Bayyanaa Ibraahimiin
Yeroo barumsi qofaasaatti hiyyummaa keessaa nama baasuu dadhabee tattaaffii dabalataa gaafatu kanatti, wayita namni barateefi digriifi dippiloomaa qabatee hoji dhabdummaadhaan sammuun isa jeeqamu kanatti, darbee darbee immoo namni hinbaratiniifi ulaa mana barumsaa dura darbee hinbeekne isa baratetti qoosu yeroo hamaa isa jaamaa keessa jirra.
Dur dur namni barumsaan yunvarsiitii galee sadarkaa digriitiin eebbifamu hafee inni kutaa jahaa ol barateyyuu iddoo guddaa hawaasa keessatti horata ture. Sadarkama barnootaa marsaa duraa hanga kutaa jahaffaa kanaanis warreen carraa hojii mootummaa keessatti argatanii jireenya fooyya’aa gaggeeffataniis danuudha.
nama barnoota marsaa duraa hanga kutaa jahaffaatti barateen wantootni hojjatamanis isa har’a kutaa 12fa xumureen waan hin yaadamne hedduttu raawwatamaa ture.
Barattoonni har’aa akka isa durii gaafa barumsa xumuranii yunvasrtii galanis hamileefi miirri jajjabinaa keessoosaaniitti horatan hir’achaa, abdiinsaan waan barataniin hojii argachuuf qaban gadi bu’aa hinoolin qofaaf ykn immoo maatiisaanii waan sodaatan qofaaf kanneen baratanis lakkofsaan hedduudha.
Amma gaafa akka durii baratanii gosa barnootaa wayiitiin dippilomaa ykn digrii baadhachuun qofti carraa hojii qacarrii namaaf hinargamsiifne kanatti, yeroo qabxiin olaanaan ati yunvarsiitii keessatti galmeessistee baate carraa hojii dursa siif argamsiisuu dadhabe kanatti, falli inni tokkoofi filatamaan harka eebbifamtoota har’aatti hafu hojii mataa ofii uummachuu duwwaadha.
Beeksisa qacarrii mootummaa barbaachaaf yeroofi baasiin isaaf bahu qofaasaattuu hojii xiqqoo tokko ittiin uummachuudhaaf ka’uumsa ta’uu akka danda’u immoo namootni hedduun irratti walii galu.
Hojii mootummaa barbaachaaf jecha namootni dandeettii kalaqaa keessoosaanii jirutti fayyadamuu wallaalan hedduun kan jiran ta’uu kan himu dargaggoon hojii mootummaa barbaachuu dhiisee eebbaan booda kallattiidhaan hojii ofii uummate Jaalataa Mul’ataa, dandeettii keessoo ofii baranii qacarrii mootummaa osoo hineegin hojii ofii uummachuun gama faayidaatiinis dorgomaa kan hinqabne ta’uu dubbata.
Yunvarsiitii Gondar irraa gosa barnootaa Siviil Injinaariingiitiin kan eebbifame ta’uu kan himu dargaggoon kun, akkuma eebbifameen garuu hojii mootummaa barbaachaaf guyyaa tokkos kan hinballeessine ta’uu dubbata.
Akka ibsasaatti, ani osoo yunvarsitii galee barnoota Injinariingii hinbaratiniin durattuu fedhiin waakalaquufi hojii uumuu onneesaa keessa tureera. Wanti akkuma eebbifameen kallattiidhaan gara hojiitti akka galuuf isa gargaarees barnoota baradhe qofa osoo hintaane abdiifi fedhii kalaqaa ganamaan keessa isaatti uumamee ta’uu ibsa.
“Abjuu keessoo koo jiru kana hiriyyoota koo kanneen birootiif qooduudhaan gurmoofnee carraa hojii tokko ofiikeenyaafis ta’ee namoota birootiif uumuu akka dandeenyu erga irratti walii galleen booda gara hojiitti galle. Kanaanis bara 2010 irraa eeggallee karooraafi yaada qabnu bulchiinsa magaalaa Naqamteetiif dhiheessuudhaan gara hojiitti galuu dandeenyeerra.
Hojii nuti irratti hojjachuuf yaadne kun immoo sibilotaafi bu’aalee sibilitaa kan ta’an maashinootaafi meeshaalee garagaraa ture” jedha.
Teknolojiiwwan kalaqaa kunneen immoo qonnaan bultotaaf, daldaltootaafi abbootii qabeenyaa garagaraatiif kan dhihatanii ta’ee kan eeru Dargaggoo Jaalataan, hunda caalaa kan nama dhibu immoo gaafa hojii kana tokko jedhee eegale maallaqa ka’uumsaa saantima tokkollee akka hinqabne yaadata. Wanti isaan harkaa qaban yaadaafi karoora akkasumas dandeettii kalaqaa ganama keessoo isaatti uumameefi barnootaan cimsate qofa ta’uu ibsa.
Kanaaf gaafa hojii jalqaban yaada hojii kana abbootii qabeenyaafi namoota isaan gargaaruu danda’an tokko tokkoof dhiheessuun amansiisuudhaan maallaqa hanga tokko isaanirraa argachuuf hedduu yaaluusaanii hima.
“Boodarra garuu yaadni nuti harkaa qabnuufi karoorri keenya inni fuulduraaf qabnu jara amansiisuu waan danda’eef maallaqa ka’uumsaaf ta’u isaanirraa argachuudhaan hojicha bifa gaarii ta’een eegaluu dandeenyeerra. Abbootiin qabeenyaafi daldaltootni osoo nuti hojii hineegalin amananii mallaqa nuuf kennan kunniin garuu waan yeroo hunda onnee keenya keessaa bahuu hindandeenye tokko nukeessa kaa’aniiru. Innis hojii keessatti amanamummaa jechuun hangam waan ulfaataa akka ta’eedha. Sanaan booda amanamummaadhaan maamiltoota keenya akka tajaajilluuf barumsa guddaa nuuf kennee darbeera” jedha.
Booda gaafa hojii keessa galamee waan omishamu gabaadhaaf dhiheessuun danda’amuttis warroota gaafa duraa osoo hojii hineeggalle amananii maallaqa ka’uumsaa isaaniif kennan sanaaaf waan isaan fedhan dhiheessuudhaan dabalataan immoo maamiltoota haaraa hedduminaan yeroo gababaa keessatti horachuu danda’uusaanii hima.
Amanamummaan hojii daldalaafi kalaqaa akkasumas hojii gosa kamiyyuu keessatti hangam barbaachisaa akka ta’es kan hubanne yeroo gabaabaa keessatti kan jedhu Dargaggoo Jaalataan, ilmi namaa dhalootaan dandeettii tokkoofi sanaa ol waliin akka dhalatu beekkamaadha. Garuu rakkoon jiru maali yoo jette, dandeettii uumamaan keessoo keenya jiru baruufi baranii immoo itti fayyadamuudhaafi carraaquu dhabuudha.
Namni hundi sodaa tokko malee fedhiifi dandeettii keessoosaa jiru dhaggeeffatee gara hojiitti jijjiiruuf carraaquu qaba. Dandeettii keessoosaa jiru immoo eenyuma caalaa kan beekuu danda’u abbuma sana qofaa waan ta’aeef, bakka namni sun dandeettii keessoo isaa baasee hinibsanneefi hojitti hiikuudhaaf hin yaalletti garuu namni nama gargaaruu danda’u tokkos kan hinjirre ta’uun baramuu akka qabu kaasa.
Namni kamuu karoora jireenyaafi kutannoo qabaannaaniifi hojjannaan jijjiiramuunsaa waan hinoolle ta’uu kan ibsu dargaggoon Jaalataan, keessattuu barattoonni yunvarsitiwwan garagaraa irraa bahanii hojii mootummaa eeggatan dandeettii keessoosaanii baranii isuma gara hojiitti geeddaruu irratti xiyyeefachuu akka qaban ni gorsa.
Hojii kalaqasaanii kanaan gaafa hojitti galan maallaqa tokko osoo hinqabaatiin yaada qofaa abbootii qabeenyaatti gurgurachuudhaan kan eegalan ta’uu himuudhaan garaa garummaa ji’oota saddeet keessatti garuu gara bu’aa qabatamaa arguutti kan ce’an ta’uu dargaggoo Jaalataan ni dubbata.
“Yeroo ammaa carraa hojii uumachuu bira dabarree dhaabbata NICE (Nekemte Innovation and Center of Excellence) jedhamuufi akka magaalattii keessatti hojii kalaqaatiin sadarkaa duraa irratti waamamuu danda’u hundeessinneerra. Kanaanis ofirra dabarree dargaggoota kanneen biroo warren hojii kalaqaa garagaraa keessatti hirmaachuu barbaadaniifi dandeettii qabaniif bakka muuxannoo irraa argatan ta’uus dandeenyeerra. Hanga ammaattis waldaaleen dargaggootaa hojii uumuu irratti hojjachaa jiran hedduu dhufanii muuxannoo garaa garaa nu biraa argachaa jiru” jedha.
Barataan hanga ammaatti ilaalcha “baradhee hojii mootummaa argachuu qaba” jedhu keessaa hinbaane yoo jiraate of dagachuusaa baree daddafee hirriba sana keessaa dammaqee gara filannoowwan biroo ilaaluutti galuu akka qabus dargaggoon kun ni gorsa.
Barattootaafi eebbifamtoota kamiifuu taanaan xiyyeeffannoo jalqabaa ta’uu kan qabu hojii mootummaa yoom argachuu danda’aa osoo hintaane, ani dandeettii akkamiin qabaafi hojii gosa kami uummachuu danda’a isa jedhuu ta’uu akka qabu kaasa.
Hojii mootummaa argannaan waan jibbamu ykn tuffatamu jechuu osoo hintaane, inni garuu kan ta’uu qabu filannoo jalqabaa osoo hintaane filannoo isa dhumaa ta’uu akka malu kaasee, sababnisaas faayidaa achirraa argamuufi bilisummaas kan qabaatu hojii mootummaa calaa hojii dhuunfaa ofii waan ta’eefi ta’uu hima.
Dargaggootni eebbaan booda hojii barbaacha iddoowwan fagoo irraa gara magaalota gurguddootti imalanii baasii olaanaafi yeroosaanii gubaa jiran immoo dargaggoota akka Jaalataafaarraa baruumsa gaarii fudhachuu qabuun immoo dhaamsa keenya.
Walumaagalatti, yeroo barumsi qofaasaatti jiruufi jireenya gaarii gaggeeffachuufis ta’ee ittiin jiraachuuf ulfaataa ta’aa jiru kanatti, wayita carraan mootummaa biratti qacaramuu dhiphachaa dhufaa jiru kanatti dandeettii ofii baranii hojii mataa ofii uumachuu wanti caalu tokkos hinjiru.
Waan kana ta’eefis eebbifamtootni dokmantii barnootaa baatanii magaalaa keessa asiifi achi joonjaa oolan osoo gara ofiisaaniitti deebi’anaanii waan hojjachuu danda’an of gaafatanii ofiisaaniifis ta’ee maatiisaaniitiif abdii ta’uu akka danda’an shakkiin hinjiru.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013