Dippiloomaasiin keenya kabajaan malee…

Artisti Fayyisaa Furii wellee haaraa daran lafee cabsee seenu tokko tibbana gadhiisee ture,welleensaa kun “Qondaala” kan jedhu yoo ta’u, haala yeroo biyya keenyaaf barnoota,  dhiibbaa alaa uumamaa jiruufis xurree tokkummaa qobqobbicha  ittiin injifatan  ta’a jedheen amana.   

                                   “Osoo gaafa wallaalan kabeekutti dhiisanii

                                     Osoo gaafa bitatan daldaltuutti dhiisanii

                                    Osoo diina buqqisuu qeerrichatti dhiisanii

                                     Osoo gaafa siyaasaa hayyichatti dhiisanii

                                     Osoo gaafa araaraa jaarroleetti dhiisanii

                                    Osoo gaafa dubbatan afoolatti dhiisanii 

                                Osoo gaafa hooggansaa namsirriitti dhiisanii

                             Silaa waa hinrakkatanii diina jala hinbulanii.” 

“Yoo walkabjuun hafe, yoo walkabaluun dhufe kaayyoo sabaatu gufata injifannootu gabaabbataa” kan jedhu ture. 

Sirnoota Itoophiyaan keessumeessitee darban jechuunis sirni Atseewwanii, Dargiifi ADWUI dabareen ulee bulchiinsaa walaharkaa fuudhaa turan boquu uummatootaafi sabootaatti harqoota gabrummaa fe’uun alatti cunqursaa gara garaa qaqqabsiisaa turaniiru. 

Sirnoota balaafamoo kana ofirraa cabsuuf aarsaafi wareegama qaalii kaffalameen ijji biiftuu bilisummaa arguuf baallee banu hedduu ta’us harcaatonni ilaalcha dulloomaa Atseewwaniifi hambaan ABUT ilaalcha walmakaan machaahanii dippiloomaasii Itoophiyaa gara hinmalletti oofaa jiru.

Kunimmoo hariiroo Itoophiyaan Ameerikaa faana qabdu kan laaffisuufi Itoophiyaan ija hintaaneen akka ilaalamtu kan godhu waan ta’eef warri siyaasa beeku akka dubbatu, warri dippiloomaasii beekan itti gaafatamummaan ergamasaanii akka bahatan taasisuun barbaachisaadha.

Fakkeenyaaf ilaalcha siyaasaa hiyyoomaa ta’een tibbana alaabaa Ameerikaa gubuun dandahama hanga jedhamutti gahee ture. Namni kun ilaalcha akkanaa kana uummataa bal’aa duratti miidiyaatti bahee wayita dubbatu miira Itoophiyaanummaarraa kan fagaate jibbaafi qobqobbiin biraa uummatarratti akka fe’amu kan taasisu ta’uu hayyonni dubbatu. 

“Beekumsi yartuu balaadha” akkuma jedhamu namoota miira Itoophiyaanummaa sobaan biyya diiguufi ofii biyyaa bahuuf karoorfatanii biyyarratti jeequmsaafi alseerummaa labsan ilaaluun barbaachisaadha.

Biitti tun haadha ilmaan  miliyoona 100fi kudhanii ol ta’uusheen walqabatee olola hiyyuma sammuu namtokkoon uumamuun hariiroon Itoophiyaafi Ameerikaa waggoota hedduu boorahuu akka hinqabneef qoree biqilaa jiru gamanumaa buqqisuun fala.

Gama kanaan hayyoonni dhaabbilee barnoota olaanaafi qondaaltonni gameeyyii biyyattii hedduu ibsa miidiyaaleef kennaa jiraniin Itoophiyaan gama dippiloomaasiin ammallee hojjechuu akka qabdu eeraa jiru. 

Dippilomaasiin gama maraan taasifamaa jiru laaffachuusaan harcaatonni dheebuu beekumsaa qaban akka fedhan uummata badiisatti kakaasuun alaabaan Ameerikaa akka gubatu si’eessaa turaniiru.

Kunimmoo egeree Itoophiyaaf balaa ta’ee waan mul’atuuf  namoota hiyyuma sammuu qaban kana ijaaruun ykn mana barumsaa galchuun barbaachisaadha. 

Ummanni Itoophiyaas waan hunda naanneffatanii ilaaluu kan beekan ta’uusaatiin walqabatee olola dippilomaasii Itoophiyaa hubuu dandahuufi harcaatota farra jijjiiramaa ta’aniif gurra kennuu dideera. Kun kan isaan galateeffachiisu ta’uu hayyonni kaasaniiru.

Kuni ta’us biyyi kamuu Itoophiyaa harka micciiruun faaydaa qabeenya uumamaasheetti fayydamuu kan qabdu taatee osoo jirtuu dabarsanii ormaaf laachuuf yaalii taasifamu kamiifuu Itoophiyaanonni eeyyamamoo miti.

Kanaafimmoo Itoophiyaa kolneeffachuuf yaalii Caaliyaaniin gooteefi salphina isheen xaxattee galte Itoophiyaarra darbuun gurraachota Afrikaatiif fakkeenya kan taatuudha.

Gootummaan akkuma jirutti ta’ee waldhabdeen biyyoota kam faanayyuu yoo ishee mudate dippilomaasiin furuuf yaalii Itoophiyaan taasisaa turteefi injifannoo isheen dhandhamaa jirtu cululuqaadha.

Har’a garuu jijjiirama dhufe kana dahoo godhachuun beekumsa qabaa hinguunneefi siyaasa balaafamaa rarraaftanii yaalii biyya diiguuf harcaatonni ilaalcha dhokataan daldalan seecca’amanii seeratti butamuun fala.

Kuni ta’uudhaa baannaan deeggartoota jijjiiramichaa fakkaachaa saffisa jijjiiramichaa sakaaluu barbaadan ergamasaanii dhokataa mirkaneeffachuurra darbanii nageenya biyyattiif yaaddoo ta’uunsaanii waan oolu miti.

Kutannoo mootummaan Itoophiyaa ijaarsa hidha haaromsaarrattiqabus ta’e kan dippilomaasii yoomiyyuu caalaa cimuu kan qabu ta’uu Ministirri Muummee Itoophiyaa ibsaa jiru.Isa kanaafis tibbana Senatara Ameerikaa Jiim Inhoofen waajjirasaaniitti simatanii dhimmoota gara garaarratti mari’achuusaanii kaasaaniiru.

Dhimma qoqqobbii uggura sochii qondaaltota Itoophiyaa Ameerikaan dabarsite ilaalchisuun kanneen mormaa turan keeysaa senaaterichi isa tokko yoo ta’an, marii taasifameenis hariiroo biyyoota lameenii Itoophiyaafi Ameerikaaa waggota dheeraaf ture itti fufsiisuuf hojjetu jedhamee eegamaa jira. 

Kanamalees Itoophiyaan mirga qabeenya uumamaasheetti fayyadamuu eenyuyyuu itti bu’uu kan dandahu akka hintaane kan kaasan ministirri muummeen, hidha dabalataa ijaaruufis xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.

Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaa Obbo Taggasaa Caafoos senaatericha simatanii sochii hawaas dinagdee Itoophiyaafi kabachiisa olaantummaa seeraa akkasumas waldhabdee daangaa mudachaa jiru karaa seera qabeessaafi dippilomaasiin furuuf sochiirra jiraachuu mariisisaniiru.

Marii kanaanis tarkaanfii kabachiisa olaantummaa seeraa fudhatamaa tureen lammiilee qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqifaman deebisanii ijaaruuf humna guutuun hojjetaa akka jiraniifi dhiyeessileen gara garaas guutamaa akka jiran  kaasaniiiiru.

Ragaa bahumsi kun takkaan ilaalcha dogoggoraa Ameerikaan Itoophiyaarratti qabdu kan furuufi fuuldurattis qoqqobbicha haqsiisuuf kan gargaaru ta’ee argama.

Waldhabdee daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa gidduutti mudachaa jirus karaa nagayaan xumuruuf sochiirra akka jiranis hubachiisaniiru.

Kanamalees guutinsa bishaanii marsaa 2fa hidha haaromsaa gaggeessuufis qophiirra jiraachuullee ibsaniifii waldhabdee biyyoota yaa’aa waliin ka’u kanas dippilomaasiin hiikuuf har’as akkuma kaleessaa hojjetaa jiraachuu kan ibsan yoo ta’u tarkaanfichi hubannaa dogoggoraa ture kan fooyyessudha.

Dippilomaasiin rakkoolee furuuf Itoophiyaan itti jirtu jajjabeessaafi fuuldurattis cimee kan ittifufuu qabu ta’uu senaatarichi gamasaaniin kaasuunsaanii qoqqobbii imalaa mootummaan Ameerikaa dabarse kan fooyyessuufi xiyyeeffannoo akkanni argatu kan godhudha. 

Addunyaa kanarratti ittifayyadama qabeenya uumamaan walqabatee waljifannaan kan jiru yoo ta’u, karaa dippilomaasiin furuuf yaaliin taasifamu isa ijoo waldhabdee furuuf gargaarudha.

Isa kana cimsuufis tattaaffii mootummaan Itoophiyaa itti jiru jajjabeessaa yoo ta’u, dhimma Itoophiyaa marii biyyaan dhumu biyya keessatti isa akka Gamtaa Afrikaatti dhumummoo akka gamtichaatti furuuf  kutannoon agarsiifamaa jiru tajjabeessaadha. 

Kana duras waldhabdee Misiriifi Itoophiyaa dhimma hidha haaromsaatiin walqabatee ka’u Ameerikaan harka akka keessaa baafattuufi marii Gamtaa Afrikaatiin akka furamu Itoophiyaan yaaliiwwan gara garaa taasisaa turuunshee ni yaadatama.

Kun ta’uu dhabuusaatiin waliigalteen dhibus yaaliin Itoophiyaa harka micciiruun mirgashii dabarsanii ormaaf kennuuf yaaliin taasifamuu ilaalcha kolonii kan of keessaa qabu ta’uusaatiin Itoophiyaanota biratti fudhatama dhabeera.

Yeroo ammaattis waldhabdicha mariifi seeraan furuuf hariiroo dippilomaasii Itoophiyaan itti jirtu jajjabeessaa yoo ta’u, ilaalchota siyaasaa balaafamoo farreen jijjiiramicha sakaaluu barbaadaniin biyya keessatti biqilaa jiruun alseerummaan qaqqabu hariiroofi imala dippilomaaasichaa kan hubudha.

Isa kanaafimmoo alaabaan Ameerikaa gubachuu qaba ilaalcha jedhuun uummata gara hin malletti oofuun takkaan rakkoon nageenyaa akka uumamuufi amantaa ummatni mootummaarraa qabu akka laafu kan taasisudha.

Kanamalees alaabaa Ameerikaa gubatuun hariiroofi dippilomaasiin biyyoottan lameen gidduu jiru akka waljifatu taasisuun, Itoophiyaan laaqii hiyyummaa  keessatti akka kuftu kan godhudha.

Isa kanaafimmoo hayyoonni dinagdeefi dippilomaasii ibsa ittti kennaa kan jiran yoo ta’u, mootummaan Itoophiyaa ilaalchota badaa namoota miira ittigaafatamummaa malee socho’an keessaa maddaniin hawaasni akka hinburjaajofne  sirreessuun barbaachisaa ta’uu kaasaa jiru. 

Walumaagalatti ejjennoo qoqqobbii uggura imalaa   Ameerikaan qondaaltota Itoophiyaarratti fudhattee kun sochii hawaas dinagdee akkasumas siyaasa biyyattiirratti dhiibbaa guddaa uumuu kan dandahuudha.

Kun waan ta’eef gorsa hayyootaatoin deeggaramaa ilaalchichaafi murtee sana fooyyessuuf ogummaan carraquufi qondaalomuun barbaachisaa yoo ta’u, yaaliin kabaja dhiisanii kaballaan dippilomaasii lafa qabsiisuuf aggamamu fagoo kan nama hindeemsisne waan ta’eef ija siyaasaatiin hordofuun murteessaadha.

Waasihun Takileetiin 

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You