Dhalli namaa kaayyoo dhalateef sirriitti hubatee kaayyoosaa kanaaf yoo jiraate daandii namoota addunyaa kanarratti dhiibbaa gaarii geessisanii darban keessa akka isaan seenan kan taasisu dhoksaa cimaadha. Akka dhala namaatti waanti guddaan beekuu qabnu hangam biyya lafaarra turuu keenyaafi hangam akka jiraanne, ganna meeqa biyya lafaa kanarratti akka dabarsine utuu hinta’in waan jiraannuuf sirriitti beekuu keenya. Jireenyi kaayyoo hinqabne jireenya akkasumaaniiti.
Jireenya hinjiraatamneedha jechuun nidandaa’ama. Namni maqaan isaa Tomaas Carlyle jedhamu “Namni kaayyoo hinqabne akka doonii meeshaa kallattii agarsiistuu hinqabneeti” jedha. Namni kaayyoo hinqabne jooraadha. Akka doonii callisee galaanarra bololi’uuti. Sochii qofti jijjiirama hinfidu. Dhamaatiin qofti addaa addummaa hinfidu. Kaayyoo qabaachuun murteessaadha. Maaliif akka jiraataniifi du’an beekuu gaafata.
Namni kaayyoo qabu galma sirriis niqabaata. Kaayyoon galma kanaafis daandiidha. Namootni isa kana dagatan maaliif akka dhalatan dagatu. Maaliif akka dhalanne dagachuu caalaa ammoo wanti nama gaddisiisu hinjiru. Sababa dhalataniif beekuun jireenya ilma namaa keessatti bakka guddaa qaba.
Namootni hedduun akkuma dubbatan dhalli namaa guyyaa addaa addaa gurguddaa lamatu jireenya isaa keessa jira jedhu. Isaaniis guyyaa itti dhalataniifi guyyaa maaliif akka dhalatan adda baafataniidha. Tarii namootni barreeffama kana dubbisaa jirru kaayyoon nuti qabnu maal fakkaataa? Maaliif akka dhalanne hangam adda baafannee?
Tarii hanga har’aatti gaaffii kana of gaafadhee hinbeeku namoota jennu dabalatee misiraachoo guddaan yeroon isaa hindabarre. Namootni hedduun jireenya isaanii keessatti kan milkaa’oo ta’an tarii akka yaada keenyaatti kan hindandaa’amne yeroo itti fakkaatu keessatti.
Namootni baay’een keenya kanneen akka Harlandi Sanders nama ganna jaatamii shan booda hojii irraa ari’atamee, daldalli inni eegales milkaa’uu dadhabuun dhuma irratti kalaankala lukkuu magaalaa Ameerikaa keessatti eegaleen bara 1952 daandii namoota beekamoo keessa seeneera.
Namootni akka Duncan Hines ganna 73 booda nama milka’aa akka ta’e seenaa isaanii irra ni agarra. Isaan kana kan maqaa dhoofneef sababni cimaan namni yeroon koo darbeera si’achi homaa tokko gochuu hindanda’u jechuun abdii kutatan inni guddaan isa kanaan dura darbe miti. Inni sokkeera.
Xiyyeeffannoon keenya isa har’a keessa jirruufi isa gara fuula duraa irratti xiyyeeffachuun karoora baafachuun daandii milkoominaati. Daandii jijjiiramaati. Namni karoora qabuufi maaliif akka dhalate beeku haalliifi umuriin utuu hindaangessin lafa yaade niga’a. Namni kaayyoo qabu haalaanis hindaangeffamu.
Namootni hedduun kaayyoo qaban haala isaan mudateef utuu hinjilbeeffatin injifatanii darbaniiru. Tarii seenaa Laura Ingalls Wilder dubbisneerra ta’a. Dubara taatee hojii argattee maatii ishee gargaaruuf oliifi gadi joortee dhuma irratti barsiisummaa argatte. Isaan erga maatii ishee tumsitee booda heerumtee hojii barsiisummaa sana dhaabdee abbaa manaa ishee qonnaa gargaaruu eegalte.
Erga mucaan ishee dhalatee ji’a tokkotti jalaa du’ee booda abbaan manaa ishees harkiifi miilli isaa ni laasha’e. Isa kana hundumaaf harka hinlaanne. Kitaaba barreessite. Maxxansa jalqabaaf inni isheen geessite akka isheen yaadde utuu hinta’in akka hinmaxxanfamne, gadi bu’aa akka ta’e itti himan. Namootni hedduun tarii as irratti abdii kutachuu danda’u ta’a.
Haa ta’u malee ammas harka hinlaanne. Itti fuftee kitaaba ishee foyyessuun toora namoota beekamoo keessatti hiriiruu dandeesseetti. Namni karoora qabu rakkoo yeroof mudatutti harka hinkennu. Ganna 65tti nama jijjiiramaa taate. Rakkoo jiru hindaangessine.
Haala jiru hundumaa injifattee cina tarte. Muuxannoon namoota kanaa har’a illee akka irraa hirmaannuuf ta’eera. Namootni injifatoon yeroo hundumaa waan dubbatan qabu. Namootni karoora qaban, namootni maaliif akka dhalatan beekan yeroo hundumaa dhaloota dhufuuf mana kitaabaati.
Warri kaanis namaaf hojjetanii, yeroo dheeraa booda umurii soorama ba’anitti kan milkaa’an jiru. Fakkeenyaaf Harry Bernstein mana maxxansaa namaa keessa hojjetaa turee erga soorama ba’ee booda umuriin isaa ganna 96 yeroo ta’e kitaaba inni maxxansiise namoota hedduuf burqaa barnootaa ture.
Maatiin isaa attamitti akka loliisa addunyaa isa jalqabaa keessa taran, rakkoo isaan mudate, ijoollummaa isaatti rakkoo keessa tare namoota kan biraaf barnoota ture. Egaa har’a tokkoo tokkoon keenya rakkoo addaa addaa keessa kan taraa jirru jiraachuu dandeenya.
Namni kaayyoo qabu rakkoofi wal’aansoo jiru irraa baratee darba. Kufaatii darbe irraa waan hedduu hubata. Ilaalcha addaa fudhatee darba. Rakkoo akka danqaatti utuu hinta’in akka barsiisaatti fudhata. Danqaan jiru nama kaayyoo qabuuf daandii bilchaatinaati. Isa boriif irraa baratee darba. Kanaaf rakkoon nama kaayyoo qabuuf mana barnootaati.
Egaa har’a nuti kaayyoo qabnaa? Namootni eenyu nuun jedhuu? Nutis attamitti of ilaallaa? Tarii bara keenya keessatti gaaffii ani eenyu jedhu of gaafannee beekna jedheen amana. Gaaffii kanaaf deebii addaa addaa kennuu dandeenya. Ani barsiisaadha. Ani qotee bulaadha; kara deemaadhaafi kkf., jechuu dandeenya. Barsiisaadha kan jennuuf sababa barsiisaa jirruuf; qonnaan bulaa ta’uu keenya kan dubbannuuf sababa keessatti hirmaachaa jirruuf ta’uu danda’a.
Gaaffiin kun garuu gaaffii keenya isa guddaa ta’uu mala. Kaayyoo qabnu gaaffii ittiin hubannuudha. Yoo deebii isaa arganne maaliif akka jiraannu ni hubanna. Fakkeenyaaf ganama maaliifan ka’aa? Maaliifan qophaa’ee jiraa? Jennee of gaafachuun murteessaadha. Dhalli namaa maaliif akka jiraatu, maaiif akka aarsaa kanfalu adda baafatee hinbeeku taanaan jireenyi inni jiraatu hiikkaa hinqabu.
Dhiphinni hamaan, milkaa’ina dhabuun danuun nama kaayyoo qabuufi maaliif akka biyya lafaa kana irra jiraatu hininjifatu. Karaas isa hindhaabu. Sababa nuti biyya lafaa kana irra jiraannu adeemsaafi yaada keenya, ilaalchaafi karoora keenya mara xuquu hinoolu.
Kaayyoo nuti qabnu murtoo jireenya keenyaa danuu isaa irratti dhiibbaa mataa isaa danda’e qaba. Amala keenya irratti dhiibbaa qaba; galma keenya niboca; kallattii daandii irra deemuu qabnu nutti agarsiisa; jireenya keenyatti hiikkaa kenna. Namni kaayyoo dhalateef sirriitti hinbeekne utuu bu’aa hinbuusin, ofis ta’e isa kaan utuu hinfayyadin darbuunsaa hinoolu.
Kaayyoon nuti biyya lafaa kana irra jiraannuuf kan hubannu yoo eenyu akka taane hubanneedha. Kaayyoon kun ammoo kan waloo qofa miti. Kan dhuunfaatis. Daandiin nuuf sirrii ta’e; daandii nuti irra deemnu nama hundumaaf sirriidha jechuun hindandaa’amu. Inni nama kan biraaf sirrii ta’es nuuf sirrii ta’uu dhiisuu danda’a.
Biyya lafaa kana irra kan jiran namoota hunda isa tokko isa kan biraa irra waan adda baasu jira. Akkasumas tokkoo tokkoon keenya turtii biyya lafaa kana irratti waan hojjechuu qabnutu jira. Isa kana hubachuun murteessaadha. Maaliif akka biyya lafaa kana irra jirru hubachuun barbaachisaadha.
Hanga lafa irra jirrutti yoo kaayyoo qabaanne jireenya keenya keessaas ta’e naannoo keenyaa wantootni jijjiiraman jiru. Wantootni nuti jijjiirru jiru jechuudha. Biyyi, dhalootni, haalliifi kkf., nama kaayyoo qabu, nama maaliif akka dhalate beekuun jijjiiramu. Isa kana dagachuu hinqabnu.
Egaa akka dhala namaatti guyyaa hundumaa wanti of gaafachuu qabnu inni guddaan maaliif akka dhalanne, maaliif akka jiraannu, maaliif bakka amma jirru kana akka jiraanne sababa isaa adda baafannee beekuun barbaachisaadha. Yoo akkas ta’uudhaabaate nama kaayyoo hinqabne akkasumaan bara isaa fixaa jiru taana.
Dhumnisaa gadda ta’a. Garu abdiin jira. Hanga nuti biyya lafaa kana irra jirrutti haalli keenya ni jijjiirama. Ni fooyya’a. Namni lubbuun jiru yoo kaayyoo qabaate haala keessa jiru fooyyessuu nidanda’a. Namni waan du’uuf akkuma qabu sababa jiraatuufis hindhabu.
Akka dhala namaatti sababa duunuuf qofa utuu hinta’in sababa jiraannuuf qabaachuun murteessaadha. Guyyaa itti isa kana hubanne jireenya haaraa eegalla. Abdiin jiraachuu eegalla. Biyya lafaa hamaafi gaariin wal jijjiiru kana keessa maaliif akka jiraannu beekna jechuudha. Inni kun ammoo hubannoo waan hunda caaluudha.
Karaa biraas sababiin nuti biyya lafaa irra jiraannuuf ofii keenya qofaaf jireenya gaariifi haala mijataa argachuuf utuu hinta’in namoota naannoo keenya jiraniif idaa’ama ta’uuf akka ta’e dagachuu hinqabnu. Namootaaf sababa gammachuu, sababa jaalalaafi eebbaa malee sababa gaddaa, rakkinaafi boo’ichaa ta’uuf miti.
Dhoksaan jireenya hafuura baafachuu qofa miti. Sababa jiraataniif beekuudha. Ganna meeqa jiraanne kan jedhu utuu hinta’in hangam bu’aa buufne kan jedhu beekuun murteessaadha. Hanga lafa kana irra jiraannutti akka hinjijjiiramne, akka hinfooyyofne, akka jijjiirama hinfidne kan nu taasisu homti tokko illee hinjiru. Garuu kaayyoo qabaachuun murteessaadha. Galma sirrii qabaachuu gaafata. Maaliif akka dhalatan adda baafachuu barbaada.
“Namni waan du’uuf akkuma qabu sababa jiraatuufis qabaachuu mala. Akka dhala namaatti sababa duunuuf qofa utuu hinta’in sababa jiraannuuf qabaachuun murteessaadha.”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013