Kan ija tokko qabu hubaan hintaphatu

Fifinnee: Akaakuwwan ispoortii addunyaarratti jaalatamaafi hordofftoota heddu qaban keessaa adda dureen ispoortii atileetiksiidha. Taphawwan olompikiifi shaampiyoonaan atileetiksii addunyaa waltajiiwwan akkaakuun ispoortii atileetiksii irratti adeemsifamuudha.

Ispoortiin kun ummata Itoophiyaa birattis akka gumaa ijaatti ilaalama. Maaliif yoo jenne biyyattii  addunyaarratti kan beeksise waan ta’eefiidha.  Itoophiyaan bara 1952 yeroo jalqabaaf Olompikii Roomirratti hirmaachuudhaan Atileet Abbabaa Biqilaa miila duwwaa fiiguudhaan injifatee medaaliyaa warqii erga argatee as addunyaarratti beekamte.

Faana gooticha atileetii kanaa hordofuudhaan dargaggoonni keenya ispoortii kana aadaa godhachuudhaan dirreewwan ispoortii atileetiksii adda addaarratti hirmaatan hedduun injifannoo dachaa gonfataniiru. Alaabaan biyyattiis kanneen biyyoota dureeyyii caalaa ol ka’ee akka mul’atu gochuudhaan faaruun biyyaalessaa Itoophiyaas addunyaarratti akka dhaga’amu taasisaniiru.

 Itoophiyaan Olompikii ammayyaa bara 1948 Awustiraaliyaa Meelboornitti erga gaggeefamee kaastee hanga Riyoo Dejeneeroo bara 2008tti olompiikota 13 irratti hirmaachuudhaan meedaaliyaawwan warqii 22, meetii 11fi nahaasa 19 waliigalatti medaaliyaawwan 52 atileetota gootoota isheetiin argatteetti.

Injifannoo argamu kanatti kan gammadu ummanni Keenya yeroo atileetonni Keenya biyyatti deebi’an Buufata Xayyaaraa Idl-Addunyaa Booleetii kaasee hanga masaraa  mootummaatti gageesuudhaan kabaja isaaniif qaban mul’isaa turaniiru.

Haata’u malee biyyattiin injifannoo dachaa  ispoortii atileetiksiitiin kanaan dura galmeessisaa turte waldhabdee  Koree Olompiikii biyyaaleessaafi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa gidduutti uumameen akka hindhabne taasisuun dhimma ijoo irratti xiyyeeffatamuu qabuudha.

Rakkoo gama kanaan jiru ilaalchisuudhaan Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibsa dheengadda gaazexeesitoota Ispoortiif kenneen, “Koreen Olompiikii biyyaalessaa hojii kiyya keessa galudhaan narakkisaa jira” jedheera.

Pirezidaantiin federeeshinichaa atileeti Komaandar Daraartuu Tulluu akka jedhanitti, Koreen Olompiikii Itoophiyaa kan Doktor Ashabbir W/Giyoorgisiin durfamu hojii isa hin ilaallanne keessa galuudhaan gufuu ta’aa jira.

Fedireeshinichi Olompiikii Tookiyoo bara 2021 adeemsifaamuuf atileetootaafi leenjistoota filachuudhaan ji’oota afuriif hoteela galchuusaa himanii, Koree Olompiikii Itoophiyaa wajjin kan walii gale, turtii atileetootaafi leenjistootaa kanaaf hoteelota isaan keessa qubataniifi faayidaa isaanii akka kafaluudha.

Haata’u malee korichi qarshii kaffaluu qabu hinkaffalu, faayidaa atileetotaafi leenjistootaas hinbeeku, walumaagalatti atileetonniifi leenjistoonni hoteelota sadii keessa turaniif kaffaltii hinraawwadhu jechuudhaan atileetonniifi leenjistoonni akka bittinaa’an godheera.

Haata’u male abbaan dhimmichaa  Federeeshinii Atileetikisii Itoophiyaa qarshii miiliyoona 3.5n atileetota, leenjistootaafi haakiimotaaf kafaluudhaan gara hoteela  tokkootti akka walitti qabaman taasiseera.

Koreen Olompiikii Itoophiyaa wayita Olompiikiin Tookiyoo gageeffamuuf ji’oonni muraasni hafanitti federeeshinichi halkanii guyyaa itti dhama’uudhaan atileetotaafi leenjistoota walitti qabuun qophiirratti argamanitti gufuu ta’uudhaan daba guddaa raawwachaa jira jechuudhaanis balaaleffataniiru.

