Dachee warqee maddisiistu bishaan dhugaatiin itti gu’e

 Waasihun Takileetiin

“Yaa lafaa kan si qotu malee kan siif qotu dhibe” jedhe jaarsi bule. Gujiin wayita maqaa dhahamtu dacheen Adoolaafi Shaakkisoo warqeefi tantaalamii maddisiisuun dhala namaa faayaniifi dinagdee Itoophiyaa sochoosuun maqaa waamsisan bakka irraa burqudha.

Amajjii 14 bara 2013, Jimaataa ture hojiidhaaf imala koo gara Gujiitti kanan taasise. Warri Gujii nama aadaa beeku, warra gadaan bulu, warra uumaasaafi uumamaaf kabaja kennu saba dimokraatawaadha.

Dhimmi imalakoos daabbanni, “AME African Mining and Energy” jedhamu hojii albuuda warqee baasuurratti bobbahuuf haalduree mijeeffachaan jiraachuusaa gabaasuuf ture.

Handhuura Oromiyaa Finfinneerraa kaanee haalota qilleensaa rakkisaa keessa darbuun magaalaa guddoo naannoo Sidaamaa, Hawaasaa keessa qaxxaamuruun dachee Oromiyaa godina Gujii seenne.

Gujiin dachee magariituudha, bosonni naannawaashee marseeru qalbii nama hawwachuurra darbee uumama lafarraaf simboo ta’eera.

Beeyladoonni qarqara bosona magariisaa sana marsanii qilleensa mijataa sana dhandhamaa bu’aa dachee Gujii dheedu. Bineensonni bosonaa simbirroonni lagaa oliif gadi buburraaqaa simboo uumamaa kana dandhamu .Imalli keenya kiiloo meetra 450 sun dachee Gujii sana keessa naanna’uun osoo dhumateera ta’e gammachuu guddaa ture.

Haala kanaan liqimfamee ajaa’ibsiifachaa osoon deemuu ilmaan Gujii daandii qarqara hiriira galanii bishaan waraabbachaa jiranin arge. Lakkoofsi namoota bishaan dhugaatii kana waraabbachuuf hiriireefi tarreen jarikaanii daandii cina walduraa duubasaa eegee taa’eeru dallaa miidhaginaaf ijaarame fakkaata.

Anis yaada qalbiin liqimfamee dachee magariisaa kana raajeffachaa osoon jiruu daa’imman bishaan waraabbachuuf hiriiraniiran wayitan argu akkasaan wallaale.

Magaalotni baadiyyaa Gujii jala jiran Adoolaan, Shaakkisooniifi kanneen biroo maqaansaanii gaafa ka’u sammuu namaatti kan dhufu madda warqee, dachee magariituu, dachee dimokiraasiin itti baratamuufi dachee hammachuun jiraachisuu beekanidha.

Dachee uumamni ganamuma miidhagsee albuuda warqeen ishee ijaare albuuda tantaalamiin utubee dhaabe orma nyaachisaa orma quufsaa ofii golgoloofte Gujiin hedduu garaa nama nyaatti.

Dhimma kana ilaalchiisuun mootummaatu hordoffii kennuu didemoo dachee Gujiitu bishaan hinmaddisiisuu laata yaanni jedhus nakeessa deddeebi’aa ture. Kaanimmoo dheebuu jalaa bahuuf bishaan cooree qulqullinnisaa hineegamne waraabanii kan dhuganis tokko lama miti.

Uumamatu ganamuma bishaan dhugaatii dhorkeera akka hinjenneef dacheen magariisaa bineensotaaf galma ta’e godinittiif simboo ta’e silaa hinjiru ture. Kutannoo siyaasaafi birmannaa mootummaa dhabuu akka ta’en tilmaame.

Yaada kanaan masakamee imalarra osoon jiruu sa’aa 12:30tti magaalaa Adoolaa wayitan gahu dukkanaan liqimfamtee turte. Gara bakka bultii kootti wayitan gorus ibsaan hinjiru, lafti waan dimimmiseef hojjettoonni hoteelichaa jenereetara tajaajila ibsaa laatu kaafachuuf oliif gadi fiigu.

Maali ibsaan hinjiruu jedheen gaafadhe jennaan fuula ifaan na ilaalee, ibsaan biyyanaa, “Akka simbira masqalaa waggaatti takkaa dhufa” yoon jedhe harbeessuu hinjedhamu. Adoolaa dabalatee magaalotni godina Gujii jala jiran martinuu tajaajila ibsaas ta’e kan bishaanii akka badhaas addaatti eeggatu jedhee garaa na kute.

Anis dhimma kana ajaa’ibsiifachaa gara mana ciisichakootti galee qaamakoo hurgufaa konkolaataan butute ofirara dhiqachuuf yaadee bishaan baannaan hin hojjetu.

Rakkoon kun jiraachuusaa warri baran hojjettoonni hoteelichaa bishaan bakka biraarraa maallaqa guddaan bitan baaldiitti naqanii kaahaniiru. Bishaan sanaan dhaqna dhiqatanii qulqullaa’uun wanna yaadamu miti.

