Warshaan Keenyaa tiraaktaroota 950 qonnaan bultootaaf dabarse

 Finfinnee: Magaalaa Shaashamanneetti kan argamu Warshaan Meeshaalee Qonnaa Ammayyaa Keenyaa kaleessa tiraaktaroota 950 qonnaan bultootaaf dabarse. Sirni walharkaa fuudhiinsaas qonnaan bultoota, dargaggoota waldaan gurmaa’aniifi dhaabbata Keenyaa gidduutti taasifameera.

Sirnicharratti Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoo federaalaafi naannolee, akkasumas abbootiin gadaa argamaniiru.

Tiraaktaroota 950 qonnaan bultootaafi dargaggoota waldaan gurmaa’anii qonna makaanaayizeeshinii irratti bobba’aniif kennameera. Tiraaktarri amma kenname kun qonna makaanaayizeeshinii harka 20 ture dachaan dabaluu akka danda’u ragaan Biiroo Dhimoota Kominikeeshinii Oromiyaarra argamee ni mul’isa.

Sirnicharratti argamuun haasawaa kan taasisan Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, mootummaan naannichaa damee qonnaa ammayyeessuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

“Mootummaan kun mootummaa qonnaan bulaafi horsisee bulaati, hoggansi hoggansa ta’uu hoggansa qonnaan bulaafi horsiisee bulaarratti kan xiyyeeffatuudha” jedhu.

Qonnaan bultoonni yaadota abjuu turan halkani guyyaa hojjettanii Oromiyaa jijjiruun abdii guddaa biyyatti horusaaniitiin galateeffataniiru.

Qonnaan bulaafi dargaggeessatti karoorafi kallattii sirriin yoo itti kennamee biyyaa sadarkaa olaanaarran gahuu akka danda’an agarsiisuusaanii eeranii, guyyaadhaa gara guyyaattis gara jijjramatti olba’aa jiraachuu ibsu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummanni wabii nyaataan akka of danda’u alergiin akka dabalamuu, omisha alaa galu hir’isuufi carraa hojii uumuurratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuus Obbo Shimallis himaniiru.

Qonnaan bulaa hojjate hindadhabne abdachuun bara dhufuufis tiraaktaroota kuma lama ajajamuu eeranii, qonnaan bultoonni ammas cimanii hojjetanii jijjirama akka fidaniif waamicha dhiheessaniiru.

“Itoophiyaan kan itti hojjannee matashee olqabnu malee kan itti boonyu miti, Itoophiyaan hirkattummaa alaa jalaa akka baatuuf ni hojjanna. Diinonni alaa hidhi haroomsa akka hinxumuramnee barbaadu, kadhannaan akka isaanitti deebinu barbaadu, hojjannee hidha haroomsa bishaan ni gunnaa, birmadummaa biyyaa keenya ni mirkaneessina, kana gooneetu diinoota keenya qaaneessina” jechuusaanii OBN gabaaseera.

Bariisaa Ebla 30 Bara 2013

Recommended For You