Aannan harma haadhaa fi Aannan sa’aa

Daa’imman dhalatanii hanga baatii ja’aatti harma haadhaa qofa hodhuu (luuguu) qabu. Ji’a ja’arraa eegalee nyaatawwan garaagaraa itti dabalamuufii qaba. Nyaatni madaalawaan isaan barbaachisa. Guddina saffisaafi sammuu nagaa qabaachuufis isaan gargaara. Kanneen akka ayiraaniifi vitaaminiiwwan adda addaa haala kiiloo ittiin dhalatanirratti hundaa’ee baatii ja’a duras nidabalama.

Harma hoosisuu

Harmi haadhaa akaakuu nyaataa daa’immaniif barbaachisu keessaa addunyaa kanarratti kan hamma saa ga’u hinjiru. Harma haadhaa keessa wantootni guddina daa’immaniif barbaachisan guutummaatti waan keessatti argamaniif fayyaa daa’immaniif murteessaadha.

Daa’imman tokko akkuma dhalatteen utuu hinturin harma hodhuu ykn luuguu jalqabuu qabdi. Sababnisaas otoo daa’imma harma hinluugsisin ykn hinhoosisin yoo turte hammi giluukosiin qaama daa’imaa keessa jiruu hir’achuun rakkoowwan fayyaa garaagaraatiif saaxilamuu dandeessi.

Keessumaa harmi haadhaa gara jalqabaa ykn silgi wantoota fayyaa daa’immaniif barbaachisan hedduu waan of keessaa qabuuf daa’imni silga kana argachuun baay’ee barbaachisaadha.

Harmi haadhaa hanga baatii 6tti daa’ima tokkoof gahaa waan ta’eef nyaanni ykn dhugaatiin biraa hinbarbaachisu. Namoonni tokko tokko baatiiwwan jahan gara jalqabaa dhugaatiiwwaniifi nyaata biroo oggaa daa’immaniif kennan argaa jirra, kun dogoggora guddaadha

Faayidaan harmi haadhaa daa’immaniif qabu maali?

–  Mucaa dhibee (faalama) irraa ittisa

–  Daa’immaniif nyaata filmaata hinqabnedha

–  Dhibee Alarjii irraa ittisa

–  Sammuu daa’immanii  gabbisa

– Daa’imman fayyaa buleeyyii ta’anii akka guddatan taasisa

Dubartiin harma hoosistu tokko maal gochuu qabdi?

  1. Guyyaatti garaagarummmaa sa’aatii 2:00 hanga 3:00tti ykn  si’a 8-12 hoosisuu qabdi
  2. Guyyaafi halkan hoosisuu qabdi
  3. Utuu harma hinluugsisin ykn hanga baatii ja’aatti dhangala’aawwaaniifi nyaatawwan biroo daa’immaniif kennuu hinqabdan. Bakka tokko tokkotti namoonni baay’een daa’immaniif bishaan ykn damma yeroo kennan argina. Kun dogoggora guddaafi  rakkoo fayyaa daa’imman irraan geessisuu danda’a.
  4. Guutummaatti dugda mucaa ofitti qabuun afaan mucaa harma sirriitti qabsiisuu. Suuraa kanaa gadii ilaalaa
  • Harma tokko keessaa utuu hinxumursiisin gara harma biraatti dabarsuu hinqabdan
  • Daa’imni yoo dhukkubsattellee harma hoosisuu addaan kutuu hinqabdan
  • Tarii hojiif ykn dhimmaaf bakka biraa deemtu yoo ta’e harma keessan qodaa qulqulluutti ilmuu daa’imaaf keessanii deemuu qabdu

