Yeroo tokko akka itti ummatni biyya Ruwaandaa waliisaa barbadeesse mucaan dubaraa ganna kudha saddeetii gadii tokko waan agarteefi mudannoo dhuunfaa isheetii kan isheen dubbatte yoomiyyuu akkan hinirraanfanneefi irra deddeebi’ee gaaffii garaa garaa akkan of gaafadhu nataasiseera.
Akkasumas haala yeros ture ilaalchisee dhaabbileen amantii hangam akka ga’ee isaan irraa barbaadamu ba’an, ittigaafatamummaa isaan irra jiru hangam akka hubatan, dhaloota oolchuu keessatti ga’ee isaanii maal akka ta’e hubataniiruu laata kan jedhuufi kkf akkan ofii koo gaafadhu nataasise.
Haala biyya sana ture gadi fageessinee yoo ilaalle dhaabbileen amantii, geggeessitootni amantiis ta’e kanneen biyya geggeessan dukkana biyyaafi saba marsee tureef qaama furmaataa utuu hinta’in qaama rakkinaa ta’anii seenaan yoomillee akka isaan hindagannetti darbaniiru.
Isaan har’a bakka sana hinjiran. Haalli biyya Ruwaandaas jijjiirameera. Gochaasaaniirraa garuu dhalootni dhufee darbu akka irraa baratuufi qorannoowwan adda addaa akka irratti geggeessu sababa ta’aniiru.
Sababiinsaa mucaan dubaraa armaan olitti maqaa dhoofne tun qomoo warra Tuutisii jedhaman keessaa kan taate rakkoo biyya sana keessa ture umuriishee sanatti homaa tokko nama hinbeekne yoo taatellee balaa uumame jalaa mana amantiitti baqattee miliquu hindandeenye.
Akkuma namoota biroo isheefi maatiinishee pirezidaantiin biyyattii Caamsaa 6 bara 1994 balaa xiyyaaraatiin akka lubbuun darbe yeroo dhaga’an magaalaan Kigaalii, jechuunis bakka isheen maatiishee wajjin jiraattu raafame.
Oduun nama naasisus mandarasaanii keessa tamsa’uu eegale. Duuti pirezidaantii biyya sanaa isheefi qomooshee hundarratti akka rakkoo cimaa fidee dhufaa jiru hubatan.
Isaan duratti waggoota baay’eef warra qomoo Hutuufi Tutisii jedhaman kanneen gidduutti akka jibbi ture nibeeku. Duuti nama kanaa maal akka irraan ga’uu danda’u hubataniiru. Haalli naannawaas kan nagaa namaa kennu hinturre.
Ta’us yeroo walitti bu’iinsonni gara garaa turanitti namootni bakki itti baqatanii rakkoo jiru jalaa oolan manneetii amantii ture. Namootni Ruwaandaa walitti bu’iinsi kamiyyuu yoo jiraate nama baqatee mana amantii seene ija jabaatanii seenanii hinmiidhan.
Inni kun duudha gaarii ture. Biyya keenyattis taanaan duudhaa gaariin kun jira. Manni amantii kabaja qaba. Namni nama ajjeesellee hanga qaama seeraa harka seenutti mana amantiitti baqatee namoota aariidhaan miidhuu danda’an jalaa oola.
Ruwaandaattis isa kanatu ture. Kanaaf mucaan dubaraa tun maatiishee wajjin hanga qilleensi hamaan ka’uuf jedhu sun darbutti waan qaban fudhatanii gara mana amantiitti baqatan. Raadiyoon biyyittiis ittifufee akka namoota Tutisii jedhaman ajjeesaniif labsuu eegale.
Mannneen amantiis namoota sodaatanii baqataniin guutame. Turbee tokko booda dargaggootniiifi namootni humna qaban Huuttuu keessaa gurmaa’an ykn “Interahamwe” jedhaman meeshaa hidhatanii, eeboo guuranii, dhuka’aawwan garaa garaa hidhatanii gara mana amantii kana dhufan.
Sodaa dur manni amantii qabu nidagatan. Humnaan olseenaniis namoota mana amantii keessa jiran utuu gargar hinbaasin eeboodhaan, gajaraan, rasaasan ajjeesuu eegalan. Mucaan dubaraa tun garuu ijoollee umurii 18 hinguunne, miidhagduu waan taateef warra kaanirraa adda ishee baasanii qophaatti dhaabuun warra kaan ajjeesanii fixan.
Dhumarratti mana amantii keessatti mucaa dubaraa kana dabareen gudeedan. Inni dhumarratti gudeede gajara baatee jiruun morma isheefi mataashee rukutee sokke. Inni kun achumaan akka duutuuf ture. Ta’us kanneen hundarraa ooluun madaa dheengaddaa sana har’a namootatti agarsiisuun akka namootni irraa baratan gochaa turte.
Rakkoo uumamuuf ture dhumiisa qophaa’e dhaabsisuuf manneen amantii nidanda’u turan. Sababiinsaas namootni Ruwaandaa dhibbaantaan 95.6 ta’an amantii Kiristaanaafi Islaamaa hordofu turan.
Namni haala kana gabaase tokko namni maqaansaa ‘Hugh McCullum’ jedhamu yeroo dubbatu manneen amantii mallattoo walitti bu’iinsaa tureef bakka hinlaanne jedha. Naqaan akka bu’uuf, hariiroon namootaa gaarii akka ta’u, duudhaa amanaan tokko qabaachuu malu akka qabaataniif cimsanii hojjechaa hinturre.
Geggeessitoota amantii dabalatee rakkoo uumame keessaa harka qabu turan. Kan nama dhibu yoo jiraate akka rakkoon ture sun itti hammaatuuf kan labsan akka turan dubbatama. Egaa jarri kun ga’eesaanii isa guddaa waan dagatan fakkaata.
Dhiibbaa gaarii isaan dhalootarraan geessisan guddaa ta’uu mala. Sababiinsaas akkuma beeknu barsiisni amantii namni tokko firasaa qofa utuu hinta’in ilmaan namootaa hundaaf akka jaalala qabaatu barsiisa.
Dhiifama walii gochuu, araara buusuufi isa dhaga’an hojiitti geeddaruu, jireenya fakkeenyummaa qabaachuu keessatti amantiin ga’ee guddaa qaba. Amantiin dhaloota qara. Karaa gaarii, ilaalcha gaarii, mul’ata gaarii akka qabaatan gargaara.
Inni kun geggeessitoota amantii Ruwaandaa keessaa waan dhibe fakkaata. Kunis dhaloota hedduu miidhe. Hawaasa miidhe. Dhumarratti dhumiisa dhalootaafi kufaatii biyyaaf sababa ta’e. Kan nama dhibu yoo jiraate dhaabbilee amantii dabalatee kan keessaa fayyadame hinturre.
Akkuma beekamu amantiin biyya lafa kana keessatti ilmaan namaarratti jijjiirama guguddaa fide keessaa tokkicha yoo ilaalle akkaataa itti jireenya qajeelummaa jiraatan namoota barsiise. Isa kana gama tokkotti dhiisanii manneen amantiis haala ture wajjin hiriiran. Hiramoos turan. Siyaasawwan adda addaa wajjin hiriiraniiru.
Inni kun ammoo dhugaa irra dhaabachuu isaan dadhabsiise. Dhugaa dubbachuuf danqaman. Inni biyya lafaa keessatti mul’atu mana amantii keessattis nimul’ata ture. Kanneen qofa utuu hinta’in dhaabbileen addunyaa gara garaa biyyicha keessa turaniiru.
Rakkoo sabicha mudachuuf jiruuf garuu homaa tokkollee hinjenne. Inni guddaan nama gaddisiisu namoota biyyoota gara garaa keessaa dhufanii biyyas jiraatan ykn dhaabbilee mootummaa addunyaa adda addaa utuu hinta’in inni guddaan rakkoo jiru tasgabbeessuu, dhugaa barsiisuu, dhugaa labsuu, daandii qajeelaa dhalootatti agarsiisuu, hamaarraa akka maqan taasisuu keessatti ga’ee guddaa kan qabu manneetii amantii ture. Akka tasaa ta’ee isa kana gochuu dadhaban. Dhalootas gatii kanfalchiisan.
