Qabsoo Oromoon ijaarsa biyyaafi eenyuma isaaf gochaa ture

Kutaa 3fa

Dhiibbaaleen amantii yeroo dheeraa sun akka wiirtuuleen Gadaa Oromoo handhuura Oromiyaa har’aa irraa suuta suutaan gara Odaa Roobaatti socho’u taasiseera. Adeemsa sana keessatti hawaasni Oromoo hundi gara Odaa Roobaafi boodas gara Madda Walaabuutti hingodaanne. Humni mootummaa Kiristaanaa itti fufinsaan sana raawwatus hinturre. Kanaaf dhiibbaan irra haaga’u malee akkasumas maqaa kan biroon haa beekamu malee hawaasni Oromoo Shawaadhaa hanga Booranaatti Harargee hanga Wallaggaatti akka qubachuun ture tilmaamama.

Kanas karaa hedduu mirkaneeffachuun ni danda’ama. Tokkoffaa Mootolee Yekunoo Amlaak, Amdatsiyooniifi Libna Dingil yoo xiinxallu loltoota Oromoo akka gargaaramaa turan ragaan ni ibsa. Ragaan inni lammaffaan jalqaba jaarraa 16ffaa irraa eegalee gareen Oromoo sochiin walabummaa gaggeesse gurmuu Booranaafi Bareentuu yoo ta’u, garee kana keessatti kan hinhammatamin Orom Duroon akka turan ni beekama.

Isaanis bara sochii Booranaafi Bareentuu sana seera moggaasaafi meedhachaan akka itti makaman himama. Gareen Gadaa haaromsatee duula walabummaa jalqabe kunis sababa malee wiirtuu Gadaa ofii Madda Walaabuu maggaafatee biyya hinbeeknetti gurmaa’ee sochii walabummaa hingaggeessu. Kana immoo ragaan isa sadaffaatiin jabeessuun ni danda’ama. Innis seenaa odaalee kan akka Odaa Nabee,Odaa Roobaa, Odaa Bultum, Odaa Bisiliifi Caffee Bulluq waliin walqabatee qorannoon hanga ammaatti gaggeessame wiirtuuleen kun seenaa jaarraa 13ffaafi 14ffaa waliin walqabate akka qaban dubbatama.

Wiirtuuleen kunis sochii waraana bilisummaa jaarraa 16ffaa dura akka haaromsaman dubbatama. Karaa biraatiin Oromoon jaarraa 16ffaa gurmaa’ina gurguddoo lamaan beekama. Isaanis gurmaa’ina Sirna Gadaafi ijaarama gosaati. Sirni Gadaa kunis amala duraan qabu caalaatti jaarraa 15ffaa keessa akka haaromsameefi akka gara sirna walxaxaatti guddate eerama. Haaromsi sunis Sirna Gadaafi aadaa Oromoo ammayyaaf bu’uura akka ta’e himama. Sirna Gadaa  gadi fageenyaan kan qorate Asmaroom akka eerutti, gurmaa’inni Sirna Gadaa  jaarraa 16ffaa irraa eegalee bifa walmadaalaa lama qaba: kan siyaasaafi kan amantii. Caasaan siyaasaa Abbaa Gadaan yoo hogganamu, amantiin immoo Abbaa Muudaatiin (Qaalluutiin) hogganama. Seenaa sochii Orommoo jaarraa 16ffaa kan sakatta’e Marid Walda Aragaay hawaasa Oromoo yeroo sana ture akkasitti ibsa.

They were a unified nation sharing a common religious leader, who was at the same time the source of political power. …. political organization was based on the Gada or age-set system. Yet though essentially democratic, no elected Luba or governing age-set began its office until it had received formal confirmation from the Abba Muda

Hiikni isaas Oromoon hawaasa tokkummaa qabuufi hogganaa amnatii madda humna siyaasaa ta’e qabu. Gurmaa’inni siyaasaa Sirna Gadaarratti hundaa’a. Gadaan dimokraatawaa yoo ta’eyyuu lubni hoggansaaf filatame hanga beekkamtii Abbaa Muudaa argatuutti hojii bulchiinsaa gaggeessuu hindanda’u. Yeroo sanatti Oromoon heera ittiin bulmaataa akka tumateefi sirna walqixxummaa deeggaruun akka bulaa ture ni himama. Itti haa dabalamus, haa hir’atu malee aadaa Oromoon jaarraa 16ffaa ittiin jiraateefi kan si’anaaf bu’uuradha. Gadaan walakkeessa jaarraa 15ffaa keessa haaromsame jedhamus bu’uura Sirna Gadaa ammayyaati.

Akka ragaan seenaa ibsutti, Oromoon waadaa guddicha waliif qabu (Kakaa Oromoo) kan inni Madda Walaabuutti raawwate jalqaba jaarraa 16ffaa ta’uu akka hinoolledha. Kakaan sunis bu’uura olaantummaa seera Gadaa akka tureefi seera walitti bu’insa Oromoo gidduu kamiyyuu daangessedha. Kaayyoon Kakaan Oromoo inni guddaanis tokkummaa Oromoo mirkaneessuufi faayidaa waliin hojjechuu akka ture himama.

Seera tokkoof bitamuun eenyummaa walfakkaatu qabaachuu, nageenyaafi tokkummaa qabaachuuf bu’uuradha. Ragaaleen hanga ammaa guyyaa itti waadaa ykn Kakaan Oromoo raawwatame yoo addeessuu baateyyuu bara itti Seera Gadaa haaromfamee Caffee Oromootti tumame ta’uu akka hinoolle tilmaamama. Kakaan Oromoo hojiirra oolmaa seera Caffeef bu’uura waan tureef dhimma  hawaasummaa Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba.

Akka ragaan afoolaa ibsuttis, walitti dhufeenya gosoota Oromoo gidduu ture keessatti waadaan ykn kakaan Oromoo shoora olaanaa akka qabu himama. Gosti tokko kan biroo akka hinhacuucne, kan humna qabu isa humna hinqabnerratti olaantummaa akka hinagarsiifneef waadaa ykn kakaan Oromoo wabii ture jedhama. Kakaan Oromo hanga yeroo ammaatti hawaasa Oromoo Sirna Gadaan bulu biratti cimaa akka ta’e himama.

Uumamuun gurmaa’inni konfedereesii tokkummaa cimsuu caalaatti milkaa’ina bulchiinsa Sirna Gadaaf ta’uu akka hinoolle himama. Seenaan gurmaa’ina Gadaafi konfedereesii Booranaafi Bareentuus tarsiimoo hojiirra oolmaa bulchiinsa Sirna Gadaa waliin walqabata. Dabalataanis yeroo itti konfedereesiin Booranaafi Bareentuu uumame sirriitti eeruun yoo ulfaates adeemsa keessa jaarraa 12ffaa-14ffaa ta’uu akka hinoolle ragaaleen ni eeru. Kunis adeemsa guddina Sirna Gadaafi gurmaa’ina hawaasummaa Oromoon tokkummaa uumuuf taasise ta’uu danda’a.

Gosoonni Oromoo gurguddoon kan akka Sabbo-Goona, Kontomaa-Daarimu, Maccaa-Tuulama, Karrayyuu (Baasoofi Dullacha, Arsii (Siikkoo-Mandoo), Raayyaafi Yejjuu akkasumas Ituufi Humbannaa jaarraa16ffaa dura haa hundeeffaman malee caalmaatti gurmaa’anii  seera qabeessaan walabummaa ofii tikfachuutti kan ciman jaarraa eerame kanatti ture.

Karaa biraatiin, biyya Oromoo ilaalchisee yaada barreeffama Abbaa Baahiree fudhatee kan ibsa itti kenne Alam Isheetee  biyya Oromoo jaarraa 16ffaa duraa gammoojjii Booranaafi Kaaba Keeniyaa akka ta’etti ibsa.  Kun garuu soba adii ta’u isaa kan agarsiisuufi jaarra 10ffaa keessa lafa Salaalee keessatti yeroo Abbaa Libanooseen amantaa kiristaanaa babal’issa ture namni Hora jedhamu isa mormuun barattoota isaa 12 akka jalaa ajjeese achi gara Dabra Daamooti baqate yaadachuu hinbarbaanne.

Gara biraan Kitaabni Baahiree mataduree “Seenaa…{Oromoo}” jedhamu kun kan barreeffamee xumurame bara 1593 yoo ta’u, kaayyoon isaas waa’ee Oromoo Mooticha Abisiiniyaa Sartsa Dingiliif gabaasuu ture. Barreeffamicha keessatti Baahireen bara Mooticha Wanaag Saggad (1508-1540) Libna Dingil karaa Lixaa biyya isaaniirraa laga biyya isaanii galaana ce’anii dhufan jedha.

Alam Isheetee dabalataan biyya Oromoo si’a sanaa mirkaneessuuf kaartaafi xiinxala Almeedaa, Biraawkamperiifi Cheerulii akka ragaatti dhiheessa. Jibbiinsa saba Oromoof qaburraa kan ka’e Alam Isheetee hortee Kuushummaa Oromoo haaluu yaala. Qorattoonni seenaa bara giddugaleessaas jalamuranii mootummaa yookaan ummata giddugaleessa Itoophiyaa hanga jaarraa 16ffaatti qubatee ture kanadha jechuu hindandeenye. Barreeffamoonni tokko tokkos giddugaleessa Itoophiyaa har’aa ragaa quubsaa malee mootummoota adda addaa maqaa dhahu.

Ummattoota sochii Booranaafi Bareentuu dura turanis akka waan sochii sana keessatti Oromootti makamanii eenyummaan isaanii liqimsameetti barreessu. Kun kaayyoo lamaaf. Inni duraa abbaa biyyummaa Oromoo haaluu yoo ta’u, inni lammaffaa sochii Booranaafi Bareentuu keessatti Oromoon ummata hedduu moggaasaafi guddifachaan waan ofitti makeef Oromoo qulqulluun baay’ina akka hinqabneefi Oromoon eenyummaa isaatti akka shakku taasisuuf. Ragaaleen tokko tokko immoo giddugaleessa Itoophiyaa qubsuma ummataa malee akka waan lafa duwwaa turetti fakkeessuu yaalu.

Haata’u malee seenaa Oromoo jaarraa 16ffaa seenaa ummattoota Kaaba Baha Afrikaarraa gargar baasnee ilaaluu hindandeenyu. Sochiin Booranaafi Bareentuu jalqaba jaarraa sana keessa eegale bu’aa hariiroo ummattoota jaarraa sana dura tureeti. Keessattuu hundeeffamni mootummaa Kiristaana lafa qabiyyee mootummaa sulxaanoota Shawwa irratti godhameefi  duulli daangaa babal’ifannaa jaarraa sadiif (13ffaa-16ffaa) gaggeessame addatti hortee Oromoorratti dhiibbaa olaanaa geessiseera.

Dhiibbaan sunis hortee Kuush addatti immoo Oromoo, Hadiyyaafi Sidaamaa giddugaleessaafi Kibba Bahaa Itoophiyaarraa gara Kibbaatti dhiibeera. Ummata Oromoo jaarraa 16ffaa dura wiirtuulee siyaasaafi hawaasummaa Fugugiifi Odaa Nabee taasifatee Sirna Gadaan bulaa ture irratti sababa dhiibbaa siyaasaafi amantii irraan gaheef wiirtuu Gadaa Tuulamaarraa gara Kibbaatti akka jijjiirratan dirqisiiseera.

Dhiibbaan kun bara bulchiinsa Mooticha Zaaraa Yaa’iqoob (1434-1468) waan itti jabaateef Oromoon bara 1449 Madda Walaabuutti Sirna Gadaa haaromsatee diina cabsuun walabummaa gaggeesseera. Baruma kana waraanni mootichaa ummata mootummaa Ifaat, Sidaamaafi Hadiyyaa irratti waan cimeef Ifaat mootii isaa Ahmad Badley yeroo dhabu Sidaamaafi Hadiyyaan mootichaaf gabbaruuf dirqamaniiru.

Seenaan sochii ummata Baha Afrikaa yoo xiinxalamu keessattuu Itoophiyaa keessatti sochiin ummataa irra caalaa jaarraa  16ffaa duraKaabarraa gara Kibbaatti yoo ta’e jaarraa 16ffaa tii eegalee garuu Kibbarraa gara Kaabaatti yookaan Baharraa gara Lixaatti ture. Kunis jaarraa 19ffaa irraa eegalee hanga har’aatti sochiin ummataa Kaabarraa gara Kibbaatti raawwatame.

Ethiopian history has a particular tendency to repeat itself. The military exploits of King Amdii-Siyon strongly remind one of the great achievements of the Aksumite kings Ezana and Kaleb on whom he seems to have modeled himself. More recently, in the nineteenth century. The extensive conquests and expansion of Amdii-Siyon were dramatically re-enacted by Emperor Minilik who, just like his fourteenth-century-predecessor, had the Shewan plateau as the center of his military activities. It remains to be seen, however, whether Minilik and his successors have been more successful than their medieval counterparts in the essential task of building an Ethiopian nation

Kana jechuun duulli daangaa babal’ifannaa jaarraa 16ffaa duraafi jaarraa 19ffaa boodaa akka walfakkaatu ibsa. Kunis hortee Kuushiif mootummoota Baha Afrikaa irratti dhiibbaa akka irraan geessise xiinxaluun hinulfaatu. Adeemsa kana keessatti ta’a egaa wiirtuun Gadaa Oromoo Odaa Nabeerraa gara Odaa Roobaa sanarraas gara Madda Walaabuutti kan jijjiirame. Kana jechuun immoo ummata Oromoo hundatu wiirtuulee Gadaa waliin godaane jechuu miti. Fakkeenyaaf teessoon mootolee Mootummaa Kiristaanaa yoo xiqqaate waggoota dhibba sadiifi walakkaaf  dhaabbataa hinturre.

Bara hundeeffama bulchiinsa dhaalaa Salamoonawaa (1270) eegalee hanga hundeeffama Gondoritti (1636) tti wiirtuun bulchiinsa mootummichaa iddoo tokkorraa gara iddoo birootti socho’aa ture. Kun immoo sababa bulchiinsa tasgabbaa’e hundeessuu dadhabaniifi fedhii daangaa babal’ifannaa waliin walqabateeti.

Sababni inni tokkoffaan akkuma Baahireen ragaa bahe bulchiinsa cimaa akka hinijaarre gufuu isaanitti ta’eera. Sababni inni lammaffaan immoo mootummaan Kiristaanaa abboomuu waan barbaaduuf ummata olloottan isaa waliin diina yeroo dheeraa akka  ta’u taasiseera. Seenaa kana waliin walqabatee wiirtuuleen Gadaa sababoota uumamaafi namtolcheetiin iddoodhaa iddootti yoo socho’e taatee seenaa Oromoo keessatti qofa raawwate miti.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013

Recommended For You