Yunivarsitii Saayinsii Fayyaafi Wal’ansa Haramaayaa, barattoota omishaa hawaasa tajaajila

Tashoomaa Qadiidaatiin

Humni nama baratee carraa misoomaafi guddina biyya tokkoo kan murteessuu, akkasumas biyya boodatti hafuummaafi hiyyummaa  keessaa kan baasu ta’uun isaa dhugaa ifa jirudha. Kanaaf barnoota ga’umsa qabu roga rogaan babal’isuun barbaachisaa ta’uunsaa kan wal nama gaafachisu hinta’u.

Kanaaf lammiin hunduu misooma aarifachisaa itti fufiinsa qabu fiduudhaaf tattaaffii mootummaan taasisu maddiitti hirmaannaa gamasaa taasisuu qaba. Kanas hojiirra oolchuuf humni nama baratee barbaachisaa akka ta’e hundaafu ifaadha.

Mootummaan dhimma murteessaa ta’e kanaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun manneen barnootaafi dhaabbilee barnootaa olaanaa guutuu biyyaatti babal’isuun waggaa waggaan humna nama barate kana omishaa jira.

Haaluma kanaan Yunivarsitii Haramaayaa jalatti kan argamu Kolleejjiin Saayinsii Fayyaafi Wal’aansaa Magaalaa Hararitti argamu barattoota 573 yeroo 25faf barumsa fayyaa akaakuu addaddaatiin barsiisaa ture  digirii jalqabaafi doktoreetii (PhD)tiin, eebbisiiseera. Akkasumas namoota beekamoo lamaaf doktoreetii kabajaa kenneera.

Sirna ebbaa kanarratti keessummaa kabaja ta’uun kan argaman Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii akka jedhanitti, ogummaan wal’aansaa barumsaan dandeettii kan itti gonfatan ta’uurra darbee naamusa gaariidhaan qaramanii hawaasa kan itti tajaajilaniidha.

Akkasumas, yommuu hojiitti bobba’aan barnoota argatan amala wal’aanamtootaafi dhibeewwan haarawaa addaddaa waliin  walsimasiisuun darbees teknolojii haarawaatti fayyadamuun hojiitti hiikuuf ifaajjii guddaan akka isaan eeggatu kaasu.

“Waan kana ta’eefis yeroo hojii jalqabdanii gara naannoolee addaddaatti bobbaatan, hawaasa keessumaa wal’aanamtoota marartee, obsaafi amanamummaa gargaaru qabdu” jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Pirezdaantiin Yunivarsitii Haramaayaa Doktar Jamaal Yusuf gamasaaniin akka dubbatanitti, yunivarsitiin hangaftichi Haramayaa, waggottan kurnan ja’an darbaniif hojii baruu barsiisu, qorannoofi qo’annoo, akkasumas damee tajaajila hawaasaatiin hojiiwwan hedduu hojjechuusaa addeessaniiru.

Keessumattuu weerara dhibee kovid 19 uumameen walqabatee qarshii miliyoona 100 ramaduun hojiilee ittisaafi to’annoo waliin walqabatanii hojjetamaniif akkasumas deggarsa hawaasa naannawichaaf oolchuu kaasu.

“Gama barnootaatiin yunivarsitichi biyyattiif guddinaafi badhaadhina fiduuf kutate hojjechaa jiru kana galmaan ga’uuf sagantaa digirii jalqabaa 74, digirii lammaffaa 99fi ‘PhD’ ammoo gara 27 guddisuun humna nama baratee horachaa jira” jedhu.

Yunivarsitichi baratota 573n barana ebbisiise kanneen keessaa 161 doktaroota yoo ta’an kanneen keessaa % 30dabartoota ta’uu eeru.  Kana malees  Obbo Abbaa Duulaa Gammadaafi jiraataa magaalaa Harar Obbo Abdullaahi Ali Sharifiif ammoo doktireetii kabajaa baranaa kenneera.

Eebbifamtoota baranaa keessaa qabxii olaanaadhaan kan eebbifamte Edan Tasfaayee yaada Gaazexaa Bariisaaf kenniteen “Ilmi namaa nan hojjedha jedhe keessasaa amansiisee kutannoofi ifaajjiidhaan yoo ka’e, hawwiisaa galmaan gahu akka danda’u mataa kiyyarraa mirkaneessu danda’eera” jetti.

Finfinneetti dhalatte kan guddatte eebbifamtuun kun barnootashees kan xumurte achumatti ta’uu ibsiti. Isaa booda gara Kolleejjii Saayinsii Fayyaafi Wal’aansaa Haramaayaa seenuun akaakuu barnootaa Laaboraatorii Meedikaalaatiin qabxii 3.96n fiduun eeebifamuushee dubbatti.

Daa’immummaa isheerraa kaasee abjuun ishee doktara ta’uu eertee, ammas barnoonnishee isarraa waan fagaate waan hintaaneef akeekashee galmaan ga’uuf akka hojjettu kaasti.

Qaxalummaan kan itti guddatte kan taate Edan, qorumsa kutaa saddeettaffaa qabxii 90.6, kutaa kurnaffaa qabxii guutuu 4, kan kutaa 12 ammoo 463 fiduushee yaadatti.

Turtii ishee yunvarsiitiitti waan baay’ee barachuushee kan kaastu barattuu Edan,  hojii dirreedhaaf wayita gareedhaan bobbaa’anitti jireenya hawaasa naannawaa Harara sirriitti hubachuusheefi hawaasichi hanqina bishaan dhugaatii qulqulluu akka qabu ibsiti. Kana malees dubartoonni naannawichaa ciniinsuun wayita qabu naannawaasaanii buufanni fayyaa waan hinjirreef bakka biraa daandii dheeraa deemuuf wayita dirqaman argushee kaasti.

Rakkooleen ijaan argan kunneenis isheefi hiriyyootashee daran gaddisiisuu eertee, kanumarraa ka’uun hawaasa yunivarstichaa wajjiin ta’uun buufataalee fayyaa dhiheenyatti akka argatan carraaquusaanii himti.

“Rakkoo qulqullinaa hawaasa magaalaa Harariifi gandoota baadiyyaa naannawaashee jiran furuuf mana fincaanii qulqulleessineerra. Warreen manni jalaa moofa’eefi jalaa jiiges suphudhaan tajaajila lammummaa nurraa eegamu baaneerras” jetti.  

Muuxannoon kanas yeroo hojiitti bobbaatus itti fufuu akka barbaaddu kaastee, namni hunduu amalaa akkanaa utuu horatee gaarii akka ta’e dubbatti.  

Eebbifamtuun biroo nuti haasofsisnemmoo Yaabsiraa Adaniqany gamasheetiin, yommuu barnootashee sadarkaa barattu sadarkaa keessa baatee beekuu baattuus qormaata kutaa 12fa qabxii 514 galmeessuun kolleejjicha seenuu himti. Kollejjichattis akaakuu barnootaa Saayikaatiriitiin qabxii 3.8 fiduun sadarkaa olaanaan eebbifamuushee ibsiti.

“Addunyaa barumsaa keessatti waan hedduun dabarse. Bara 2008 qormaata biyyaaleessaa kutaa 12fa wayita fudhatamu qormaati hatame sababa jedhuun irra deebinee fudhanne. Bara sana barataas ta’u maatiin yaaddoo guddaa keessa ture. Haata’u malee kanan darbe qabxii ani hiyaadne fiduudhaani” jetti.

Turtiin waggoota shanan kolleejicha keessatti dabarsan ammoo cinqii guddaa turuu yaadattee, yeroo baay’ee rakkoon nageenyaa uumamaa turuusaafi tasgabbiidhaan barnootasaanii hordofaa akka hinturre himti.

Akkasumas bara darbemmoo weerarrii vaayirasii koronaa guutuu addunyaatti mudachuusaatiin eebbisaanii waggaa darbe ture baranatti ce’uun ji’oota saddeet irra dabarsanii eebbifamuu kaastee,  maatiirraa fagaatanii barachuuniifi rakkooleen biroo ishee mudatanis kutannaan hojjechuun qabxii olaanaan eebbifamuu danda’uushee ibsiti.

“Barattota  wajjiin torban tokko gidduutti sirriitti walii galuu danda’e. yommuun asii ba’uus jireenya kan baay’een yaada. Turtii kolleejjii keessatti barnootaan maddiitti, walliigalu, walii obsuu, waldhaggeeffachuu, barataan tokko kan biraatiif jiraachuufi ofiisaarra kan biraatiif yaaduu baradheera. Kanaanis hiriyyootaafi obboloota hedduu horadheera” jetti.

Suurri Daanyee Abarraa

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013

Recommended For You

6 Comments to “Yunivarsitii Saayinsii Fayyaafi Wal’ansa Haramaayaa, barattoota omishaa hawaasa tajaajila”

  1. Pingback: ruay
  2. Pingback: pgslot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *