Taphni liigii piriimeerii baranaa eenyu baase, eenyummoo buuse?

Finfinnee: Waggaa waggaadhaan kan adeemsifamu shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota beetikingi liigii piriimeerii Itoophiyaa kan baranaa dabalatee yeroo 22f gaggeeffameera.

Hirmaattonnis magaalota Finfinneefi Dirre Dhawaa dabalatee kilaboota naannolee Oromiyaa, Ummatoota Kibbaa, Amaaraafi Tigraayi turan.

Yeroowwan kanneen keessatti kilablaboonni Finfinnee Qiddus Giyoorgis, Humni Ibsaafi Bunni Itoophiyaa; Ummatoota Kibaarraa Hawaasaan (akka caaseffama duraaniitti), Oromiyaarraa Jimmaa Abbaan Jifaar, Tigraayirraa Dadabitiifi Maqalee Sabindartaan; Amaaraarraa magaalaan Faasiil waancaa fudhataniiru.

Kanaan dura yeroo baay’ee fudhachuudhaan kilaboonni Finfinnee adda durummaan eeramu. Qiddus Giyorgis 14, Humni Ibsaa lama, Bunni Itoophiyaa ammoo tokko mo’achuudhaan walumaagalatti waancaan liigichaa yeroo 17f Finfinneetti hafeera.

Akkasumas magaalaan Hawaasaa yeroo lama, lilaboonni Tigraayi Dadabitiifi Maqalee Sabindartaan; Oromiyaarraa Jimmaa Abbaa Jifaar al tokko tokko shaampiyoona yoo ta’an barana ammoo kilabni Amaaraa kilabni Faasiil shaampiyoona ta’uun  waancaa fudhateera.

Shaampiyoonicharratti waggootan 21f kilaboonni 16 hirmaachaa kan turan yoo ta’u, kan baranaa kanarratti sababa tasgabbiitiin kilabonni Tigraayi hinhirmaanne.

Haaluma kanaan shaampiyoonaan baranaa gaggeeffamaa kan ture kilaboota Finfinneefi Dirre Dhawaa, Ummatoota Kibbaa, Oromiyaafi Amaarraa 13 jidduutti ture.

Gareen kubbaa miilaa Faasilii qabxii 53n shaampiyoona ta’uun yeroo jalqabaatiif waancaafi medaaliyaa warqii fudhatee waancichi yeroo jalqabaatiif magaalaa Gondor galeera.

Bunni Itoophiyaafi Qiddus Giyorgis garaagarummaa galchaatiin walcaalanii walqixa qabxii 40n lammaffaafi sadaffaa ta’uun meedaaliyaa meetiifi nahaasaa argataniiru.

 Magaalaan Sabbataa qabxii 36n, Hawaasaafi Hadiyyaan qooda galchaatiin walcaalanii walqixa qabxii 35n, Baahirdaariifi Walaayittaa Dichaan garaa garummaa galchaatiin walcaalanii walqixa qabxii 33n, Dirre Dhawaafi Bunni Sidaamaas akkasuma galchaan walcaalanii walqixa qabxii 28n sadarkaa afraffaadhaa hanga kurnaffaa qabachuusaaniitti shaampiyoonaa beetkiingi liigii piriimeerii Itoophiyaa bara 2014 gaggeeffamu keessatti hafaniiru.

Kilabni magaalaan Walqixxee qabxii 22n, Jimmaa Abbaa Jifaariifi Magaalaan Adaamaa qabxii 15fi 12 irra qubachuudhaan gadi sigigaatanii gara liigii biyyaalessaatti dacha’aniiru. Iddoosaaniitti ammoo kilabni Raayyaa Ittisaa,  magaalaan Finfinneefi Arbaa Minci ol darbaniiru.

Kilabni Adaamaa waggoota dheeraadhaaf liigicha keessa turuudhaan umrii dheeraafi muuxannoo olaanaa kan qabuudha. Jimmaa Abbaa Jifaar bara 2010 shaampiyoonaa liigii pirimeerii Itoophiyaa ta’uunsaa kan yaadatamuudha.

