“Gaazexeessaan bilisa ta’ee waan sammuunsaa itti amane hojjeta amantaa jedhu hinqabu” -Gaazexeessaa Dhugaa Jabeessaa

Namoota jajjaboo Ambo Oromoof gumaachite keessaa Looreet Tsaggaayee Gabramadihin Qawweessaa isaan tokko. Jabinni ibsamasaanii fakkaata Artisti Haacaaluu Hundeessaas maatiidhuma sana keessaa ba’e.

Keessummaan keenya maxxansa kanaas ilma obboleessa Looreet Tsagaayee yoo ta’an dhaloota eenyummaasaa beeku Finfinnee keessatti guddisuun beekamu. Waggoota 15f Gaazexaa Bariisaarra gaazexeessummaadhaan kan hojjetan yoo ta’u, miidiyaa biroorras hojjetaniiru; Gaazexeessaa Dhugaa Jabeessaa.

Ilmaansaanii sabboontota keessaa intallisaanii hangafti Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa dhiyeenyuma kana keessummaa keenya turuun ishee ni yaadatama. Maxxansa kanaan aammoo muuxannoofi mudannoo Gaazexeessaa hangafticha Dhugaa isinii qooduuf yaadneerra, dubbisa gaarii.

Bariisaa: Dubbistoota keenyaan wal haa barru?

Gaazexeessaa Dhugaa: Dhugaa Jabeessaa Addeessaan jedhama. Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Amboo, Ganda Illaammuu Horomtii jedhamutti bara 1942 dhaladhe; amma umriin koo 72 ta’eera. 

Mana barnootaa ergan of baree naannawa umrii 12 gaafan ta’uun Mana Barumsaa Maa’iraga Hiwoot seene. Guddadhe waanin seeneef kutaa lammaffaadhaan jalqabe; hanga kutaa 12ttis achumattin xumure.

Maatiinkoo maatii nama guddaa safuu, aadaafi kabaja beekan waan ta’aniif anis akkasittin guddadhe. Nuti miseensota maatii baay’ee qabna. Gaafa abbaankoo nu marisiisullee hangafa dura hindubbannu. Dabaree keenya eegnee walkabajne dubbanna. Kanarraa kan ka’e hanga yoonaallee maatiifi qe’een keenya kabaja guddaa qabna.

Haatiifi abbaankoo namoota baay’ee guddisan. Ani haadhaafi abbaakootiif ilma afraffaa yoon ta’u, kan haadhaafi abbaa tokkorraa dhalanne 11. Obboleessa haadha biraarraa dhalate tokkos nan qaba. Kanarraa kan ka’e gaafa guddannu wanti “kun kan kooti, kun keeti” jedhamu hinturre.

Ergan mana barumsaa galees amalli nama jaalachuufi kabajuu ittuman fufe. Jireenyakoo keessatti nama walitti bu’u hinjaaladhu. Ana biratti namni walitti hinbu’u. Bakka jaarsi araarsuu dadhabettillee natu nama walitti araarsa. Amallikoo kun na waliin guddatee gaafan hojiitti tures, ta’u naannawa jireenyakootti namni walhinlolu. Anis takkaa namaan waldhabee hinbeeku.

Bariisaa: Mee akkamitti Amboo gara Finfinnee dhuftan?

Gaazexeessaa Dhugaa: Amboodhaa ba’e yunvarsiitii Finfinneen gale. Utuun barachaa jiruu haadha warraakoo amma waliin jirru yommuus kaadhimmadheen Amboo turte.  Bifaan bareedduu waan taateef dabballoonni Dargii ishee rakkisan. “Si bunna” jedhaniis dorsisaa turan. Yoona kana hiriyyaakootiin mari’adhee namicha ajjeesna jennee kaane.

Guyyaa nuti saganteeffannetti namichi Baakkoo deeme. Nutis ajjeesuu itti dhiifnee, isheedhaan qophaa’i jedhee guyyaa tokko barii fuudhee ba’ee Bishooftuu, mana obboleessakootti ishee galche.

Obbolissikoo kun hangafa koo yoo ta’u, hunda keenya akka abbaa ta’ee kan nu guddiseedha. Kanarraa ka’uun yommuu haatiifi abbaan keenya du’anillee qabeenya jiru hunda ittigaafatamummaadhaan fuudhee akka to’atu taasifne.

Ergan ishee Bishooftuutti galchee booda Finfinneettin baqadhe. Sababnisaas maatiin keenya walbeeku, kaadhimmadheeraan. Kanarraan waanin barataa ta’eef waanin itti jiraachisu hinqabu. Obboleessikoos na barbaacha Finfinnee dhufe. “Maaliif akkas goota” jedhee na gaafannaan waa hunda itti hime. Haala kanaan barnootakoos xumuruu hindandeenye, nan dhiise.

Akka tasaa beeksisa Gaazexaa Bariisaatiif ba’e argee dhaqee galmaa’e. Afaanuma Oromoo waanan beekuufin galmaa’e malee ogummaa gaazexeessummaas hinqabu. Isaa booda nan mindeeffame. Mindeeffamus calliseetuman dhaqee taa’ee gala malee waan hojjetamu hinbeekun ture.

Yoona kana Pirofeesar Kuwee (Maartaa) Kumsaa achirra hojjetaa waan turteef  “ka’ii iddoo akkasii deemii akkasitti hojjedhu” jettee natti agarsiifte. “Tole” jedheen yeroo jalqabaatiif qofaakoo hojii dirree guyyoota 10f Amiibaaraa (Affaar) deemee hojii hedduun hojjedhee deebi’e. Haala kanaan waggoota 15f sadarkaalee garagaraarra  hojjedhe. Waggoota torbaaf Bishooftuurraa deddeebi’een hojjechaa ture.

Bariisaa: Walumaagala muuxannoon hojii keessanii maal fakkaata?

Gaazexeessaa Dhugaa: Bara 1971 hanga 1985tti Gaazexaa Bariisaarran hojjedhe. Bara 1985fi 86 ammoo Raadiyoo Itoophiyaatti, Ittigaafatamaa Eeggataa  Sagantaa  Afaan Oromoo ta’ee hojjedheera.

Yeroo sanatti ani akka hoggantoota kaanii nama ari’uufi rakkisuutti hinamanu. Namni ilaalacha siyaasaa kamuu yoo qabaate hojiisaa haalaan hojjennaan waan walitti nu busuu hinqabu. Warri na gararraa jiran gaafa isaan “abaluun ari’i” naan jedhan yaadasaanii hinfudhadhu.

Kunimmoo isaan biratti mufii waan uumeef hojiirraa na ari’uu barbaadu turan. Kanaa booda “ji’a ja’aaf” jedhanii gaazexaa dhaabni (OPDO) qopheessutti na ergan. Achis, dhiibbaa guddaa keessa waggaa ja’an hojjedhe. Ani uumamakootiin hojiikoo itti amaneen hojjedha malee sodaa namaatiif waanin hojjedhu hinqabu.

Kanaa booda bakkakoo duraatti akka na deebisan Doktar Nagaasootti himadhe, (isaan yeroo sana Ministira Beeksisaa turan). Ji’a ja’a osoon hojii hinhojjetanii mindaa nyaachaa ture, isaan na deebisuu didnaan hojii dhaabe. Jaarsummaafis Ambaasaaddar Daggifee Bulaafaa natti erginaanin dide.

Isaa booda osoon faayilakoo hinfudhatiin Macaafa Qulqulluu hiikuu namoota 10 waliin dorgomee tokkoffaa ba’ee darbe. Achis waggaa 16 hojjedheen waan ijoolleen koos si ga’a naan jedhaniif, anis dadhabbiin tokko tokko natti dhaga’amuu waan eegaleef achii ba’e.

Ergan achii ba’ee amma waggaa shan ta’eera. Waaqayyoof galanni haa ta’uu amma haadha warraakoo waggoota 43 dura bultoo waliin ijaarradhe wajjin jireenya gaariin jiraadha. Ijoollee dhiiraa shaniifi dubaraa sadii waliin horannes nu gargaaru. 

Bariisaa: Ogummaa gaazexeessummaatiin waggoota dheeraa hojjettaniittu. Gaazexeessummaan yeroo keessanii akkamiin ibsama, keessumaa gaazexaassaa Afaan Oromoo ta’anii hojjechuun akkam ture?

