Daandii ariitii dinagdee hawaasichaa ariifachuuf giddugala biyyaatti diriire. Daandii daandii caalu, kan dhaloonni boruus waan hedduu irraa dhaalu, kan naannawa sanaafis malu ta’uusaa immoo eenyullee hinhaalu. Faayidaan geejibaa ummata walitti dhiheessuu yemmuu ta’u, kan daandii ariitii ammayyaa kanaa immoo hiikkaa sanarra darbu kan qabuudha.
Itoophiyatti gama daandii ariitii kanfaltii ammayyaa isa Finfinnee-Adaamaatiin tokko jedhee eegale har’a immoo Mojoo Maqii-Baatuu tti tarkaanfatee hanga Hawaasaatti fulla’uudhaaf immoo waggaa lama duwwaa gaafate.
Guutuun daandii kanaa Mojoo irraa ka’ee hanga Hawaasaatti kan fulla’uufi waliigalaan kiiloomeetira 202 kan dheeratu yemmuu ta’u, sana keessaa immoo inni Mojoo hanga Baatuutti jiruufi kiilomeetira 92 dheeratu ijaarsisaa xumuramee torbee darbe bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti eebbifameera.
Daandiin kiiloomeetira 92 dheeratu kun al tokkotti konkolaataawwan afur kan keessummeessu yemmuu ta’u, walii galaan immoo baasiin qarshii biiliyoona 6.3 ta’u itti bahuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa Injinar Habtaamuu Taganyi ni dubbatu.
Ijaarsi daandii saffisaa kanfaltii kun sirna geejjibaa si’ataa ta’e kennuudhaan dinagdeen biyyattii akka guddatuuf shoorri inni qabu olaanaa ta’uu himanii, ajandaa Afrikaa kan bara 2030 dhugoomsuu keessatti ga’een daandiin kun qabu guddaa ta’uu ibsu.
Daandichi qaama daandii guddicha Afrikaa Kaaba Misir magaalaa Kaayiroorraa ka’ee hanga Afrikaa Kibbaa, Magaalaa Keeptaawunitti diriiruuti.
Daandiin guddichi Afrikaa kun immoo kan hojjatamu tokkoo tokkoo biyyoota daandichi qaxxaamuree keessa darbuutiin yemmuu ta’u, Baankiin Afrikaa immoo dhaabbilee gargaarsaa kanneen biroo waliin ta’uudhaan milkaa’ina daandii kanaatiif hojii maallaqaaan deggaruu kan hojjatu ta’a jedhu.
Ji’oota muraasaan duratti immoo qaamuma daandii guddicha Afrikaa kanaa kan ta’e inni Hawaasaa ka’ee Mooyyalee qaxxaamuruudhaan hanga Keeniyaatti fulla’u bakka hoggantootni biyyoota lamaanii argamanitti eebbifamuunsaa kan yaadatamuudha.
Kaayyoofi faayidaan guddaan daandiin kun biyyoota Afrikaatiif kennuu danda’u keessaa immoo walitti hidhamiinsa ardichaa gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin jiru kan cimsu yemmuu ta’u, imala biyya Afrikaa tokkorraa gara biyya afrikaa isa birootti taasifamuuf tanaan dura geejjiba qilleensaa qofaan fayyadamamaa tureef filannoo dabalataa kan kennuudha.
Akkuma uumamasaatti immoo baasiin geejjibaa lafoo isa qilleensaatiin yemmuu madaalamu rakasa waan ta’eef, akka durii biyya tokkorraa biyya birootti imalanii hojjachuuf, barachuufis ta’ee bashannanuuf nama qabeenya qabuufi geejjiba qilleensaa fayyadamuu danda’u qofaa osoo hintaane, namni galii giddu galeessa qabu geejjiba lafaa ykn konkolaataatiin imaluuf carraa argatu.
Kaayyoofi faayidaan daandiin guddichi Afrikaa kun sadarkaa Afrikaatti qabu akkuma jirutti ta’ee, kutaaleen biyya keenyaa daandichi kun keessa qaxxaamuree darbuus faayidaa hammana hin jedhamne achirraa argatu.
Daandiin saffisaa kanfaltii Mojoo hanga Hawaasaatti fulla’u sun akka tasaa daandiin Afrikaa guddichi keessaa waan qaxxaamuruuf qofa osoo hintaane, humna dinagdee olaanaa naannawa sanaa xiyyeeffannoo keessa galchee waan hojjatame fakkaata.
Naannoon Mojoo kaasee hanga Hawaasaatti jiru kun sadarkaa biyyaatti iddoowwan guddachuudhaaf carraa olaanaa qaban keessaa isa sadarkaa duraa irratti argamu ta’uusaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad sirna eebbaa daandiichaa irratti haasa’a taasisan keessatti ibsanii turan. Kanaaf akka sababaatti kan kaasan immoo, naannawaan sun uumamaan hojiiwwan dinagdee gosoota hedduutiif mijataa ta’uusaati.
Hundaa caalaa immoo wanti namni naannawa sanaas ta’ee kanneen biroo hedduun quba hin abne tokko Doktar Abiyyi achitti dubbatanii turan, innis naannawa sanatti buufatni xiyyaaraa tokko yeroo gabaabaa keessatti akka ijaaramuudha. Wanti sun immoo dhugaa taanaaniifi hojirra oollaan filatamummaa naannawa sanaa dachaadhaan kan dabalu akka ta’u shakkiin hinjiru.
