“Maa… maal si godha obboleessi kee yoo baay’ate si reeba mitii? Qaamaan yoo reebamte maal ta’a, anaaf jettee, anuu jira siif jecha sammuun kaniin reebamaa jiraachaa jiru” jedhe Boonsaan.
“Uuf…” afuura dheeraa erga baafattee booda, “Mee utuun tole jedhee eessumatti walargina, mana barnootaa kana yoo ta’e malee, akkam godheen si arga? Jette. “Gaafa Sanbataa uffata miicca jettee yoo laga Gasseesitti walargine maal ta’a” jedhe.
Mee nan yaala, garuu ani guyyaa tokkollee uffata lagatti miiccee hinbeeku, “Sababii ani qabu tokko qofa; innis gabaa dhaquudha. Sanuu harmee koo waliin, hundumaafuu nan yaala” yeroo isheen jettu akkasaa hinbeeku Boonsaan lafa jilbeeffatee jiruu utaalee olka’e…
Asoosama seensaaf ittifayyadamne kana Kitaaba Sookkee, fuula 65-66 tibbana Finfinnee, Jiddugala Aadaa Oromootti sirna ho’aadhaan eebbifamerraa kan fudhatameedha.
Kitaabni asoomaa Sookkee baafata 11, fuulawwan 134fi gatiinsaa qarshii 280 ta’e kun kan barreeffame Abaaboo Maammoo Tottoobaatiin (Gaazexeessituu ‘EBC’/Afaan Oromoo) kan barreeffame yoo ta’u, bakka harmeenshii, obboloonni, hiriyoonni, hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO) Obbo Kabbadaa Deessisaa, ogeessonniifi quuqamtoonni (leellistoonni) ogbarruufi aartii Oromoo hedduun argamanitti eebbifameera.
Haati cidhichaa, barreessituufi gaazexeessituu Abaaboon haasaa sirnicharratti taasisteen, ogbarruun Oromoo baroota darban irraa kaasee hanga ammaatti barreessitoota guguddoofi qaqqaali danuu horachuu eertee, barreessitoonni baroota darban keessa barreessaa turan bu’aa ba’iiwwan hedduu keessa darbanii dhaloota har’aatiif daandii banuusaanii eerteerti.
Kana jechuun har’a waantonni hundi mijataafi tolaa jechuu akka hintaane eertee, akka kaleessaa ta’uu baatus har’as rakkoowwan dhokatoofi mul’atoon akka jiraniifi barreessitoonni Oromoo hudhawwan adda addaa dandamatanii guddina ogbarruu sabichaatiif gumaachaa jiraachuu ibsiteetti.
Gumaachichi baay’ina Oromoo wajjin kan walhinmaadaalle ta’uufi keessumaa gumaachi shamarranii gama kitaaba barreessuutiin mul’atu daran gadaanaa ta’uu dubbattee, kunis hudhaawwan akka sabaatti qabnuun ala rakkooleen shamarran mudatanirraa kan maddeedha jetti.
Isheenis rakkoolee kanneen hunda dandamattee hanga humnashii guddina ogbarruu Oromootiif gumaachuufi shamarran dandeettii qabaatanii garuu ammoo fuulduratti hinbaaneef fakkeenya ta’uuf kitaaba Sookkeetiin dhufuu ibsiteetti.
Nutis ibsa isheen kenniterratti hundaa’uun achumaanis waa’ee cuunfaa sammuushii kan ta’e moggaasa kitaabashiifi maal keessa dabartee barreessitee akka asiin geesserratti turtii gabaabduu wajjin taasineerra.
Sookkee jechuun…
Sookkee jechuun ijoollee reefu guddinarra jiran kanneen umriisaanii 13 hanga 17tti argaman jechuudha.
Ka’umsa kitaaba barreessuu
Yeroon Yunivarsitii Saayinsiifi Teknoljii Adaamaatti barachaa ture Barsiisaa Abdulqaadir Amaan jedhaman asoosama gabaabaa fuula 15 hincaalle barreessaa nuun jedhan. Kanumaan barreeffamni ani dhiyeesse filatamee kitaaba ta’uu qaba naan jedhan. Anis yeroo sanaa qabeeti kanin ciniinsuu Sookkee eegale.
Xiyyeeffannaa
Xiyyeeffannaan kitaaba kootii dubartoota baadiyaarratti. Ana dabalatee bu’aa ba’ii dubartoonni baadiyyaafi baadiyyaatti dhalatan keessa dabarsaniifi boru bakka gaarii gahuuf waan isaan gochuu qaban kallattii agarsiisuurratti kan xiyyeeffateedha.
Keessumaa jiruufi jireenya dubartoota baadiyyaa hawaasni baadiyaas ta’e magaalaa akkamiin hubatee tarii kan deggarullee yoo ta’e bu’aa ba’ichi bifa kitaabaatiin yoo barreeffamee dhiyaate bu’aa buusinnaa jedhee yaadeen barreesse.
Sadarkaa qulqullina kitabichaa, yoomis bareeffame?
Sookkee bara 2003 hanga 2004ttin barreesse. Kuma 2005 irraa qabee hanga barana maxxanfametti waggaa waggaadhaan gulaaltotaafi ogeeyyota ciccimoofi dandeettii olaanaa qabaniin gulaalamaa ture.
Sookkeen maxxanfamuuf maaliif yeroo hamma kanaa ture?
Sababiin turmaatasaa beekamaadha. Keessumaa dhimmi Oromoo kun daran ulfaataadha. Waldeggaruu dhabuufaatu yeroosaa dheeresse; hanqina maallaqaa. Garuu turtii sana keessatti gulaalamaatu ture. Namoota 12tu gulaale, Sookkee.
Abdii kutannaan hinturree, otoo ittidhiisee hinjennee?
Lakki, hinjenne. Akka carraa ta’etu Sookkeen har’a maxxanfame malee barreeffamoota kitaaba walaloofi asoosamaa jaha ta’uun of harkaa qaba.
Barreeffamoonni kunniin seenaa dhugaa hawaasa baadiyyaarratti kan xiyyeeffataniidha. Waan keessa darbeefi qorannoon deeggaramuun kanneen qophaa’aniidha. Yeroo baay’ee hiriyoonniifi maatiin koo, kan barreeffameyyuu hawaasa bira hingeenyee maaliif barreessita naan jedhu. Garuu guyyuma tokkollee abdii kutee hinbeeku.
Shamarran akkuma kee kana kitaaba barreessuu yaadaniif maal dhaamta?
Dhimma kanarratti miidiyaalee adda addaarratti muuxannoo koo qoodeera. Isarraas ni baratu jedheen yaada. Sababiinsaas achirratti bu’aa ba’iiwwanin keessa darbe waanin eereef. Otoon bu’aa ba’ii na mudateen abdii kutadheera ta’e har’a Sookkeen sadarkaa kana hingeessu turte.
Kanaaf barreessitoonni kamuu muuxannoo koorraa waan guddaa baratu jedheen yaada. Keessumaa kanin ani barbaadu dubartoonni keenya nama gama kanaan akka fekkeenyaatti ilaalan tokko ni argatu amantaa jedhun qaba.
Xiyyeeffannaa akka argataniif waanin barbaaduufis Abaaboo arganii si’oominni wayii keessoosaaniitti ni dhaga’ama jedheen yaada. Kan biraa, dubatootas ta’an dhiironni waan hojjechuuf yaadan tokkorratti abdii murachuu akka hinqabnen gorsa.
“Waanin karoorse tokko guyyaansaa har’a ta’uu baatus milkeeffachuun danda’a” jedhee ofitti himee ykn of amansiisee nuffii tokko malee borus iftaanis yaaluu qaba. Kanas qabatamaadhaan Abaaboorraa ni baratu jedheen yaada.
Kitaabni kee akka ummata bira qaqqabuuf eenyuuf, maal dhaamta?
Ani qaamolee hawaasaa keenya hundaaf dhaamsin qabu, keessumaa Biiroon Barnoota Oromiyaa manneen barnootaa naannicha keessa jiran biraan otoo naa gahee natti tola. Biirichi manneen barnootaa kuma 15 ol naannichatti argaman biraan ni ga’a jedheen abdadha. Ni geessisna jedhanii waadaa naa galaniirus.
Keessumaa otoo naa ta’ee kanin barbaaduufi hawwu akkasumas qaamolee adda addaa dubbisaa jiru namoota magaalaa keessa jiran bira akka naa gahuudha. Sababiinsaas hawaasni baadiyyaa akkamiin akka jireenyasaa geggeessu inni magaalaa jiraatu akka sirnaan Sookkeerraa hubatu waanin babarbaaduufi.
Hubatee ammoo boru hawaasa baadiyyaa haala jireenyaa kan magaalaarra haala rakkisaa keessa jiraatu akka utubu gochuu barbaadeeni. Jiraattonni baadiyyaa manneen barnootaa kan magaalaa jiran fakkaatu otoo argatanii jedheen yaada.
Warra kitaaba barreessuuf yeroo hinqabnu jedhaniif maal dhaamta mee Abaaboo?