“Kan ija tokko qabdu hubaan hintaphatu”akkuma jedhamu ambaasaadara ta’udhaan Itoophiyaa addunyaa maraan kan wal barsiise ispoortii atileetiksii kana dadhabsiisuuf koreen olompikii Itoophiyaa aangoosaatii ala daba hojjechaa jiraachus himaniiru. 

Korichi waadaa ummataafi mootummaadhaan itti kenname dagachuudhaan seeraan ala ala yeroo saddeetaffaadhaaf naannoolee adda addaatti yaa’ii gageesuudhaan qabeenya biyyaatii bittimsaa jiraachuusaa himanii, yeroo ammaa filannoo koree olompikii magaalaa Baahirdaaritti gaggeessuuf qophiirratti kan argamu ta’uu himaniiru.

Adeemsi akkanaa kufaatii ispoortii atileetiksii waan si’eessuuf mootummaafi ummanni rakkoo kana akka beekuuf fedrereeshinchi ibsa kana kennuuf dirqameera jedhu.

Ittaanaan Dursaa Pireezidaantii federeeshinichaa Atileeti Gazaahany Abarraa gamasaaniitiin, federeeshinichi kan durfamaa jiru akka kanaan duraa qaamolee ispoortii kana keessa hindarbarneen osoo hintaane ogeesota atileetiksiitiini. Federeeshinichi gootittii Olompiikii, shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaafi Afrikaa, dorgommii qaxxaamura biyyaa adda addaafi ispoortii atileetiksii Komaandar Daraartuu Tuulluutiin geggeeffamaa jira. Ittaanaan dursaa pirezdaantii federereeshinchaas  fiigicha maaraatooniifi shaampiyoonaa atileetiksii Adunyaarratti meedaaliyaa warqii Itoophiyaaf kan argamsiise Gazaahany Abarraati.

Akkasumas miseensi kutaa teeknikaa atileetii beekamaafi leenjisaa garee atileetiksii Itoophiyaa Irreessaa Tolasaa Qottuu, Koree wal’aansaa kan dursan barsiisaa Ispoortii Yunivarsitii Finfinneefi atileetii durii Doktar Bazzaabee Waldeefi miseensonni biroos atileetiksii keessa kanneen turaniidha.

Kanarraa ka’uun federeeshinichi galiidhaanis ta’u qajeelchumaadhaan, akkasumas walitti dhufeenyi  federeeshinii atileetiksii Addunyaafi Koree Olompikii Addunyaa kan kanaan duraa caalaa cimaa ta’uu osoo arguu koreen olompikii Itoophiyaa federeeshinicha dadhabsiisuufi maqaasaa xureesaa akka jiru atileeti Gazaahany Abarraa eeraniiru.

Walittiqabaan koree fayyaa Doktar Bazzaabee akka jedhanitti, waggoota dheeraadhaaf ispoortii atileetiksii keessa tureera. Barreessaa koree Olompiikii Itoophiyaa ta’uudhaan waggoota saddeetiif waajjira korichaa gageessaa tureera. Kanaafuu angoo koree olompikii sirriitti beeka.  Koreen olompikii federeeshinii atileetiksii Itoophiyaaf gargaarsa godha malee abbummaadhaan atileetiksii kan dursu federeeshinicha.

Haata’u male koreen olmpikii Itoophiyaa yeroo Olompikii Tookiyoo gaggeefamuuf jala bultiirra jiru kana federeeshinichi atileetotaafi leenjistootaa hoteelaa baasee akka naaf kennu jechuun aangoo isaatii ol waan ta’eef ummani kana beeku qaba. Sababanisaa boru qabxiin yoo dhabame federeeshinichi akka itti hingaafatamneefi jedhu.  

Karaa gara biraatiin federreshiniin atileetiksii Itoophiyaa waggaa shantammaffaa itti hundeefame sababeefachuudhaan Bitootessa 28 bara 2013 shaampiyoonaa atileetiksii gaggeesuf qophiirra kan jiru ta’uu Komaandar Daraartunibsaniiru. Shaampiyoonicharrattis atileetonni beekamooifi dargaggotni addunyaarratti beekaman irratti kan argaman ta’uu himaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 11/2013

Recommended For You

3 Comments to “Kan ija tokko qabu hubaan hintaphatu”

  1. Pingback: diyala research
  2. Pingback: hokijp168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *