Dhiibbaa hanqinni nyaataa bilchina sammuu daa’immanii irratti qabu

Guddina sammuufi qaamaa daa’immaniif nyaanni isaan yeroo ijoollummaa argatan baay’ee murteessaadha. Guddinniifi bilchinni seeliwwaniifi kutaawwan qaamaa garagaraa erga dhalatanii boodallee waan dabaluuf daa’imman nyaata madaalamaa argachuun baay’ee barbaachisaadha.
Sammuun daa’immanii sababa garagaraan ni hubama. Keessattuu dhalatanii hanga waggaa sadii kan jiran bilchina sammuusaaniif nyaata garaagaraa ni barbaadu. Miidhaan kunis erga dhalataniifi gadameessa haadhaa keessatti dhiibbaa irratti uuma.

Haati tokko ulfooftee nyaata gahaa kan akka pirootinii qabanii, albuudota garagaraa kan akka ayiraanii, ayoodinii, foolik asiidiifi vaayiitaaminoota gosa B, C, D yoo argachuu baannaan daa’imman gadameessa keessa jiran irrattis dhiibbaa qaba. Innis
1. Qaamaan guutuu tahanii dhalachuu dhabuu malu,

2. Seelotni qaama isaanii miidhamuu mala,

3. Ulfaatina gahaa qabaachuu dhabuu malu,

4. Dhalatanii dandeettii yaaduu isaanii ni huba.

Hanqinni isaanii miidhaa maal qaba?

1. Dandeettii yaaduu sammuu ni hir’isa.

2. Xiinsammuu isaani ni huba.

3. Dhiphina sammuuf sababa tahuu danda’a.

4. Nyaata pirootinii gahaa yoo dhaban kutaa qaamota garaagaraa ni huba.

5. Hanqina dhiigaan ni hubamu.

6. Golgi sammuu (skull) dafee akka cufamu gochuun guddinni sammuu akka hubamu taasisa. Kunis dhibee garaagaraaf akka saaxilaman isaan godha.

7. Dandeettii afaan dafanii barachuu isaanii ni huba.

8. Jajjabina qaamaa hubuun akka yeroo isaanii eeganii garagaluu, dhaabbachuufi deemuu hindandeenye taasisuu danda’a.

9. Yeroon yoo argamee yaalamuu baatan maashaalee qaamotaa hubuun kufaatii maashaaleef ni saaxilamu.

Daa’imman dhalatanii ji’oota ja’a keessatti maal argachuu qabu?

1. Harma haadhaa hanga baatii ja’aa hodhuu qabu. Yoo xiqqaate guyyaa keessatti si’a 8- 12 hodhuu qabu.

2. Guyyaa 10 irraa eegalee ifa aduu gara ganamaa 3:00-5:00 LT (akka sa’aa biyya keenyaatti) daa’imman ala baasuun akka ifa aduu argatan gochuu. Kunis vaayiitamin D kan jabina lafee daa’immaniif gargaaru akka argatan isaan godha.

3. Daa’imman yeroon gahee dhalatanis tahu kan hingahin dabalata aduurratti Shirooppii vaayiitaamin Dfi kaalshiyeemii qabu fudhachuu qabu. Kana jechuun bakka aduu bu’a jechuu osòo hintaane akka dabalataatti gargaara jechuufi.

4. Ijoolleen guyyaan gahee dhalatan ji’a 4 ykn immoo ulfaatinni qaama isaanii dachaa lama yeroo dabalu Ayiraanii argachuu qabu. Kan yeroon hingahiin dhalatan ji’a 1 gaafa gahan argachuu qabu. Ayiraniin karaa mana yaalaan waan kennamuuf mana yaalaa deemanii daa’immaniif kennisiisuun baay’ee barbaachisaadha. Ayiraniin faayidaa ijoo guddaa inni qaama daa’immaniif qabu keessaa tokko seelii dhiiga diimaa oomishuu keessaatti qooda waan qabuuf daa’imman akka isaan hir’ina seelii dhiiga diimaaf hinsaaxilamne godha.

5. Daa’imman harma haadhaan ala nyaata bifa foormulaan faarmaasii ykn suppermaarkeettii garaagaraa irraa bitamuun  fayyadaman elementiifi wantoota armaan oliitti eerre waan of-keessaa qabaniif  kan armaan olii hinbarbaachisu. Foormulaan of keessaa qaba waan taheef.

6. Daa’imman hundi ji’a jaha booda immoo nyaata dabalataa argachuu qabu. Kuni jalqaba nyaata ijaarsaaf tahan kan pirootinii qaban yoo  tahe gaariidha. Nyaata kanneen farmaasii garaagaraa irraas ni argama. Mana keessatti immoo nyaata  akka Marqaas manatti wantoota garaagaraa irraa daa’immaniif qopheessuum isaan  ni fayyada. Nyaata dabalataa baatii ja’a booda yeroo eegaltan nyaata lallaafaan eegalamee booda jijjiiruudha.

Daa’imni tokko gosootaafi akaakuuwwan nyaataa garaagaraa argachuu qaba. Kunis

  • Fuduraawwanniif kuduraawwan vaayiitaminii “A”n badhaadhan guyyaa guyyaan soorachuu.
  • Nyaata fooniif bu’aa foonii ta’an darbanii darbanii soorachuu.
  • Bu’aan nyaata foonii yoo hinargamnes kanneen nyaatawwan albuudawwan garaagaraaf viitaminii hedduu of keessaa qaban faarmaasii irraa bitanii kennuufin barbaachisaadha.

Akkuma daa’imni guddachaa deemuun baay’ina nyaataaf turtii nyaataa daa’immmanii dabaluun barbaachisaadha kunis

  • Daa’ima baatii 6- 8= guyyaatti nyaata yeroo 2-3
  • Daa’ima baatii 9-12= guyyaatti nyaata yeroo 3-4f tursituu yeroo 1-2
  • Daa’ima baatii 12-24= guyyaatti nyaata yeroo 3-4f tursituu yeroo 2

Gama biraan suuta suutan hamma nyaataa daa’immanii jijjiiraa deemuun baay’ee barbaachisaadha. Kana jechuun baatii ja’aan gara jalqabaa hanga waggaa tokkootti nyaatawwan dhangala’aa tahaniin jalqabdanii nyaata lallaafaa nyaachisuu. Waggaa tokko booda nyaata maatiin nyaatu kan daa’ima hinmiine nyaachuu eegaluu ni danda’ama.

7. Hanqinni kun yoo irratti argame gara mana yaala dhihoo geessuun akka yaalaman gochuudha.

Hanqina Vaayiitaamin Dfi miidhaa inni Daa’immaan irratti qabu (RICKETS)

                            
Vaayiitaaminiin qaama keenya keessatti faayidaa hedduu qaba. Vaayitaaminiiwwan kunneen karaa garaagaraa arganna. Vaayiitaamiin ‘D’ eessa irraa argatu?

1. Aduun vaayiitaaminii gogaa keessa jiru akka faayidaa qaamaaf oolutti ni jijjiira, isaa booda gara tiruufi kalee deemuun inzaayimii dabalatee faayidaa irra oola.

2. Nyaata nyaannu keessaas ni argama.
Hanqinni isaa akkamiin dhufa?

1. Daa’imman dhalatanii yoo ifa aduutti baasuu dhiisan
2. Vaayiitaaminii dhaabbata fayyaa irraa argachuu qaban osoo hinfudhatiin yoo hafan

3. Daa’imman haati isaanii hanqina vaayiitaaminii D kana yoo qabaatte.

4. Dhibee kaleefi tiruun yoo hubaman

5. Hanqina nyaataa kanneen akka pirootiniin yoo hubaman fa’a
Daa’imman irratti miidhaa maalii qaba?

1. Sadarkaa itti deemuufi dhaabachuu qaban duubatti harkisa
2. Cabuu lafee, jal’achuu lafeefi yeroon cufamuu dhabuu qaawwa buqqee mataa isa fuulduraa (anterior fontanel), guddachuu dhabuu buqqee mataa

3. Infeekshinii garaagaraan ni hubamu. Ifeekshiniiwwan  kan akka michii sombaa (pneumonia)

4. Dhiibbaan hidda dhiigaa somba keessaa nidabala (pulmonary hypertension)

5. Dadhabbii  onneef ni saaxilamu.

Akkamiin hambisuun danda’ama?

Yeroo hedduu mala salphaa otoo tahee jiru daa’imman hedduutu hubama. Maloota armaan gadii fayyadamuu qabdu
1. Daa’imman dhalatanii guyyaa 10 irraa eegalee aduutti bahuun dirqama. Innis ganama sa’aatii 3:00- 5:00 gidduun filatamaadha. Daa’imman keessan erga qaama dhiqxanii booda osoo uffata hinuffisiin, osoo dibata tokkoyyuu hindibiin ifa aduu keessatti baasuudha. Erga aduu keessaa ol galchitanii booda dibata daa’immaniin miila, harkaafi qoma diddiriirsaa sukkuumuudha. Kuni hanga daa’imti of dandahee fiigee bahuu eegaluutti itti fufuu qaba.

2. Daa’imman yeroo eeganii dhalatan baatii tokko irratti vaayiitaminii dabalataa bifa shirooppiin nifudhatu. Kan yeroo hingahiin dhalatan immoo torban lama gidduutti eegaluu qabu. Kunis sababii ofii qaba. Yeroon osoo hingahiin yoo dhalatan carraan dafanii hubamuu guddaa waan taheefi.

Kanaaf ijoon barumsa keenya guyyaa har’aa guddina qaamaafi sammuu daa’immaniif nyaatni isaan waggaa tokkoo gaditti argatan baay’ee murteessaadha. Nyaata madaalawaa albuudaafi elementiiwwan ijaarsa qaamaaf barbaachisan argachuun egeree daa’imman keessan boruuf karaa kan banu taha.

Kanaaf daa’imman keessan rakkoo kanaaf utuu hinsaaxilamiin ofeeggannoof haalduree barbaachisu gochuun baay’ee barbaachisaadha.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013

Recommended For You