Sagalee tokko

Seenaa filannoo keessatti taatewwan ajaa’ibsiisoo danuutu jiru. Yeroo duula nafiladhaa biyya Ameerikaa keessa akka tasaa qotee bulaan maqaan isaa Shoemaker jedhamu tokko Dr. Madison Marshiin arge. Qotee bulaan kun oyiruu isaa keessaa fiigee Dr. Madison Marshiin harkuma hojii hojjetaa jiruun harka biyyoon dubbisee guyyaa filannootti akka sagalee kennuuf waadaa seene. Yeroo muraasa booda guyyaan filannoo yeroo ga’u farda isaa fe’atee filachuuf yeroo wiirtuu filannoo dhaqu waraqaan ittiin filatan dhumuu isaa hubate. Kanaaf dafee korojoo waraqaan sagalee ittiin kennan keessaa dhume tokko lafaa argatee waraqaa kana irraa kutee maqaa Dr. Madison Marsh itti barreessee sagalee isaa kenne. Koreen filachiiftuu sagalee Shoemaker kenne kana addatti  qabate. Waraqaa seera qabeessa sababa hintaaneef  qophaatti kaa’an. Filannoonis nixumurame. Sagaleen Shoemaker kenne akka itti hindabalamneef taajjabdootni tattaaffiin hedduu taasisan. Shoemaker garuu sagalee kenneef nifalme. Dhuma irratti mana murtiitti dhiyaatee sagaleen isaa akka itti dabalamu taasifame. Sagaleen itti dabalame kun Dr. Madison Marsh akka injifatu taasise. Sagaleen tokko egeree biyyaa murteesse. Maal nadhibeen hinteenye. Sagaleen isaa akka gatii qabu hubate. Sagaleen tokko injifataa isa taasise.

Egaa sagaleen nuti laatnu gaarummaas ta’e hammina dagaagsuu nidanda’a. Isa kanaaf seenee biyya lafaa keessatti wantoota ta’an hedduu ilaaluu nidandeenya. Bara 1654 sagalee tokko qofatu Oliiver Cromwell namni jedhamu akka biyya Ingilizii to’atu isa taasise. Bara 1649 sagalee tokko qofatu Chaarless I namni jedhamu biyya Ingilizii keessatti akka ajjeefamu taasise. Bara 1776 sagalee tokko qofatu Ameerikaan akka Afaan Ingilizii bakka afaan Jarmaniitti fayyadamtu ishee taasise. Kana jechuun utuu sagaleen tokkittiin kun hinjiraannee har’a tarii Ameeriakaan afaan Jarmanii fayyadamti turte. Bara 1800 Toomaas Jaaferson Pirezidentii biyya Ameerikaa ta’anii akka filaman sagalee tokkoon injifachuun ture. Bara 1824 Andrew Jackson namni jedhaman dorgommii pirezidentummaaf ta’e irratti hanga dhumaatti erga dursanii booda dhuma irratti sagalee kolleejjii filachiiftuu kennuun sagalee tokko qofaan injifataman.  Bara 1839 sagalee tokko qofatu Maarkus Morton akka bulchaa kuta biyya Masaachuseet ta’an taasise. Bara 1845 sagalee tokko qofatu magaalaan Teeksaas akka bulchiinsa tokkummaa naannoolee Ameerikaa keessa seentu taasise. Bara 1846 loliisa Meeksikoo irratti akka labsamuuf Pirezidentii Polkiin yaada dhiyaate sagalee tokko qofaan darbee akka labsiin lolaa darbu ta’e. Loliisa kana irratti lammiileen Ameerikaa yoo xiqqate namootni 13, 283 du’aniiru. Sagalee tokkoon darbee loliisni haa labsamu iyyuu malee akka yaadame miti. “Isa taa’ee ilaaluuf daakuun boqqolloo dimbilaala” jedhu warri. Bara 1868 sagalee tokko qofatu Pirezidentii biyya Ameeriakaa Andiriwu Johnson nama jedhaman mirgi himatamuu isaanii akka turuuf taasise. Utuu sagaleen tokkoo kun hinturre tarii mana amala sirreessaa seenuu nidanda’u ture. Bara 1875 biyya Faransaayiin bulchiinsa mootii moototaa (monarchy) jalaa baasee akka ripuubilikiin bultu taasise. Bara 1876 Saamu’el Tilden dorgommii Pirezidentummaaf ta’e irratti kan injifatame aboon akka Rutherford B. Hayeesitti kennamu kan taasise sagalee tokko qofa ture. Bara 1923 sagalee tokko qofatu akka Adoolf Hiitileer paartii Naazii to’atu taasise.

Akka har’aa utuu hinta’in Ruusiyaan kaaba Ameerikaa keessaa biyya waan hedduun badhaatuufi guddoo taate kutaa Alaaskaa Bitootessa 30, 1867 Ameerikaan akka  irraa bitattee bulchiinsa ishee jala galfattu kan taasise. sagalee lama qofa. Senetiin Ameerikaa Ruusiyaa irraa Alaaskaa bituuf yaada dhiyaate kuffisee oole. Har’a Alaaskaan naannoo qabeenya uumamaan badhaatuu taate, bal’inaan naannoon ittiin dorgomu kan hinjirre badhaasa Ruusiyaan Ameerikaaf laatte jechuun nidandaa’ama. Bal’inni lafa naannoo kanaa 1,518,800 km2 yeroo ta’uu gatiin bittaa isaa yeroosii doolara miliyoona 132 qofa ture. Ruusiyaanis bara sanaa eegaltee Kaaba Ameerikaa keessaa qubsuma dhabde. Alaaskaan naannoo bineensa bosonaan beekamtuu, qurxummii gurguddaa Addunyaatti beekkamuun kan badhaate, laggeen gaggaarrii, gaarreen babbareedoo, wantoota hedduu of-harkaa baafte.

Ameerikaanis sagalee xiqqoon waan gaarii kana of-harka galfatte. Alaaskaan gaara dhedheeroo dawannaaf tolan 3,000 (kuma sadii ol), haroowwan 3,000,000 (miliyoona sadii ol), tuullaa cabbii 100,000 ol, bal’inaa lafaatiin guutummaa Ameerikaa 20% (dhibbeentaa digdama) kan gumaachitu naannoo guddaadha. Sagaleen lama Ruusiyaa harkaa fuusise. Sagaleen lama dhaloota haala mijeesse. Ruusiyaa gaabbii bara baraaf taasise. Sagaleen lama jijjiirama guddaa fide. Seenaa cimaa hojjete.

Egaa wantoota hedduu kaasuu dandeenya. Sagaleen kallattii biyya lafaa geeddarsiiseera. Nama sirrii bakka sirriitti fideera; biyya walitti fideera; namoota hamtootas bakka qabachuu hinmalle akka qabatan taasiseera; kallattii seenaa yeroo dhumaaf geeddarera.

Namni yoo itti yaadee sagalee kenne rakkoo har’a akka biyya lafaatti mul’ataa jiru laamsheessuun nidandaa’ama. Yoo garuu callisnee maal nadhibeen ilaalle rakkoon isaa kan tokkoo tokkoo keenyaati. Tarii baay’een keenya akka Afriikaattis ta’e akka Addunyaatti rakkoo geggeessummaa nibeekna.

Isa kanaaf ammoo rakkoon guddaan  rakkoo namoota callisaanii ti. Akkuma beekamu namootni hedduun sagalee kennuu keessatti sababa addaa addaan callisuu nidanda’u. Akka biyya Ameerikaatti bara 2016 yeroo Hillary Clintoniifi Doonald Tiraamp dorgoma namootni 100,000,000 (namootni miliyooniin dhibbi tokko) sagalee hinlaanne; nicallisan. Itti fufee rakkoo mudate hundumaa isaa agarreerra. Biyyi lafaa ajaa’ibsiifateera. Burqaan rakkoo kana namoota callisanii maal nadhibeen taa’an turan. Tarii namootni hedduunis ba’ee filachuu kan jibbuuf amantaa geggeessitoota irraa yeroo dhabu, kaadhimamtoota jiran kan sirriitti hinamanne yoo ta’e fialachuuf fedha hinqabaatan. Inni kun keesumatti akka geggeessitootni yeroo filaman amanamummaan namoota isaan filateef hojjetaniif kan kakaasuu ta’uu qaba. Geggeessaan tokko bakka jirutti amanamummaan, miira hawaasa tajaajiluun, hawaasa dhaggeeffachuun, rakkoo namootaa hubachuufi furuuf tattaafatu yoo ta’e namootni yeroo kam caalaa filachuuf of kennu. Tarii yoo isaan faallaa kanaa deeman, kan dhimma uummataa hinqabne, uummata tajaajiluuf utuu hinta’in fedhii dhuunfaaf kan tattaafatan yoo ta’e uummatni nibeeka. Inni kun fedhii namni filannoof qabu gadi buusa. Kaadhimamaa gaarii hingooneefi gaarii hinhojjenneef sagalee hinkennu jechuu danda’u. Haa ta’u iyyuu malee filachuu dhiisuunis furmaata hinta’u.

Kaanis kan  callisan namoota dorgamaniif beekamtii kennuu dhiisuu yoo barbaadan sagalee hinkennan. Akka sagaleen isaanii caasaa isaan  hinfeeneef beekamtii kennu hinbarbaadan.  Akkasumas namootni tokko tokko ammoo siyaasnis ta’e odeeffannoon kan dhimma isaanii hintaane jiru. Isaan kana abbaan fedhe yoo geggeesse isaan hindhibu. Isaan kun namoota oduu sirriitti hinhordofneefi waa’ee egeree ofii isaaniitiif hangas dhimma kan hinqabneedha.

Tarii baay’een sagaleen koo dhiibbaa maalii geessisa jedhanii yaadu ta’a. Haa ta’u iyyuu malee gaariifis ta’e hamaaf dhiibbaa guddaa qaba. Sagaleen tokko egeree dhalootaa irratti, egeree biyyaa irratti, akka dhuunfaattis ta’e akka walootti dhiibbaa mataa isaa danda’e qaba. Namoota akka Hitiler sagalee tokkotu fide. Alaaskaas dhaloota boriif sagaleetu fide. Har’as geggeessitoota sirriis ta’e hamoo; kanneen mul’ata qabanis ta’e kan dhalootaafis ta’e biyyaaf hinyaadne kan fidu sagaleedha. Kanaaf miidhaan isaas ta’e bu’aan isaa ifaadha. Sagalee tokkoon nama itti amannu, nama jijjiirama fida jennu, geggeessaa amanamaa, geggeessaa hojjetaa hawaasaa filanna. Yoo kana ta’uudhaabaate garu filachuu dhiisuun keenya irraa kan ka’e wantootni raawwatan danuudha. Isaan keessaa muraasni:

  1. Kaadhimamtootni filamuu qaban hafanii faallaan isaanii filamu. Yeroo kana jennu namootni sagalee kennuu yoo dhiisan paartiin yookaan kadhimamtootni isaan deggeran kufanii faallaan isaanii akka filaman taasisa.
  2. Sagalee kennuu dhiisuu keenyaan kadhimamtootni bakka nu hinbuune akka filaman taasisa. Filannoo keessatti kadhimamtootni yookaan paartiin nuti hinfeene yoo mo’an sababiin isaa inni guddaan nu ta’uu isaa dagachuu hinqabnu. Nuuf namoota nu fakkaatantu sagalee kennuu irraa of qoqqobbate jechuudha. Kanaaf paartii itti amananiif yookaan kadhimamtoota sirrii itti amanneef sagalee kennuun murteessaadha.
  3. Filachuu dhiisuun mirga ofii ofiin sarbisiisuudha. Filannoon akka mirga kan biraa mirga dhalli namaa qabuudha. Filannoon daandii ittiin sagaleen keenya akka dhagaa’amu taasisnuudha. Carraa guddaa nama egeree biyyaafi dhalootaa jijjiiruu ittiin filachuu dandeenyuudha. Filannoon murteessaadha. Sagaleen nuti laannu tarii akkuma muuxannoo biyya addaa addaa keessatti ilaalle jijjiirama guddaa fiduu nidanda’a.

Egaa maal gochuu akka qabnu murtoon isaa kan keenya. Egeree gaariifi biyya sirrii qabaachuun kan dandaa’amu geggeessitoota sirrii qabaachuun. Inni kun ammoo daandiin isaa filannoodha. Filannoon ammoo bilchaatinaan eenyuun akka filannu beekuu gaafata.  “Sagaleen kallattii biyya lafaa geeddareera. Nama sirrii bakka sirriitti fideera; biyya walitti fideera; namoota hamtootas bakka qabachuu hinmalle qabachiiseera…

Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You