Finfinneetti raawwii misooma dirreewwan ispoortii

Finfinnee: Guddina ispoortii biyya tokkoo keessatti iddoowwan oolmaafi dirreewwan ispoortii gahaa ta’aniifi hawaasa ispoortiif mijaataa ta’an daran murteessaafi barbaachisaadha.

Kanuma bu’uureeffachuun bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti komishiniin ispoortii magaalattii bu’aa qabeessummaafi fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf bu’uuraalee misooma ispoortii guguddoo ijaaraa jira. Kanaafis inni bu’uuraa iddoowwan oolmaa ispoortii akka babal’atan gochuun murteessaadha.

Istaadiyoomotaafi dirreewwan ispoortii babal’isuu waliin walqabate komishiniin ispoortii magaalaa Finfinnee  sochiiwwan hintuffatamnne gochaa kan ture yoo ta’u, hojii barana hojjechuuf karoorfate hundi akka xumuraman gochaa jira.

Haaluma kanaan bara 2013tti bakeewwan oolmaa ispoortii 42 akka babal’atu ta’aa jira. Kutaa Magaalaa Qirqoosiin ala kutaalee magaalattii 10 keessatti iddoowwan oolmaa ispoortii baldhinaan hojjeteera.

Kanneen keessaa gandoota kutaalee Magaalaa Eekkaa, Boolee, Gullallee, Araadaafi Addis Katamaatti iddoowwan oolmaa  ispoortii haaraan ijaaramuun dhiheenyatti eebbifamuudhaan tajaajila kennu jedhamee eggama.

Kuni kan ibsame Roobii darbe sagantaa daaw’annaa dirreewwan oolmaa ispoortii kutaalee magaalattii komishiniin ispoortii magaalaa Finfinnee gaazeexeesitootaafi deeggartoota kilaboota Buna Itoophiyaafi Qiddus Giyoorgisiif qophaa’erratti.

Komishinarri Komishinii Ispoortii Finfinnee Obbo Balaay Dajan akka muldhisanitti, dirreewwan akaakuuwwan ispoortii adda addaatiif tajaajila kennan abbummaa qabaachuun yeroo ammaa hawaasa ispoortiifi manneen barnnootaatti tajaajila kennuu  jalqabaniiru.

Akkasumas kanneen sadarkaa kutaalee magaalaatti ijaaramaniifi haaromsaman yeroo gabaabaa keessatti waraqaa abbummaa argachuudhaan hawaasa gandootaatti dabarsuun abbummaadhaan akka  bulchaniif dabarsuufiif qophiin xumuramuu  addeessaniiru.

Pirojektota ispoortii ijaaramaa jiraniifi hojiinsaanii xumurame tajaajila kennuuf qohaa’an kanneeniif komishinichi qarshii miiliyoona 700 ol kan baase yoo ta’u, kanneen hafe ammoo hawaasa magaalattii wajjin mari’achuudhaan akka hojjetaman waliigaleera jedhu.

Komishinarichi ittifufuudhaan 2005 kan jalqabameefi rakkina xaxamaa bulchiinsa gaariirraa kan ka’e hojiinsaa dubbatti hafee kan ture iddoon oolmaa daakaa bishaanii Raas Hayiluu ammaan tana pirojektota ispoortii xumuraman keessaa tokko ta’uun dhiheenyatti akka eebbifamus eeran.

Lafa kaaree meetira kuma 15fi 117 irratti kan hojjetamaa jiru iddoon daakaa bishaanii kun sadarkaa biyyoolessaa kan qabuufi Afrikaa bahaarraa ta’uu beeksisaniiru.  

Ammaan tana bishaan botteedhaan waraabee kan guutame ta’us gara fuula duraatti morichumaaa bishaan ho’aa baasuuf qarshin miiliyoona shanii ol ramadamuus komishinarich muldhisaniiru.

Kana malees iddoowwan oolmaa ispoortii kubbaa kaachoo, kubbaa saaphanaa, kubbaa harkaafi teenisa dirree kan hammatu giddugalichi, biirolee tajaajila hojjettootaa, manneen qulqullinaa, jimnaaziyemiifi galma walga’ii akka  qabus  ibsameera.

Karaa biraatiin giddugaleessota Raas Hayiluufi Barumsa Ispoortii Araat Kiilootti  qorannoofi qo’annoo, leenjiiwwaniifi barumsaa gochuufis gamoo abbaa darbii torbaa ijaarsisuuf qophiin taasifamaa jiraachuubn ibsameera.

Daaw’annicharratti kan argame  dargaggoo Abeel Mangashaa akka ibsetti, gaaffiin yeroo dheeraa dargaggoota magaalattii  rakkina iddoowwan oolmaa ispoortiif kaasaa turan kan furu ta’uu eera.

“Ani kanan dufe kutaa magaalaa Eekkaa, ganda 01 bakka bu’eeni. Waanan arge marattuu gammadeera. Kanaan dura dargaggoonni magaalattii iddoowwan oolmaa dhabuurraa kan ka’e araadawwaniifi yakkoota adda addaatiif saaxilamaa turuu eeree kun kanaaf furmaata ta’uu ibsa.  eera.

Dargaggoota naannawa Inxooxxoo bakka bu’uudhaan kan argame Dargaggoo  Darajjee Lammaa gamasaatiin akka ibsetti, Ispoortii Sanyumaa,Amantaa,Bifaafi kornyaala addan osoo hin basin dargaggoota naannoo,kan biyyaafi Addunyaa gaadisa tokko jalatti walitti fiddudhaan obbolummaan, jaalalli, tokkummaafi marartiin isaan jidduutti akka cimu meeshaa taasisuudha.

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013

Recommended For You