatii mo’annoo dhukkuba kana irratti argachuuf taasisu, kaka’umsiifi Ofitti amanamummaan inni ofiif qabu yaala isaa tumsuu keessatti gahee guddaa qaba. Gargaarsii maatiifi namoonni itti dhiyaatan kamuu nama kanaaf godhan haalan barbaadama.
Of ajjeessuu
Of ajjeesuun rakkoo fayyaa sammuu keessaa isa ijoodha.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti sa’aatii tokko keessatti aduunyaa kana irraa namoonni saddeetamni of ajjeesu. Waggaa tokko keessaatti immoo namoonni 800,000 tti dhiyaatan lubbuu ofii balleessu.
Of ajjeesuun maali?
Of ajjeesuu karaalee hedduun ibsuun nidanda’ama, isaan keessaa muraasni:
-Rakkoo nama mudate sababa furuu dadhabaniif yookiin miidhama dhufu jalaa bahuuf lubbuu ofii balleessuu furmaata dhumaa godhachuu.
-Karaa ittiin madaa cimaa maatii ofitti fidanidha.
-Gocha badaa olaantummaa uumaatiin mormuutin.
Namoonni tokko tokko yaada of ajjeesuu niqabu,garuu tasumaa hinraawwatan. Kaan isaanii immoo osoo gocha kana hinraawwatiin dura nikaroorsu, muraasni isaanii immoo osoo hinkaroorsiin akkuma tasaa of ajjeesu.
Ilaalchawwaan doggogoraa waa’ee of ajjeesuu (myths about suicide)
-Namoonni waa’ee of ajjeesuu haasa’aan of hinajjeesan
-Namoonni of ajjeesan akeekkachiisa(warning signs) hinagarsiisan.
-Namoonni of ajjeesan guutuumaan guutuutii du’uuf murteessaniiti.
-Namni duraan of ajjeessuuf yaalee,du’a irraa oole waan sodaatuufi qaana’uuf gara fulduraatti of hinajjeesuu.
Ilaalchawwan dhugaa waa’ee of ajjeesu (facts about suicide)
- Namoonni baay’een osoo of hinajjeesiin dura maatiifi hiriyooa isaaniif kallaattiifi al-kallaattiidhaan akka of-ajjeesuuf jedhan beeksiisuu nidanda’u.
- Namoonni of ajjeesuuf karoorsan murtii jiraachuufi du’uu murteessuun isaan rakkisa
- Dhiiroonni dubartoota caalaa of ajjeesu,garuu dubaartoonni immoo dhiiroota caala of ajjeesuuf niyaalu.
- Namoonni of ajjeesan irra caalaan rakkoolee xiinsammuu (psychiatric problem) kanneen akka mukuu cimaafi kanneen biroo warreen qabanidha.
Sababoonni of ajjeesuuf nama saaxilan maal fa’a?
- -Rakkoo xiinsammuu keessattuu mukuu cimaa (depression)
- -Wal hiikuu (divorce)
- -Nama irraa adda of baasanii kophaa jiraachuu
- -Hanguma umuriin dabaluun carraan of ajjeessuu ni dabala.
- -Godaansa (immigration)
- -Hojii dhabuu
- -Araada garaagaraan qabamuu
- -Sanyiidhaan ni darba.
- -Dhiphina humnaa olii
Mallattoolee namoonni of ajjeesuuf deeman agarsiisan
- -Jiraachuuf sababa dhabuu yookiin osoon du’ee jedhaanii haasa’uu.
- -Akkaa waan nama irratti ba’aa ta’aniitti yaaduu
- -Firootaafi hiriyoota isaaniitti nagaa dhaamuu
- -Maal dhibdeedhaan hojjachuufi ofiif iddoo dhabuu
- -Akka waan yoo isaan du’an namoota birootiif gaarii ta’uutti haasa’uu
- -Wantoota araada isaan qabsiisutti bobba’uu
- -Karaalee ittiin of ajjeesuu danda’an barbaaduu.
- -Hojii duraan hojjechaa turan dhiisuu.
Wantootaafi karaalee namoonni ittiin of ajjeesan
-Of fannisuu yookiin of hudhuu.
– Summii dhuguu
– Qileetti of darbachuu
-Rasaasaan of rukutuu
-Meeshaa qara qabuun of waraanuu
– Konkolaataa deemaa jiru jala bu’uu fi kkf
Namoota yaada of ajjeesuu qabaniif furmaanni maali?
-Sababoonni namoonni ittiin of ajjeesan inni guddaan rakkoo xiinsammuu waan ta’eef ogeessa yaala sammuu(psychiatrist) quunnamuun barbaachisaadha.
-Namoota yaada of ajjeesuu qabaniif maatiin eegumsaafi kunuunsa barbaachisu gochuufii qabu.
-meeshalee namoonni kun ittiin of ajjeesuu danda’an kanneen akka funyoo,meeshalee qara qaban,qawweefi qoriichoota summaa’oo garagaraa irraa fageessuu.
– Rakkina nama kana mudate furuufi yaalu.
Doktar Naafyaad Geetuu
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013