Aggaammii kamuu qolachuuf tokkummaa keessoo cimsuu

Ammaan tana biyyi keenya Itoophiyaan dhimmoota ciccimoo akka guutiinsa hidha guddichaa, filannoo, boora’uu nageenyaafi dhiibbaa Ameerikaafa’iin qabamtee jirti.

Keessumaa qoqqobbii Ameerikaan Itoophiyaa wajjin hariiroo waggoota 120 lakkoofsise qabdu qondaalota mootummaa Itoophiyaarratti keesseen walqabatee ajandaa cimaa tibbanaa ta’ee qilleensa hunda dhuunfateera.

Hunda dura ejjennoo Ameerikaan Itoophiyaarratti qabatte ilaalchisee akkaatuma mootummaan Ameerikaa addunyaa itti hubatuufi haala biyya keenya keessa jiru wajjiin ilaaluun barbaachisadha.    

Akka hayyoonni siyaasaa jedhanittis, mootummaan Ameerikaa addunyaa kanarratti akka waan gaafatama qabuutti of fudhata. Addunyaarratti isuma qofatu ajajuu qaba ittifakkaata.

Mootummichi biyyoota diinagdeedhaan hinguddanne qofa otoo hin taane biyyoota gurguddoo akka Raashiyaa,Chaayinaafi Iraanfaarratti tarkaanfii qoqqobbii fudhateera. Biyyoonni kunniin hundi mootummoonnisaanii akka Ameerikaan barbaadde qofatti socho’uu qabu, qajeelfamasaa duukaa bu’uu qabu jechuudha. Kan yaada Ameerikaarraa adda ta’e qabu dhiibbaawwan adda addaa irratti gochuun qeequ; dhabamsiisuu barbaadus. Kun amaluma mootummaa Ameerikaati.

Imaammanni mootummaa Ameerikaafi fakkaattotasaa dhimma ofii bakkaan gahachuu qofarraa kan madduudha. Kanaaf hanga danda’ameen gama mootummaa keenyaatiin mirga namaas tiksaa,  daantaa biyyaa eeguun barbachisaa ta’a. Dantaa biyyaa jechuun dantaa ummataati.

Qaamoleen Ameerikaan abukaatoo dhaabatteef waan jijjiiramni yeroo fudhatuuf keessa dhimma bahanna jedhaniiti kan wixxirfataa jiran.

Dhiibbaan kunis kanumarraa waan maddeef jijjiirama caasaa mootummaa keessaa saffisiisuufi akka jijjiirama kana wajjin deemu gochuu barbaachisa.

Haala amma jiru tooftaadhaan qabuufi tokko tokkoon ittideemuunis barbaachisaadha. Kanneen hundaaf furmaanni olaanaan tokkummaafi nageenya biyya keessaa cimsuudha. Dhiibbaan kun ni darba. Hamma darbutti garuu jabinaan dhaabachuufi walduukaa hiriiruun murteessaa waan ta’eef ummanni miiruma amma agarsiisaa jiruun mootummaasaa duukaa hiriiruu qaba.

Miidiyaaleenis dhimma kanarratti miira ittigaafatamummaafi of eeggannoon hojjechuu qabu. Balaan gama kanaan dhufuu malu xiyyeeffannoo argachuu qaba. Kana keessa biyyi diigamuu waan dandeessuuf eenyuyyuu yeroo kana keessa bu’aafi beekamtii ofii argatu qofa ilaaluu hin qabu.

Dogoggoroonni kamuus uumamuu hin qaban. Waan mootummaan himu ykn dabarsu ummanni sirnaan hordofuu qaba. Duukaa mootummaa jiraachuusaas agarsiisuu qaba. Hundumtuu akka lammiitti qooda ambaasaaddarummaa biyyasaa bahachuu qaba; dhimmichi waan mootummaa qofarratti dhiibanii dhiisan waan hintaaneef.

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You