Mariin idilee Waajjira Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin geggeeffamu, kan “Gumii-Balal” jedhamee moggaafame, har’a marsaa lammaffaaf geggeeffameera. Mata dureen marii har’aa: “ Sona Filannoo Dimokiraatawaafi Nageenya” jedha. Yaada ka’umsa marii kanaa kan dhiyeessan Obbo Guyyoo Dooyyoo hayyuu falaasamaafi gorsaa Pirezidantii Naannoo Oromiyaati. Yaadni ka’umsaa Obbo Guyyoon dhiyaate qabxiilee armaan gadii haammata:
Barbaachisummaa nagaa
Ilmi namaa fedhii ofii guuttachuuf nagaa barbaada. “Nagaan nama eega, nagaas namatu eega.” Nagaan yoo jiraatee fedhiin ilmaan namaa guuta. Jiraachuun nagaa akka mirkanaa’uuf namnis nagaa eegu qaba. Yoo nagaan dhibe, kan hirree qabutu mo’a. Kan humna hinqabne, kan dadhabe, kan qaamaa hir’ate, kan miidhame, kan dhukkubsate, kan hiyyoome fedhii isaa hinguuttatu.
“Oromoo Finnaan bula” jedhan Obbo Guyyoon. “Finna Waaqaa, Finnaa namaafi Finnaa lafaatiin” bula. Kana jechuun hubannoon Oromoo nagaaf qabu uumaa, uumamaafi nama hunda haammata. Akkaatayaadama Oromootti nagaan qabiyyee lama qaba. Tokkoffaa, nagaa Waaqaa-lafaa (Uumaa, uumamaa, binnensotaafi biqiltoota, akkanumas nama gidduutti walitti dhufeenya jiru yoo ta’u, inni lammaffaa ammo badhaadhina (jireenya, hormaata, gabbinna, dagaaginafi bal’ina) haammata. Nagaan qabeenya waliinii waan ta’eef kunuunsa barbaada.
Filannoofi nagaa
Mootummaan dimokiraatawaa fedha uummataatiin karaa bilisaafi haqa-qabeessa ta’een filatame akka biyya bulchuuf filannoon karaa bana. Filannoon mootummaa fudhatamummaa uummata qabu dhaabuuf fayyada.
Seenaa Itoophiyaa keessatti barmaataaleen siyaasaa hamaa ta’aniifi nageenya uummataa booressaa turan akka hinbanne wantoota taasisan keessaa tokko mootummoonni karaa fudhatama qabuun (kara filanoo dimokiraatawaan) aangootti waan hindhufneefi.
Dabalataan, jaarmiyaaleen dimokiraasii guddachuufi gabbachuu dhabuun, namuusa dhabuufi faffaca’uun partilee morkattootaa, abdii kutachuufi tokkummaa dhabuun uummataa, to’annaa jalaa walaba ta’uu dhabuun dhaabbilee siiviliifi irraanfatamuun dudhaalee aadaa nagaafi tasgabbii biyyaa miidhaa tureera.
Abdiifi sodaa filannoo baranaan
Hidhamtoonni siyaasaa hiikamanii, jaarmiyaaleen siyaasa biyya alaa turan biyyatti galanii karaa nagaa filannoorratti hirmaachuun abdii guddaadha. Filannoon kun filannoo dimokiraatawaafi haqa qabeessa ta’a jedhamee hojiin hojjatamaa jiru abdii namatti uuma. Akka sodaatti, barmaatilee dhaabbilee siyaasaa durii ammallee ni mul’atu. Filannoo keessa ba’uu, haasaa jibbiinsaa, walitti bu’iinsa saboota gidduutti uumuufi kan kana fakkaatan ni mul’atu.
Bal’achuun dirree dimokiraasii sodaa fidee dhufus himaniiru. Fakkeenyaaf, lolli naannoo Tigiraay, waldhibdeen saboota gidduutti uumame, wallolaafi walajjeechaa lammiiwwanii, humnooti meeshaa hidhatanii socho’an jiraachuun, daddabarsi meeshalee waraanaa seeran alaa mul’achuun rakkoolee bal’achuu dirree dimokiraasii wajjin kalattiifi alkalattiin wal hidhaniidha.
Balaan uumamaafi sodaachisi humnoota biyya alaa, Koviid 19 gaaga’ama adda adda fiduu isaatiin walqabatee, akkanumas biyyoonni biyya alaa akka Misiriifi Sudaan Ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa Laga Abbayyaarratti hojjetamaa jiruun walqabatee nagaa biyya keenyaa booressuuf yaalii taasisuudhaan nageenyiifi tasgabbiin guutummaatti akka lafa hinqabanne taasisaniiru.
Akka hanqina mootummaatti yaadota ka’an keessaa, abbootii Gadaafi manguddootatti maayii ba’uun nagaa buusuu hanqina kan qabu ta’uu, nageenya eegsisuuurratti hanqinoota qabaachuu, rakkoo aadaa marii yeroodhaan itti yaadanii gabbisuu dhabuufi kan kana fakkaatanirratti hanqinni karaa mootummaa mul’ateera.
Filannoo dhufaa jiruufi nageenyaan walqabatee
Rakkoolee nageenyaafi filannoon walqabatanii mul’atan furuudhaaf gumaachiifi ga’een abbooti Gadaa, jaarsolii biyyaafi abbootii amantaa xiyyeeffannoo argachuu qaba. Aadaafi barmaatilee hawaasa keessa jiran fayyadamuun nagaafi tasgaabbii hawaasaa eeguun barbaachisaa ta’uu, miidiyaaleen marii nageenya hawaasa gidduutti taasifamuuf xiyyeeffannoo akka kennan taasisuu, haasaa jibbiinsaa saboota walitti buusuu danda’an seeran to’achuu, namuusi filannoofi seeronni filanno yeroo caban ariitin uummata beeksisuufi akka kabajaman taasisuu, karaa dhaabbilee siiviliifi miti-mootummaa marii hawaasaa iddoo iddootii geggeessuu, lammiilee Itoophiyaa diyaspoora biratti dhimmoota walhubannoon akka hinjiraanne taasisan irratti xiyyeeffachuun hojjachuu, qaama nageenyaa mootummaa jajjabeessuu, miidiyaleen akka nageenyarratti xiyyeefatanii hojjatan jajjabeessuun yaadota nagaa biyyaafi uummata eeguuf gargaaran ta’uu Obbo Guyyoon kaasaniiru.
Dhumarratti yeroo biyyi keenya danqaafi carraadhaan marfamtee filannoo fuuldura keenya jiruuf qopha’aa jirtu kanatti uummatni Oromoo waliin qofa osoo hintaane ollaa, sabaafi sablammoota biroo wajjin nagaa isaa tikfachuuf marii cimsee itti fufuu akka qabu hirmaattonni ‘Gumii Balal’ dhaamaniiru.
Maddi: Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013