Maalummaa, kabajaafi aangoo Siinqee

Siinqeen sirna. Sirna dubartoonni Oromoo Sirna Gadaa keessatti gaheesaanii ittiin bahataniidha. Siinqeen hundeeffama Sirna Gadaarraa kaasee qaama Sirna Gadaa ta’uun dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufeedha. Sirna Gadaa keessatti Abbootiin Gadaa Bokkuufi Kallachatti akka fayyadaman dubartoonni ammoo Siinqee, Caaccuufi Ciicoo akka qabatan tumameera.

Mallattoo Sirna Siinqee

Siinqeen mallattoo ittiin beekamu niqaba. Mallattoon kunis ulee qal’oo sorooroo muka harooressaarraa muramee tolfame, kan dubartiin heerumte qabattuudha. Mukti harooressaa qaqal’aa, sorooroofi kan laayyootti hincabne waan ta’eef filatama. Siinqeen dheerina dubarartii qabattu akka gitutti muramee tolfama.

Siinqeen bakka argame mara hinkaa’amu. Siinqeen kabajaan baaxii manaa keessa suuqamee taa’a. Baaxii keessa kan olkaa’amuufis namumti fedhe marti akka hintuqneefi baaxii keessa yeroo taa’u diimatee akka bareeduufi.

Siinqeen ulee namni fedhe hundi qabatu miti. Uleen Siinqee kabaja waan qabuuf gahee sirnichaa keessatti ittiin bahatamuun alatti faayidaa biraatiif hinoolu. Fakkeenyaaf Siiqqeen horii ittiin tiksuuf ykn rukutuuf akkasumas dhadhaabbataaf hinqabatamu.

Haadha Siinqee

Haati intala heerumsiiftu, Siinqee, boraatiifi baarree qopheessiti. Siinqeen mallattoo birmadummaa ykn uumamaan bilisa ta’uuti. Boraatiin mukarraa soqamee tolfamee, calleedhaan faayame immoo mallattoo haadha warrummaati. Baarreen qodaa aannanii waan ta’eef mallattoo qabeenyaati.

Cidha gaa’elaarratti yeroo misirrichi misirroo fudhatee galuuf ka’u, haati ishii Siinqee, Boraatiifi baarree harkatti qabattee, balbala fuuldura teessi. Misirrichis bira ga’ee dhaabbata. Haati misirrittiis ”Hoo baarree hoo baarsee” jettee Siinqee, Boraatiifi Baarree itti kenniti.

“Hoo Baarsee” jechuun yaboo ykn adaraa sirra keewwadheera”jechuudha. Hamaamonni oggaa qe’ee ga’u misirrichi Siinqee, Boraatiifi baarree misirrittiitti kenna. Misirrittiin seera hirma furaa booda, Siinqee, Boraatiifi Baarree qabattee olseentee golashii keessi. Kanumaan Haadha Siinqee taati. Yeroo eebbisanillee “Siinqee Baarree oofkalaa” jedhu. Kana jechuun jifuu ykn fuudha kana nagaadhaan keessa fulla’aa jedhu.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga haadha warrummaa ishiin qabdu ittiin tikfatti. Hawaasa keessattis dubartoota Siinqee qaban waliin gurmuu uummataniiseera adda addaa ittiin raawwachiisu.

Kabaja Haadha Siinqee

Dubartiin Siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii Siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hinqaxxaamuran. Keessattuu dhiirri yoo isheen eeyyama kenniteefii dabarsite malee bira hindarbu. Dhaabbatee ishee dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishee dura hince’an. Dubartoonni Siinqee qabatanii walfaana yaa’an biyima ba’an, Ateetee ykn Ganyaa jedhamu.

Dubartoota baayima ba’anii Siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan nama tokkos ta’e namoota hedduu ta’an, maanguddoonillee fardarraa bu’anii gad jedhanii marga jiidhaa ciratanii “Ilteeninnaa” jedhanii itti irreeffatu. Dubartoonnis akkuma marga ciratanii itti irreeffataniin “Obbayaa” jedhanii deebisu. Dubartoonni baayima ba’an otoo isaan hin eebbisin nama isaan qaxxaamure ari’anii qabanii adabu.

Aangoo Haadha Siinqee

Haati Siinqee aangoo sirna Gadaatiin kennameef qabdi. Sirni Gadaa seera Siinqeetiin mirga dubartoota Oromoof kenne kan ittiin mul’atu keessaa tokko dubartii abbaa warraatiin dhaanamteef dubartoota gurmuu ummataatiin birmannaa godhamuudha. Bakka sagaleen dubartii dhaanamtee dhaga’ametti mallattoo walwaamichaa kan ta’e ililfannaan “Ililii, Ililii, Ililii…” jedhu waldhageessisanii walii birmatu ykn qaqqabu.

Akka seera Siinqeetti dubartiin sagalee ililfannaa dhageesse kan daa’ima hoosisaa jirtullee Siinqeeshii luqqifattee hatattamaan birmachuuf dirqama qabdi. Dubartoonni seera Siinqee raawwachiisuuf gurmuudhaan deeman weedduu Siinqee weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaane sana qaqqabu.

Dubartoonni dura qaqqaban dubartii dhaanamte Siinqee qabachiisanii manaa baasu. Namicha haadha warraasaa dhaane dabalatee dhiirti haati warraasaa gurmuu kana keessa jirtu hundi qe’eensaa adiyyoodha. Bultiin abbaa hinqabu. Daa’imni ni booya. Kanaafuu dhiirri marti namicha badii dalage sana murtiitti dhiyeessuuf carraaqu.

Dubartoonni miseensasaanii miidhamte itti muranii faaruusaanii rooroo didaa, gara caffee ykn Mana Maree Gadaa erga seerri Gadaa laaffatee booda jaarsolii Gadaatti iyyata deemu. Qaamni itti iyyatan waltajjii qabaniifii ulfinasaaniitiif jecha ofirra taa’anii dubbisu.

Kana malees gad jedhanii marga jiidhaa ciratanii “Ilteeninnaa” jechuun itti nirreeffatu. Dubartoonnis “hobbayaa” jedhanii eebbisu. Yeroo seera kana raawwatan weedduudhaan Siinqee faarsuu hindagatan.

Qaamni himannaasaanii dhaga’uuf taa’e “wayyooma ykn Ulfina dubartii kan tumaadhaan dhugoomse Gadaadha” jechuun seera jiru mirkaneessuudhaan waltajjii jalqabu. Sana booda “Ulfoo teenya maaltu bade, maal rakkattan” jedhanii dubartoota gaafatu.

Dubartiin gurmuu kana geggeessitu dubartii dhaanamte of fuuldura qabdee waan isheerratti raawwatame caffeefi yaa’iitti himti. Qaamni seera raawwachiisu nama miidhaa kana raawwate waamanii dhiyeessanii dubbii qoratu. Hanga murteen kennamutti dubartoonni roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Xumura irratti Caffeen miidhaa qaqqabe madaalee murtee dabarsa. Murteen kun horii ykn loon inni qabu keessaa isa mararsiifatu ykn sangaa isaa qaluu danda’a. Seerri Siinqee murtee kana raawwachiisee dubartoonni sangaa qalame yaa’iidhaaf laatanii weedduu isaaniitiin Siinqee faarfachaa dubartii dhugaa argatte sana manaan ga’anii mana mana ofiitti galu. Kaanaf Siinqeen sirna aangoo qabeessa birmadummaan ittiin kabajamu jechuun ni danda’ama.

Siinqee gama Siyaasaatiin

Siinqeen Sirna Gadaa keessatti karaa madaalli aangoo ittiin eegamuudha. Sirna Gadaa keessatti yeroo dhiironni sadarkaa ‘Raabaarra’ gahan Kallacha aangoosaanii ibsu addatti godhatan haadhi warraasaanii ammoo Siinqee qabachuun ‘Miidhoo’ addatti hidhattee ykn bakka tokko tokkotti ammoo ‘hanfala haada Gadaa’ mudhiitti hidhachuudhaan akkuma warrasaanii ni aangeffamu.  

Akkasuma naannawa Gujiifi Booranaatti dhiirri bokkuu qabatee abbaa Gadaa yoo ta’u, haadhi warraasaa ‘Haadha Boollaa’ jedhamti. Naannawa Arsiifi Baaleetti ammoo “Haadha Gadaa” jedhamti. Siinqeen Haadha Gadaas horooroo abbaa Gadaa waliin qixa kaa’ama. Kanaaf Siinqeen sirna dubartoota aangessuufi madaallii qoodiinsa aangoo dhiiraafi dubartii gidduutti kabachiisuudha.

Kana malees sirni Siinqee gama nageenya mirkaneessuutiin shoora olaanaa qaba. Gosoota Oromoo gidduutti walitti bu’iinsi uumamee lolli hamaan  ykn waraanni ka’ee, namni walmiidhe, dubartiin oduun lolaa kun jalqaba gurra bu’e ykn dhageesse ililfattee dubartoota bakka hallee dammaqsiti. Gurmuun dubartootaa, oduu waraanaa kana waliif dabarsanii Siinqee qabatanii battalatti walga’u. 

Weedduusaaniitiin Siinqee weeddisaa gara lafa lolaatti oggaa deeman, Waaqa Siinqeedhaaf aangoo kana kenne faarsu. Wayita iddoo lolaa sanatti dhiyaatan immoo weedduusaanii keessa waraanni akka dhaabbatu maqaa Waaqaatiin gaafatu. Yeroo bakka lolaa sana ga’an Siinqeesaanii faarfachaa lolli akka dhaabbatu gaafatu. Kanaan yoo dhaabbachuu dide gidduu seenu. Waraana hamaa attamiillee yoo ta’e seera kana bira hindarbu. Waraanni sun battalumatti dhaabbata. Kanaafuu Siinqeen meeshaa araaraati.

Siinqee gama dinagdeetiin

Siinqeen dinagdee waliin hidhata guddaa qaba. Siinqeen nageenya mirkaneessuu keessattis shoora olaanaa qaba. Nageenyi ammoo bu’uura misoomaafi guddina dinagdeeti. Kana malees Siinqeen guddina dinagdeetiif gumaacha kallattii hedduu qaba. Siinqeen aadaa waliin hojjechuu kan guddisuufi madda qabeenyaa ykn karaa qabeenyi ittiin horatamu keessaa isa tokko.

Haadhi Siiqqee nama humna hinqabneef ykn rakkoo addaatiif saaxilamee hojii misoomaa ykn qonnaasaa ykn ishee sirnaan geggeeffachuu dadhabeef daboon akka yaa’ee hojjetu ni gooti.  Waamichi misoomaafi waliin hojjechuu Haadhi Siiqqee gootus hawaasa keessatti kabaja guddaa kan qabuufi namni marti kan irratti hirmaatuudha.

Gama biraatiin Siinqeen maatii haaraa dhaabbateef karaa qabeenya ka’umsaa ittiin agataniidha. Kunis intalli heerumtu Siinqee isheetiin maatiirraa hanga horii torbaa argatti. Karaa kanaan maatiin kun jireenyasaatiif qabeenya ka’umsaaf ta’u ni argatu.

Maadda: Barruu addaa Baankii Siinqee, Caamsaa 16 bara 2013 maxxansafame

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You