Saamraawiit Girmaatiin
Dargaggoo Zallaqaa Mitikkuu Kolleejjii Poolii Tekinikaa Mattuutti leenjisaadha. Innis meeshaa jal’isii ofiin of sirreessee bishaan obaasuu danda’u ‘Automatic Irrigation System’ jedhamu hojjeteera. Teknolojichi ofiisaatiin bishaan hanga ga’u jal’isiidhaan erga obaasee booda kan of cufuudha. Yommuu lafti gogummoo ofumasaatiin beekee bishaan kan obaasudha.
Dargaggoon kunis kalaqasaa kana qabatee dorgommiifi agarsiisa ogummaa tibbana Magaalaa Adaamaatti adeemsifamerratti hirmaate ture. Saganticharratti yaada Gaazexaa Bariisaaf kenneen, meeshichi laga ykn harootti kan walqabate yoo ta’u, paampiin isaa sirna meeshichi to’aturratti kan hidhame akkasumas lafti immoo gaafa gogu seensarii (mallattoo agarsiisu) waan qabuuf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsa.
Teknolojichi dadhabbii namaa kan hambisu ta’uurra darbee biqiltoonni bishaan ga’aa akka argatan akka taasisu eeree, meeshicha wantootuma kolleejjii keessatti argate fayyadamuun hojjechuusaa hima. Hanga yoonaa mootummaarraa deggarsa kan hinarganne ta’uufi utuu carraan mijateef teknolojicha babal’isuun qonnaan bulaa biraan ga’u akka yaadu dubbata.
Dargaggoo Eebbaa Isheeteemmoo Godina Qellem Wallaggaa Gidaamiirraa teknolojiisaa Kollejjii Poolii Tekinikaa Doonaa Barbaritti ceesise. Innis meeshaa xaafii gingilchuu danda’u kalaquun dorgommiicharratti hirmaateera. Akka inni jedhutti, meeshichi yeroofi humna haadhoolii daran kan hir’isudha. Haadhooliin xaafii kuntaala tokko gingilchuuf qofa sa’atii tokko caalaa kan itti fudhatu yoo ta’u, meeshichaan garuu daqiiqaa 15 -20 keessatti gingilchanii raawwachuu danda’u.
Kalaqa kana kalaquuf kan na kaakase maatiikoof hangafa waanin ta’eef hojii mana keessaa hundan hojjedha. Guyyaa tokkos harmeen koo xaafii akkan gingilchu na ajajje. Xaafii kiloogiraama digdama gingilchuuf daqiiqaa 30 ol na fudhate. Sana booda hojichi cimaa ta’uufi yeroo kan fixu ta’uun hubadhe. Haatiikoos yommun guddadhu waan dadhabbii haadholii hedduu hir’isu akkan hojjedhu na kakaasaa turte. Isarraa ka’uun yaalii guddaan booda meeshaa kana kalaquu danda’eera” jedha.
Meeshicha jalqaba modeeliisa hojjechuun Kollejjii BLTO Aanaa Gidaamii deggarsa gaafachuun hojiitti jijjiiruusaa eeree, godinnis deggarsa garagaraa taasisaniifii maashinicha hojjechuu kaasa. Fuuldurattis mootummaan utuu bajata ga’aa ramadeefi baay’inan hojjechuun gabaaf dhiheessuu akka barbaadu dubbata.
Sirnicharratti argamuun teknolojiiwwan dhihaatan kan daawwatan Pirezdaantii Ittaantuun Oromiyaa Aadde Caaltuu Saanii akka jedhanitti, biyyi ummata miliyoona 100 ol qabdu akkasumas, naannoon ummata miliyoona 50 ol qabdu waa uumuun daldalaaf yoo hafe faayidaa dhuunfaaf illee yoo oolchite hiika guddaa qaba. BLTO Oromiyaas kolleejjoota Oromiyaa keessa jiran hunda fidee, sadarkaa kanatti namni ogummaafi beekumsa qabuun teknolojii haaraa kalaqaa jiru waltajjiin banameefii akka walirraa baratu taasisuun isaa kan jajjabeeffamudha.
Namoota waa kalaqan jabeessuufi jajjabeessuun namoonni miira dorgommiitiin kalaqasaanii fuulduratti cimsanii akka tarkaanfataniif daran akka gargaaru kaasanii, muuxannoo biyyoota gurguddatanii yommuu ilaalamu biyya waa oomishuu dandeesse, hawaasa waa omishuufi kalaquu danda’e qofatu hiyyummaa injifata jedhu. “Biyyittinis hiyyummaa hamaa keessa jirtu keessaa akka baatuuf beekumsa sammuu keessaa jiru, ogummaa leenji’amee horatameefi aadaa qabnu walitti qindeessinee harkaan hojjechuu, sammuun waan qajeelaa yaaduu, waan yaadnee hojjechuu yoo dandeenye guddina biyyaa mirkaneessuu dandeenya” jedhu.
Namni waan harkaa qabuufi dandeettisaa kabajuun waan hundumaa caalaa barbaachisaa ta’uu kaasanii, ilmi namaa gaafa biyya lafaa dhufu rakkoo tokko hiikuuf dhufuu eeranii, kanaaf namoonni ergama kana fudhatanii gatii lammummaasaanii leenjisuunis ta’u, waa kalaquun ba’ataa jiran galatoomfamuu akka qaban dubbatu.
“Wantoonni amma kalaqamaa jiran qonna ammayyeessuu keessatti, yeroo, qabeenyaafi humna haadholii qisaasamaa ture hambisuu, omishni qonnaa omishame qisaasama jalaa kan oolchaniifi rakkoolee garagaraa kan hiikanidha. Indastirii babal’isuuf meeshaa biyya alaadhaa dolaara hedduudhaan dhufan, dhufaniimmoo meeshaalee jijjiirraasaanii kan hinargamne ta’aanii yommuu daran rakkisan agarra. Wantoonni amma dargaggoota keenyaan kalaqamaa jiran ammoo rakkoo gama kanaan jiru kan furan waan ta’eefi daran kan nama boonsuudha” jedhu.
Hawaasni muuxannoo biyya Hindii omisha biyya ofii jaalachuu hordofuun kalaqa biyya keessaaf bakka kennuuf kabajuu akka qabus ni dhaamu.
“Kalaqni kun hawaasa bira hingeenye taanaan ammas rakkoo keessaa ba’uu waan hindandeenyeef xiyyeffannaa itti kennuu barbaachisa. Biyyi meeshaafi kalaqa namaatiin guddattee sadarkaa olaanaarra geesse hinjirtu. Mootummaanis gama kanaan deggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’a” jedhu.
Hogganaan Biiroo BLTO Oromiyaa, Obbo Eebbaa Garbaa gamasaanin, karoora mootummaan guddina biyyaa dhugoomsuuf qabate galmaan ga’uu kan danda’u, yoo humni namaa ogummaadhaan ga’oome jiraate ta’uu kaasanii, humna namaa kana baay’inaan horachuuf ammoo ga’ee BLTOn qabu olaanaadha. Damichi humna namaa ga’oome baay’inaan omishuu qofa osoo hintaane teknolojii ga’umsa qabu misoomsuudhaan gara IMXfi qonnaan bultootaatti ceesisuudhaan bu’aan omisha qonnaa indastiriif galtee akka ta’uuf murteessaadha jedhu.
Agarsiifni ogummaa “Lammii gahaa, humna namaa ga’umsa ogummaa qabuufi misooma teknolojii ammayyaa, badhaadhina biyyaaf” jedhuun qophaa’erratti kalaqawwan leenjistootaa, leenjifamtootaa, waldaalee IMX kollejjoota BLTOn deggaramaniin kalqamaniifi ajaa’ibsiisoo ta’an akkasumas rakkoo biyyattii hiikuu danda’an dhihaachuun isaanii hamilee kan namatti horu ta’uus ni kaasu.
Akka ibsa Obbo Eebbaatti, biyyi hiyyummaa hamaa jalaa ba’uu kan dandeessu dinagdee walqixa ta’e mirkaneessuuf lammii hunda leenjiisuun sammuu waa kalaquufi omishuu danda’u akkasumas, madda galii dhuunfaa dhuunfaan jiruufi jireenya dhala namaa fooyyeessuu danda’u uumuun yoo danda’amedha.
“Hanga har’aatti ilaalchi damee BLTO mootummaa birattis ta’u ummata biratti laafaa ture. Kana jijjiiruufis hojii bal’aan hojjetamee wayita ammaa kalaqiwwan jajjabeessoofi biyyaaf furmaata uumuu danda’an uumamaa jiru. Ammas damichi faayidaa caalu akka argamsiisuuf deggarsi mootummaa, abbootii qabeenyaafi mit mootummaa murteessaadha” jedhu.
Seektarri BLTO seektara qonnaa, indastirii, guddina teknolojiifi kkftiif bu’aa guddaa buusaa jiraachuu eeranii, isa kana sirnaan itti fayyadamuun yoo danda’ame, Oromiyaa, Itoophiyaafi Afrikaa guutuuf fakkeenya ta’uu dandeessu uumuun akka danda’amu kaasu.
Guyyichatti, leenjistoonni kollejjota Oromiyaarraa dhufan ogummaawwan 18 kan dorgoman yoo ta’u, leenjifamtoonni 138 ta’anis ogummaawwan 17n dorgomaniiru. Injifattoonnis badhaasaafi beekamtii argataniiru. Biirichis raawiisaa ji’oota ja’aa gamaaggamuun kallattii fuulduraa ka’aateera.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013