Sagaleen egeree keenya boca

Filannoon yeroo dhiyaatu gaaffiin hatattamaan gara nama dhufu eenyun filadhu? Eenyutu bakka barbaadame kanaaf ta’aa? Enyutu jijjiirama fiduu danda’aa? Ulaagaa maaliinan kadhimamtoota secca’ee nama sirrii filadhaa kan jedhuufi kkkf., gaaffii namoota hedduuti. Sababiin isaa filannoon salphaa miti. Wantoota hedduu wajjin walitti dhufeenya qaba. Egeree namaa boca. Egeree biyyaa boca. Akka dhuunfaattis, akka walootti akkasumas akka biyyaatti dhiibbaa mataa isaa danda’e qabaata, Gaarummaa isaas ta’e hammeenyi isaa nama qaqqabuu hinoolu. Miidhaa gama geggeesuummaan dhaloota qunnamu, rakkoo borii dhabamsiisuun hindandaa’amu illee yoo ta’e xiqqeessuuf kadhimamtoota sirrii filachuun murteessaadha.

Haa ta’u iyyuu malee kadhimamaa sirriin eenyuu? Ulaagaa maaliin adda baafannaa? Egaa nama tokkoof utuu sagalee keenya hinkennin maal ilaaluu qabnaa? Attamitti kadhimamtoota wal-dorgomsiisuun nama sirrii filachuu dandeenyaa? Isa kanaaf ulaagaa ittiin ilaallu keessaa tokko amala kadhamamaa filannoof dhiyaatee ta’uun isaa murteessaadha. Amalli kadhimamaan tokko calaqqisiisu, muuxannoo isaa, raawwii isaa, amanamummaa isaa, nama kalaqaa ta’uu isaa, yaada yookaan ilaalcha haaraa nama keessumsiisu ta’uu isaa, nama gadi jedhee rakkoo hawaasaa dhaggeeffatu ta’uu isaa, nama hawaasni amantaa itti qabaatu, nama waadaa seene raawwachuu danda’u ta’uu isaa gadi fageenyaan xiinxaluufi waa’ee kadhimamaa sanaa odeeffannoo sirrii funaannachuufi sirriitti hubachuu danda’uu, ejjennoo isaa gamaaggamuu, dandeettii geggeessummaa isaa adda baafachuun gaariidha.

 Nu qofa utuu hinta’in namootni kan biraa kadhimamaa kana attamitti akka ilaalan hubachuu, duula nafiladhaa irratti maal jedhaa jiraa? Karoorri isaa kallattii maraan maal fakkaataa? Kadhimamaan kun maal irratti xiyyeeffataa? Dandeettiin kadhimamaa kanaa maal fakkaataa? Yoo filame egeree biyyaafi dhalootaa irratti dhiibbaa attamitt geessisaa? Isaan kana hunda erga funaannannee booda ilaalchi namootaa waa’ee kadhimamaa kanaa maal akka fakkaatu odeeffannoo dabalataaf walitti qabanna. Sababiin isaa ilaalchi namootni waa’ee kadhimamaa tokkoof qaban yaada keenya caalaatti nuuf bal’isuu danda’a. Yeroo kana jennu wantoota namootni jedhan tarii waan nuti hinagarre akka ilaallu nugargaaruu danda’a. As keessatti garuu waan dagachuu hinqabne yoo namni tokko nama jibbe nus duukaa buune jibbina jechuu miti. Odeeffannoo nuti waa’ee kadhimamaa tokkoo argannu yoo irraa barachuufi odeeffannoo funaannanne ittiin gabbifachuuf ta’e malee daandii ittiin kadhimamaa isaan jaallatan jaallannee isa isaan jibban ammoo isaanii wajjin ittiin jibbinu miti. Isa kana irratti of eeggachuun murteessaadha. Murtoon isaa kan keenya qofa. Namatu nuuf murteessa miti. Nutu filata. Namatu nuuf filas miti.

Kadhimamamtoota filannoof dhiyaatan keessaa eenyutu dhalootaafi biyyaaf deebii sirrii kennuu danda’aa? Dhalootni keenya waan geggeessaa tokko irraa argachuu fedhu isa kam irraa argachuu danda’aa jennee of-gaafachuun barbaachisaadha. Utuu sagalee hinkennin dura wantoota murteessoo ta’an irratti ejjennoo kadhimamaan tokko qabu adda baafachuun murteessaadha.

Wantoota akka dhuunfaattis ta’e akka walootti akkasumas akka biyyaatti namni filamu kun maal ida’uu danda’aa? Beekumsi namni kun gama siyaasaan qabu maal fakkaata? Muuxannoon isaa’oo? Kadhimamaa kana keessatti amalli geggeessaa sirrii ni argamaa? Nama waan dubbate hojii irra oolchuudhaa? Muuxannoon isaa kanaan duraa isa kana nimirkaneessaa? Nama jireenya fakkeenyummaa qabu, nama waan itti amane fakkaatu, ofitti amanannaa kan qabu, amala gaarii nama qabu, hawaasa keessatti kabaja nama qabu ta’uu isaa adda baafachuun gaariidha.

Kadhimamaan tokko nama jijjiiramaa, nama hojii gaariif namoota dadamqsuu danda’u, namootni dhiibbaan utuu hinta’in fedhaan kan duuka bu’an, mul’ata jijjiiramaa nama burqisiisu, naannoo mul’ata kanaatti namoota ijaaruufi raawwachuu nama danda’u, dhiibbaa gaarii nama geessisuu danda’u ta’uu isaa seccaa’anii ilaaluun barbaachisaadha. Sababiin isaa geggeessaan nuti har’a filannu dhaloota har’aa qofa irratti utuu hinta’in borii biyyaafi dhalootaaf murteessaadha. Bor hamaa har’a raawwannu akka ija isaa hingalfanneef har’a gadi fageenyaan itti yaaduun gaariidha. Kanaaf geggeessaa sirrii gadi fageenyaan adda baafachuun bakka murteessaa kaa’uun daran barbaachisaadha.    

Egaa yeroo kadhimamaa tokko filachuuf seccaanu xiyyeeffannoo isaa ilaaluun murteessaadha. Biyyaafi dhaloota irratti jijjiirama inni fidu, mul’ata haaraafi sochii cimaa nama fidu malee sababa dorgomeef yookaan hawweef filatama miti. Nama bara kanaa wajjin deemu, nama haala addunyaa gadi fageessee hubatu, nama fageessee ilaalu, nama ija ba’umsa irraa wallaba ta’e, nama oduu durii himu qofa utuu hinta’in nama qaarisiisee ilaaluu danda’u, dhaloota kakaasuun gara guddina barbaachisaatti kan geessu; mul’ata egeree gadi fageenyaan kan hubachiisuufi amantaa uummataa kan gonfate ta’uu qaba. Namootni filannoof kaadhimamanis isa kana gadi fageenyaan beekuu qabu. Kaleessa isaanii, har’a isaaniifi abjuu isaan boriif qaban gadi fageenyaan qorachuun bakka murteessaaf filamu.

Kanaaf geggeessitootni si’achi biyyaafi dhaloota geggeessan callisnee kan filannu utuu hinta’in namoota jijjiirama fiduuf qophaa’an, namoota kalaqaa, namoota karaa haaraa baasan malee isa kanaan duraa namoota itti fufsiisan qofa ta’uu hinqabu. Kanaaf geggeessaan jijjiirama fidu mul’ata kan burqisiisu, abjuun isaa akka hojiitti hiikamuuf aarsaa barbaachisu kanfaluun nama qophaa’e ta’uu isaa haalota jiran irraa hubachuun  murteessaadha.

Kana qofa utuu hinta’in sagalee keenya kaadhimamaa kamiif iyyuu utuu hinlaatin dura xiyyeeffannaa nama sagalee laannuuf adda baafachuun gaariidha. Kaadhimamaan kun maal irratti xiyyeeffataa? Maal jijjiiruuf qophaa’ee jiraa? Tarsiimoon isaa maal fakkaataa kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Yaada kanaan dura ture akkasumaan kan itti fufsiisu utuu hinta’in gaaffii keessa kan galchu ta’uu isaa ilaaluu qabna. Inni kun ammoo sababa paartii tokkoon mormmuuf qofa akka hintaane adda baafachuun keenya gaariidha. Utuu waa’ee jijjiiramaa hinkaasin dura warri geggeessan jijjiiramuun daran barbaachisaadha. Jijjiiramni keenya jijjiirama namoota geggeessinuu dursuu qaba. Geggeessaan tokko hanguma guddachaa deemu amalli isaa jijjiiramaa deema. Amala jijjiirameefi muuxannoo gaarii qabu wal simsiisuun dhaabbata tokko jijjiiruun nidanda’a.  

Isa kanaaf odeeffannoo kaadhimamtoota kanaa kallattii addaa addaan funaannachuun barbaachisaadha. Daandii ittiin odeeffannoo argannu keesssaa muraasni gaazexaa, barreeffama, barreeffama kaadhimamtootni kun tarii tamsaasan, mar-sariitiwwan garaa garaa irra waa’ee kadhimamtoota kanaa waan dubbatu, televiziyoona, raadiyoo, hasawaa kaadhimamtootni kun taasisan, falmiifi maree isaan taasisan hordofuun eenyummaa isaanii, hangam akka dhaloota kanas ta’e biyya kana jijjiiruu dandaa’an, isa irra darbuun dhaloota borii irratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’uu isaanii kan agarsiisu odeeffannoo funaannachuun murteessaadha.

Kadhimamaan tokko ejjennoon isaa maal akka fakkaatu gadi fageenyaan ilaalunis barbaachisaadha. Fakkeenyaaf dubbii kadhimamaan kun dubbate, barreeffama garaa garaafi falmii ta’e irraa eegaluun hangam kaadhimamaan kun borii dhalootaafi biyyaa jijjiiruu danda’a jennee of gaafachuun gaariidha. Kanaaf sagalee dura ejjennoo kaadhimamaa kanaa gamaaggamuun gara murtootti dhufuun barbaachisaadha.

Odeeffannoon nuti walitti qabannu kun dandeettii geggeessummaa kadhimamaa kanaas akka sirriitti hubannuuf nu gargaara. Inni kun tarii salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Sababiin isaa kaadhimamaan tokko hangam akka amanamaa ta’e, rakkoo cimaan yoo mudate illee jabaatee nama dhaabbachuu danda’u ta’uu isaa adda baafachuun salphaa miti. Haa ta’u iyyuu malee waa’ee kaadhimamaa kanaa kanneen armaan gadii ilaalcha keessa galchuun ilaaluun murteessaadha. Daandeettiin kadhimamaa kanaa, muuxannoon isaa maal fakkaataa? Sababiin isaa muuxannoo kadhimamaan tokko  qabu murteessaadha. Qorattootni Yuunivarsiitii Minnesootaa qorannoo muuxannoo geggeessummaa irratti taasisan akka addeessanitti dandeettiin geggeessummaa 70% (dhibbeentaan torbaatamni) muuxannoo irraa akka dhufu dubbatu. Namootni kanaan dura geggeessummaa garaa garaa keessatti muuxannoo addaa addaa horachuun haala garaa garaa keessatti nama sirriitti geggeessuu dandaa’an ta’uu isaanii akka adda baafannuuf nugargaara. As keessatti wanti dagatamuu hinqabne muxannoo jechuun waggoota jiraannee dabarsine miti; yookaan wantoota hojjetnee dabarre miti. Muuxannoon rakkoolee numudatan jechuus miti. Garuu muxannoo jechuun rakkina nu mudate keessaa attamitti mo’ichaan akka keessa tarre kan ibsuudha. Albart Einistaayin yeroo tokko, “Baay’een akka itti walii galanitti odeeffannoon qofaa isaatti beekumsa miti. Irra caalaa iyyuu madda beekumsaa inni guddaan muxannoo waan ta’eef shaakala kee ittuma fufi” jedhe. Muuxannoo irraa waan baay’ee baranna. Mana barumsaatti kan hinbaranne muxannoo irraa baranna.

Walii galatti waa’ee kadhimamtoota filannootti dhiyaatanii odeeffannoo waa’ee isaanii, sadarkaa beekumsa isaanii, bilchaatina siyaasaa isaan qaban, bilchaatin miraa, hubannaafi mul’ata, ejjennoofi muuxannoo isaanii adda baasanii beekuun nama sirrii qofaaf sagalee kennuun murteessaadha.

Darbees namoota muraasaaf gaaffii gochuun waa’ee kadhimamtoota dhiyaatanii maal akka yaadan, eenyun akka deggeran, sababa maaliif akka deggeran irraa hubachuun caalaatti waa’ee kaadhimamtoota jiranii akka hubannuuf nugargaara. Sababiin isaa namootni kaadhimamtoota kana deggeran maaliif akka ta’e hubanna. Odeeffannoo dabalataas irraa arganna. Yoo dandaa’ame ammoo paartiin kaadhimamaa tokko bakka buuse maaliif nama sana akka bakka buuse gaafachuun yaada argachuun nidandaa’ama. Amala maalii akka qabu, muuxannoo isaa, dandeettiin isaafi kkf., beekuun akka hin dogongorre nugargaara.    

Zarihun Gabreetiin

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You