Gaazexeessaa Dhugaa: Baay’ee rakkisaadha. Hirkattummaadhaan hojjetaa turre. Fakkeenyaaf odeeffannoo barbaannee gaafa nuti “Gaazexaa Bariisaarraati” jennu namni odeeffannoo nuu kennuuf eeyyamamu hinjiru. Yoo “Dhaabbata Pireesii Itoophiyaati” jenne irra wayya.

Rakkina guddaa keessatti hojjennee yommuu maxxanfamummoo “maalumaaf kana hojjettu” kan nuun jedhan baay’eedha. Yeroos gaazexichi qubee Saabaatiin maxxanfamaa waan tureef “Otoo gaazexaan qubee Saabaatiin maxxanfamu jiruu Afaan qubee Saabaatiin maxxansuun maaliif barbaachiseefaa” nuun jedhu; maaliif of hindandeessan jechuuf. Nutis hanga danda’ametti, “Waan ummanni kun dhiibbaa jala jiruuf hogbarruu mataasaa hinqabu, ummatichimmoo odeeffannoo argachuu qaba. Kanaaf haala kanaan biraan geenya” jennee amansiisuuf yaalaa turre.

Walumaagala bu’aa ba’ii guddaa keessa dabarre. Tuffatamaatuma gaazexichi akka hincufamneef hojjetaa turre. Gaazexaan hanga habbaa (koppii) kuma 10ttillee maxxanfamaa ture. Garuu hinraabsamu; Markaatoo geessanii warra shaqaxa gurguruutti kennu.

Nutis “maaliif kana ta’a, nuti ofii keenyaa Oromiyaa keessa deemnee qorannoo barbaachisu ni goona. Ummatatu hinbarbaannemoo maaliif akkana ta’a” jennee gaafannaan, “maaltu isin galche, dhimmi kun kutaa raabsaa ilaallata” nuun jedhan.

Dhiibbaadhuma kana keessa keessumaa wayita qubee Afaan Oromootiin barreeffamuu eegale habbaansaa kuma 25 qaqqabe. Barbaadamummaan gaazexichaas daran dabalee lafa bu’uu dide. Yemmuu barbaadamummaan gaazexichaa daran dabaluu argan argan sababa tokko malee habbaasaa gara kuma shaniitti gadi buusan. Dhimma kanarratti namoota keenya aangoorra jiran gaafa gaafannu “Habbaa tokkoyyuu haa ta’u haa maxxanfamu callisaa hojjedhaa, imaammata mootummaati” nuun jedhu.

Haalli ture ulfaataa ta’uus gaaf tokko afaanichi afaan hojii akka ta’u, sadarkaa guddaarras akka ga’u abdachaafi itti amanaadhuma hojjenna turre.

Bariisaa: Mee gaazexaa isin gatii guddaa itti kanfaltan kun har’allee osoo hincufamiin maqaashee qabattee, qabiyyeedhaan guddattee yommuu agartan maaltu isinitti dhaga’ame?

Gaazexeessaa Dhugaa: Ani akka waliigalaatti Afaan Oromoo guddatee afaan qorannoo, afaan miidiyaa, afaan saayinsiifi teknolojii ta’ee yommuun argu baay’een gammada. Gaazexaan Bariisaammoo ka’umsa guddina Afaan Oromoo, seenaafi aadaa Oromoof ga’ee guddaa kan taphate ta’uusaatiin haala kanaan arguun koo daran na gammachiisa.

Bariisaa: Bishooftuudhaa deddeebitanii Finfinneetti akka hojjetan kan isin taasise jaalaluma Bariisaatimoo, hojii biraa hojjechuu hinbarbaanne?

Gaazexeessaa Dhugaa: Ani Gaazexaa Bariisaatiif quuqama guddaa waanin qabuuf homaa tokko natti hindhaga’amu. Ani afaan kamiifuu tuffii hinqabu; inni tokko isa tokkorratti dhiibbaa uuma jedhee hin yaadu. Garuu afaan saba bal’aa kan ta’e Afaan Oromoo afaan hogbarruu dhabuunsaa baay’ee na quuqa ture. Kanaaf hojiin hojjedhu keessatti gaaf tokkollee dadhabbiin natti dhaga’amee hinbeeku. Dilbataafi guyyaa ayyaanaa gaafa seennee hojii hojjennu durgoonillee nuu kanfalamee hinbeeku. Hundi keenya quuqamaan boqonnaa waggaallee osoo hinjedhiin itti gammannee hojjenna. Gaazexichi namoota kaaniif dhukkubbii mataa akka ta’u ni beekna. Ta’us gaafa tokko akka ifa ba’u abdachuun hamileedhaan hojjechaa turre.

Bariisaa: Bakka hojii bultaniifaa hojjetaa turtan jedhamaatii haalumti gaazexeessummaa yeroo sanaa akkamiin ibsama? Kanarratti muuxannoo keessan nuu qoodaa mee?

Gaazexeessaa Dhugaa: Waliigala hojichi muddama guddaa qaba. Kanarraan haala siyaasa yeroo sanaatiin ni dhiphatta. Yeroo sana kan aangoorra ture mootummaa Dargiiti. Kanaaf waan mootummaa sana gammachiisu hojjechuu qabda. Yeroo sana dafqaan bultootatu baay’ata waan ta’eef, dargaggoonniifi dubartoonni maal argatan isa jedhu hojjechuuf ni dhiphatta. Isarratti qophiin ati hojjette ni qoratama. Achirratti kamtu darbuufi kufuu qaba inni jedhu ni murtaa’a. Kun baay’ina hojii wajjin daran dadhabsiisaa ture.

Inni biraa teknolojiin maxxansaa akka isa ammaa ammayyaa’aa hinturre. Meeshaa ‘Pileetii’ jedhamurraa qubee tokko tokkoon funaantee barreessita. Gaafa tokko tokko isa ati itti rakkattee funaantee hojjettee haa maxxanfamu jettee itti mallatteessitee baate, namoonni si jalaa diiganii wanti sirrii hintaane maxxanfama. Kunimmoo waan si gaafachiisuuf hanga dhumaatti bira teessee hordofachuuf dirqamta.

Erga habbaan tokko maxxanfamee sii kennamee booda ilaaltee deemta. Kanaaf gaafti ati achi bultee hojjechiistullee ni jiraata. Gaafa ganama ba’u bari’emoo hinbariine jettee ilaalta. Waanti si dhibu jibba afaanichaarraa kan ka’e beekaallee gaafa si jalaa jiksuun tureera.

Bariisaa: Ogummaa gaazexeessummaa amma jiru akkamiin madaaltu, ciminasaas hanqinasaas?

Gaazexeessaa Dhugaa: Ogummaan gaazexeessummaa rakkisaadha. Ogummichaaf haalli siyaasaafi biyyaa daran murteessaadha. Akka hubannoo kootti rakkoon guddaa gaazexeessaa bira jira. Gaazexeessitoonni si’anaas rakkoo guddaa keessa akka jirtanin hubadha. Gaazeeessimmaan ammaafi bara Dargii walnatti fakkaata. Bara Dargii gaafa ati mudaasaanii itti himtu “seera cabsite” jedhamtee qoratamta. Ammas taanaan dhugaa jiru baastanii hojjechuuf rakkoo guddaa qabdu. Yoo dhugaan jiru kana jettee gabaaste ilaalcha akkanaa qabdi jedhanii maqaa sitti baasu. Amma baadiyyaa tokko tokko keessa yoo deemte jaarsi ni reebamaa, ni tuffatama; qabeenyi saamamaa jira; kana dubbatan namni dhaga’u waan jiru natti hinfakkaatu.

Dargaggeessii waanuma dargaggeessa ta’eef qofa ilaalcha diinaatiin ilaalamuun iddoon itti mul’atu jira. Kun ta’uu hinqabu. Dhugaan jiru maali? jettee yommuu hojjechuuf yaaltu bulchaan naannawaa ykn ittigaafatamaan dhimmi ilaallatu gaafa gaazexeessaa argu waan biraa dubbata.

Karaa biraa gaazexeessaan yeroo ammaa ummata birattis ilaalcha gaarii hinqabu. Isa keessasaa beekutu beekaaf malee “sobduun kun” jedhama. Kun ta’uu hinqabu ture. Ummannis keessa seenee rakkoosaaniihubachuu danda’uu qaba. Ummanniifi gaazexeessaan hanga danda’ametti osoo walhubatanii gaariidha.

Akka waliigalaatti hojiin gaazexeessummaa biyya keenyaa rakkisaadha. Duris ta’u amma mirga guutuu qaba jechuun hindanda’amu. Gaazexeessaan bilisa ta’ee waan sammuunsaa itti amane hojjeta amantaa jedhu hinqabu.

Kunneen hundi kan agarsiisan egaa duubatti hafummaa siyaasa biyya keenyaafi guddachuu dhabuu keenya. Kan ta’uu qabu rakkoo jiru walitti agarsiisanii, biyya kanaaf akkanaan hojjenna jedhanii mar’iachuudha. Kanarraa kan hafe ummanni yoo waa qeeqe diina jijjiiramaati, jedhanii waamuurra “maaliif, rakkoo maaltu jira” jedhanii ilaaluun barbaachisa. Ta’us hamma tokko isa duriirrammoo waan fooyya’e ni jira.

Bariisaa: Gaazexeessaan ogummaasaa kabajee hanga danda’ametti dhugaa bu’uureffatee akka hojjetuuf maal gorsitu?

Gaazexeessaa Dhugaa: Kun ejennoodha. Ani dhugaa jiruun gabaasa, abbaan barbaade waan barbaade haa jedhu. Waan ifa jiru osoo hinsodaatiin rakkoon jiru kana jedhanii agarsiisuu barbaachisa. Ummata biras ta’uu mootummaa bira rakkoo jiru ifatti mul’isuun dirqama. Odeeffannoo walmadaalu dhiheessuun sababaafi furmaata wantootaa agarsiisuuf hojjechuun irra jiraata. Waan hintaane hojjettee, ummata birattis fudhatama dhabdee, ummanni quuba sitti qabuurra dhiiftee ba’uu wayya. Wanti ummanni jibbemmoo rakkisaadha. Ragaa qabatamaadhaan hojii ofii hojjechuun sammuufis bilisummaadha.

Nuti yemmuu hojjechaa turre, daandiin tokko bakka tokkotti yoo boolla’ee agarre ni gabaasna. Abbaantaayitaa daandii bariituu odeeffannoon kun darbee sirreessuutti ka’a. Sababnisaan ittigaafatamnisaa “Kan kooti” jedhee waan fudhatuuf.

Amma garuu manni barumsaa ni jalqaba hinxumuramu. Namni maaliif jedhu hinjiru. Isa “Karaa kamiiniin ani maallaqa argadha, akkamiiniin fayyadama” jedhutu baay’eedha. Kun akka abbaa godhatuuf tuttuquu kan qabummoo gaazexeessaadha.

Kanaaf gaazexeessaan dhugaa jiru haala madaalawaa ta’een ummataafis mootummaadhaafis dhiheessuu qaba.Gaazexeessaan baatiriidha; sababnisaa dhugaa dukkana keessa jiru ifatti baasuun kan agarsiisu waan ta’eef. Ijaafi gurra ummataatis. Kana hunda baruun ittigaafatamummaa ogummaasaa buddeena ykn faayidaaf jedhee dagachuu hinqabu.

Gaafa pirojektiin tokko qarshii baay’eetiin hojjetamuuf qabamee, utuu hojiinsaa achii hinba’iin qarshiinsaa dhumu gaazexeessaan ilaalee callisuu hinqabu. “Maaliif, eessa qaqqabe”? jedhee gaafachuu qaba.

Bariisaa: Yommuu Bishooftuu jiraattan carraa Irreecha kabajuufi gabaasuu argattaniittuu? Akkam ture mee?

Gaazexeessaa Dhugaa: Eeyyee carraa kabajuus, gabaasuus argadheera. Ani yoon gabaasaaf deemuu baadhellee kabajuuf deemaan ture; inumaayyuu hinhafu. Waan si dhibu dur ilaalchi irreechaaf jiru akka waan Oromoon muka dhadhaa dibuutti fudhatama.

Dhugaan jiru garuu Ertiraafi Walloorraa wareega galfanna jedhanii akkana godhu turan. Kanas hubachiisuuf ogummaakootti fayyadamee barreeffamoota garagaraa barreesseera. Afaan Amaaraatiinillee gaaxezaa ‘Ya Zaareyituu’ jedhamurratti barreessaan ture.