Nyaata dabalataa daa’immaniif tuqaawwan beekuu qabdan

  1. Daa’imni tokko baatii ja’a booda eegaluu qabdi
  2. Hanga waggaa lamatti yeroo yerootti ykn akka barbaachisetti harma hoosisuun barbaachisaadha. Sababnisaas harmi haadhaa wantoota fayyaaf guddina daa’immaniif barbaachisan kanneen akka  faattii, vitaaminii “A”, kaalsiyeemiifi raayiboofilaaviinii jedhaman waan of keessaa qabuuf daran barbaachisaadha.
  3. Akkuma daa’imni guddachaa deemuun baay’ina nyaataatiif turtii nyaataa daa’immmanii dabaluun barbaachisaadha kunis
  4. Daa’ima baatii 6- 8= guyyaatti nyaata yeroo 2-3
  5. Daa’ima baatii 9-12= guyyaatti nyaata yeroo 3-4 f tursituu yeroo 1-2
  6. Daa’ima baatii 12-24= guyyaatti nyaata yeroo 3-4 f tursituu yeroo 2
  7. Suuta suutan hamma nyaataa jijjiiraa deemuu,
  8. Hana jechuun baatii ja’a gara jalaqabaa hanga waggaa tokkootti nyaatawwan dhangala’aa tahaniin jalqabdanii nyaata lallaafaa nyaachisuu.Waggaa tokko booda nyaata maatiin nyaatu kan daa’ima hinmiine nyaachuu eegaluu nidanda’a.
  9. Daa’imni tokko Gosootaafi akaakuuwwan nyaataa garaagaraa argachuu qabdi. Kunis
  10. Fuduraawwaniifi kuduraawwan vitaaminii  “A”n badhaadhaan guyyaa guyyaan soorachuu.
  11. Nyaata fooniif bu’aa foonii ta’an darbanii darbanii soorachuu.
  12. Bu’aan nyaata foonii yoo hinargamnes kanneen nyaatawwan albuudawwan garaagaraaf viitaminii hedduu of keessaa qaban faarmaasiirraa bitanii kennuufin barbaachisaadha.
  13. Nyaata suuta suutaaf obsaan nyaachisuu
  14. Qulqullina nyaataafi  harka daa’immanii eeguun baa’yee barbaachisaadha.

Aannan harma haadhaa irraa faayidaa akkamii argatu?
1. Infeekshinii irraa ittisa ykn dhorka. Fkn….Utaalloofi garaa kaasaa nidhorka.
2. Mar’immaansaanii akka bilchaatuufillee gahee qaba. Intestinal maturity.
3. Carraan dhibee sukkaaraa gosa 1fa nixiqqeessa. Kana jechuun hundi hinqabaman jechuu miti
4. Dandeettiin yaaduu daa’immaniif nifayyada….cognitive development!
Hanga umrii meeqaa itti fufuu qabu?
Daa’imman hanga waggaa lamaa osoo harma haadhaa hodhan nigorfama. Kan dafanii adda kutan carraan hanqina nyaataan miidhamuu isaanis nijira.
Aannan sa’aa daa’imman irratti gama fayyaan akkamitti ilaalla!
Yeroo baayyee maatiin baadiyyaa dafanii aannan sa’aa daa’imman ni eegalsisu. Kunis hubannoo dhabuus tahuu mala. Miidhaan isaas otoo hinhubatamiin daa’imman nidhabu.
Miidhaa akkamii qaba?
Daa’imman waggaa tokko dura aannan sa’aa dhuguu hinqabani. Kunis sababii mataa isaafi faayidaa isaarra miidhaan isaa waan caaluufi.
1. Mar’immaan isaanii madaaf saaxila. Kuni mar’immaan isaanii bilchina waan hinqabneef protein achi keessa jiru miidhaa irraan gaha.
2. Allergy mar’immaanii nifida….(allergic colitis) waan fiduuf mar’immaan isaanii akka dhiigan taasisa.
3. Hir’ina dhiigaaf isaan saaxila. Inni sababii mataasaa qaba. Tokko dhiiguu mar’immaaniiti. Dhiiguun kuni ijaan hinmul’atani. Kanaaf maatiin hinargan. Gaafuma daa’imni hanqina dhiiga godhatu qofa itti baru. Inni biraa xuuxama Aayiranii nihuba. Sababa kanaanis hanqina nigodhatu.
4. Infeekshiniifi garaa kaasaaf isaan saaxila.
Waggaa tokko dura aannan sa’aa kennuun balaa isaatu caala. Kanaaf aannan sahaa caalaa yeroo kana aannan harmaatu filatama

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You