Anis takka taa’ee yaadeen ani kan qaama itti dhiqatan dhabe jedheen dhiphadha edaa kan qoonqootti dhugamuyyuu dhibee dargaggoonniifi haadholiin daandiirratti bahanii jiranuu kumaatamadha. Anillee buleen gala kansaaniitu garaa na nyaate. Taa’ee gaafan yaadu hawaasni Gujii nyaanni dhiyaateefii harkisaanii kan jalaa hidhame natti fakkaatee mul’achuusaan baay’een gadde.

Turtii daqiiqaawwan muraasaan booda sochii magaalattii ilaaluuf wayitan gadi bahu ijoolleen umrii waggaa jahaa olii shuggee, pilaastika bishaan haaylaandii keessaa dhugame baatanii suuqii duratti hiriira galanii laambaa wayita bitanin arge. Dabareen kiyyadha anaaf dura safariirratti kan waldaddarbachuun wallolanis tokko lama miti. Takka dhaabadhee ilaaleen dhimmi hiriira kanaa gaaffii natti uume.

Dargaggeessi Oromoo sirna abbaa irree kuffisuuf dhiiraaf durbaan hiriira bahee ‘daawon daawon’ jechaa ture, har’ammoo bishaan qoonqoosaatti dhugu, akkasumas ibsaa dukkana keessa ija ta’ee isa tajaajilu dhabuusaan jireenya hadhaahaa kana dandamachuuf bittaa laambaafi bishaaniif hiriiruusaatu na gaddisiise.

Daandiin aspaaltii naannoo Sidaamaafi Gujii walqunnamsiisu hamma tokko mijataadha. Ta’us, daandiin gara shaakkisoofi bakka albuunni warqee qotamu ganda Qanxichaa geessu biyya mootummaan ijaan argee beeku hinfakkaatu. Gujiin bishaan dhugaatiin, tajaajila elektirikiifi daandiin adabamaa albuuda kabajamoo qabeenya uumamaashii alseerotaan saamaamaa turteetti jechuun dandahama.

Dhaabbileen maqaa invastimantiin godinichatti imalaa turan hundi karaa itti dhiyaatanii saamicha gaggeessan mijeeffachuun alatti faayidaa hawaasa sanaaf quuqama tokkittii akka hinqabne tilmaamuun nama hindhibu.

Dargaggoonni hedduu daandiitti bahanii hojii humnaa eeggatan kumaatamadha. Abbootiin qabeenyaa misoomaaf achitti bobbahaniiran marti qabeenya uummatichaa saamanii golosaanii guuttachaa rakkoo bu’uuraalee misoomaa hawaasa naannawichaaf kana hojjetaniiru kan jedhamu hinjiru.

Dhimma kanarratti hiriyaa koo waliin haasawaa osoo jirruu sirbi Artist Shukrii Jamaal, “Abbaan lafaa dhabee lafasaa sooree halagaan irra jiraataa; dhakaa falaxee lafasaarratti qansiraan bulaa qonni hafeetii” jedhu sammuukootti dhufe.

Akkuma, “Qamaleen abbaa harbuu ari’atti” jedhamu hawaasni sabboonaa duudhaaf aadaa dimokiraatawaan ijaaramee guddateeru qabeenyasaarratti abbummaa dhabuun invastarri gamasitti imalu kamuu faayidaa dhuunfaasaa guuttachuun alatti dhimma hawaasaaf ijaaf gurrasaa waan laate hinfakkaatu.

Gujiin invastaroota ofittoon saamamaa qorqamaa keessi golashee kan golgolaa’e yoo ta’u, mootumman naannoos ta’e simannaan ivastarootaa gara Gujiitti taasifamu kamuu ulaagaa invastimantii guuttachuufi guuttachuu dhabuunsaa ragaan mirkanaa’ee osoo hojiirra oole mishadha.

Saamichi kaleessaa kun akka irra hin deebi’amneef, akkasumas rakkoogama faalama qilleensaan jiruuf jireenyi hawaasaa akka hinraafamneef xiyyeeffannoon mootummaa jabaachuutu irra jiraata.

Har’as akkuma kaleessaa maqaa invastimantiin saamicha gaggeesuuf kan kaatan tokko lama miti. Invastaroonni tokko tokko eeyyamaafi beekamtii mootummaa malee ummata burjaajessuun faayidaa qaxxaamuraa argachuuf kan oliif gadi kaatanis hindhiban.

Yerichi yeroo haaromsaati, akka kaleessaa harka wayyaa jalaan ummata saamaa saamsisaa gola ofii guuttachaa kan ummataa golgoleessaa bara lakkaa’uun tarkaanfachiisaa waan hintaaneef mootummaan of ilaaluu qaba.

Walumaagalatti hawaasa bishaan dheebotu dheebuu baasuu osoo qabnuu, kan tajaajila ibsaafi yaalaa hinqabneef birmannaan taasifamuu osoo maluu olola burjaajessaan ummata gowwomsaa qabeenyasaa saamuun alseerummaa waan ta’eef Gujiif haa birmannu.

Bariisaa Bitootessa 4 Bara 2013

Recommended For You

6 Comments to “Dachee warqee maddisiistu bishaan dhugaatiin itti gu’e”

  1. Pingback: LSD Vial therapy
  2. Pingback: gunpowder
  3. Pingback: obeng bet
  4. Pingback: fn hack
  5. Pingback: abacus onion

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *