Gaambeellaafi hambaawwansaa

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Gaambeellaa naannolee kurnan Itoophiyaa keessaa tokko yoo ta’u, Finfinneerraa kiiloo meetira 766 fagaatee argama. Bal’inni lafasaa iskuwer kiiloo meetira kuma 34fi 65 uwwisuudha.

Naannoon Gaambeellaa Itoophiyaa kibba lixaatti kan argamu yoo ta’u, naannolee Beenushaangul Gumuz, Oromiyaa, Naannoo Ummatoota Kibbaa akkasumas Sudaan Kibbaatiin waldaangeessa.

Mootummaan ummatoota naannoo Gaambeellaa pirezidaantii qaama mana maree naannichaatiin filatameen durfama. Teessoon mana marichaa kan giddugaleeffate saboota jalqabaa shanani. Haaluma kanaan naannichi bulchiinsa godinaa saboota sadiin kan hundeeffame yoo ta’u, isaanis godina Anyiwaa, Nuweeriifi Maazyaangi. Godinaalee kanneenitti aanaaleen 12, aanaa addaa tokkoofi bulchiinsi magaalaa tokko ni argamu.

Magaalaa guddoon naannichaa Gaambeellaadha. Ummanni kuma 409fi 181 ta’u naannicha keessa akka jiraatu ragaan ni mul’isa. Isaan keessaa harki 52 dhiirota yoo ta’an, 48 ammoo dubartoota.

Gambeellaa keessa saboonni buleeyyii shan kan jiraatan yoo ta’u, isaanis Anyuwaa, Nuweer, Maazyaangi, Oppaanaafi Koomoo akkasumas Oromoo dabalatee saboonniifi sablammoonni biroon bal’inaan jiraatu.

Naannicha keessa ummanni amantiiwwan adda addaa hordofu kan jiraatan yoo ta’u, adda dureedhaan, amantii Kiristaanaafi Muslimaa hordofa. Amantiin aadaas ni jira.

Walumaagalatti Gaambeellaan maal akka fakkaatuufi aadaa sabaafi sablammiilee naannicha keessa jiraatan ilaalchisuun gaazeexaan Bariisaa maanguddoo umrii 78 Obbo Ubaangi Umod kabaja festivaalii Torban Itoophiyaarratti argachuun haasofsiisee ture.

“Ubaangi Umod jedhama. Saba Mazyangar yoo ta’u, naannoo Gambeellaatin dhaladhe. Umriin koo 78ti. Umrikoo kanaan waan heddu dabarseera. Keessumaa yeroo daa’imummaa kiyyaa akkuma ijoollee naannichaa biroo loowwaniifi jabbilee tikseera. Wayitan jabaachaa deemummoo waan nyaatamu barbaaduuf adamoo deemee maatii kiyya gargaaraan ture.

Yeroo daa’immummaa kiyyaatti akka ammaa manneen barumsaa dhaqanii barachuun hindanda’amu. Kanan dhaladhe baadiyyaa gammoojjiitti waan ta’efis carraa barumsaa hinarganne. Suuta suuta oguummaawwan addaddaa hordofuun muuziqaa aadaa meeshaa aadaa kaansool jedhamu taphachuun yeroo kiyya dabarsuu jalqabe.

Dandeettii kiyya kana ilaaluudhaan Biiroon Aadaafi Turizimii Naannoo Gaambeellaa na fiachuun waggaa waggaadhaan wayita ayyaanni sabootaafi sablammoota Itoophiyaa kabajamu naannicha bakka bu’uun akkan taphadhuuf garee hawwisoo wajjin naannolee addaddaa deemaa tureera. Ammas Finfinnee kanan dhufe meeshaa kana taphachaa hirmaattoota kabaja Torban Itoophiyaaf akkan agarsiisuufi.

Gaambeellaa keessa akkuma saboonniifi sablammoonni hedduun jiraatan aadaa mataasaanii hordofaa jiru. Sabni keenya Mazyangi yeroo fuudhaafi heerumaa, yeroo gammachuufi gaddaa aadaa mataasaa qaba. Guyyoota ayyaana waggaa, maanguddoonni, ga’eessonnni, dargaggoonni gita gitaan ta’uun sirba aadaasaanii taphatu.

Sabni keenya wajjin nyaata, waliin jiraata, gammachuufi gaddas waliin qooddata. Fakkeenyaaf dubartoonniifi jaarsoleen guyyaa araaraa meeshaa tokko keessaa mijuu waliin unachuun jaalalaafi tokkumaasaanii mul’isu.

Aadaan kun ammoo har’a kan uumamee osoo hintaane abbootii keenyarraa kan dhaalleedha. Gosti tokko yoo isa kaan miidhe gosatu walitti araarsa. Nus kanuma ijoollee keenya barsiisaa jirra.

Dur bakka tokkoo iddoo biraa deemuun aadaa saba tokko sabni biroo irraa barachuu dhiisii ilaaluufuu carraan hinturre. Gaambeellaadhaa ala ba’uuf loltuu ykn barsiisaa ta’uu, kanaachimmoo fira iddoo biraa jiraatu qabaachuu qabda. Waggoota muraasaa as garuu waggaa waggaadhaan guyyaan sabootaafi sablammootaa sadarkaa biyyaalessaatti waan kabajamuuf naannoodhaa gara naannoo dhaquu saba biraatiin walarguuf carraa argameera. Yeroo kana keessatti naannolee addaddaa dhaquun waan baay’ee argus kan baranaa kun anaaf adda. Paarkii Michummaa kan Doktar Abiyyi Ahmadiin yaadinsaa burqee haala adda ta’een hojjetame kun ajaa’iba natti fakkaata.

Mootummaan Doktar Abiyyi lammiilee biyyattii bakka tokkotti walitti fiduun aadaa naannoosaanii, obbolaasaanii kanneen naannoo biroorraa dhufaniif akka agarsiisan gochuusaatti gammadeera. Aadaa saba tokkoo saboonni biroo akka baratan taasifamuun gara fuula duraattis cimee ittifufu qaba.

Naannoo Gaambeellaatti aadaan fuudhaafi heerumaa seera mataasaa qaba. Aadaa san asitti agarsiisuun sabni biraa akka irraa baratu gochuun faayidaa guddaa qaba. Aadaa saba tokkoo halaalatti ilaaluurra akkanatti dhiheenyatti ilaaluun hubannoo yoo argate hinirraanfatu. Haalli kun daran na gammachiiseera.

Kana malees lammiilee keenya kanneen fageenya jiraatan iddoo kanatti walitti qabuun Itoophiyaa xiqqoo waanan arge natti fakkaata” jechuun gammachusaanii mul’isaniiru.

“Dur aadaa fudhaafi heerumaa gosa Oppoo keessatti obboleettii waljijjiiruun baratamaa ta’uun ittifayyadamamaa ture. Dargaggeessi tokko haadha warraa fuudhuu yoo barbaade obboleettiisaa anaaf ykn obboleeyyen kiyya keessaa tokkoof obboleettiisaa kennuu qaba. Obboleettii ykn dubara fira dhihoo kennuu qabu yoo dhabe carraa fuudhuu hinargatu.

Kana waan ta’eef dargaggoonni obboleettii hinqabne haadha warraa fudhuufi maatii dhaabbachuu waan hindandenyeef osoo hinbarbaadiin naannawasaa gadi dhiisee baqachuuf dirqama itti ta’aa ture.

Kunis hamilee sabichaarratti rakkina guddaa uumaa tureera. Dhimmichi kun ulfaachaa dhufuusaatti yeroo sana aadaa sabichaa keessatti taayitaa olaanaa kan qaban dursaan gosichaa “Akoomporsaa” kan jedhaman dhimmi kun waan isaan sodaachiseef jaarsolee naannichaa wajjin marii godhatan.

Marii kanarratti maanguddotaafi dargaggoota dabalatee miseensonni sabichaa marti akka argaman erga godhanii booda aadaan fuudhaafi heerumaa obboleettii waljijjiiruu kun rakkina fidee bal’inaan mari’achiisuudhaan barmaatichi akka hafu murtaa’eera.

Haa ta’u malee namni dubara qabu kennaa maallaqaa argachuun intalasaa heerumsisuu ni danda’a. “Kanaafuu har’arraa kaasee hojiirra oola jechuun namni gabbara kennuu danda’u ammaa kaasee ijoollee tiyya fudhachuu ni danda’a. Guyyaa sana ijoolleesaanii heerumsiisan jedhama” jechuun seenessu maanguddoo Ubaangi.

Dargaggeessi umri 23 Usmaan Umadis kanuma mirkaneessa. Waggaa 17fatti fuudhee ijoollee sadii (dhiira lamaafi dubara tokko) horateera. Qonnaan bulaa yoo ta’u, loowwan hedduu horsiisaa jira. Innis “Wayitan haadha warraa fuudhe abbaan kiyya gabbare na fuusise. Dur sabni keenya waan barumsa hinqabneef aadaa kana hordofaa turan. Ammaan tana yeroo yeroon barumsa argameen dargaggoonni fedhiisaaniitiin bultii dhaabbataa jiru.

Kanaan dura Finfinnee dhufee hinbeeku. Wayitan magaalattii seenu addunyaa biraa waanan arge natti fakkaate. Sababniisaas Finfinneen magaalota biyya keenyaa hunda caalaa bareedduufi bal’oodha. Magaalaa tana arguunuu barumsa guddaadha.

Kan biraa kan nama gammachiisu lammiilee keenya kanneen daangaa addaddaa jiran wajjin walargee aadaasaanii keessumaa sirboota saba biraa arguu kiyyatti gammadeera. Doktar Abiyyiifi mootummaasaanii baay’een galateeffadha” jechuudhaan yaadasaa ibsateera.

“Iddoon amma itti argamnu daran miidhagaadha. Naannoo Gaambeellaa osoo dhuftee iddoowwan hawataa baay’ee argita. Haroowwan, bosonoota ija namaa harkisan, laggeen akka Baaroofaa, bineensota, shinbirroowwan akaakuu addaddaa kanneen sagaleensaanii qalbii namaa harkisan argita.

Sabni keenya akkuma asitti argite meeshaalee muuziqaa addaddaatti fayyadama. Aadaan amma argaa jirtu kunis dhalootaa gara dhalootaatti kan darbe malee yeroo dhihoo keessatti kan argame miti. Nus aadaa kana kununsinee guddisuuf jecha Biiroo Aadaafi Turizimi Gaambeellaa jalatti gurmaa’uun aadaa kana calaqqisiisaa jirra” jedha.

Walumaagalatti akkuma namoonni yaadasaanii kuu kennan kunniin jedhan saboonni biyyattii waltajjii tokkotti bakka miidhagaa akka Addababayii Michummaa kanatti walitti dhufuun duudhaafi aadaa qaban waljijjiiruun gama hundaan faayidaa olaanaa waan qabuuf waanti jalqabame kun cimee ittihaa fufu jenna.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You