Geggeessummaan aarsaa gaafata. Geggeessitoota ciccimoofi aarsaa gargar baasuun hindandaa’amu. Yeroofi humna isaanii aarsaa godhu. Fiixee gaaraa irra ga’uuf balali’uu miti. Akkuma namootni hedduun jedhan yeroo warri kaan rafan haala dukkana fakkaatu keessa dafqa cobsuun gaara koru gaafata. Waan ulfaataa fakkaatu jabaatanii ittiin wal’aansoo qabuu, muufannaa jiru gammachuun simachuu, qorumsa nama mudatu jabaatanii utuu hinraafamin keessa taruu inni kun garuu akka aarsaa nukanfalchiisu sirriitti beekuun murteessaadha.
Geggeessaa Afrikaa Kibbaa kan turan Nelson Mandeellaan yeroo tokko wal’aansoo isaan itti jiran akka aarsaa gaafatu, aarsaa barbaachisaa kanfaluun akka injifannoon jiru, aarsaafi geggeessummaa gargaar baasuun akka hindandaa’amne yeroo dubbatan akkas jedhan, “Lafa yaadne ga’uuf akka geggeessitootatti dachaa gaaddidduu du’aan guute keessa yeroo hedduuf darbuun tulluu yaadne irra geenya”. Jedhan, Geggeessummaan namoota kan biraa aarsaa gochuun kan tulluu koran utuu hinta’in yeroo, fedha tarii dhuma irratti jireenya aarsaa gochuun kan nama gaafatuudha.
Nama guyyaa har’aa, fedha isaa, boqonnaa isaa, bashannanafi kkf., aarsaa gochuu danda’utu guyyaa gaarii bor arga. Mul’ata qaban bira ga’uuf wal’aansoofi aarsaa kanfaluun murteessaadha. Aarsaa kun immoo hiikkaa hedduu kan of keessaa qabu yoo ta’e illee akka geggeessaatti fiixaan ba’umsa hojii tokkoof of keennuun hojjechuu duuka buutota ciccimoo horachuufi hojii ija qabeessa hojjechuu kan of keessatti hammatuudha.
Namoonni fedha isaanii aarsaa gochuu dandaa’an dhaabbata isaaniis ta’e namoota irratti jijjiirama nifidu. Tarii loliisa uummanni Ameeriikaa walii isaanii lolan (American Civil War) ni yaadanna ta’a. Gaafa tokko Ameerikaan daandii nuti har’a keessa jirru kana kan fakkaatu keessa akka darbite waan hirraanfatte fakkata.
Haa ta’u iyyuu malee uummatni Ameerikaa loliisa isaan diinota isaanii lolan hundumaa irra hamaa ture. Loliisa walii isaanii lolan kanaan namoonni 700,000 ol dhumaniiru. Loliisa kana keessatti gama tokkoon loltoota tokkummaa Ameerikaa gama biraan ammo loltoota konfidereeshinii turan. Muddee 14, 1862 loltoonni Konfidereeshinii Ameriikaa guyya tokkotti loltoota 8000 ol ajjeesan. Loltoota rukutaman kana keessaa hedduun du’aafi jireenya gidduutti hafuun halkan guutu aadaa, iyyaa bulan. Loltoonni rukutan kan konfidereshiniis iyyaafi wawwaannaa isaanii dhaggeeffachaa bulan.
Kanneen fooyyee qaban, kan qaamni isaanii irraa cite daa’imanii gargaarsa argachuuf yaalii godhu turan. Kaan immoo utuu iyyanii achumaan hafu. Kana kan dheggeeffate loltuun warra konfidereshinii garaan isaa hedduu gadde. Diina isaa yoo ta’an illee callisee dhiphina isaanii dhaggeeffachuu jibbe.
Halkan guutuu dhiphachaa bulee ganamaan ka’ee ajajaa isaa heeyyamsiifatee keenyan gidduu isaanii jiru irra darbee diinota dhiphataa jiraniif bishaan kennuufii akka barbaadu ibseef. Ajajaan isaa garuu nidide, akka dhaqee gargaaru hin feene. Sababiin isaa yeroo inni gama diinaatti ce’u warri fayyaan dhahanii ajjeesu jedhee sodaate. Inni garuu gaaffii waan itti fufeef dhuma irratti ni heeyyameef. Yeroo Kirklaandi itti ce’uu dhukaasa guddaa itti gadi dhiisan. Inni garuu kana hundumaa miliquun warra du’aa fi jireenya gidduu jiran bishaan kenneef, uffata isaas of irraa baasee irra buusuun gargaare. Deddeebi’ee bishaan guuree diinota isaa obaase. Inni kun yeroodhaaf loliisa walii isaanii gidduutti ture dhaabuu danda’eera. Egaa geggeessaan tokko faayidaa mataa isaatiif kan dhama’u utuu hin ta’in saba geggeessuu fi fedha warra tajaajila barbaachisaa irraa eeganii durse haala isaan keessa jiran keessaa baasee gara fooyya’iinsaatti ceesisuuf kan tattaafatuu dha.
