GAGGEESSAA SEENAATTI BIFA GODHU

Gaggeessaan biyyaafi dhalootarratti jijjiirama fidu kan ofii waan cima hojjetu qofa utuu hinta’in kan namoota waan cimaa hojjechiisu, nama mul’ata burqisiisuu danda’u, naannoo mul’ata kanaatti kan nama ijaaru, malaammaltummaarraa kan  fagaate, dhalootaaf nama yaadu, nama dhiibbaa gaarii geessisuu danda’u, nama dhalootni dhiibbaa tokko malee duukaa bu’an  ta’uu qaba. Sababiinsaa geggeessaan namoota kakaasuun ofii cimaa ta’uusaa mul’isuuf kan yaalu utuu hinta’in namoota aangessee akkasaan cimanii dhaabatan kan taasisuudha.

Hojiin gaggeessummaa namoonni akkasaan fedhasaaniitiin waan hojjechuu qaban hojjechuu dandaa’an taasisu malee gaggeessummaan maqaa qofa ykn taayitaa qofa miti. Isa kana gochuu kan danda’an geggeessitoota miiraan geggeessan utuu hinta’in gadi fageenyaan yaaduun, beekumsarratti hundaa’uun hubannaafi bilchinaan kan gaggeessaniidha.

Gaggeessitoota jijjiirama fidan ilaalchisee qorannoowwan garagaraa yeroo addaddaatti godhamaniiru. Isaan kana keessaa tokko tokko gaggeessitoota jijjiiramaa wajjin hojjettoonni hojjetan, fayyaan isaanii akka eegamu, jireenyi dhiphinaa heddumminaan akkarratti hinmul’atne, hojiirraa ooluun akka xiqqaatu yeroo ibsan ogeeyyii biyya Arabaan kan gaggeeffame tokko garuu hojjettoonni gaggeessitoota jijjiiramaa wajjin hojjetan akka miidhaman dubbata. Sababiinsaa hojjettoonni akka jabaatanii hojjetaniif sababa dhiibbaarraan ga’aniif fayyaasaaniirratti miidhaa ni qabaata jedhu.

Haa ta’u malee, gaggeessaan jijjiiramaaf hojjetu jireenya namootaa jijjiiruurratti xiyyeeffachuu qaba. Wanta moofaa ta’e tokko keessaa waan haaraa baasuu, tarsiimoo siyaasaa, aadaafi barmaatilee hojii nama hinhojjechiifne jijjiiruu danda’uudha. Gaggeessummaa akkasii keessatti isa bayeessa hojjete badhaasanii isa dadhabaammoo adabuu of keessaa hinqabu. Ta’us gaggeessitootni hojjettootaa wajjin ta’uudhaan harka walqabatanii waliisaanii keessatti hamilee uumuudhaan kan wal dadammaqsuun hojjetaniidha.

Gaggeessummaan bakka qabachuu qofa utuu hinta’in fedha namootaa hubachuun, fedhasaanii guutuufi namoota ilaalcha sirrii qaban, namoota ofiif qofa yaadan utuu hinta’in isa kaanis kan hindaganne ta’uun murteessaadha. Ofii miidhamanii isa kaan miidhama kan oolchan namoota ofittummaarraa adda ba’an ta’uun gaariidha. Sababiin isaa namni kamiyyuu bakka jirutti jijjiirama fiduu, ilaalcha gaarii argachuu, waan gaarii hojjeteef beekamtii argachuufi kkf ni barbaada. Gaggeessaan gaggeessummaasaarratti, barataan barumsasaatti, daldalaan gama daldalasaatiin, atiletonni gamarratti bobbaa’aniin jabaatanii hojjechuun murteessaadha. Isa kanaafis tarsiimoo sirrii, kallattii rra fiiganii milkaa’an sirrii namni itti agarsiisuufi aangessu gaggeessaadha. Gaggeessaan sirriin jiraannaan dhibee danuuf furmaatatu jira. Inni kun bakka murta’aa qofatti utuu hinta’in caasaa jiru gandaa qabee murteessaadha.

