Haalli waggoota lamaan darbanitti addunyaa mudate dhimmoota hedduu irratti miidhaa ykn dhiibbaa garagaraa uumuunsaa waan hinoolle. Bara darbe yeroo kana dhibeen tasa addunyaa mudate biyya keenyatti tarkaanfachuudhaan yeroo babal’achuu eegalutti aadaan waliin jireenyaa biyyattiin ittiin beekamaa turte sana geeddaruuf yeroo itti hin fudhanne.
Waggaa tokko dura haalli biyya keenyaas ta’ee addunyaan itti turte waan hundaanuu isa amma jirurraa adda ture. Inni siyaasaa siyaasasaa gaggeeffataa, daldalaanis hojiisaa irratti cichee, barsiisaan barsiisee, barataanis baratee hunduu akka ga’eesaatti hanga dandeettiisaatti dirqama jiruu bahachuudhaaf olii gadii kaata.
Ayyaanootni gurguddoon akka addunyaatti bifa ho’aadhaan kabajamaa turan, hunduu humna qabuun akka danda’utti kabajataa ture. Har’a garuu, walitti ba’anii ayyaanota gurguddoo akkasii kabajachuun hafee, miseensi maatii iddoo garaa garaa jiraatus walitti dhufee waliin kabajudhaaf yeroo rakkachaa jiru keessatti argamna. Addunyaan ayyaana kabajuufi walitti dhufeenya hawaasummaa hunda lagattee bakkuma jirtutti ulaa cufattee taa’uufis dirqamte keessa jirra.
Kan taateewwan hawaasummaafi siyaasaa waggaa tokko dura akka biyyaattis ta’ee addunyaa guutuu irra turan akka seenaatti haasa’uudhaaf dirqamsiise, inni ayyaanota amantaa bifa ho’aa ta’een kabajamaa turan har’atti abjuu taasise, walitti dhufeenya hawaasaa daangeesseefi addunyaan harkashee Waaqatti ol qabachiise immoo wareera dhibee Koronaati.
Yeroo gabaabaa keessatti haalota tanaan dura addunyaa irratti baratamoo ta’an kan jijjiire wareerri hamaan kun, akka biyya keenyaattis ta’ee addunyaatti bifa ho’aa ta’een kabajamaa kan ture ayyaanni du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos inni baranaa bifa kamiin kabajamee akka darbe haala amma biyyi sababa koronaatiin keessa jirtu sirritti kan agarsiisu ture.
Kiristaanonni haala kanaan ayyaana ulfaataa sana sodaafi haala kanaan dura hinbaramneen barana dabalatee yeroo lammaffaadhaaf kabajuusaaniiti. Haalli kun osoo hingeeddaramiin immoo torbanuma ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuus kiristoositti immoo addunyaan muslimaa ji’a ulfaataa waggaa waggatti hawwii guddaan eegamutti galan.
Jiini kunis; ji’a raahmataa, kan Qur’aanni rabbi karaa ergamtootasaatiin gara lafaatti itti ergame, kan balballi Azaabaa itti cufamuufi balballi Jannataa qofti itti banamu, ji’a ulfaataa, ji’a qabaataadha. Harkaanota Islaamummaa ykn ulaagaalee amantichi akka dirqamaatti hordoftootasaarratti kaa’e keessaa isa tokko kan ta’es ji’a eebbifamaafi toltuun namni dalagu itti namaaf baay’attu, hamtuun immoo namarraa itti hir’attu ji’a kadhachuu kan gammachuuti.
Ji’a dhalli muslimaa umriinsaa waggaa 15 ol ta’e hundarratti waajibaa( dirqamaa) ykn immoo sababoota garaa garaatiin keessattuu dubartoota harma hoosisan, marsaan xurii laguu irra jiruufi nama dhukkubsatee siree irra jiru irraa kan hafe hundarratti soomana dirqama taasise ji’a ulfinaaf kadhannaa kan ramadaanaa.
Jiinii ramadaanaa kun hordoftoota amantichaa biratti ji’oota waggaa keessa jiran keessaa ishee filamtuufi hordoftootni amantichaa hundi qalbiifi onneesaanii hunda waa hundarraa ajjabanii gara waaqaa qofatti fuula itti gara galfataniidha. Hordooftoota amantichaa hunda qabaataafi dhabaataa ta’uusaa adda baasuun kan itti nama rakkisu, hunduu qixa soomaan garaa qullaa oolee galgala kan itti wal qixxaa’u, ji’a hunduu sooreessaa, ji’a wal qixxeessaa.
Duudhaalee jiini ramadaanaa qabu keessaa inni tokkoofi guddaan kan walgargaarsaafi wal bira dhaabbachuuti. Namni manaafi maatii hinqabne, qe’eefi re’ees hinqabne ji’a kana keessatti ni sooma taanaan waan ittiin soomana lulluuqatus ta’ee bakka itti lulluuqatu ykn soomana furu dhabaaf hin yaadu hinrakkatus. Nama soomanaan oole namni galgala soomana lulluuqachiise ykn nyaachisee hiiksise akka waan ofii isaatii soomana sana soomeetti ajrii rabbiin biraa argata jedhamee amanama.
Nama soomanaan oole namni sooma hiiksise ajrii nama soomanaan oolee sanaan walqixa argata jechuun garuu, isa nama soomanaan oolee irraa wanti hir’isu hinjiraatu. Kana waan ta’eefis ji’a soomanaatti nama afaanii sooma qabu kamiyyuu nyaachisuudhaaf namni irratti walsaamuun duudhaalee ji’a rahmataafi eebbifamaa kana keessaa isa guddicha jechuudha. Waan kana ta’eefis namni harka qalleessa ta’e kamiyyuu soomana qabachuudhaaf sababa hiyyummaafi harka qalummaa kamiyyuu dhiheeffachuu hindanda’u. Yoo qalbiisaa dadhabe malee jechuudha.
Haala amma keessa jirru ykn wareera dhibee yeroo ammaa akka biyyaafi addunyaattis ummata sodaa keessa galchaa jiruun walqabatee garuu aadaa walgargaarsaafi wal nyaachisuu kanarratti dhiibbaa uumuu akka danda’u immoo ni hubatama. Kunis ta’ee garuu, haalotuma ulfaatoo ta’an kanneen keessattis aadaan hiyyeessa nyaachisuufi dheebotaa gargaaruu kun maloota garagaraatiin itti fufsiisuun dirqama amantichaati.
Namni dur hiyyeessa soomana afaanii qabu daandii irraa qabee iddoo tokkotti nyaachisu sun, haala amma keessa jirru hubannoo keessa galchuudhaan walirraa fageesseefi ofeeggannoo malu taasisee gargaarsasaa ittuma fufutu irraa eegama. Islaamummaan immoo tan gaafa makkootti walgargaaraniifii nyaachisaanii gaafa rakkootti walirraa itti dheessan osoo hintaane, dirqama haala kamittuu keessatti obboleessa ofii gargaaruu ta’uunshee eenyuyyuu jalaa waan dhokatte hinfakkaattu.
Jiini ramadaanaa baranaa akkuma isa bara darbeetti seenaa keessatti waqtii gadhee keessatti kan soomamu ta’uusaatiin wantoota silaa raawwachuu qaban hedduu akka hinraawwanneef hordoftoota amantichaa dirqamsiiseera. Midhaaginaafi duudhaa ji’a ramadaanaa keessaa isa guddaa kan ta’e walitti baay’atanii nyaachuuniifi waliin salaatuunis dhibeera. Kan dhibee kana waqtii kanatti fides rabbuma, ramadaana ji’a kanatti kan fides rabbuma waan ta’eef, yeroma ulfaataa kana keessattis taanaan duudhaalee walgargaarsaa ture sana bifa of eeggannoo qabuun ammas ittuma fufee akka jiru ni mul’ata.
Egaa, jiini ramadaanaa inni baranaa wantoota hedduun isa kanaan dura baratame irraa akkuma adda ture, guyyaan Iidal ada’aa ykn sooma hiikkaa baranaas haala kanaan dura tureen akka hinraawwamane tilmaamuun nama hinrakkisu. Soomana ji’a ramadaanaa soomuudhaafis ta’ee guyyaa ayyaana sooma hiikkaa ykn Iidal ada’aatiif haala duree kaa’uu osoo hintaane, haala kamuu keessatti dirqama jiini kun qabu guutuun dirqama hordoftoota amantichaa hundaati. Kana jechuun immoo, salaatni guyyaa iidaa, zakaafi fitriin akkuma kanaan duraa ni raawwatamu jechuudha.
Salaatni iidaa kun garuu salaatamuun dirqama ta’us, akka duriitti bakka tokkotti istaadiyeemii keessatti walitti baay’atanii salaatuun garuu haalli amma keessa jirru kun isuma bara darbeetiin kan walfakkaatu waan ta’eef ulfaataa fakkaata. Karaa televizyiiniitiin namni hundi mana manasaatti imaama hordofee akka salaatu gochuun (akkuma guyyaa Juma’aa taasifamaa turetti) ykn immoo malli haaraa osoo walitti hinbaay’atiin salaatamuu itti danda’amu irratti ulama’ootaafi Mana Maree Dhimmoota Islaammummaatiin kennamutti isarraa eegama jechuudha.
Guyyaan soomanni itti hiikamu kun salaata iidaa irraa eegalee hanga sagantaa nyaataafi dhugaatii iidaan boodaatti akka dur baratame sanatti adeemsifamuu akka hindandeenye garuu dhibeen koronaa kun dhiibbaa gochuunsaa hinoolu. Aadaafi duudhaalee amantichaa isaan baratamoo ta’an akkuma jirutti taa’anii, duudhaaleen haaroofti waggoottan lamaan kana keessatti dabalamaa jiranis mul’ataniiru. Keessattuu aanga’ootni mootummaafi qaamolee amanticharraa bilisa ta’an hedduun yeroo isaan hawaasa muslimaa walitti qabanii soomana fursiisan arguunis waan baratamaa ta’aa dhufeera. Kana qofaas osoo hintaane, hordoftootni amantaa biroos musliimota soomana fursiisaa jiru.
Kun immoo wal danda’uun amantiiwwan biyyattii gidduu jiru gara sadarkaa walgargaaruutti ce’uusaa kan agarsiisuudha. Walumaagalatti, soomana bara dhufuu bifa ho’aa ta’eefi kanaan dura kabajamaa turetti deebi’ee kabajuu namni danda’u, isa har’a haala hamaa kana keessatti of eeggannoo yeroon keessa jirru gaafatu gochuudhaan isa baranaa bira darbe qofa ta’uusaa baruun barbaachisaadha.
Duudhaalee guyyaan ulfaatan iidaa kun gaafatu hunda bifa of eeggannoo qabuun raawwachaa, nama soomana bara egeree ga’uuuf immoo Waaqa kadhachaa iida baranaa dabarsuunis murteessaa ta’a. Keessattuu bara kana wareera koronaatti dabalamee haalli dinagdee biyyattii qaala’iinsa jireenyaatiin wal qabatanii mul’ataa jiran kanatti aadaafi duudhaan amantichaa osoo hinsharafamin kabajamuun milkaa’ina guddaadha.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA Ebla 30 /2013