Akka dhaabbanni Fayyaa addunyaa ibsutti, dhibeen mukaa’uu dhukkuba sammuu baay’ee hammaataa ta’eefi addunyaa keenyarratti namoota miliyoona 264 ol miidhudha.
Dhukkubni kun miira namaa miidhuurra darbee hanga dandeettii yaaduu keenyaa jeequufi waantoota jireenya guyyaa guyyaa keessatti taasifnu (day to day activities) irraa nu hambisuutti gaha. Namoonni addunyaa kanaa parsantii 17 ol umurii isaanii keessatti al takka dhibee mukaa’uun qabamuu danda’u. Mukaa’uun rakkoo yeroo hedduu namoota bay’eerraatti mul’atudha.
Gaaffii? 1. Naannoo keessanitti nama abdii kutatee namummaa isaa gadhiisee, qulqullina qaamaafi uffataasaa eeggachuu dhabuudhaan hanga qullaa buusuutti nama irraa adda of baasee qofaa isaa balfa keessa ykn daandii gubbaa ciisuu argitanii beektuu?
Gaaffii? 2. Naannoo keessanitti hojiisaa addaan kutee jireenyisaa isa jibbisiisuudhaan gadda akka malee keessatti of gatuun harka maratee ciisaa ooluu, fedhii nyaataafi hirriba dhabuudhaan kan huqqate, sababa malee kan boo’uufi guungumu, ofis ta’e nama balleessuuf (ajjeesuuf) tattaaffii kan godhu argitee maraatuudha jettee bira darbitee beektaa?
Namoota dhibee sammuu akkasiif kana booda yaalchiisuudhaafis ta’e ofiikee dhibee kanarraa of eeguuf carraa argachuu keef ati nama addaati. Baga gammadde.
Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa akka ibsutti, mukaa’uun dhibeewwan sammuu keessaa sadarkaa jalqabaarratti argama. Gosoonni dhibee mukaa’uu hedduu ta’anis hundisaanii waan isaan walfakkessuu hedduu ni qabu. Isaanis gadda garmalee, hamilee dhabuu, abdii kutannaa garmalee, xiyyeefachuu dadhabuufi jiruuf jireenya ofi keessatti fedha dhabuu of keessatti qabata.
Sababoota dhibee mukaa’uu namatti fidan
Akkuma dhibeewwan sammuu biroo dhibeen mukaa’uu waantonni namatti fidan heddudha isaanis:
- Rakkoo xiin-sammuufi hawwaasumma(Psychosocial Factors)
Namoonni rakkoon hawwasummaafi rakkoon xinsammuu isaan mudate, dhibee mukaa’uuf salphatti saaxilamu. Fakkeenyaaf, rakkoolee hawwaasummaafi dhiibbaan xinsammuurra gahuun kanneen akka ta’iiwwan adda adda kan akkaa nama jaalatan du’aan dhabuu, rakkina maallaqaa yookiin hiyyummaa, qabeenyaa, haadha warraa yookiin abbaa warraa ofirraa sababa garaagaraan adda bahuu, balaawwaan akka tasaa nama mudatan (balaa konkolaata, kisaaraa garmaleefi kkf), hojii malee yeroo dheeraa turuufi rakkoo walii galtee dhabuu maatiifi dhukkubii qaamaa cimaa ta’een qabamuufi kkfa’idha.
Jireeenya guyyaa guyyaa keessatti miiraan jeeqamuu, of to’achuu dadhabuu, of dhiphisuu, rakkoof dafanii abdii kutachuufi ilaalcha gadaantummaa ofiif qabaachuun dhibee mukaa’uuf of qopheessuudha.
2. Sanyummaa (dhaalaan)
Akka qorannoleen hedduun mul’isanitti, daa’imni maatii tokkoon isaanii (abbaa yookan haadha) dhibee mukaa’uu qabanrraa dhalatte/te, carraan dhibee mukaa’uutiin qabamuusaa/ishee %20dha. Yoo maatiin lachanuu dhibee kana kan qaban ta’ee garuu carraan daa’ima kanaas akkasuma dachaan dabala.
3. Jeeqamuu keemikaalota sammuu (neurotransmitters disturbance)
Yeroo baayyee dhibee mukaa’uuf sababoota kan ta’an kemikaalonni kannen akka serootonini, noorepeferiiniifi kanneen biroos ni jiru.
Mallattoolee dhibee mukaa’uu
- Mallattooleen armaan gadii torbee lamaafi isaa oliif yoo nama irra bulan. Isaaniis:
- Gadda garmaleefi abdii kutannaa hamaa kan yeroo dheeraaf namarra turu, boo’uu, miiraa duwwummaa(empty) namatti dhaga’amuu.
- Jiruufi jireenya ofii keessatti hamileefi fedha dhabuu, akkasumas bashannanuuf dadhabuu.
- Fedhiin nyaataa gad bu’uurraan kan ka’e ulfaatina qaamaa %5 oliin hir’isuu yookaan garmalee nyaachurraan kan ka’e ulfaatina qaama %5 oliin dabaluu.
- Hirriba dhabuu yookiin hirriba garmalee rafuu.
- Boqonnaa dhabuu, tasgabbaa’uu dadhabuu yookaan sochii qaamaa gochuu dadhabuufi bakka tokko yaada malee saa’atii dheeraaf taa’uu.
- Dadhabbii garmalee fi humna dhabuu.
- Yeroo hunda miiraa gadaantumma agarsiisu yookiin yakkamaa garmalee akka ta’anitti yaaduu.
- Yeroo hundaa sirritti itti yaaduu dadhabuu, xiyyeeffachuu dadhabuufi akka badii hundaaf sababa ta’aniitti jiraachuun akka waan bu’aa hinqabneefi gatii maleessa akka ta’anitti of yaaduu.
- Yeroo hedduu of miidhuu, of ajjessuu yaaduu, akkasumas of ajjesuuf mallattolee hedduu agarsiisuufi afaaniin waa’ee of ajjesuu dubbachuu (akka Dhabbanni Fayyaa Adunyaa ibsutti, namoonni dhibee muka’uu qaban keessa %5 hanga %10 of ajjeessu, akkasumas %15-20 of ajjesuuf yaaluu.
- Mallattooleen kunneen hojii guyya guyyaa hojjennurratti dhiibba garmalee kan fidu yoo ta’eedha. Dhukkubbii qaamaafi mataa, rakkoo bullaa’insa soorrataa sababni isaa hinbeekamne isaan mudachuu danda’u.
Hubadhu. Mallattooleen kun marti nama tokkorratti mul’achuu dhiisuufi mul’achuus ni danda’a. Akkaataan mallattooleen itti mul’achuu danda’an namaa namatti garaararummaa qaba.
Dhibeen mukaa’uu nama jalqabee torbee lamaaf hojii hojjechuu dhiisuu, amala keessummaa ta’ee (kanaan dura hinqabne) agarsiisuudhaan akkasumas namummaasaaf eeggannaa kan hingoone yoo ta’e, mallattoolee armaan olii salgan keessaa shaniifi mallattoo lamaan jalqabaa keessaa tokko yoo jiraate dhibee mukaa’uu qaba jedhama. Dhibeen mukaa’uu yeroo tokko tokko dhibeewwan sammuu biroo waliin walqabatee dhufuu ni danda’a.
Fakkeenyaaf: ollaafi maatii jibbuu yookiin loluu, akka namoonni summii itti godhaaniitti yaaduu, maqaa namaa waamuun sababeessuu yookiin situ na dhukkubsachiise jedhee himachuu, jechoota hiika hinqabne haasa’u. Akka malee aaruu, ofitti haasa’uufi sababa malee kolfuu, boo’uu, kosii gataa garaagaraa funaanee baachuufi mallattoolee safuu hawwaasaa keessa hin agarsiifne garaagaraa agarsiisuu ni danda’a. Kun immoo adda bahuu kan danda’u ogeessaa fayyaa waa’eesaa barate qofaani. Kanaaf mana yaalaa deemaanii yaalchisuun fayyisuun ni dandaa’ama.
Dhibeen kun yaalii ni qabaa?
Deebii Eeyyee ni qaba.
Akkumaa dhibeewwan biroo namni dhibee mukaa’uun qabamee yaala yoo argate guutummaa guutuutti fayyuu ni danda’a. Kunis sababoota dhibee kanaa kan ta’anirratti hojjechuun salphaatti of yaaluun ni danda’ama.
- Rakkoolee hawwaasumaa furuu: rakkoleen tokko tokko adeemsaan kan furaman yoo ta’eyyuu, ofii keenyaa waanti nuti furuu dandeenyu ni jira. Fakkenyaaf, walitti dhufeenya maatii waliin qaban ciimsuufi rakkoo mariidhaan furuudha.
- Ispoortii yookiin shaakallii gaggeessuu.
- Hirriba gaarii rafuu, nyaata isiniif kennamu haalaan nyaachuu.
- Ofitti amanamummaa keessaniifi abdii keessan gara fulduraa cimsadha.
- Karaa ittiin dhiphina keessan ittisuu dandeessaan, boqonnaa fudhachuu, hojii hojjechuu, namoota gargaaruu, kitaaaba dubbisuu, hiriyoota keenya waliin taphachuu, sirbaafi viidioowwaaan (sur-sagalee) bashannansiisoo ta’an daawwachuu, hojii sassalphaafi gaarii ta’an hojjechuun sammuu ofii gammachiisuun miira mukuu keessaa bahuu ni dandeenya.
Yoo kanarra darbee dhukkubichi isin mudateefi mallattooleen armaan olii isiniratti mul’ateef ogeessa fayyaa sammuu dubbisuu hindagatiinaa.
Fayyaa hindhabinaa
Doktar Naafyaad Geetuu
Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013
6 Comments to “Dhibee mukaa’uu (Depressive disorder)”