Namootni gaggeessummaa ilaalchisee gaaffii hedduus niqabaatu. Gaaffiiwwan isaanii keessaa muraasa yoo ilaalle, gaggeessitootni attamitti akka jijjiiramaafi dhiibbaa gaarii fiduu dandaa’an, dhoksaa gaggeessitoota addunyaa kanarratti dhiibbaa gaarii fidanii, bakka jiranittis ta’e fuula duratti jijjiirama fiduuf ulaagaalee hordofuu malaniifi kkf kan ofkeessatti hammatuudha. Gaaffiwwan danuun isaanii kan agarsiisan namni kamiyyuu bakka jirutti jijjiiramaafi dhiibbaa gaaarii fiduu kan hinbarbaanne akka hinjirre agarra. Gaggeessitoonnis jijjiiramaaf akka hojjechuu barbaadan, kaayyoon isaanii jijjiirama fiduu akka ta’e yeroo isaan dubbatan nidhageenya. Sababiinsaa namni kamiyyuu gaggeessummaaf yeroo barbaadamu jijjiirama akka fiduuf, bara jiraatu keessatti waan tokko ida’uu akka danda’uuf malee isa kanaan duraa akka itti fufsiisuuf miti. Namni hunduu akeeka adda ta’eef uumame. Yeroo uumamne bara jiraannu keessatti jijjiirama akka fidnuuf malee lafa kanarraa bakka qabachuun, addunyaan kan isheen kennitu soorachuufi waggaa lakkaa’achuun biyya lafaarraa godaanuuf miti. Yookaan ammoo akka namoota hedduu addunyaa kanarratti bakka gaggeessummaa qabachuun balleessaa seenaan hindaganne dalaganii darbanii akka taanuufis miti. Jijjiirama fiduurra sababa badiisaafi diigamsa kan ta’an hedduudha. Akkuma namootni gaariin turan faallaan isaaniis hamminaafi saamicha qofaaf kan gurmaa’an, bakka argannaan lubbuun namaa isaan biratti kan gatii hinqabne danuudha.

Haa ta’u malee namni siyaasarra nicaala. Dhalli namaa qabeenyaanis oli. Namni bulchiinsarras caalaa gatii qaba. Inni kun biyyoottan hedduu keessatti ammayyuu namoota hedduuf waan gale hinfakkaatu. Egaa gaggeessitootni biyyaaf barbaachisan namootaaf kan gatii kennan, haala jiran kan itti hammeessan utuu hinta’in haala jiran keessaa daandii ittiin ba’an kan mijeessan, waan isaanirratti ta’uu hinbarbaanne kan namarraan hingeessisne, miidhaa nama kan bira kan isaanitti dhagaa’amu, dhalootas ta’e biyya kufaatii oolchuuf, dhalootatti abdii ijatti geeddaramu kan agarsiisan, rakkoon dhalootaa kan isaanitti dhagaa’amu ta’uu qabu. Isaan kanas argachuun salphaa miti.   

Namootni carraa argachuun geggeessanis waan guddaan isaan ofgaafachuu qaban attamitti akka geggeessaa dhalootaafi biyya geeddaran ta’uu dandaa’am ta’uu qaba. Gaaffii guddaan, dhamaatii cimaan bakka qofa ta’uu hinqabu. Egaa geggeessaa cimaa attamitti ta’uun dandaa’ama? Mankuusaa Amaazon jedhamu qofa keessa kitaabota gaggeessummaarratti barreeffaman mata duree addaaddaa kuma 40 oltu jiru. Kunneen hundi akkaataa itti namoonni gaggeessaa cimaa ta’an ilaalchisee waan hedduu dubbatu. Gaggeessitootni jijjiirama fidan seenaatti bifa kan godhan, addunyaa kallattii kan qabachiisan jijjiiramaaf kan dhalataniidha. Addunyaa kana irratti nama hunda keessatti isa kana arguu yoo dadhabnellee gaggeessitoota muraasa keessatti arguu dandeenyeerra. Gaggeessummaaf kan uumaman kan fakkaatan, wal’aansoo cimaafi abdii kutachiisaa kan injifatan, dukkanaafi abdii kutannaa kan mo’atan, warra gaggeessaniif humna mul’ataa kan fidan, dhaloonni ijasaanii waan darberraa kaasanii fagootti ilaaluu akka dandaa’an kan jajjabeessan, duuka buutotasaaniif jabina kan ta’an, kallattii kan argisiisan jireenya fakkeenyummaa hordofamuufi irraa baratamu kan qaban turaniiru. Isaan kana keessaa seenaan kan hindaganne kan akka Abrahaam Linkoolin, Maahaatamaa Gaandii, Nelson Maandeellaa, Maartiin Luuter Kiingiifi kan isaan fakkaatan maqaa dha’uun nidandaa’ama.

Isaan kunneen gaggeessummaa bilchina qabu kan geggeessan, hojiin kan argisiisan, jijjiirama dhufuu qaburra ijasaanii kan keewwatan, wanta hindandaa’amne fakkaatu akka dandaa’amu kan argisiisaniidha. Seenaa namoota hedduu yoo qorannu adeemsa gaggeessummaasaanii keessatti daandii deemuu qaban rakkinaan yoo guutellee shakkiifi sodaa malee jijjiiramaaf kan hojjetaniidha. Gaggeessummaasaaniitti wanti foolii gaarii godhu adda biraan ijaa ba’uuf jecha isa darbe qofa leellisuun yeroo hindabarsine.

Walumaagalatti, amala gaggeessaa cimaan qabu agarsiisan obsa, dhiifama, ilaalcha gaarii, abbaa mul’ataa fagootti argu, waan guddaa yaaduufi ilaaluu, ofiisaaniirra kaayyoofi ergamasaaniirratti xiyyeeffachuu, jibbarraa of eeggachuun abdiin guutamuu…waa hedduu jechuun nidandaa’ama. Isaan kun walitti idaa’amuun waan namni kan biraan hindandeenye akka dandaa’anifi wantoota namoonni biroon hojjetanii darban irra deebi’uu utuu hinta’in namoota kalaqaa akka ta’an taasiseera. 

Jireenya gaggeessitoota jijjiirama fidanii yoo ilaallu kan isaan waliin qaban kabajaafi bu’aa dhuunfaaf kan hintattaafanne, hadhaa’inni kan isaan keessa hinjirre, dadhabinasaanii dhoksuuf kan hin yaalle, galmarratti kan xiyyeeffatan, abdiin kan guutaman, obsa kan qabaniifi kan namoota hirmaachisan, haala ulfaataa kan dandammataniifi keessa darban, of xiqqeessanii waan guddaa kan hojjetan, yeroo mara barattoota kan ta’aniifi of jijjiiruuf kan yaalaniidha. Gaggeessitootni jijjiiramaa yaada namoota addaaddaa hanga dandaa’ametti kan keessumsiisan, nama kan hirmaachisan, gaggeessitoota kan biroof fakkeenya gaariifi haala gaarii qopheessuun kan guddisan, aangoosaanii kan argisiisan utuu hinta’in kan karaa agarsiisan, kan haala mijeessan, warra gaggeessan akkasumas namoota tajaajiluuf kan qophaa’an, jijjiirama addunyaa kana keessatti arguu kan barbaadaniifi karaa kan ta’an, namoota gaggeessan irraa adda ba’anii xiyyaara dhuunfaan kan balali’an utuu hinta’in ummata waliin kan jiraatan, jireenya bashannanaan guuterraa kan of qoqqobbatan, hiyyeessi salphaatti kan isaanitti dhiyaachuu danda’uudha. Gaggeessitootni jijjiirama fidan rakkoo hundumaa kallattii tokkoon, akkuma isa kaleessaatti hikuuf hin yaalan. Rakkoon uumamu kallattii addaddaan akka hiikamuu danda’u sababa beekaniif jijjiiramaaf kan of qopheessan, of qabuu kan dandaa’an, dhiibbaa miiraa qofaan kan hinsochoone, yeroo isaanii waan barbaachisaa qofarra kan oolchan, taayitaa qabanitti fayyadamuun hojjettoota kan hinrifaasisneedha. Gaggeessitootni jijjiiramaa waan namoonni  isaan duraa hojjetaniifi akkaataa isaan itti hojjetan qofaan akka jijjiiramni barbaachisaan hindhufne kan amananiidha.

Jijjiiramni akka tasaatti kan dhufu utuu hinta’in of kennuudhaan hojii ija qabu hojjechuu, gaggeessaa ta’uu yaadachuufi of yaadachiisuu, namoonniifi dhaabbanni isaan geggeessan akka geggeessaasaanii fakkaatan kan hubatan, hordoftootasaanii bakka buusuuf kan sirriitti hojjetan, baay’inni hojii sababa hojii hiruu dadhabuun dhufu  akka isaan dhiphisu, akka qulqullinaafi iji hojii isaanii miidhu kan hubatan hojii kuma ofii hojjechuurra nama kuma bakka buusuun kan hojjechiisan, namoota ilaalcha gaarii qabaniidha. Isa kanaaf garuu gaggeessaan tokko waan hojjetamuu malu sirriitti ofii hubachuun namoota biraas sirriitti kan hubachiisu ta’uu yoo danda’eedha. Gaggeessaan qofaa utuu hinta’in warra gaggeessuu wajjin harka walqabachuun waan cimaa raawwachuu nama danda’uudha.  

Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

8 Comments to “GAGGEESSAA SEENAATTI BIFA GODHU”

  1. Pingback: GTmetrix Report
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: adswar

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *