Oromoo Walloo qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’an kuma 93 oliif birmannaa

Waasihun Takileetiin

Rakkoo nageenyaa kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessatti darbee darbee mudachaa jiruun lakkoofsi namoota ajjeefamanii, qabeenyi barbadaahuufi namoonni qe’eef qabeenyarraa buqqa’aa jiranii yeroorraa yerootti dabalaa hammaachaa deemaa jira.

Hammaachuun rakkoo nageenyaa kunimmoo gaaga’ama dinagdee fiduurra darbe amanataa ummanni mootummaarraa qabu kan laaffisu waan ta’eef kutannoo siyaasaan furamuu baannaan ammas yaaddoo egeree biyyattiiti.

Lola humni addaa naannoo Amaaraa Oromoo Walloorratti yeroo darbe bane isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama. Barreeffama keenya kana keessattimmoo haleellaa humni addaa naannichaa baneen badiin lubbuurratti akkasumas qabeenyarratti qaqqabe maal fakkaata, dinagdeen buqqaatotaas maalirra jira  isa jedhu isniif dhiheessineerra.

“Adaamii olla hagamsaa imimmaan irraa hinqooru” akkuma jedhamu, Oromoon Walloo kaaba Itoophiyaa jiraatu eenyummaa, afaan, aadaa, duudhaafi tokkummaasaa kabachiisee jiraachuuf qabsoo hadhaahaa taasisaa as gaheera. Sirnoonni dabareen waljijjiiran kan dhufeefi kan darbu martuu Oromoo Walloorratti kan hojjetu malee kan hojjetuufii takkaa hinargamne yoo jenne haqa seenaan ragaa bahudha.

Kun kan jedhamuufis Oromoon Walloo jireenyasaa guutuu qabsoofi wareegama kaffalaa as kan gahan yoo ta’u, har’as mootummaa kutannoo siyaasaan maraammartoo sana keessaa isa baasu hinarganne, kanaaf tuttuqaanifi cunqursaan irraa fagaachuu diduu tilmaamuun nama hinrakkisu.

Oromoon Walloo abbaa qe’ee abbaa ooyiruu ta’ee osoo jiruu akka cittuutti dhiibamee foon foonirraa cite ta’e lammiisaarraa fagaatee ija hamaan ilaalamuunsaa Oromoo isa kaaniif nagaa waan laatu miti.

Ragaaleen seenaa akka ibsanittis yoo ta’e dacheen Walloo gootota qaaleyyii kabajamuu Walabummaa Itoophiyaaf aarsaafi wareegama kaffalaa turan deesseefi haadha goototaati. Kanarraa kan ka’e sabboontota eenyummaasaaniif quuqaman, walabummaa biyyaaf waakkii malee aarsaaf wareegama  kaffalanis arjoomtedha.

Sabboontonni Oromoo Walloo kun cunqursaa sirnoota kanaaf osoo hinjilbeeffatiin kabajamuu mirga, afaan, aadaa, duudhaafi daangaasaaf dhiigasaa dhanagalaaseera; lafeesaas cabseera kanarraa kan ka’e dhaloota eenyummaasaaf quuqamu kumaatama horachuu dandaheera.

Dacheen Walloo kabajamuu Itoophiyaaf ilmaan qaaleyyiifi gootota gara garaa haa arjoomtu malee kabajamuu eenyummaashiif takkaa kan quuqameef hinjiru.

Sirni gabroomfataa dhufee darbu kamuu qorqalbii Oromoo Walloo kana jaamsuun  eenyummaasaa itti fe’uuf yaalus kan boquu laateefii hinjiru. Kanaaf Walloon walabummaafi tokkummaasaa tikfachuuf har’as akkuma kaleessaa kufee ka’aa jira.

Rakkoo nageenyaa Humni Addaa Naannoo Amaaraa Oromoo Walloorratti tibbanaa baneen lubbuun badeera; qabeenyi barbadaaheera; hanniifi saamichi irratti gaggeeffameera; ummanni kaleessa obboleyyansaa naannoo Somaaleerraa buqqaaaniif galaa baattatee obbolaasaa beela baasaa ture har’a beelahee; daaree ijaan arguun nama gaddisiisa.

Godina Saba Oromoo Wallootti Abbaa Adeemsa Hojii Dhimmoota Kominikeeshinii Oduufi Sagantaa kan taan Obbo Tarrafaa Dandanaa ibsa gaazexaa Bariisaaf kennaniin, namoonni kuma 93 ol qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’uu ibsaniiru.

Haleellaa humni addaa naannichaa isaanitti bananiin manni jireenyaa Oromoota walloo kuma tokkoofi 539 kan gubate yoo ta’u namoonni 126 ajjeefamuufi 186 ammoo madaahuu kaasaniiru.

Haleellaan kun aanota lamarratti xiyyeeffatee kan rawwate ta’uu  ibsanii, aanaa Harxummaa Fursiifi Jilee Dhummuugaatti ta’uufi  yeroo ammaatti lammiileen kuma 93 ol eegattummaa jalatti kufuu kaasu. Lammiileen eeggattummaa jalatti kufan kunneen har’a gargaarsa obboleeyyansaanii barbaadaa kan jira yoo ta’u,  Oromoo hundi aantummaasaa agarsiisuufii akka qabudha kan kaasan.

Buqqaatonni aanaalee lameen Harxummaa Fursiifi Jilee Dhummuugaa manneen barnootaa keessatti walitti qabamuun deggaramaa jiraachuu himanii, karaa mootummaa naannoo Amaaraa waadaan galamus hojiitti seenuurratti harkifannaan jira jedhu.

Oromoonni quuqama lammii qaban obboleeyyansaaniif akka gahaniif gaaffii dhiyaateef namoonni tokko tokko harkasaanii hiixachaa jiraatanis quufsaadha akka hintaane kan eeran Obbo Tafarraan, mootummaan naannoos ta’e kan federaalaa lammiilee kanneen deebisanii ijaaruurratti harkifannaan jiraachuufi  jiraattota naannawaatiin hirphamaa akka jiranidha kan dubbatan.

Dinagdeen lammiilee Oromoo Walloo garee goolessituu humna addaa naannichaan gaaga’ame kun obboleyyansaaniin yoo utubamuudhaa baate egereesaaniif yaaddessaa ta’uu eeranii, lammiin birmachuufii akka qabu dhaamaniiru.

Haalli nageenyaa naannawichaa amma fooyyee akka qabu kan ibsan Abbaan Adeemsichaa innuu Raayyaan Ittisa Biyyaafi Poolisiin federaalaa bobbaafamuusaani ta’uu ibsu.

Hawaasnis hojii idileesaatti deebi’ee jiruuf jireenyasaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u badii raawwate adda baasuun garee goolessituu kana seeratti dhiheessuuf koreen dhimmicha qoratu bobba’uu kaasanii, gabaasa qorannoo koreen kun irra gahe bu’uura godhachuun badiin lubbuu, qabeenyaa dhaabbataafi qabeenya socho’aa garagaraarratti qaqqabe akka iftoomu taasifama jedhu.

Akka ibsa Obbo Tafarraatti, qorannaan koree kanaan taasifamu qofti rakkoo mudachaa jiru fura jedhanii yaaduun kan hindandaamne ta’us hamma tokko jijjiirama fiduu danda’a. Ajjeechaa lubbuu namootaarratti qaqqabeen alatti, manni jireenyaa kuma tokkoofi 539 gubachuu, loon, bushaaheen, gaallifi qabeenyi lakkoofsisaa hinbeekamneefi  saamame hedduu ta’uullee kaasuun xumura qorannichaarratti iftoomuuf jira.

Hawaasni qe’eef qabeenyasaa dhabe kunimmoo yeroo ammaatti eeggattummaafi hirkattummaa jalatti kan kufe ta’uu ibsanii, gaga’amni dinagdee kun kutannoo siyaasaan yeroon furamuudhaa baannaan rakkoo nageenyaa dabalataa ta’uunsaa waan oolle ta’u hubachiisu.

Qe’eef qabeenyarraa buqqa’uu ilmaan Oromoon naannoo Somaalee wajjin walqabatee gaa’aga’amni qaqqabaa ture olaanaa yoo ta’u hammi tokko deebihanii akka ijaaraman taasifamanis kan hafan faffaca’anii jireenya daandiirraa dhandhamuutti goraniiru. Lammiileen jireenya bal’aa keessaa bahanii daandiitti bobbahan kunneen hadhaa’a  jireenyaa kanaan waxalamanii eeggattummaa kadhaaf saaxilamuusaanii yaadatu.

Har’as dhimmi qe’eef qabeenyarraa buqqa’uu Oromoo Walloo kun salphaatti kan ilaalamu akka hintaane hayyonni yoo kaasan dhimma furmaata waaraafi hatattamaa barbaadu ta’ee mul’ata.  Lammiin kuma 93 ol manneen barnootaa keessatti walitti ugguramanii beelaan waxalamuurra darbanii vaayirasii koronaaf saaxilamuu waan dandahaniif hordoffiin taasifamuufii qabu walirraa cituu hinqabu jedhu.

Akka Obbo Tarrafaan nuuf kaasanitti, yeroo ammaatti gargaarsi hatattamaa taasifamaa jiru qaqqabaa waan hinjirreef yaaddoon jira. Oromoon Walloo aanaa biroo keessa jiru waanuma qabuun obboleeyyansaa kana dandamachisuuf bira dhaabachaa akka jirullee kasaniiru.

Yeroon qonni itti jalqabus as dhiyaachaa wayita jirutti rakkoon akkasii qaqqabuunsaa yaaddessaa ta’uu kaasanii, qonnaan bultoonni hatattamaan gara jiruu idileesaaniitti akka deebihaniif haalli mijataa yoo uumameefiin alatti egeree dinagdee lammiilee kanaaf sodaa guddaatu jira.

Biyya waldhiibuun, walajjeesuun, walkabajuu dhabuuniifi walbuqqisuun heddummaate keessatti dinagdeen of dandahanii jiruuf jireenya ofii gaggeessuun ulfaataa waan ta’eef gamanumaa xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha.

Lammiin qe’eef qabeenyasaarraa buqqa’ee dinagdeen laamsha’emmoo hatattamaan yoo hirphamuudhaa baate rakkoon nageenyasaas yoo furamuudhaa baate hiyyuumni kan babal’atu, eeggattummaan kan heddummaatufi raafamni dinagdeefi siyaasaa akka hammaatu waan godhuuf mootummaan irratti hojjechuu qaba.

Walumaagalatti Oromoon Walloo finxaaleyyiifi oftuultotaan qe’eef qabeenyasaarraa buqqa’e kuma 93 ol, manni jireenyaasaanii jalaa gubatekuma tokkoofi 539 abdiinsaanii ummata Oromoo waan ta’eef hunduu tumsa barbaachisu taasisuun dirqama Oromummaafi obbolummaa waan ta’eef bakka jirruu haa birmannuu waamicha keenya.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You