Bariisaa: Irreecha yeroo sanaafi ammaa walbira qabdanii yommuu ilaaltanoo maaltu isinitti dhaga’ama?

Gaazexeessaa Dhugaa: Oromoon mukatti bishaanitti sagada jedhanii maqaa xureessaa turan. Oromoon garuu moora hinbeeku, falfala hinbeeku; tolaafi fala beeka malee. Oromoon Irreecha tulluus ta’u malkaa kan kabajatuuf mukatti ykn bishaanitti sagaduuf miti. Ilaalcha kanaan namoonni baay’een Irreecha tuffachaa turan. Har’ammoo ummanni kun waa’ee seenaa, eenyummaafi aadaasaa bareera, ummata of wallaaletu ofbare, isa walirraa fagaateetu walargee tokkoome.

Inaaffaaeenyummaasaaf qabu ummanni Oromoo daangaa hanga daangaatti walitti dhufuun mul’ifate. Waggoota muraasaa as seenaan jijjiiramee Irreechi bakka Oromoon waggaa waggaan itti walargu ta’eera.

Bariisaa: Namoonni hedduun Finfinneetti ijoollee afaan, aadaafi eenyummaasaanii beekan horachuu keessaniin isin dinqisiifatu. Sirnoota darban keessa Finfinneetti dhaloota maqaa Afaan Oromoo qabuufi eenyummaasaa beeku guddisuun rakkisaa hinturree? Akkamiin haala akkanaa keessatti ijoollee keessan guddifattan mee? 

Gaazexeessaa Dhugaa: Ani ijoolleekoo dura safuu, of kabajuu, nama kabajuu itti agarsiisaan guddisa. Akkasumas, aadaafi afaansaanii akka baran, eenyummaasaaniitti akka boonan itti himaan ture. Seenaan biyya kanaa kan hundaa’e Oromoo hundee godhatee akka ta’es ittihimeera.

Akka carraa ta’emmoo ijoolleenkoo ofiisaaniitiin waa baruufi gaafachuu jaalatu. Kunimmoo akka baay’ee beekaniif isaan gargaareera. Dubbii keenyarratti eessattiyyuu yoo ta’e dhaloota eenyummaasaa beeku guddisuun dirqama.

Bariisaa: Gama kanaan dhaloota si’anaa maal gorsituree?

Gaazexeessaa Dhugaa: Ani akka dhuunfaatti waa’een Oromummaa si’achi boodatti akka hindeebine nan amana. Dhaloonni har’aa eenyummaasaa beekuurratti dhaloota nu caaluudha. Dhaloota inaaffaan eenyummaa keessaa bobo’aa jiruudha. Humna ho’aa, kan harka hinkennanneefi, mirga argame kana caalaatti fiixaaan baasuuf qophaa’aadha. Dhaloonni kana hingoone Oromoo miti. Kanaaf dhaloonni amma jiru shakkii Oromummaa boodatti deebisa jedhu hinqabu.

Bariisaa: Dhumarratti, akkuma waliigalaatti qarreefi qeerroo akkasumas, Oromoof ergaa dabarsiitan yoo qabaattan?

Obbo Dhugaa: Ani yeroo ammaa kana wanta baay’eetu na gaddisiisa. Akkuma Haacaaluun, “Oromoo walajjeesu arguurra du’uu naa wayya” jedhe du’e; anis tokkummaa dhabuufi waldhabuun Oromoo daran na gaddisiisa. Otoo Oromoon tokko ta’ee, waldhaga’ee, gaafa mirga tokko argatu itti fayyadamee waan hafe argachuuf wajjummaan tattaafatee natti tola.

Wanti nuti waggoota muraasa kanatti arganne waan salphaa nutti fakkaata malee daran olaanaadha. Afaan Oromoo dur jibbamu afaan federaalaa ta’uuf jedha. Kutaalee magaalaa Finfinnee hundatti manneen barnootaa Afaan Oromoo banamaa jiru. Dhugaa dubbachuuf gaaffii baay’een nuu deebi’eera. Wantoota hafan ammoo walmormuufi xiiqiidhaan osoo hinta’iin karaa tasgabbiifi obsa qabuun utuu itti deemnee gaariidhan jedha.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013

Recommended For You