Daandii Ida’amuu: Kitaaba karaa araaramuufi badhaadhinaa eeru

Charinnat Hundeessaatiin

 Namoonni hedduun waggoota sadan darbanitti kitaaba lama guutummaatti dubbisanii akka hinxumurre tilmaamuun nama hindhibu. Kanaafis sababiin ‘hojiitu natti baay’ate’ kan jedhu ta’uu mala.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad garuu waggoota sadii keessatti kitaabota ajaa’ibsiisoo lama, waliigalaan ammoo kitaabota torba barreessanii dubbistootaaf dhiyeessaniiru.

Akka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsanitti kitaaba falaasamaa IDA’AMUUrraa galiin qarshii miliyoonni 120n argameera. Galichi manneen barnootaa karaa Waajjira Giiftiduree ijaaramaniif ooleera.

Kitaabni Daandii Ida’amuu kun Afaan Oromoofi Amaariffaan kan qophaa’e yoo ta’u, qabiyyee xiyyeeffannoo kitaaba Afaan Oromoo qophaa’ee kan dhiyeessan Doktar Birhaanuu Leenjisoo, Daarektara Ittaanaa Qo’annoo Imaammataa Afrikaa Bahaati. Yaadni isaan kitaabicharratti kennanis akka ittaanutti dhiyaateera.

Kitaaba kana yeroo lama dubbisuuf carraa argadheera. Waantota oggaan dubbisu na hawatan keessaa muraasa akkasumas faayidaa kitaabni kun biyyaafi hawaasa keenyaaf qabu gabaabsee dhiyeessuun yaala.

Ani ogeessa saayinsii hawaasaati. Kanaafuu faayidaan kitaabichi hawaasa keenyaaf qabu maalinni, akkamittis fayyada, daandii hanga ammaatti keessa darbinee dhufnellee akkamitti xiinxala waan jedhurrattin xiyyeeffadha. Walaloowwan kitaabicha keessa jiran waltajjii kanaaf dhiyeessuu baadhus hundasaaniitti gammaduu koo otoon hinibsisiin hindarbu.

Kitaabni Daandii Ida’amuu karaa jijjiiramni biyyattiif ittidhufe dhiyeenyaan xiinxala. Kitaabichi kutaalee sadiifi boqonnaawwan 14, fuulawwan 591 qaba. Kutaa tokkoffaan adeemsa siyaasaa ADWUI, wal’aansoo achi keessatti godhamaa ture, kan baay’een keenya hinbeekne, akkasumas bu’uura sochii jijjiiramaarratti kan xiyyeeffateedha.

Kanaan walqabatee ani baruma ADWUI kanaan jiraadhe, adeemsi siyaasaa ani sirriitti beeka jedhus siyaasuma ADWUIti. Garuu waantota baay’een kitaaba kana keessaa baradhe. Dimokraatik senteraalizimiin hammam akka waa dhoksuu danda’ullee kitaaba kana keessaa sirriitti baradheera.

Sirree xiqqoon sun rakkistuu nama tokko malee hinraffistu jedhee jalqabee rakkoolee ADWUI keessa jiran gadi fageenyaan, dogoggoroota ADWUIn bu’uurarraa jalqabee hojjetaa ture kitaaba sirnaan xiinxaluudha.

Kanaafuu dhaloonni duubatti deebi’ee adeemsa siyaasaa ADWUI baruu barbaadullee kitaaba kana dubbisee waan guutuu argata abdii jedhun qaba.

Kutaa lammaffaan barbaachisummaa araarri jijjiiramaa biyyaalessaa keessatti qabu gadi fageenyaan kan xiinxaluudha. Kanaan walqabatee ragaafi muuxannoo akkasumas rakkoo biyyoota biroo kanneen akka Afrikaa Kibbaa, Ruwaandaafi Kaanaadaa mudatan haala onnee nama xuquun kan barsiisuudha.

Kitaabichi barbaachisummaa araara Ertiraa wajjin goonee hundi keenya kan beeknu ta’ullee haala daran nama hawatuun kaaseera.

Kutaa sadaffaa keessatti ammoo misoomawwan guguddoo jalqabaman, xumuraman, kan baay’een keenya ijaan arginee beeknu kaasuu bira darbee gahee yaadamni ida’amuu kun fuulduratti rakkoo biyya keenyaa hiikuu keessatti taphachuu danda’u haalaan kan kaasuudha.

Barreessaa malee hogganaa nutti hinfakkaanne jedhanii turan. Ani kitaaba kana keessatti hogganaa barreessuu danda’u, dhaaba siyaasaa hogganun arge. Kanaafuu dubbiin siyaasaallee inuma jirti. Yeroo baay’ee biyya keenyatti waanti baratame waan lafarratti arginu fudhachuu dabuudha.

Ministirri muummeen garuu, muummicha biyyattii, hogganaa paartiitii, barreeffamas sirriitti danda’u waan jedhun hubadhe.

Kitaabicha keessaa waantotuma lamaan sadan tokko kaasee bira darbuuf, hawaasa ykn biyya cimstuu ijaaruu keessatti ilaalchota jajjaboodha kanin jedhen kaasa.

Inni duraa hiika daandii Ida’amuuti. Daandiin Ida’amuu fuula 22farratti, humna har’aa kurfeessanii raacitii kaleessaa ittidabaluun badhaadhina egereetiif horata ykn dilbii kuusaa deemuudha jedha. Oggaa haala biyya keenyaa xiinxalus akkana jedha, “Biyyi keenya biyyoota maqaa guddaafi seenaa dheeraa qaban keessaa tokko”. Kun waan daran na hawateedha.

Biyya waloo sabni tokko tokkoo keenyaa ol keessatti ta’etu baroota heddu qaxxaamuree amma nu harka jira. Hojmanee guddaan nu hafu, akka Itoophiyaan hunda keenya fakkaattuufi eenyummaa waloo keenyaa calaqqisiistuuf bilchinaan hojjechuudha.

Kitaabichi fuula 42farratti, Itoophiyaa sabdaneettiifi badhaatuu uumuun gahee keenya. Fuula 45farratti ammoo biyya keenya fuulduratti tarkaanfachiisuuf jalqaba biyya tokkummaa sabdaneessaa qabdu ijaaruufi karaa fulla’aadhaan bu’uurashii jabeessuun akka nurra jiru amanuu barbaachisa. Kanaaf ammoo murteessaan qajeeltoowwan ida’amuu cimsuudha. Haala guutuu ta’een waliigaluun jiraachuu, madaala eeguu, garaagarummaa simachuufi kkf bal’isuu gaafata jedha.

Dhumarratti fuula 289fa irratti dogoggora kaleessaarraa barachuun, kan darbe sirreessuun, isa sirrii ammoo jabeessinee biyya keenyaaf boqonnaa haaraa saaquu nu feesisa jedha.

Faayidaalee guguddoo ani kitaaba kana keessaa arge sadan tokko kaasuuf, kitaabni kun faayidaalee danuu qaba. Namni hundi dubbisee faayidaa barbaadu keessaa fudhachuu danda’a. Waan ani hinargine namni biraa arguu danda’a. Garuu sadeen ani kanaa gaditti kaasu akka waliigalaatti, akka biyyaatti, akka hawaasaatti, akka sabaatti, akka nama dhuunfaatti waan bu’aa irraa argannuudha jedheen amana.

Faayidaa tokkoffaan bu’aa kitaabni kun ogabarruu biyyaa guddisuu keessatti qabuudha. Guddinni biyya tokkoo guddina dinagdee qofaan hinmilkaa’u. Guddinni dhala namaa waan hunda dursee dhufuu kan qabuudha jedhee amana. Waantota guddina dhala namaa kana mirkaneessan keessaa ammoo sammuu daa’imaa ogbarruudhaan guddisuudha.

Daa’imman gaaffii gaafatamu ni beeku, kitaaba nuu kennaa, ni dubbisnaa jedhu. Kitaabni jiraachuu baannaan eessaa fuudhanii dubbisu? Kanaaf faayidaa guddaan kitaaba kanaa daa’immaniif waan dubbisan ta’uudha.

Kanaafuu kitaabni kun guddina ogbarruu biyya keenyaatiif akkasumas guddina dhala namaatiif raaciti bareedhaadha jechuudha. Kitaabni kun raacitii kaleessaatti dabaluu kan jennes kanuma.

Dhugumatti kitaabni akkanaa biyya keenyatti hinbaratamne. Siyaasni biyya keenyaa akka malee walxaxaan fedhiifi abjuuwwan garagaraatiin sakaalame kun sadarkaa hogganaa olaanaatiin haala gadifageenya qabuun xiinxalamee kan biyya keenyaa qofa otoo hintaane muuxannoo biyyoota biroo wajjin walmaddii qabamee dhiyaachuun waan amma keessa jirruuf daran barbaachisaadha jedheen amana.

Biyyoonni rakkoo biyya keenya keessa jiru wajjin walfakkaatu qaban akkamiin akka irra aanan akeekuunsaammoo kitaabicha guutuu taasisa.

Kanumaan walqabatee muuxannoon biyyoota akka Israa’el, Chaayinaa, Ruwaandaa, Afrikaa Kibbaafi Kanaadaa kitaabicha keessatti bal’inaan eerameera. Dhalattoonni biyya kanaallee kitaaba kana akka seenaasaaniitti dubbisuu danda’u. Kitaabni kun otoo gara Ingiliffaatti hiikamee kan duraa sana caalaayyuu barbaadamaa ta’a jedheen amana. Kanaafuu ga’e ykn faayidaansaa tokkoffaan kana.

Faayidaansaa lammaffaan kitaabni kun afaanota keessumaa Afaan Oromoo guddisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuusaati. Kitaabni siyaaas dinagdee Itoophiyaa sadarkaa kanaan gadifageenyaan xiinxalu biraa jira jechuun na rakkisa. Yoo jiraatellee daran muraasa. Yookaan ammoo afaanota biyyoota biroo kanneen akka Ingiliffaa fa’iin kan barreeffame ta’a.

Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaafi afaan siyaas dinagdee Itoophiyaa akka ta’u, gaaffii Oromoo baroota dheeraa ta’uusaa ni beekna. Haa ta’u malee Afaan Oromoo sadarkaa sanatti guddisneerra jechuun rakkisaadha.

Waggoota 20n darrbanitti Afaan Oromootiin asoosama barreessuun daran dabalee ture. Asoosamni haa barreeffamu malee haala qabatamaafi siyaas dinadgee biyya keenyaa Afaan Oromootiin gadifageenyaan otoo hinxiinxaliin har’a geenya jechuun ni danda’ama.

Afaan Oromoo qofa miti Amaariffi afaan hojii mootummaa waggoota dheeraa lakkoofise kunillee haala kanaan siyaas dinadgee biyyattii ittiin xiinxaluuf faayidaarra ooleera jechuu hindanda’u.

Afaan meeshaa ittiin of ibsinu qofa otoo hintaane meeshaa ittiin yaadnuudha. Kanaafuu kitaabni IDA’AMUU inni duraafi kitaabni Daandii Ida’amuu lammaffaan kun Afaan Oromoo Amaariffaan walqixa afaan siyaasniifi dinagdeen biyyattii ittiin xiinxalamu qofa otoo hintaane afaan ittiin wixinamu akka ta’u godheera jechuudha. Haala kanaan Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa gochuufis bu’uura gaarii kan kaa’eedha jechuun ni danda’ama.

Faayidaa sadaffaan ga’ee kitaabichi hogganaafi hawaasa walittifiduu keessatti qabuudha. Hoggantoonni biyyoota Afrikaa baay’een of hinibsan. Abbaan irrummaa iccitii keessa dhokattee jiraatti jedhama.

Kanaaf imaammatasaaniifi karaa irra deeman namatti hihiman. Biyyi keenya, Itoophiyaan ammoo waggoota dheeraadhaaf mootummaa abbaa irree jala waan turteef mootummaarraa ajaja malee ilaalcha, mul’ataafi kallattii isaan irra deeman irraa dhaga’uun aadaa hinturre.

Ministirri muummeen keenya haala yeroo jalqabaatiif jedhamuu danda’uun mul’ata biyyasaatiif qabu, seenaafi siyaasa biyyattii akkamiin akka hubatu, rakkoo biyya kanaa sirreessuuf mala akkamii hordofuu akka barbaadu ummatasaatiif ibsuunsaa, sanuummoo afaan namoonni baay’een dubbatan lamaaniin ibsuunsaa ummata biyyattii ykn walittidhufeenyi namoonni waliif qaban kan dabaluudha yaada jedhun qaba.

Anuma akka nama dhuunfaatti yoo fudhanne ministira muummee namummaan nan beeka, garuu hamman namummaan isa beeku, hamman ittisiqee ittisaasa’ee (yeroo

 gabaadnuuf ta’uu malaa) waa irraa hubadhu caalaa kitaabasaa dubbisee eenyummaasaa bare jechuun danda’a.

Kun faayidaa olaanaa qaba. Seenaa biyya keenyaallee ni jijjiira. Biyya kanatti oggaa hogganaa jedhamu akka waan nama nu biraa dhufe tokkootti hinilaallu. Kitaabicha keessas jira. waan dogoggoru nutti hinfakkaatu. Waan boo’u nutti hinfakkaatu. Waan fira galateeffatu nutti hinfakkaatu. Kitaabni kun sanallee kan cabsu ta’a jedheen yaada.

Kun akkuma jirutti ta’ee garuu akkuma beektan ummanni keenya baay’een hinbaranne, aadaa dubbisuus hinqabu. Yeroo tokko oggaan barachaa jiruu barsiisaan keenya tokko kitaabota guguddoo intarneetiirraa buusanii qormaata qabxii shan qabuudhaa hunda dubbisaa fixaa nuun jedhan.

Achii gaaf tokko hundi keenya mufannee ittidubbanne. Gaafa lammataa kitaaba isa duraa caalu fidanii ‘Hanga al’aana kiniiniitiin isinii qopheessinutti ishii kana dubbisaa nuun’ jedhan.

Kana jechuun hamma ummanni keenya sadarkaa dubbisuu sanarra gahutti hanga danda’ametti tooftaalee adda addaatiin yaadni kun akka ummata bira gahu gochuu qabna.

Miidiyaalee adda addaatti fayyadamuu, caccabsuudhaan akka namni hubatu, yaada sirriisaa akka hubatu gochuun nurraa eegama jedheen yaada. Akka kootti kitaabni kun hindhumne. Otuman kitaabicha dubbisuu bakkan amma gahe gahee dhaabadhe. Koronaarra jira. Brou ittifufa jedheen abdadha. Nutis gaafas dubbisuu ittifufna.

Akka waliigalaatti garuu daandiin Ida’amuu daandii araaraati, daandii badhaadhinaati. Haala salphaa ta’een akkanattin ibsa. Daandi dhalli namaa kamuu garaa garummaa tokko malee irra deemuu danda’uufi qabuudha jedheen abdadha.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad kitaaba kana barreessanii yeroo kanatti ummata keenyaaf dhiyeessuusaaniitiif guddaa galatoomaa jechuuniin babaada. Dhugumaan kun oolmaa guddaadha.

Gatii guddaas qaba. Akkuma kitaaba duraas ta’e kan ammaa keessatti kaasan warri Bashaashaa jecha qabu. Jecha, ‘Bashaashaa oolmaaf galiin bilaashaa’. Oolmaansaanii kun akka bilaasha hintaaneef hundi keenya kitaaba kana bitannee haa dubbisnun jedha.

Barreessaafi barsiisaa Baddiluu Waaqjiraa xiinxala kitaabicharratti taasisanirraa ka’uun akka jedhanitti, Kitaabni Karaa Ida’amuu gama seenessaa, ittifayyadama afoolaafi mammaaksaatiin akkasumas sadarkaa oggabarruu sirnaan eegee kan dhiyaateedha. Seenaawwan keessoosaa jiran haalli salphaan ittidhiyaate dubbistootaaf kan mijatuudha.

Kitaabichi walaloowwaniifi seenaawwan hawatoo dhugaarratti hundaa’iniin kan waa’elchameedha. Bashaashaarraa kaasee hanga Masaraatti darbees dhimmoota biyyaa baay’inaan qabateera. Kitaabichi waantota danuu kan qalqulleessuudha.

Barsiisaan falaasamaa Doktar Daanyaachoo Asaffaa gamasaaniin kitaabichi dhimmoota qindoomina Oromoofi Amaaraa (Oromaaraa), dargaggummaa, qabsoo nagaafi dhiifamaarratti xiyyeeffachuun haala guutamaa ta’een kan dhiyaateedha. Kitaabni ammaa kun haala dubbistoota hawatuun mudannoowwaniifi seenaawwan danuu kan qabateedha jedhan.

Barreessituu Hiwot Immishaawus, kitaabni Daandii Ida’amuu waantota ulfaataa fakkaatan haala seenessaa salphaa ta’een kan ibseedha. Kitaabichi bu’aa ogbarruu loogmaleessummaan barreeffamuun filatamaa taasisa jetti.

Barreessaan kitaabichaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadis, “Kitaabni ‘Daandii Ida’amuu’ jedhamu kun, faana jijjiiramaafi daandii ida’amuun keessa darbe duubaafi fuulduratti adeemee xiinxala.”

“Yaadonni jijjiirmni bu’aa bayii hedduu keessaa darbee as gahe kun uume maal akka ta’an, adeemsi riifoormichaa jalqabarraa kaasee maal akka fakkaatu, mudannoowwan gaariifi qorumsa ta’anii adeemsa keessa uumaman, akkasumas seenaawwan walittihidhata qaban qabateera.”

“Yaadannoowwan har’a yookiin boran barreessa jedhee utuu hinbarreessiin keessaakootti saamsamanii yeroo dheeraaf nawaliin turaniifi yaadotni hiriyummaa ani jaalleewwankoof qoodes keessaatti hammatamaniiru.”

“Dhimmoota hedduurrattis hubannoo fooyyee qabu akka kennun amana qaba. Kitaaba kana dura baheefis ittifufiinsaafi ragaa ta’ee akka tajaajilu gadifageenyaafi bal’inaan, jijjiirraa bifa barreeffamaa xiqqaa waliin kan qophaa’edha.”

“Gama qophiitiin yoo ilaalamu kitaabichi waggoota lamaafi isaa ol kan fudhate yoo ta’u, yeroon itti jalqabame kitaaba ‘Ida’ amuu’ isa sana yoo durse malee booda hinta’u. Akkuma isa duraa afaanota lamaan jechuunis Afaan Amaaraafi Afaan Oromootiin qophaa’ee hojiin maxxansasaa xumuramee dubbistoota harka gaheera.”

Dubbisa gaarii!

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 4/ 2013

Recommended For You

8 Comments to “Daandii Ida’amuu: Kitaaba karaa araaramuufi badhaadhinaa eeru”

  1. Pingback: สวนหิน

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *