Daraggoon utubaa biyyaa, abdii egeree gaachana daangaa, hirkoo gaafa xiiqiiti. Humni kun ganamuma yaada ijaarsaafi misoomaan ijaaramee yoo kunuunfameen alatti qabaafi hordoffii qajeelaa dhabnaan biyyaaf abdii osoo hintaane badii ta’uunsaa waan oolu miti.
Kun akka hintaaneefimmoo toorri xiyyeeffannoo gama mootummaanis ta’e hawaasa bal’aatiin kennamuufii qabu kan fooyya’uu maluudha. Sochiin fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf akka biyyaatti eegalame jajjabeessaa ta’us hordoffii dhabuusaatiin akkaataa karoorfameen milkaa’aa hinjiru.
Naamusa gaariifi ga’umsa dargaggootaa mirkaneessuuf misoomni oolmaa dargaggootaa akka babal’atu karoorfamee ture. Kuni ta’us bakkeewwan gara garaatti hordoffii dhabuun fayyadamummaansaanii milkaahuu hindandeenye.
Daraggoonni hordoffii dhabnaan hirkattummaan akka babal’atu taasisuurra darbee rakkoo nageenyaa ta’anii yeroo itti mul’atantu jira. Kun akka hafuufimmoo kutannoo siyaasaa mootummaan agarsiisuufi firiinsaa quufsaa ta’uu dandaha yoo jenne kijiba hinta’u.
Barreeffama kanaanis Finfinneetti sochii misooma oolmaa dargaggootaa Kutaa Magaalaa Eekkaa, ganda 01 keessatti gaggeeffamaa jirurratti xiyyeeffanna. Kanarrattis turtii dargaggoota tokko tokko wajjin taasisneen wiirtuun dargaggootaa xiyyeeffannoo maluuf argataa akka hinjirreedha kan hubanne.
Dargaggoo Mallasaa Zawudee jedhama. Dhalatee kan guddate ganduma eerame kanatti. Barumsa sadarkaa tokkoffaa mana barumsaa Tigil Lanatsaannat, sadarkaa lammaaffaa ammoo Kaarraamaaraatti barate. Waggoota 12 dura wayita wiirtuun dargaggootaa ganda 01tti tajaajila eegalu hojjetaa yeroo ture. Waggoota lamaas as garuu dursaa dargaggootaa ta’uun hojjetaa jira.
Imala hojiisaa kana keessattis hubannaa argateen dargaggoonni bakka oolmaa mijataa waan dhabaniif xiyyeeffannaa dhabuun dameen ispoortii akka laafu sababa ta’eera jedha.
Mallasaan turtii Kibxata darbe Gaazeexaa Bariisaa waliin mooraa wiirtichaatti taasiseen hudha dargaggootaa ilaalchisuun giddugalli dargaggootaa sadarkaasaa eeggate dhabamuun dargaggoonni hojmaata badaatti akka goran taasisuu kaasa.
Kana malees dargaggoonni naamusa gaariin ijaaramanii akka hinguddanne dameen ispoortiis akka hinfooyyofne sababa ta’aa jiraachuus ni eera.
Akka ibsasaatti, dargaggoonni bakka hintaane akka hinoolle akkasumas rakkoolee adda addaatiif akka hinsaaxilamnne taasisuuf yeroo boqonnaasaanii bakkeewwan haara galfannaa qopheessuufiin barbaachisaadha jedha.
Dargaggoonni rakkoo hawaasummaa, dinagdeefi xiinsammuu jalaa bahanii, misooma magaalattiirratti hirmaachisuuf qoodni wiirtuu dargaggootaa daran olaanaa ta’uus ni eera.
Haaluma kanaan Gandi 01 rakkina dargaggootaa hubachuun bara 1999 wiirtuu dargaggootaa ijaaree akka dargaggoonni ittifayyadaman taasiseera.
Wiirtuun kun kutaalee teenisa miinjaalaa, karambullaa, jimnaastikii, tekuwaandoo, kutaa ‘ICT’, mana kitaabaa, iddoo qorannoo, galma walga’ii kan tajaajiloota adda addaa ummata naannichaafi dargaggootaaf kennuu akka qabu dursaan garee kun ni ibsa.
