Natsaannat Taaddasaatiin
Fooziyaa Jamaal Abdallaa jedhamti. Kan dhalattee guddatte Godina Harargee Lixaa Aanaa Boosee Magaalaa Bookee Xiqqootti. Barumsa ishee sadarkaa tokkoffaafi lammaffaas naannawaadhumasheetti barattee xumrte. Barnootasheetiinis sadarkaa keessa ba’aa turte.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa (seensa yunivarsitii) qabxii 406 fiduudhaan Yunivarsitii Odaa Bultum seentee digirii tokkoffaashee damee barnoota Ikoonomiksiitiin qabxii 4 (afur) galmeessisuudhaan dhiyeenya kana kan eebbifamte ta’uu gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasifteen ni ibsiti.
Fooziyaan koorsiwwan fudhatte 38 keessaa ‘A+’ 31fi ‘A’ torba waliigalaan qabxii 4 (afur) galmeessisuun eebbifamtee yunivarsitichatti haftee hojjechaa jiraachuu eerti.
“Eenyuuyyuu sammuusaa hojiidhaaf qopheessee kaka’umsa cimaan yoo hojjete ni milkaa’a. Ani yunivarsitii yeroon barachaa ture waggaa lammaffaattan daa’ima godhadheen guyyaa 40tti kutaa seenee barachuu jalqabe. Ani mooraa yunivarsitiitii ala taa’ee daa’ima kiyyas guddisaa, barumsa koos sirnaan hordofaafi qayyabachaa barachaa digirii koo jalqabaa qabxii olaanaa galmeessisuun xumureera” jetti.
Barumsa ofiitti milkaa’uuf waanti guddaan sammuu ofii barumsaaf qopheessuudha kan jettu Fooziyaan, hojii kamiifuu yeroofi xiyyeeffannaa kenninaan itti milkaa’uun akka danda’amu ibsiti. Isheenis daa’imaafi barumsasheef yeroofi xiyyeeffannaa kennuudhaan barumsasheetti milkaa’uu danda’uu kaasti. Gara fuulduraattis hojii hojjettu kamiifuu xiyyeeffannaa kennuudhaan milkaa’ina caaluuf kan hojjettu ta’uu dubbatti.
Yeroo ammaa yunivarsitichatti haftee hojjechaa jiraachuu kan himte Fooziyaan, barumsa ishee itti fufuun sadarkaa barumsa ishee guddifachuufi waan baratteen hawaasa tajaajiluuf fedhiifi kaka’umsa olaanaa kan qabdu ta’uu eerti.
“Utuun carraa barnoota bilisaa ( iskoolaarii) biyya keessattis ta’e alatti argadhee baradhee hawwii kiyya guddaadha. Namootni carraa barnootaa argatanis ta’e sababoota gara garaatiin biyya alaa ba’an gara biyyaatti deebi’uuf fedhii qaban muraasa. Ani garuu utuun carraa barnoota biyya alaa argadhee barnootan argadheen deebi’ee hawaasaafi biyya kiyya tajaajiluuf qophiidha” jetti.
“Ani waan hunda dura biyya kiyya baay’een waanan jaalladhuuf barnootan argadheen hawaasa koo tajaajiluufi biyya koo jijjiiruufan hojjedha. Carraa barnootaa argadhee gara biyyoota dinagdeefi tekinoloojiidhaan guddatanii yoon dhaqe barnootaafi muuxannoon achii argadhuun deebi’ee hawaasa utuu hinbaratin na barsiiseefi biyya kiyya tajaajiluufi jijjiiruun fedhii kiyya guddaadha” jechuun ibsiti.
Barumsi isheen baratte dinagdeedhaan kan walqabatu ta’uu kaastee, dinagdeen biyya tokkoo akkamitti jijjiiramuu akka danda’uufi qaala’ina dinagdee mudate keessaa akkamitti ba’uun akka danda’amurratti xiyyeeffatas jetti.
“Nuti dubartoonni hojjetanee ofiifi biyya keenya jijjiiruudhaaf dura ilaalcha ofii keenyaaf qabnu jijjiiruu qabna. Ilaacha nuti dhiiraa gadi jennee sammuu keenya amansiisnes jijjiiruu qabna” Barumsi hojii sammuuti. Hojii kamiyyuu kan yaaduufi hojjetu ammoo sammuudha. Kanaafuu ilaacha dhiirri dubartii nicaala jedhu dhiisnee nuti dhiirota waliin walqixa yaaduufi hojjechuu dandeenya jennee of amansiisuu qabna” jetti.
Yeroo ammaa dubartoonni hedduun akkuma dhiirotaa addunyaa kanarratti wantoota gurguddaa hojjechaa jiraachuu kaastee, dubartoonni hojii kamiifuu xiyyeeffannaa kennanii “ni dandeenya” jedhanii of amansiisanii yoo hojjetan bakka dhiironni hingeenyeyyuu ga’uu akka danda’an dubbatti. Itoophiyaatti yeroo ammaa gama shamarran barsiisuutiinis ta’e dubartoota gara aangootti fiduuf hojii hojjetamaa jiruun jijjiiramni guddaan mul’achaa jiraachuu eertee, baay’ina ummata biyyattii keessaa walakkaan dubartoota waan ta’aniif kutaa hawaasaa kana misooma biyyattiirratti hirmaachisuu baannaan jijjiirama barbaadamu biyyattiitti fiduun hindanda’amu. Kanaafuu hojiin shamarran barsiisuufi dubartoota gara aangootti fiduufi hirmaachisummaafi fayyadamummaasaanii dabaluuf taasifamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu himti.
Guyyaa Dubartoota Addunyaa (March 8) waggaa waggaan kabajamus hacuuccaa dubartootarra ga’u hir’isuufi dubartoota jajjabeessuu keessatti gahee guddaa qaba kan jettu Fooziyaan, kana malees sirnaafi barmaata duraanii dubartoota hacuucaa ture keessa baanee waan hunda keessatti akka hirmaannuuf kan nu jajjabeessuufi haamilee cimaa nuuf ta’udha jetti.
Hirmaannaafi fayyadamummaa shamarraniifi dubartootaa caalaatti guddisuudhaaf maatiin shamarreen mana keessa akka hojjettu, inni dhiiraa ammoo akka baratuufi qo’atu taasisuu utuu hintaane ijoolleesaanii dhiiraas ta’e durbaa walqixa ilaaluufi barsiisuu qabu. Gama kanaan jijjiirama fiduun dura maatiirraa akka ka’uufi hawaasnis xiyyeeffannaa kennee ijoollee shamarranii barsiisuu akka qabu ergaa dabarsiti.
Ani yunivarsitii yeroon seeneyyuu bultii dhaabbadheen dhaqe kan jettu Fooziyaan, barattoonni waggaa jalqabaa barattoota isaan dura yunivarsiticha seenaniin gowwomfamanii gara hintaanetti oofamuu waan imalaniif keessumaa barattoonni shamarranii of eeggannoo cimaa taasisuu qabu. Kaayyoo guddaan gara yunivarsitii dhufaniif inni guddaan barumsa isaanii sirnaan hordofuu akka ta’e yoomillee dagachuu hinqaban. Barattoonni kaayyoo gara yunivarsitii dhaqaniif sirriitti beekan gara hintaanetti hin oofaman, dogoggora hintaane keessas hinbu’an jetti.
Keessumaa barattoonni shamarranii barumsa isaaniitiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuudhaan sirriitti barachuufi qo’achuu akka qaban yaadachiiftee, bultii godhachuunis barumsa irraa akka nama hinhambisne ibsiti.
“Kanneen bultii dhaabbatanii ani kanaan booda barachuu hindanda’u jedhanii yaadan ilaalcha dogoggoraati. Barumsi yoomiifi eessattiyyuu waan nu fayyaduuf xiyyeeffannaa olaanaa kenninee obsa, abdiifi kutannoo cimaadhaan barachuu qabna. Bakka bor ga’uuf yaadne ga’uuf har’a barumsa keenya sirriitti hordofuufi qayyabachuu qabna” jetti.
Yunivarsitii Odaa Bultumitti, barsiisaan Ikonomiksii Abdallaa Ahimad akka jedhanitti, Fooziyaan barattuu cimtuu amala gaarii qabduudha.
Haadha maatii taatee barumsashee sirriitti hordofaafi qayyabachaa turte. Daa’ima guddisaa utuu guyyaa tokko kutaa irraa hinhafin sirnaan hordoftee qabxii olaanaa galmeessisuun barumsashee digirii tokkoffaa xumurte.
Semisteera sadii walitti aansanii koorsii sadii Fooziyaaf kennuu kan himan barsiisaan kun, koorsiiwwan isaan barsiisan hundatti qabxii 100 keessaa 96 ol fiduudhaan xumurte. Koorsiiwwan akka waliigalaatti fudhatte 38 keessaa 31tti ‘A+’ fiduudhaan kanneen hafan torbatti ammoo ‘A’ fiduudhaa waliigalaan qabxii 4 (afur) galmeessisuudhaan kan eebbifamte ta’uus ni himu.
Barattuun tun daa’ima ishee guddisaa barumsa isheetti qabxii kana galmeessisuudhaan dubartootaafi fakkeenya gaarii ta’uushee himanii, namni kamiyyuu kaayyoosaa jabaatee, obsaafi kutannoo cimaadhaan yoo hojjete kan milkaa’u ta’uufi bakka barbaadu ga’uu akka danda’u Fooziyaan fakkeenya gaarii taati jedhu. Haalaan utuu hindaangeffamin obsaafi kaka’umsa olaanaadhaan hojjennaan waan hunda injifachuu ykn irra aanuun kan danda’amu ta’uu ibsu.
Fooziyaan yeroo ammaa barsiistuu yunivarsitichaa taatee hojjechaa jirti kan jedhan barsiisaa Abdallaan, barattoota shamarranii yunivarsitichaas ta’e kanneen biroof fakkeenya gaarii nama taatee ta’uu addeessu.
“Ani yunivarsitii barsiisuu ergan jalqabee waggaa saddeet ta’eera. waggaa waggaadhaan barattoonni shamarranii qabxii olaanaa galmeessisan jiraatanillee akka Itoophiyaatti carraan koorsiiwwan fudhatan hundatti harka 90n ‘A+’ galmeessisuu baay’ee dhiphaadha. Waggootan yunivarsitii barsiise keessatti barattuu akka Fooziyaa cimtuufi qabxii olaanaa galmeessiste na muudate hinbeeku” jedhu.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 4/ 2013
8 Comments to “Fooziyaa Jamaal: Barattuu qaxalee ‘A+’ 31fi ‘A’ torba fiduun eebbifamte”