Bayyanaa Ibraahimiin
Namni aadaafi eenyummaasaatti hinboonne, kan nama biraa kabajuufis ta’ee kunuunsuuf fedhii hinqabaatu. Namni abbaasaatti hinboonne immoo abbeeraasaatti boonuu hindanda’u. akkasumas namni sabasaafi eenyummaasaatti hinboonne biyyasaatti boonuun waan hin yaadamneedha.
Biyya kana keessatti garuu wanti barame namni eenyummaa sabasaatiif falmatu akka nama biyya diiguutti ‘farra biyyaatti’ ilaalama. Faallaasaammoo namni “ani nama ta’uu kiyya malee saba kiyya hinbeeku ykn saba kiyyaan hinboonu” jedhu immoo akka nama biyya jaalatuutti ilaalama.
Kana keessatti garuu namni qalbiin waa xiinxalu kamuu dhugaa jiru hubachuuf gaaffii tokko qofa gaaffachuun deebii quubsaa argachuu danda’a. Innis, namni ofiisaa hinjaalanne akkamitti nama biroo jaalata?” namni abbaa malee hindhalatu, saba malees hindhalatu garuu biyya malee hinjiraatu.
Jenaraal Taaddasaa Birruu gaafa warreen maqaa Itoophiyaatiin kakatan biyya gananitti amanamummaadhaan waggoota dheeraaf biyyasaanii tajaajilaa turan gaafa eenyummaa Oromummaa kaasuu eegalanitti biyya gantan jedhamanii fannifaman.
Jenaraal Taaddasaan gaafa maqaa Itoophiyaatiin biyya tajaajilan goota hinargamne turan; gaafa miidhaan sabasaanii itti dhagahamuu eegalu biyya ganu yemmuu jedhamu immoo biyyi sun immoo ummatasaa ganuushee jarri hinhubanne.
Itoophiyaan hayyoota Oromoo aadaafi duudhaa sabichaa akkasumas, eenyummaa sabichaa calaqqisiisuuf yaalan nyaachaa dhuftus hayyooni Oromoo garuu du’a baay’achuu irraa boodetti hindeebine.
Abbaa qubee Afaan Oromoo, barreessaa Tiyaatira Afaan Oromoo isa jalqabaa, hundeessaa Gumuu ijoollee Oromoo sadarkaa addunyaafi Afaan Oromoo afaan aartii akka ta’u namni gahee bakka bu’ummaa hinqabne qabu beekaan ilma Leeqaa Doktar Hayilee Fidaa xiyyeeffannaa barreeffama kanaati.
Bara 1960moota keessa, Itoopiyaan sochii warraaqsa barattootaa keessummeessuudhaan sirna cunqursaa ofirraa fanqolchuuf yeroo itti milkaa’uu eegalte ture. Sochiiwwan barattootaan godhaman dabalatee namoonni siyaasaa gurguddoonis yaadaafi beekumsasaaniin uummata ofiif ifatti hojjechuu yeroosaan eegalanis baruma kana keessa.
Kufaatii sirna Hayile Sillaaseen boodas dhufaatii sirna Dargii faana dhahuun, hayyoonni siyaasaa ilaalcha garagaraa hordofan caasaa bulchiinsaatti hirmaachuuf mootummaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachaa akka turan seenaan ragaa ba’a. Haalli kun ammoo jaalala biyyummaa dabalatee, yaadaafi fedhii ummata ofiif hojjechuuf isaan qabanirraa kan madde ture.
Hayyoota gurguddoo mooutummaa Dargii waliin hojjechuuf dhufan keessaa Doktar Hayilee Fidaa isa tokko yeroo ta’u, caasaa mootummaa Dargii qajeelchuurraa hanga Dimokiraasii lafa qabsiisuuttis, beekumsaafi dandeettiisaatiin gumaacha taasisaa akka ture, kitaaboleen seenaa ni himu.
Haata’u malee, Mootummaan Dargii erga lafa qabachuusaa mirkaneefffatee booda hayyoota jaalala biyyasaaniif jechaa gara biyyaatti deebi’uun ummata isaaniif hojjechaa jiran tokko lamaan funaanee hidhuufi ajjeesuu eegale. Gariin maqaa ‘Qay shibbir’ jedhuun yeroo ajjeesu, warra kaan ammoo mana hidhaatti darbachuun akka dararaman taasise.
Kitaabni Seenaa dhuunfaa Hayilee Fidaa ibsu akka jedhutti “…Doktar Hayilee Fidaa haalota bara sanaa ilaalcha keessa galchuun walitti dhufeenya Dargii waliin qabu cimsachuutti ka’e. Bara 1967 Sisaay Habtee nama jedhamu, qondaalticha olaanaa Dargii waliin, Dhimma Ertiraa irratti marii eegaluun hojiitti seene. …Doktar Hayilee Fidaa Mootummaa Dargii jabeessuun kallattii Dimokiraasitti fiduuf waan humnasaa hunda gochuudhan qabsaa’e.” jechuudhaan ragaa ba’a.
Akka Shallamaa Kabbee kitaaba “Seenaa Gootota Oromoofi kaan” jedhu keessatti ibsetti, Doktar Hayilee Fidaan, dhimma Oromoorratti yaadni inni qabu, Oromoon akka sabaatti gaaffii qabaatus ummattoota Itoopiyaa kaanirraa fottoqee qofaatti biyya ijaarrachuu utuu hintaane, Itoopiyaadhuma keessatti, gaaffiin inni qabu saboota kan biroo waliin deebi’uufii akka qabutti amana.
Kana jechuunis yaada federaalawaa qabaachuusaa kan agarsiisu ta’ee, garaagarummaan sabootaa jiraatee, mirga biyyattii keessa jiraachuufi lammummaa qabaachuu danda’uu sabootaas deggeraa turuusaati.
Yaada kanas Itoopiyaa keessatti dhugoomsuuf kufaatii Hayile Sillaaseen booda, sirna haaraa Dargii dhufetti fayyadamuuf bara 1967tti mootummaa Dargii keessatti jijjiirama fiduuf ifatti hirmaannaa eegale.
Haa ta’u malee, Mootummaan Dargii erga lafa qabateen booda, hayyoota gufuu abbaa hirrummaa ta’uu danda’an of jalaa kaasuuf tarkaanfii fudhachuu eegale. Namoota gurguddoo, humna barateefi beekumsa qabanis maqaa “Qay shibbir” jedhamuun ajjeesuu jalqabe.
Haaluma kanaan, Doktar Hayilee Fidaas karoora ajjeesuu keessa galfachuudhaan humna poolisii halkaniin akka manasaa seenanii qaban taasise. Bara 1971’ttis akkuma yaadetti milkaa’uun Doktar Hayilee butuudhaan ajjeesee dhoksuu danda’e.
Doktar
Hayilee Fidaan Oromiyaa keessatti dhalatee guddachuun, Cunqursaa saba Oromoorra
ga’u mormaa hanga digirii jalqabaa eebbifamuutti biyyuma keessa ture. Digirii
lammaffaafi sadaffaasaa hojjechuufis, carraa barnoota biyya alaa argachuun gara
biyya alaatti deeme. Bara barnootasaa keessattis, dhimmoota gurguddoo Oromummaa
ijaaruu danda’an bocuutiin waltajjii marii uumuu egale. Qubee Afaan Oromoo
kalaquurraa hanga seerluuga Afaan Oromoo qorachuuttis adeeme. Kitaaba seerluuga
afaan Oromoo “Hirmaataa Dubbii” jedhus barreessee maxxansaaf qaqqabsiise. Afaan
Oromoo Afaan
aartii taasisuufis Tiyaatira muta dureensaa “Bara Birraan Bari’e” jedhu
barreessuun Oromootti agarsiise.
Gumii Ijoollee Oromoo jedhamu biyya Jaarmanitti dhaabuudhaan, hayyootaafi Barattoota Oromoo biyya alaa jiran walitti qabuus eegale. Doktar Hayilee Fidaa haadha warraasaafi daa’immansaa biyya Faransaayitti dhiisuudhaan, Mootummaa Dargii mootummaa gaaffii ummataa deebisuu danda’u akka ta’uuf deggersa beekumsaan bira dhaabachuuf akkasumas paartii mataasaa dhaabuun yaadaafi ilaalcha ofii lafa qabsiisuuf, falaasama sooshaalizimii mootummicha barsiisaa waliin hojjechuuf jechas gara biyya abbasaatti dhufe ture.
Yeroo Dargiin hir’ina beekumsaan dogoggora uumutti gorsaa, uummatas barsiisaa biyya dimokiraasoftuu uumuuf yaalii guddaa godhuu eegale. Haaluma kanaan utuu hedduu hintarkaanfatinis rakkoodhaaf saaxilamuunsaa garuu hinoolle. Amaloota mootummaa abbaa irree keessaa muraasni humnatti amanuutiin, sababa hir’ina ofitti amanamummaa namoota beekumsa qaban ajjeesuu, hidhuufi biyyaa ari’uudha. Mootummaan Dargiis gochuma kana fakkaatuun Doktar Hayilee galaafate. Gochiifi amalli kunis kan inni mul’atu erga barri darbee ta’us, seenaawwan darban irraa haala ammaa ilaaluunis ni danda’ama.
Mootummoota biyya kanaa biratti hayyoota Oromoo adamsuuniifi dhabamsiisuun kan eegale immoo bara Dargii dura yommuu ta’u, kan dhaabbates baruma Dargii qofatti osoo hintaane sana boodas qaroowwan ijaa sabichaa kanneen aadaafi afaan, akkasumas seenaafi siyaasa sabichaatiif abdii ta’an ija duraa dhabamsiisuun hojii dhaabbii sirnoota biyyattiiti.
Mootummaan Dargii erga lafa of qabsiisee jabaatee booda, hayyoota hedduu ajjeesuufi hidhuu akkasumas biyyarraa ari’uu akka eegale biyyattiin sana dura hayyootafi gootota Oromoo kanneen akka Jenaraal Taaddasaa Birruufaaf qiyaamaa lafarraa taate gaafasis jalqaba Hayyuu Oromootiif dursa du’aa kennite.
Gochaafi shira mootummichaatiinis bara 1971 Doktar Hayileen halkaniin butamee, ajjeefamuusaas barreeffama olii keessatti agarsiisuuf yaalleerra. Egaa galatnii dadhabbii goota kanaa xumurarratti ajjeefamuu ta’us, yaadaafi hawwiinsaa ilmaan horee dhaloota isa fakkaataniin finiinuu danda’eera. Gaaffileen ummata Itoopiyaa hedduun deebi’uu baatanis, kan yeroosiirra fooyya’insi mul’achuu danda’eera.
Kanneen keessaa immoo hawwiifi kaayyoo ijoo Doktar Hayilee Fidaa kan ta’e sabaafi sablammoonni hundi aadaafi afaansaaniitiin baratanii ittiin of bulchuun hanqinoota garagaraas qabaatu dhugoomeera.
Keessattuu eenyummaan Oromoo akka lalisuufi Oromoon qubee afaansaa qabaatee ittiin akka tajaajilamuuf bu’urri isaan kaa’ame har’a guutuu Oromiyaa bira darbee waltajjiiwwan gurguddoo addunyaa garagaraatti calaqqisuu danda’eera.
Xiyyeeffannoo qabsoo Doktar Hayilee kan ta’eefi hayyootuma Oromoo yeroo sanaa hedduu biratti gaaffii kaasaa kan ture gaaffiin Oromoo biyya walabaa hundeessuun osoo hintaane, gaaddisa Itoophiyummaa jalatti gaaffiin Oromoofi saboota biroos akka deebi’an kan ture sunis har’a hanga sa’aa kanaatti kan biyyattiin ittiin buluuf dirqamte ta’ee argameera.
Walumaagalatti, mootummaan Dargii Hayilee ajjeese malee kaayyoosaa ajjeesuu hindandeenye. Oromiyaan Doktar Hayilee deesse immoo ilmishee du’uusaatti gadditee hinmaseenne. Hayyoota akka Doktar Hayilee kumaatamaan deessee gaaffii eenyummaa Dargiin awwaaluuf wixxifate bishaan obaafte.
Mootummaan Dargii utuu hayyoota gurguddoo sana ajjeesuu baatee gorsasaanii dhaggeeffatee ta’ee, tarii kufaatiin hamaan isa hinmudatu ture. Biyyi Itoophiyaas carraa garbummaa haaraatti darbuuf saaxilamuu hinqabaattu turte.
Doktar Hayilee Fidaanis utuu Dargii amanee itti of gadhiisuurraa of qusateera ta’ee, yoona kaayyoofi yaadasaatiin milkaa’ee sabasaa biliisummaan jiraatu ni arga ture.
Gaaffii eenyummaa Oromummaa qabsoo hadhaawaafi wareegama gootota hedduutiin argame kana maqaa ‘finxaaleeyyii’ jedhuun taphaan ala gochuudhaaf siyaasni finxaaleeyyiin abjuu sirna cunqursaa hafarsanis kanarraa barachuu qabu.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013