Akkuma namni kamuu beeku naannawaan Mojoo hanga Hawaasaa jiru kun iddoowwan birootiin yemmuu wal bira qabamee ilaalamu rakkoo daandii cimaa ta’e kan qabuu miti. Seenaa daandii biyya kanaa keessatti daandiin jalqaba bara wareera Xaaliyaan ijaarame (inni Finfinnerraa ka’ee hanga Mooyyaleetti) diriire sun naannawa kana qaxxaamuree kan darbu waan ta’eef.
Humna omishaa naannawaan sun qabuufi, baay’ina gosoota omishaa garagaraa, turizimii, omishoota gabaa alaatiif dhihaataniifi dafanii baduu danda’an waan qabuufi.
Omisha kuduraafi muduraa gabaa giddu gala biyyaatiif dhihaatan keessaa hanga dhibbantaa 70 kan dhiheessu nannawa kana yemmuu ta’u, omisha abaaboo gabaa Awurooppaafi baha giddu galeessaatiif dhihaatus irra jireessaan kan oomishamu naannoodhuma kanatti.
Gama dhiheessii qurxummiitiinis taanaan omisha qurxummii akka biyyaatti beekaman keessaa isaan haroowwan sulula qiinxamaa kanneen akka Haroo Danbal, Maqii, Hawaasaa kan argamanis naannawuma kanatti waaan ta’eef humna omisha qurxxummiitiinis naannawa sadarkaa duraa irratti argamuudha.
Gama aaragalfiifi bashannanaatiinis ilaallaan iddoowwan hawata turiizimii biyya keessaafi alaatiif mijatoo ta’aniifi baay’inaan namootni itti bashannanuu danda’an keessaayis naannawaan kun isa tokkoofi isa guddicha yemmuu ta’u, iddoowwan bashannanaa kanneen akka haroo Danbal, Laangaanoo, Waabee Shabalee, Abijaataa, Shaallaa, haroo Hawaasaafi Wandoo Gannatfaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Kana qofaa osoo hintaane naannawaan kun dhiheessii jimaatiinis sadarkaa biyyaatti kan beekamu yemmuu ta’u, keessattuu naannawaan Hawaasaafi Wandoo ykn immoo guutuun naannoo Sidaamaa omisha Jimaa magaalaa giddu gala biyyattii Finfinneef dhihaatu keessaa isa guddaadha. Waan ta’eefis faayidaan daandiin ariitii kanfaltii biyya tokkoof qabu akkuma jirutti ta’ee, kutaalee biyyattii keessaa immoo iddoon amma daandichi itti hojjatame kun iddoo murteessaafi utubaa diinagdee biyyattii ta’etti hojjatamuunsaa faayidaa dachaa ta’e akka qabaatu taasisee jira.
Omishootni naannawa kanatti argaman ariitiidhaan gabaa giddu galeessaafis ta’ee iddoowwan itti barbaadamanitti akka dhihaataniif, yeroo barbaadamaniifi qulqullinna barbaadamaniin akka dhihaatan taasisuufis shoorri daandiin kun taphatu salphaa miti.
Iddoowwan bashannanaa daandiin kun qaxxaamuree keessa darbus taanaan turistootni ykn daawwattootni kanaan dura daandii dheeraafi imala ariitiif hinmijatneen dhufanii achi buluuf dirqaman, daawwatanii deebi’uus barbaannaan haala salphaa ta’een dafanii akka deebi’aniif carraa kan kennuudha.
Kanaan dura daandii isa dur tureen Mojorraa hanga Baatuutti imaluudhaaf giddu galeessaan sa’aa lamaa ol kan fudhatu yemmuu ta’u, daandiin saffisaa kanfaltii kun immoo imalicha gara sa’aatii tokkotti gadi xiqqeessuu danda’eera.
Guddina biyya tokkootiif immoo wantoota bu’ura ta’an keessaa inni akka lafee dugdaatti ilaalamu daandiidha. Daandiin immoo sadarkaalee garaa garaa qaba. Daandii cirrachaa, daandii haramaa, daandii aspaaltiifi daandii ariitii kanfaltii (hammayyaa) fa’a.
Kanaan dura daandii cirrachaa irraa gara daandii aspaaltiitti geeddaruun akka ajaa’ibaatti ilaalamaa kan ture, har’a immoo daandii ariitii kanfaltii ammayyaa Finfinnee-Adaamaan eegallee, Mojoo-Hawaasaa itti daballee, Adaamaa-Hawaash immoo yeroo dhihoo keessatti eegalchiisuudhaaf karoora qabannee jirra.
Kun hundi walitti dabalamee immoo jijjiirama hunda galeessa ta’e fiduudhaan keessattuu immoo iddoowwan humna dinagdee murteessaa ta’erratti xiyyeeffachuudhaan hojii akkanaa babal’isuun murteessaa ta’a
Walumaagalatti, qaama daandii guddicha Afrikaa Kaayiroodhaa hamma Keptawunitti diriiruu kan ta’e daandiin ariitii Mojoo-Hawaasaa, iddoon inni keessa qaxxaamuree darbu sun akka biyyaatti iddoo guddachuuf carraa olaanaa qabu waan ta’eef carraan daandichi hawaasa naannawa sanaatiifi ta’ee dinagdee biyyaa si’eessuu keessatti qabu olaanaadha.
Qaama daandii kanaa kan ta’eefi hojiinsaa guututti xumuraamee kan eebbifame daandii Mojoo-Maqii-Baatuu kanarraa muuxannoo fudhachuudhaan, inni Nageellee Arsiitii kaasee hanga Hawaasaatti jirus dafee xumuramuudhaan faayidaa yaadameef akka ooluuf tumsi qaamota dhimmichi ilaallatuu dirqama ta’a.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013