Waldhabdeen hiikamee qophiin Olompikii Tokiyoo eegalame

Finfinnee: Olompikiin Tokiyoo bara 2020 sababa weerara Koviid-19n waggaa tokkoof dheeratus maqaasaa akkuma qabateetti ganna dhufu adeemsifamuf ji’oota sadii qofatu isa hafa. Kooriyaa Kaabaatiin alatti biyyoonni miseensonni koree olompikii biyyooleessaa hundi dorgommii kanaaf atileetoota isaanii qopheessaa jiru.

Itoophiyaanis Olompikii Tokiyoo 2020 adeemsifamurratti ispoortii atileetiksii dabalate daakaa bishaaniifi Warlid Tekuwaandoodhaan hirmaatti jedhamee eegamaa jira. Ji’oonni sadii wayita hafanitti olompikii baranaa kanaaf biyyoonni hirmaatan marti atileetootasaanii filuudhaan akkuma kanaan duraa qophii olaanaa gochuu erga jalqabanii oolanii bulanis, koreen olompikiifi Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaas kan beekaniidha.

Qophii kanaafis jecha federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaa ji’a tokko dura dorgommii gulaalaa fiigicha dheeraa, gidduu galeessaafi gabaabaa atileetoota kilabootaafi naannoolee jiddutti gaggeesuudhaan warreen miniimaa guuttatan filachuun hoteela galchee shaakala jalqabu isaanis kan beekamuudha. Haata’u malee, atileetoota fiigicha maaraatooniirratti hirmaataniif dorgommii gulaalaa biyyaa keessaa qopheesse hirmaachisuuf beelama qabate turuun torban darbe daandii naannoo magaalaa Sabbataatti fiigicha kiloomeetira 35 korniyaa lamaan gidduutti gaggeessuudhaan mo’attootas beekuun danda’ameera.

Haaluma kanaan dubaraan Tigisti Girmaa sa’aatii 1:59.23n, Biraanee Dibaabaa sa’aatii 1:59.45n, Roozaa Darajjee sa’aatii 2:00.16n, Zayinab Yimar 2:03.41n, Ruttaa Aagaa sa’aatii 2:04.28n tartiibaan galuun isaanii beekameera. Kan dhiirootaatti ammoo Shuraa Qixxataa sa’aatii 1:45.75n, Leelisaa Disaasaa sa’aatii 1:46.15n, Siisaay Lammaa sa’aatii 1:46.18n, Caalaa Dasii sa’aatii 1:46.33n, Kindee Axinaaw sa’aatii 1:46.26n akkuma walduraa duuba jiranitti mo’ataniiru.

Akka federeeshinichi mul’isutti korniyaa lameeniinuu atileetonni sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa bahan kan filaman yoo ta’u sadan hafan ammoo eeggattoota ta’u jechuudha. Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaafi Koreen Olompikii Biyyaaleessaa Itoophiyaa bara darbe wayita atileetoota filan, atileetonni kanaan dura sa’aatii fooyya’aa addunyaa kan yeroo ammaa harkaa qaban Olompikii Tokiyoo kanaaf akka qophaa’an itti himame ture.

Haaluma kanaan gooticha atileetikisii Qananiisaa Baqqalaa dabalate Mosinnat Garramawufi Fayyisaa Lalisaafaa “yeroo ammaa sa’aatii gaarii harkaa waan qabnuuf dorgommii biyya keessaa kanarratti hinhirmaannu” jechuudhaan mormii kaasuun hinhirmaanne. Keessumattuu Qananiisaa Baqqalaa xalayaa bareessuudhaan Koree Olompikii Biyyaaleessaa, Federeeshiinii Atileetiksii Itoophiyaafi miidiyaa ispoortii biyya keessaaf akka raabseetti “bara darbe adeemsifamuuf kan ture Olompikii Tokiyoof dorgommii Maaraatoniitiin hirmaachuuf akkaataa seera federeeshinichaatiin sa’aatii gaarii waanan qabuf filannoo keessa galuudhaan qophaa’aa tureera. Haata’u malee sababii babal’ina Koviid-19n seerri duraan ture haqamuudhaan haarawaa baheen dorgommii biyya keessaarratti hirmaadhaa jechuun fudhatama hinqabu” jechuun komiisaa dhiheesseera.

Akkasumas, dorgommiin gulaalaa kun kan yeroo isaa hineegganneefi yeroon dorgommiis kan dhihaateefi atileetootarratti miidhaa waan uumuuf itti hinamanne. Kana malees atileetoota addunyaa biratti yoo ilaalamu sa’aatiin ani galmeesise baay’ee fooyya’aa waan ta’eef dorgommii biyyaa keessarratti hinhirmaadhu yaada jedhu calaqqisiiseera.

Haata’uuyyuu malee federeeshinichi dorgommii gulaalaa biyya keessatti adeemsifamutti atileetoota 1-3fa bahan akka filaman godhus, sa’aatii kanaan dura tureefi atileetoonni sadarkaa addunyaatti sa’aatii gaarii galmeesisann akka hinhaqamne jechuudhaan balaaleeffateera. Kanumarraa kan ka’een Qananiisaan hatattamaan deebii argachuuf xalayaa galfachuun deebii kan barbaadu yoo ta’u, kana ta’u baannaan dorgommiirratti hirmaachuuf fala isa baasu akka hordofu beeksisee ture.

Sababidhuma kanaan Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaafi Koreen Olompikii Biyyaaleessaa taa’anii marii’achuun komii dhihaate kana fudhachuun dhimmichaaf deebii kan kenne yoo ta’u, atileetonni beekamoofi gootota kanaan dura waamichi godhameef akka hirmaatan murtesseera.

Karaa biraatiin, waldhabdeen Koree Olompikii Biyyaaleessaafi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa giddutti uumamee turees karaa Komishinii Ispoortii Federaalaatiin furmaata argateera. Ministirri Ministeera Aadaafi Turizimiifi Ispoortii Doktar Hiruut Kaasaa, Komishinarri Komishinii Ispoortii Federaalaa Eliyaas Shikur bakka argamanitti waldhabdeen isaanii mariin akka hiikamu taasifameera. Qaamoleen lameenu waldhabdee gidduusaaniitti uumame kana hatattamaan hiikuun walta’anii hojjechuun qophiin olompikii Tokiyoo 2020 kun akka milkaa’uuf ga’eesaanirraa eegamu bahu qabus jedhameera.

BARIISAA Ebla 30 /2013

Recommended For You