Wiirtuun dargaggootaa hirmaannaa ummataafi mootummaatiin ijaarame kun ammaan tana kunuunsaafi xiyyeeffannaa dhabee baaxiin saa dhim’isaa jira.
Hojjettoota 21 kan qabu wiirtichi galiidhaan of danda’aa akka hinjirrellee Dargaggoo Mallasaan nutti himeera.
Keessumaa manni kitaabaa, kutaan ‘ICT’fi galmi walga’ii waan dhim’isuuf qabeenya achi keessatti argamu mancaasaa jiraachuu eera.
Sababii kanaan dargaggoonni hedduun wayita haara galfannaa asitti yeroosaanii dabarfatan bittinnaa’uudhaan araadawwan adda addaatiif akka hinsaaxilamne sodaan jiraachuus ni kaasa.
Kanaafuu fayyadamummaa dargaggootaa guddisuuf mootummaafi maatiisaanii qofa eeguu osoo hinta’iin hawaasni martuu ga’eesaa ba’achuu qaba jechuudhaan ibseera.
Dhimma kanarratti kan dubbisne Kutaa Magaalaa Eekkaa, Ganda 02tti Ittigaafatamtuun Kutaa Faayinaansii Dubaree Yashii Alamuu gamashiitiin erga wiirtichatti hojii jalqabdee waggaa sadii yoo taatu, wiirtuun kun dhiirota qofaaf osoo hinta’iin shamarraniifis dhimma walhormaataa dabalatee tajaajiloota gara garaa kennaa jiraachuu ibsiti.
Dubartoonni barumsa kutaa 12fa raawwatan qormaata seensaa hinarganne gara wiirtichaa dhufuun kitaabota dubbisaa akka jiranillee ni dubbatti.
Kana malees akkaataa qulqullina manaafi naannawaa, akkaataa itti maallaqa qusatan, kunuunsa maatiifi naannawaarratti hubannoo akka argatan gochuurratti faayidaa olaanaa kennaa jiraachuus nutti himteetti.
“Ani gama kiyyaan wiirtuu kanarraa fayyadamtuu ta’eera” kan jettu Yashiin, dubartoonni taa’anii hojii mootummaa qofa eeguurra mataasaaniitiin barumsa adda addaa hordofuudhaan hojii mataasaanii uumuun ofiifi maatiisaanii fayyadamtoota gochuu qabu jetti.
Waggoota muraasa dura hojii dhabeen rakkachaa ture kan jetti Yashiin, barumsa ogummaa adda addaa hordofuudhaan qarshii xinnoodhaan mindeeffamuun ammaan tana eeggattummaa jalaa bahuu danda’uushii dubbatti.
Miirri hojii tuffachuu gaarummaa akka hinqabne kan eerte dubareen tun, dargaggoonni ogummaawwan gara garaa osoo qabanii hojii tuffachuudhaan maatiisaaniif ba’aa ta’uun sirrii miti jechuun qeeqxi. Yeroo kun yeroo taa’anii waleegan osoo hinta’iin dafqa duguggachuudhaan kan itti bulanidha jechuunis ni dubbatti.
Kana malees dirreen ispoortii sadarkaasaa eeggatee ijaaramaa jiruufi altokkotti daaw’attoota kuma 23 keessummeessuu danda’u xumuramaa jiraachuus eeree, innis wayita xumuramee tajaajila jalqabutti dargaggoota fayyadamtoota gochuu maddiitti shaampiyoonaawwan adda addaa qopheessuudhaan taphattoota ispoortii bakka bu’oota horachuufillee kan oolu ta’uu dubbata.
Kanaafu dubartonni damee maraanuu tattaaffii gochuudhaan hirkattummaa jalaa bahuu akka qabanin dhaama.Kana ta’u baannaan ofiifis ta’u guddina biyyaaf bu’aan argamu waan hinjirreef aadaa hojii uummachuu gabbaifachuun eeggattummaa jalaa baanee dhaloota dhufuuf galaa kaahuun barbaachisaadha.
Teshoomaa Qadiidaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013