Geggeessummaan rakkoolee jiran adda baafatanii humnaafi jabina qaban garuu furmaata irra oolchuu namoota dandaa’an, bubbeefi qulleensa dhufee darbuun kan oliifi gadi hinhunkuramne, bubbee wajjinis kan hinkaanne ta’uutu irraa eegama. Ciminni geggeessummaa yeroo rakkoon hinjirre haala irraa calaqqisu utuu hinta’in rakkoofi bubbeen yeroo jiru jabina inni agarsiisu murteessaadha. Bubbeefi qilleensa kan dandamatu ta’uu mala.
Geggeessaan yoo jabaatee dhaabate hundumtuu akka bishaan riqicha jala taruu utuu sokkoo ilaala; yoo ittiin raafame immoo galaana sanaan fudhatama. Kanaaf geggeessaan yoom iyyuu kan haalaafi taatewwan jiraniin raafamu ta’uu hinqabu. Yeroo tokko waa’ee muka guddaa waggoota dhibba afuriif jiraatee dubbiseen ture. Muki kun waggoottan hamma kana yeroo jiraatu bubbee gurguddaa baay’ee dandammatee dhaabate. Yeroo kudha afuriif bakakkaan itti bu’eera (dha’eera). Dhuma irratti wagga dheeraa akkasii kan jiraate muka guddaa kana hoomaa sonsaatu keessa isaa nyaatee horsosseessee kuffise.
Muki waggoottan dheeraa bubbee jabaafi bakakkaa irraa hafee namni illee quba isaa itti buusee homaa gochuu hindandeenye kana ilbiisatu kuffise.
Geggeessaan illee akkasi. Rakkoolee jiran xiqqoos ta’e guddaa adda baafachuu mala. Humna isaa garuu rakkoo sana irratti utuu hinta’in furmaata irratti xiyyeeffatee dhangalaasuu mala. Namoonni baay’een wantootni gurguddaan utuu isaan hinnaasisin, utuu isaan hinsochoosin dhiphinni xiqqoon isaan raaftee jireenya isaanii irraan dhiibbaa guddaa geessifti.
Egaa geggeessaan qiinqaniwwan kana irraa of-qoqqobbachuu mala. Qiinqaniwwan eeggachuu qabu keessaa tokko dhiphina. Tarii haalli inni dhaga’u, argu, egereen dhaabbata isaatii walumaa galatti haalotni jiran amansiisaafi kan isa gammachiisan ta’uu dhiisuu danda’u.
Isaan kun dhiphisuu danda’u. Inni guddaan garuu haalotan dhiphachuun harka laachuu utuu hinta’in jabaatanii hojjechuun haalota jiran jilbeeffachiisuun barbaachisaadha. Namoonni baay’een har’a irratti xiyyeeffannoo gochuu dhiisanii waa’ee isa boriif dhiphatu. Nuyi garuu waa’ee har’a isa keessa jirruu malee bor waan ta’u waan hinbeekneef isa sichi ta’uuf jedhuuf amma dhiphachuu jalqabuun nu irra hinjiru.
Yaaduufi karoorsuun garuu barbaachisaadha. Gadi fageessanii yaadanii furmaata isaaf hojjechuun gaariidha. Dhiphachuun garuu miidhaadha. Akkasumas waa’ee isa ta’ee darbeefis dhiphachuun nu irra hinjiru.
Inni raawwatee darbeera, lamuu isatti hindeebinu. Waa’ee isa amma harka keenya keessa jiruu cimsinee irratti hojjechuu nu barbaachisa. Sababiin isaa inni darbe du’eera, isa awwaallee biraa deebinee waa’ee isa keessa jirruufi waa’ee jijjiirama fuula keenya dura jiruu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.
Koorii kan jedhamtu dubartiin tokko waa’ee dhiphinaa yeroo dubbattu, “Dhiphinni gadda borii hinhir’isu haa ta’u iyyuu malee jabina ar’aa hir’isuuf dandeettii cimaa qaba” jette. Yeroo dhiphannu har’a hojjechuu kan qabnu akka hinhojjenne waan nu danquuf jabina nuyi har’a qabnu nuduraa hir’isa.
Kanaaf akka geeggeessaatti wantoota nu dhiphisan tasgabboofnee ogummaadhaan mo’achuudhaaf karoorsuu irraa kan hafe dhiphina nu mudatutti harka kennuun barbaachisaa miti. Wanta jijjiiruu hindandeenyetti dhiphachuun yeroo ofii akkasumaan balleessuudha.
Wantootni nu dhiphisan yeroo nu mudatan:
1. Maal gochuu akka qabnu itti yaaduu; namaa wajjin mari’adhu.
2. Dhiphachuudhaan waan ta’u homtuu akka hinjirre beekuu; kanaaf dhiphina irraa of eeguu.
Egaa akka geggeessaatti milkaa’uu yoo feene dhiphachuu dhaabuu qabna. Wanta jijjiiruu dandeenyu qofa irratti tarkaanfii fudhachuunis murteessaadha.
Yeroo baay’ee wantootni nuti itti dhiphatnu wantoota hinraawwatamne ta’uu danda’a. Wanta nu dhiphisan keessaa dhibbeentaan 45 qofatu raawwata. Dhibbeentaan 25 waan ta’ee darbe; dhibbeentaan 12 waa’ee fayyaa keenyaati. Dhibbeentaan 10 ammoo homaa tokko gochuu wantoota nuti hindandeenyeedha. Isaan kana hundumaa keessaa dhibbantaan 8 waan ta’uu danda’utti dhiphanna. Kanaaf baay’ee wanti nuyi itti dhiphannu waan hinraawwatamneefi waan fiixaan hinbaaneedha.
Dhiphinni diina milkoominaa isa guddaadha. Sababiin isaa namootni dandeettii, fedhiifi xiyyeeffannaa qabaniin waan tokko akka hinhojjenne godha. Kun immoo bifa adda addaatiin sammuu, qaamaafi xiinsammuu namaa irratti rakkina uuma. Geggeessaan tokko warra kana hunda to’achuudhaan hojii bu’a qabeessa hojjechuu danda’uu qaba. Kanaaf kaleessa waan ta’ee darbeefi bor waan ta’uuf jiru utuu hinta’in har’a irratti xiyyeeffachuudhaan bu’a-qabeessummaafi jireenya dhiphinattii bilisa ta’e jiraachuu qaba.
Karaan ittiin dhiphina mo’an inni guddaan immoo yeroo hunda hojiitti qabamuu dha. Barreessaan tokko akkas jedhe, “Namni hojiidhaan qabamee dhiphachuuf yeroo hinqabne akkasumas halkan rafee dhiphachuu hindandeenye kan eebbifamee dha.”
Har’a egaa hojii hojjechuun nu irra jirutti qabamuudhaan dhiphinaaf yeroo tokko illee kennuu dhiisuun barbaachisaadha. Inni kun shaakala keenya yeroo hundumaa ta’uu qaba.
Yeroo tokko tokko waan namootni dubbatan qofa yaaduun namootni dhiphannu jiraachuu danddeenya. Waan ciccimoo utuu hinta’in isheen kun illee nudhiphisuu dandeessi. Haa ta’u iyyuu malee namoonni waa’ee keenya waan gaarii yookaan waan hamaa dubbachuu danda’u. Isa isaan dubbatan dhaga’uun yeroo tokko tokko yoo nugargaare illee miidhaas hindhabu. Isa namootni dubbataniin akka of-qarree of-ilaalluuf nu gargaaruu danda’a. Inni kun ammoo akka nuti of fooyyessinuuf karaa banuu danda’a.
Haa ta’u iyyuu malee wantoota namootni dubbataniin raafamuufi sodaachuun miidhaa mataa isaa danda’e akka qabus hindagatin. Sababiin isaa sodaan dhiibbaa guddaa si irrattis ta’e hojii kee irratti fida. Inni kun ammo akka geggeessaatti sirriitti yaaddee akka ati hojii kee hinhojjenne si taasisuun gara abdii kutannaafi hojii keetti milkaa’ina dhabuutti sigeessa.
“Dhiphinni gadda borii hinhir’isu; haa ta’u iyyuu malee jabina ar’aa hir’isuuf dandeettii cimaa qaba”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013