DHIBEE SUKKAARAA/ DIABETES MELLITUS

Dhibeen sukkaaraa dhukkuboota addunyaa kanarratti namoota baay’ee miidhuun beekamu kessaa isa tokkodha. Kanaanis biyyoota addunyaa irraa harka caalaa kan miidhaman biyyoota guddatan kan akka Chaayinaa, Ameerikaafi Biraazil sadarkaa jalqabaarratti argamu. Tilmaama ‘International diabetes federation, IDF bara 2015 ALA godheen akka addunyaatti namootni miiliyoona 415, akka Itoophiyaatti miiliyoonni 1.33 ol dhukkuba sukkaaraan akka qabaman agarsiisa. Akka Oromiyaatti immoo Namoota kuma 660 olitti tilmaamama.

Dhukkubni sukkaaraa maali?

Dhukkuba sukkaaraa kan jedhamu, sukkaarri (gulukoosiin) dhiigaan baatamee seelota qaamaf rabsamuu osoo qabuu dhiigaa keessaa gara seelota seenuu dhiisee dhiiga keessatti hafuun garmalee yoo baay’atu rakkoo dhufuudha.

Sukkaarrii dhiiga keessatti yoo baay’ate rakkoo maali qaba?

1. Sukkaarri (gulukoosiin) seelota qaamaf anniisaa, akkasumas waliigala hojii idilee isaaniitiif barbaachisaadha. Seelotni qaama keenyaa sukkaara(gulukoosii) dhabuu irraan kan ka’e ni jeeqamu.

2. Sukkaarrii dhiiga keessatti yoo baay’ate ammoo kallattiidhaan ykn al kallattiidhaan sirna qaamaa keenya  kanneen akka kalee, onnee, ija, narviifi kanneen biroo irratti hubaatii geessisa.

GOSOOTA DHUKKUBA SUKKAARAA

Dhibeen sukkaaraa gosa afur qaba. Barreeffama keenya har’aan isaan beekamoo ta’an  lama qofa ilaalla.

Dhibee sukkaaraa gartuu 1ffaa (Type 1 diabetes mellitus)

Gartuun sukkaaraa gosa tokkoffaa kun baay’inaan namoota umuriin isaanii 30 gadi  ta’e irratti dursee mul’ata. Dhibeen kunis Rajiijiin insuliinii gahaa ykn gonkumaa oomishuu waan hindandeenyeef dhufa.

Namootni dhukkuba sukkaaraa gosa kanaa qaban insuliinii umurii isaanii guutuu fudhachuun hamma sukkaaraa isaanii to’achuu qabu.

Dhukkuba sukkaaraa gosa kanaaf wantootni nama saaxilan maalfaadha?

Rakkoo kanaaf kan nama saaxilan baay’inaan adda baafamanii hinbeekaman. Garuu wantootni akka:- Infeekshiniin vaayirasii yeroo ijoollummaa daa’imummaadhaan ji’a ja’a osoo hinguutiin aannan sa’aa dhuguufi hanqinni vaayitamin D dhukkubichaaf

nama saaxilu jedhamee yaadama.

Dhibee sukkaaraa gartuu 2ffaa (Type 2 diabetes mellitus)

Dhibeen kun Baay’inaan ga’eessota (namoota umuriin isaanii 30 oli tahe) irratti mul’ata.  Ijoollee garmalee furdatan irrattis mul’achaa jira.

✓ Gosti kun yeroo baay’ee namoota garmalee furdatan irratti mul’ata.

✓ Gosa sukkaaraa kanaaf sababa guddaan rajiijiin insulinii gahaa oomishuu dadhabuu ykn insulinii gahaan oomishamus hojii isaa haalaan bahuu dhabuu ykn gulukoosiin qaama keessatti humnaa ol oomishamuudhaan dhufa.

Dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa kanaaf kan nama saaxilan:-

  • Kuduraafi muduraa nyaata keessaa dhabuu,
  • Nyaata coomaafi zayitiin itti baay’atu soorachuun,
  • Nyaataafi dhugaatii mimmi’aawaa ta’an baay’isuun,
  • Sochii qaamaa gochuu dhabuu,
  • Garmalee furdachuu (ulfaatina qaamaa garmalee),
  • borcii baasuu,
  • Garmalee dhiphachuu,
  • Matii keessaa namni dhukkuba sukkaraa qabu yoo jiraate.
  • Yeroo ulfaa hammi sukkaaraa yoo ol ka’e ykn daa’ima guddaa (kiloogiraama afurii ol ulfaatu) dubartiin deesse gara fuulduraatti dhukkuba sukkaaraan qabamuu dandeessi.
  • Dhiibbaa dhiigaa ni qabna yoo ta’e.
  • Dhukkuba onnee qabaachuu,
  • Xannachi rajiijii guutummaatti hormonii insuliinii maddisiisuu yoo dadhabu. Kunis; Qaamni ittisa keenyaa ofuma isaatii yoo seelii insuliinii maddisiisu miidhuu,
  • Yaala baqaqsanii yaaluu xannacha raajiijii (pancreatectomy)
  • Dhukkuba garagaraa yeroo ijoollummaa (infeekshinii vaayirasiin dhufan)

Mallattoolee dhukkuba sukkaaraa

  • Garmalee dheebochuu,
  • Afaan goggoguu,
  • Fincaan amma amma fincaa’uu,
  • Ijoolleen ammoo amala haaraa halkan siree irratti fincaa’uu,
  • Miira beelaa garmalee,
  • Ulfaatinni (madaalli) qaama hir’achuu,
  • Miira dadhabbii garmalee( fatigue),
  • Argaa ijaa irratti rakkachuu (blurred vision),
  • Harkaafi luka irraa miira dhabuu /hadooduu,
  • Madaan dafee namarraa fayyuu diduu,
  • Infeekshiniin namatti deddeebi’uu: irga, ilkaaniifi qaama saalaa dubartiif (vaginal candiasis)
  • Jijjiirama miiraa /amalaa kan biraas agarsiisuu danda’u.

Dhukkuba sukkaaraa qabaachuun akkamiin mirkanaa’a

Dhukkuba sukkaaraa qabachuun kan mirkanaa’u hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu meeshaadhaan safaruun. Hammi sukkaaraa dhiiga keessatti argamu mg/dL(miligram per deciliter) ibsama.

Namni tokko dhukkuba sukkaaraa qaba kan jedhamu osoo ciree hin nyaanne sukkaara dhiiga keessatti argamu 126 mg/dl yoo caale (>126mg/dL) ykn hammii sukkaaraa yeroo kamuu safaramee 200 mg/dl yoo caale, dabalataan mallattoolee dhukkuba sukkaaraa armaan olii yoo agarsiise ykn

Rakkoowwan walxaxaa dhukkuba sukkaaraan dhufan

Dhukkuba sukkaaraa guutumaatti qorichi fayyisu hanga ammaatti jiraachuu baatuus, wal’aansaafi gorsa ogeeyyii fayyaa haalaan hordofuun dhukkubicha wajjiin umrii dheeraa jiraachuun ni danda’ama. Namni dhukkuba sukkaaraa qabu yaalii haalaan argachuu baannaan rakkoo fayyaa baay’eedhaaf saaxilama: rakkoowwan kunneenis

  • Ijaan jaamuu(blindness)
  • Kaleen dadhabuufi hojii dhaabuu.
  • Lukni garmalee madaa’uun sadarkaa ogeessii fayyaa akka muramu murteessu irra gahuu danda’a.
  • Dhukkuba onneef nama saaxiluu.
  • Dhukkuba narviin qabamuu,
  • Infeekshiniiwwan gogaa namatti deddeebi’u.
  • Rakkoo dhageettii gurraa horachuu.
  • Rakkoo waa yaadachuu dhabuu /Alzheimer’s disease.
  • Rakkoo walqunnamtii saalaa dhiiraaf /erectile dysfunction/

Mana Yaalaa deemuun ilaalamuun yoom barbaachisa

Dhukkuba sukkaaraatiin qabamuu keenyaan duratti sukkaarri dhiiga keessatti suuta suutaan dabalaa dhufa. Sadarkaa dhukkuba sukkaaraa irra yoo hingeenye ‘prediabetes’ jennaan. Kanaaf namni tokko wantoota armaan olitti eeraman kan dhukkuba sukkaaraaf isa saaxilu yoo qabaate mana yaalaa deemuun ilaalamuu qaba.

Namni tokko hammi sukkaraa dhiiga isaa keessatti argamu yoo ol kahe ammaaf sadarkaa dhukkuba sukkaaraa irra gahuus baatu fuulduratti dhukkuba sukkaaraan qabamuuf carraa guddaa akka qabu agarsiisa. Kanaaf namni kun gorsa ogeessa fayyaa(kanneen armaan olii) raawwachuun rakkoon isaa gara dhukkuba sukkaaraatti akka ol hinguddanne gochuu qaba.

Qoricha isiniif kenname iddoo teempireechara gadi aanaa qabu keessa kaa’uu qabdu (yoo kan qabdan ta’e Firiijii ykn wantoota teempireechara  akka ol hinkaane godhan fayyadamuu)

AKKAMMITTI OF IRRAA ITTISUUN DANDA’AMA?

Namoota dhukkuba sukkaaraa qaban keessaa 90% dhibee sukkaaraa gartuu lammaffaa (Type 2 diabetes mellitus) qabu. Gosti sukkaaraa kun ammoo karaalee ittiin namatti dhufu hanga tokko adda baafamee jira. Kanaaf ittisuun ni danda’ama.

Dhibeen sukkaaraa gartuu lammaffaa (Type 2 diabetes mellitus)  karaan ittiin namatti dhufu waan sirritti hinbeekamneef ittisuun ni rakkisa.

Gorsi armaan gadii dhibee kana ittisuuf yoo fayyadu, dhukkuba sukkaaraa gosoota hafaniifis hanga tokko nifayyada:

  • Nyaata madaalawaa soorachuu,
  • Foon diimaa, coomaafi nyaata zayitaa xiqqeessuu,
  • Nyaata faayibarii, kuduraaleefi muduraalee baay’inaan soorachuu,
  • Sochii qaamaa gochuu, yoo xiqqate deemsa karaa /walk/ guyya guyyaan daqiqaa muraasaaf gochuu, biskileetii oofuu, yoo danda’ame jiimi (gym) galuu,
  • Garmalee warri furdattan ulfaatina hir’isuu,
  • Tamboo xuuxuu irraa of qusachuu,
  • Sammuudhaan dhiphachuufi mukaa’uu irraa of eeguu,
  • Hirriiba gahaa rafuu- Namni ga’eessi tokko guyyaatti sa’aatii 7-9 rafuu qaba. Guyyaatti sa’aatii 9 ol rafuunis gaarii miti.
  • Dhugaatiiwwaan lallaafaa/mi’aaawaa ta’an hiri’isuu. Bakka sana bishaan, bunaafi shaayii osoo sukkaara itti hinbaay’isiin dhuguu,
  • Alkoolii dhuguu dhiisuu yoo dhiisuun dadhabame  baay’isuu baannaan gaariidha dhiiraaf guyyaatti 2, dubartootaaf 1 ol darbuu hinqabu.

Fayyaa hindhabinaa

Dr Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013

Recommended For You