Taphattoota Luusiiwwanii 30f waamichi godhame

Fifinnee: Luusiiwwan walmorkii waancaa kubbaa miilaa dubartoota Afrikaa 15fa Morookoon bara 2022 qopheessituuf tapha gulaalaa dura kan godhatu gareen kubbaa miilaa dubartoota Ugaandaa wajjin ta’uun beekame.

Taphattoonni waamichi taasifameef 30 kunneen taphicharratti hirmaachuuf gara Morookootti imalu.

Walmorkii gulaalaa duraa kanaaf leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Luusiiwwanii  Birihaanu Gizaawu taphattoota kubbaa miilaa 30f waamicha gochuunsaaniis beekameera.

Luusiiwwan  Caamsaa 30 hanga Waxabajjii 8 bara 2013tti tapha duraa kan dhaqaafi deebii kan gaggeessan ta’u, sagantaa konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaarraa  beekuun danda’ameera.

Walmorkii Itoophiyaafi Ugaandaa gidduutti gaggaffamuun  kan injifate  ji’a Onkoloolessaa bara 2014 tapha gaggeeffamurratti garee dubartootaa Keeniyaafi Sudaan kibbaa wajjin taphata.

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013

Recommended For You