Naannichi kanaan dura kilaboota ciccimoo horachuudhaan liigii piriimeerii kana keessatti hirmaannaansaa olaanaa ta’us kan baranaatti dandeettiin kilabootaa gadi bu’uudhaan bara 2014 shaampiyoonaa beetkingi liigii piriimeerii Itoophiyaa keessatti kilaba magaalaa Sabbataa qofaan hirmaachuuf dirqameera.

Dandeettiin kilaba tokkoo kan gadi bu’u rakkina faayinaansi, iddoo oolmaa ispoortiifi deeggartoota dhabuudhaan jedhama. Jimmaa Abbaa Jifaariifi Magaalaan Adaamaa garuu Isataadiyooma mataasaanii qabu. Deeggartoota hedduus horachuudhaan kilaboota naannichaa  keessaayis adda durummaan eeramu. Bajata ofiitiin sosocho’u.

Seenaa ispoortii biyyattii keessatti Oromiyaa kubbaa miilaa dabalatee akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin adda durummaan beekamti ture. Baldhina lafaafi qabeenyaanis ta’u naannolee kaan caaluudhaan kan ofii dhiisii kaaniyyuu utubuu dandeessi.

Mootummaan Magaalaan Sabbataafi Jimmaa Abbaa Jifaar wayita liigii piriimeerii Itoophiyaatti makaman qarshii miiliyoona heddu hirphuudhaan akka hirmaatan gochuunsaa kan yaadatamuudha.

Haata’u malee kilaboonni beekamooniifi maqaa gaarii qaban kunneen yeroo gabaaba keessatti dandeettiinsaanii hundaa gadi ta’uudhaan gara liigii biyyaalessaatti  gadi dacha’uunsaanii deggartoota gaddisiiseera.

Kilabni Faasiil erga liigii piriimeeriitti makamee yeroo gabaaba ta’us shaampiyoona ta’uudhaan bara 2014 Itoophiyaa bakka bu’ee shaampiyoonaa kubbaa miilaa kilaboota Afrikaarratti hirmaata. Bunni Itoophiyaa ammoo lammaffaa ta’uusaatti waancaa konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaarratti qooda fudhata.

Mootummaan naannoo Amaaraa kilaba Faasiil gara fuula duraatti faayinaansiidhaan cimsuuf Kibxata dabre Sharaatan Addisitti sagantaa qopheessuudhaan qarshii miliyoona 170 walitti qabuuf waadaan galameera.

Qarshii waadaa galame kana keessaa Oromiyaa miiliyoona 25n kan arjoome ta’uu pirezidaanitii naannichaa Obbo Shimalis Abdiisaatiin ibsameera. Naannoon Amaaraa miiliyoona 20, Ummatoonni Kibbaa miiliyoona 10 kennuuf waadaa galaniiru.

Saganticharratti akka ibsametti Kilaba kana karaa maraanuu cimsuuf wayita gara naannoosaatti deebi’u Baahirdaariifi Gondarirraa walumaagalatti qarshii biliyoona tokko walitti qabuuf sagantaan qophaa’eera.

Galiin kun wayita walitti qabamu kilabichi isaadiyooma ammayyaa, akkaadaamii leenjii kubbaa miilaa dargaggootaa, iddoowwan bashannanaa addaddaa akka ijaaramanis beekameera.

Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota beetikingi liigii piriimeeriifi liigii biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota lameen adeemsifaman kanneenitti rakkoowwan guguddoo keessa darbuudhaan as gahan.

Erga kovid-19 addunyaarratti muldhatee kaasee wayita dorgommiin gaggeeffamutti daaw’ataan istaadiyooma waan hingalleef kilaboonni kan taphatan istaadiyooma duwaa keessatti ta’uun ni beekama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You