Ani barreessuun yeroo fudhata jedhee hin yaadu. Yaada, “Waa barreessuu yaadeen yeroo dhabe” jedhu hinfudhadhu. Barreessuun yeroo fudhata jedhees hin yaadu. Otoo ittiyaadnee sammuu qophaa’aa qabaannee jiruufi jireenyi keenyayyuu waan barreeffamuudha. Bu’aa ba’iin guyyuuyyuu mataansaa waan barreeffama ta’uudha mee. Kanaaf barreessuuf yeroo gaafata jedhee hin yaadu; yeroonumti qabnuyyuu gahaadha waan ta’eef.
Rakkoon biraa isuma barreeffameyyuu dubbisuu dhabuudha. Lammiileen keenya har’a keessumaa dargaggoonni kitaaba ogeessi sammuusaa cuunfee, muuxannoofi beekumsa kuufateefi qorannoorratti hundaa’ee barreesse dubbisuurra fees buukiirratti yeroosaanii dabarsu. Kun ammoo dhugaa hawaasa keessa jiru sirnaan hubachuurratti hanqina guddaa uuma.
Kanaaf adeemsa hanqina akkanaa qabu keessaa bahamee muuxannoo kitaaba dubbisuu otoo amaleeffannee daran gaariidhan jedha. Amaleeffannaa dubbisu maddiitti walutubuufi walbira dhaabachuunis otoo jiraatee gaariidha.
Dubbistootaaf dhaamsa
Hojiin kiyya jalqabaa kun dogoggora qabaachuu maalti. Dogoggorri ammoo yaadaafi qeeqa dubbisaatiin qajeelti. Anis fuulduratti waan gaarii hojjechuuf yaada fudhadhee fooyyeffachuuf qophiidha. Waan hir’ate ittiguuttachaa akka dubbistanin dhaammadha. Dogoggora gama kamiinuu jiruufis gamanumaa na ofkalchaan jedha.
Galata
Milkaa’ina hojii koo keessatti kanneen gumaacha olaanaa qaban Pirofesar Gargaaraa Darajjee Hinnawuu, addatti ammoo Pirofesara Gargaaraa Fedhasaa Taaddasaa, Bariisaa Dassaalawu Geetinnat, gulaaltota kitaabichaa, Biiroo Misooma Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa, Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa, Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Mana Maxxansaa Subii, Faayaa Feeneet, Dizaayinii Michuu, Sablii Diikooriifi warran maqaasaanii hineerre hunda nan galateeffadha.
Ergaa Obbo Kabbadaa Deessisaa
Afaan Oromoo guddachaafi dagaagaa jira. Kitaabonni keessumaa yeroo dhiyoo as eebbifamaa jiran ragaadha. Ogbarruun guddina afaan tokkootiif utubaadha. Afaan Oromoo duris tureera har’as ni jira. Iddoon Afaan Oromoo waggoota 30 dura tureefi har’a irra jiru garaagartee olaanaa qaba. Kan gargar taasise ogbarruu qofa. Baay’inni kitaabota Afaan Oromoo maxxanfaniif maxxanfamaa jiranii baay’ina Oromoo caalaa jira. Kun Oromootiif gammachuu, Afaan Oromootiifis abdii guddaadha.
Afaan yoo barreeffameefi dubbifame malee dubbachuu qofaan hinguddatu, jira jechuunis hindanda’amu. Kana keessattis gumaachi Abaaboo iddoo guddaa qaba. Kanaafi maqaa koofi BATOn galateeffadha.
Erga dhiyootii torban torbaniif kitaaba eebbisiisaa kan jiran dubartoota ta’uun ammoo addatti nama gammachisa, kunis Asteer Gannoo hedduun uumamaa jiraachuu kan agarsiisuudha. Waggoota 100 dura dubartii tokko maqaa dhahaa turre har’a gootota afaaniifi ogbarruu keenyaa heddumminaan horachaa jirra. Deggarsa akka kitaabichi maxxanfamuu taasine maddiitti BATOn kotaabota 200 Abaaboorraa bituun akka bira dhaabannu ibsuun barbaada.
Ogbarruun deggarsa dubbisaa malee akkasumas walgargaaran malee eessayyuu waan hingeenyeef keessumaa abbootiin qabeenyaa gama kanaan akkuma warri kaan sammuusaanii cuunfanii ciniinsuu yeroo dheeraa booda kitaaba barreessan isaanis kan barreeffame kun akka dafee maxxanfamee ummata bira gahuuf gumaachasaanii bahachuu qabu jenna.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013