Addumaan Ruwaandaatti bara 1994 ji’a Caamsaatii eegalee hanga Adoolessaatti guyyoota 100 keessatti magaalonni daran wiirtuu jeequmsaafi loliisaatti geeddaraman. Uummatni hanga miliyoona tokkotti tilmaamamu nidhume. Namni amantii hinqabne jedhamee yaadamu yoo baay’ate dhibbantaa 2.5 qofa.
Manneen amantii utuu karaa sirrii dhalootatti agarsiisan ta’ee jijjiirama guddaa fidu turan. Garuu carraa fudhatamuu hawaasa keessatti qabanitti fayyadamanii dhaloota qaruuf yaalii isaan taasisan muraasa.
Rakkoo uumamuuf jiruuf furmaanni dhiyeessan hinturre jechuun nidandaa’ama. Fakkeenyummaa agarsiisuun dhalootni haala keessa jiru keessaa ba’uun akka gara dhiifamaatti dhufaniif carraaqqii cimaa hintaasifne.
Inni kun dhaloota bakka hedduutti gatii hinbarbaachifne kanfalchiise. Isa kana akka Ruwaandaatti kaafne malee biyyoota akka Maayinaamar bara 1948, Kaaba Ayirlaanditti bara 1969, Filiippiinsi keessatti bara 1970, Baangilaadish keessatti bara 1973, biyya Hindii keessatti bara 1982, Sudaan keessatti bara 1983, biyya Maalii keessatti bara 1990, Azerbaajdaan keessatti bara 1990 fi kkf manneen amantii akka warra kaaniitti of-ilaaluun dhaloota qaruu dadhabuu irraa kan ka’e namootni hedduun galaafatamaniiru.
Egaa isaan kanaaf sababa kan ta’e dhugaa jirurraa maquun ykn dhugaa jiru sirriitti jiraachuun fakkeenya gaarii ta’uu dadhabuu irraa kan dhufeedha. Amantaan madda nagaati; madda abdiiti; madda qaroominaati; madda seera qabeessummaati; kana hundumaa irra madda jireenyaati.
Akkaata itti orma simatan barsiisa. Akkaataa itti jireenya qajeelinaa jiraatan gorsa. Gadi of-deebisuu nama barsiisa. Bakka namootni amantii qaban jiran walii galteetu jira. Jaalalatu jira. Kabajatu jira. Ilaafi ilaameetu jira.
Isan barbaadu obboleessi/obboleettiin koos nibarbaadi jechuutu jira. Isa kaaniifis haa ta’u jechuutu jira. Isa karaa irraa maqe gorsanii deebisuutu jira. Isa rakkate cina dhaabachuutu jira. Waliif oo’uutu jira.
Duudhaaleen kun keessaa dhibnaan sababa isaa gaafachuutti deebi’uun gaariidha. Baay’een kanneen armaan olitti maqaa dhoofne isaan kana of keessaa dhaban. Dhabuu qofa utuu hinta’in of gaafachuu dadhabanii fagaatanii deeman. Inni kun akka amantiittis ta’e akka hawaasaatti rakkoo cimaaf dhaloota saaxile.
Barootni darban akka waan hedduu nubarsiisan. Isa hamaarraas ta’e inni gaariin barumsa qaba. Nutis har’a kanneenirraa barannee waan dubbannu, waan hojjennu, karoorri keenya marti duudhaa amantii keenyaa wajjin akka walsimatu gochuun murteessaadha. Hamaa ciigga’uun isa gaarii hordofuun barbaachisaadha. Dhugairra dhaabachuun hamaa ifachuunis ga’eefi barsiisa amantiiti.
“Amantiin madda nagaati; madda abdiiti; madda qaroominaati; madda seera qabeessummaati; kana hundumaa irra madda jireenyaati. Akkaata itti orma simatan barsiisa. Akkaataa itti jireenya qajeelinaa jiraatan gorsa. Gadi of-deebisuu nama barsiisa. Bakka namootni amantii qaban jiran waliigalteetu jira. Jaalalatu jira. Kabajatu jira. Ilaafi ilaameetu jira.”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013