Dur waanuma hinhojjetmaneetu gabaasa sobaatiin miidhagee dhiyaata, dhagaa hojjetamee dhiisii guurameeyyuu hinxmuramnetu bakkeewwan gara garaa biyya keenyaatti kaa’amaam ture.
Inni dhagicha gaa’us ta’e gabaasa sobaa kukkulee ummatas, ofis biyyas mooksaa ture qaanii tokko malee afaan guuttateeti waan hojjetame fakkeessee dhiyeessaafi lallabaa kan ture.
Oduun pirojektii guddaa akkanaa bakka akkana jedhamutti ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame jedhus bal’inaan oduu ta’ee ibsamuura darbee waan jedhame kun sobaa ta’uun turee irra qaqqabamus iddoowwan hundatti madda rakkoo bulchiinsa gaariis ta’aa ture. Kun egaa yaadannoodhuma yeroo dhiyoofi eenyumtuu naannawa naannawasaatti taajjabaa tureedha.
Waggoota sadii as garuu mootummaan amma biyya bulchaa jiru ejjennoo cimaa, waan darbe seenaa taasisu tokko qabate; “Waan hinxumurre hinjalqabsiisu, waadaa sobaa hinseennu, waan hojiitti hinhiikneef dhagaa bu’uuraa hinkeenyu, isa kaa’ameyyuu guurree hinfixnu” kan jedhu. Dur waan hinhojjetamnetu akka waan hojjetameetti gabaasamaa ture.
Gaafa karoorri hojiitti hinhiikamne tokko akka eegalamuuf miidiyaalee hunda waamanii hojiisaarra oduunsaa caalee mul’ataa ture. Akkuma Haacaaluu Hundeessaa “Barri nidarbaa, barri hindarbu seetee…” jedhee sirbe sana barri sun hundi darbee, amma pirojektiin tokko eegalamuu hindhaga’iin xumuramuu dhageenya.
Amma ammoo faallaasaatiin waan hojjetametu himamuufi dhabee “Dinqii akkamiitu hojjetamaa jira?” nama jechisiisa. Pirojektonni hedduun qarshii sabbata haadha hiyyeessaarraa sassaabameefi bajata biyyaatiin magaalaa hanga baadiyyaatti otoo sirnaa hinibsamneef tajaajila kennaa jiru.
Fakkeenyumaaf Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bara 2013 qofatti sa’aatii 24:00fi Wixataa hanga Dilbataatti hojjechuun ijaarsa pirojektota kuma tokko caalanii xumureera, kaanis xumursiisaa jira; kanneen akka haaressa mana qopheessaa magaalaattii, Adwaa zeeroo zeeroo, mana kitaabaa guddicha, bakka konkolaataa dhaabaniifi addababayii Masqalaa bakka dhaabbii konkolaataa wajjin.
Oromiyaattis baranuma pirojektonni kuma 11 caalan qarshii biliyoona 32 oliin hojjetaman hawaasaaf tajaajila kennaa jiru.
Akka Pirezidaantiin BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaa ibsanittis; misoomni hamiidhaan hindhufu. Misoomni imaammataafi tarsiimoo baasuun akkasumas sabboonummaafi jaalala biyyaa hojiidhaan mul’atuun dhufa.
Walumaagaalatti raawwiin pirojektota tuullaa dosee sobaatiin ibsamaa ture hundeedhaa burkutaa’ee hojii qabatamaadhaan mul’atu kun dandeetiin raawwachiisummaa daran dabalaa jiraachuu kan garsiisu waan ta’eef si’aayinni, miirriifi kaka’umsi ho’inasaa eeggatee cimee ittifufuu qaba.
Ummannis pirojektota waan jalqabame sirnaan xumuruun iraa mul’ate kanneen akka qaroo ijasaatti eeggataafi kunuunfataa raawwiin hojii milkaa’aan mul’ate kun caalaatti akka ittifufuuf waan danda’u hundaan maddii mootummaasaa hiriiree dinqiiwwan biroo arguuf of qopheessuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013