Yeroo baay’ee gaafa ayyaanni Adwaa kabajamu wayyaa goototaa uffachuun, eeboofi gaachana qabatanii fuuldura ba’anii dhaadachuun beekamu, baay’een keenya fodda televizyiniitiin ni arginaan.
Gaafa waa’ee injifannoo Adwaa gaafa dubbatanis onnee cimaadhaan dubbatu. Nutis ayyaanni yaadannoo Adwaa waggaa 125fan barana haala addaatiin ji’a Guraandhalaa guutuu kabajamaa waan tureef haala waliigalaasaa akka nutti himaniif Pirezidaantii Gootota Itoophiyaa, Lij Daani’eeljootee Masfiin keessummaa maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Mee wal haabarru.
Lij Daani’eeljootee: Maqaan koo Daani’eeljootee Masfin jedhama. Pirezdaantii Waldaa Gootoota Itoophiyaati. Kanin dhaladhe bara 1936 Godina Iluu Abbaab Boor, Magaalaa Mattuutti.
Abbaan koo mootii Bulchiinsa Iluu Abbaa Boor waan turaniifin achitti dhaladhee hanga waggaa lamaatti ture. Isa booda gara Bulchiinsa Kafaatti waanin jijjiirameef Magaalaa Jimmaatti hanga kutaa 11fatti Mana Barumsaa ‘Miyaaziyaa 27ttin baradhe.
Ittaansees gaafa abbaankoo muudamanii Ministeera Bulchiinsa Biyyaa (Finfinnee) dhufan wajjinin dhufe.
Finfinneetti manneen barnootaa Tafarii Mokonnon, Wiingeetfaatti barnootakoo hordofeera. Ingiliz deemuunis barnoota na barbaachisu baradheera. Ittifufees Ameerikaa, Yunvarsiitii Kaalifooriniyaatti argamu kan “Gold Gate’ jedhamu seene.
Achiis digriikoo jalqabaa ‘Economics Development’dhaan fudhadhee Itoophiyaatti deebi’e. Baankii Misoomaa keessas gara waggaa sadii hojjedheera.
Utumaan hojiitti jiruu fincilli eegalame. Yeroo sanatti ijoolleen abbootii taayitaafi mooticha waliin hidhata qabu jedhaman nu hidhuuf kaanaan karaa Keeniyaa baqadhee biyyaa ba’e. Kanaanis takka Ameerikaa taa’ee deebi’ee Ingiliz deeme.
Achis takka taa’ee gara Sudaan dhaquun waggaa tokkoof seenaa qabsoo biyyattiirratti dhaabbata ‘EDU’ jedhamuu waliin ta’ee mootummaa ikonomistii ture buusuuf yaalii taasifame keessatti hanga tokko hirmaadheera.
Ingiliizitti deebi’ees Yunvarsitii Reedingitti misooma dinagdeetiin digriikoo lammaffaa fudhadhe. Achiis Ameerikaatti deebi’ee leenjii ogummaa garagaraa fudhadheera.
Haala kanaan waggoota dheeraaf ergan biyya alaa turee booda mootummaan Dargii kufee ADWUIn aangoo qabate waggaasaattin gara biyyaatti deebi’e. Fediin koon guddaan biyyakoo jiraachuufi achittis hojjechaa turus waggaa lamaan sadan jalqabaa akkan yaadetti socho’uu hindandeenye.
Bariisaa: Maaliif hojjechuu dadhabdan, waan ture osoo nuu qooddanii?
Lij Daani’eeljootee: Akkuma beekamu gaafa mootummaa tokkorraa tokkotti ce’amu waa hundi waldha’aafi hojjechuuf kan nama rakkisuudha. Keessumaa nama biyya alaatii dhufuuf daran ulfaataa ture. Ta’us biyyakee waan taateef biyyattiifi ummanni darane waan miidhamee tureef maal na dhibe jettee dhiistee hindeemtu.
Isaa booda warshaa tokko dhaabuuf yaadeen caalbaasiidhaan bitadhe. Ta’us isaaf yeroo dheeraaf kaartaa argachuu hindandeenye. Warshicha dhiiseen Bishooftuutti Riizoortii Baabboogaayyaa ijaare. Yeroon sana “Gara Oromiyaa hindeeminaa, rakkinatu jira, Amaariffaan isin hindubbisanii”fi kkf jedhanii hololli dijitaal Wayyaanee yeroo itti gaggeeffamaa tureedha.
Ani garuu biyyaafi ummatan dursee beeku waan tureef deemuuf hinmamne. Kanarraan gamtokkeen waanin Oromoo ta’eef hinsodaanne. Dubbii keenyarratti yeroo sanadha sabaan walqooduun jiraachuu kanin hubadhe. Kanas ta’u sana waan ummatakoofi biyyakoof ni fayyada jedhe hojjedheera.
Bariisaa: Gara Waldaa Gootota Itoophiyaatti yoom dhuftan?
Lij Daani’eeljootee: Gama biraatiin Waldaa Gootota Itoophiyaa waggoota 80 lakkoofsise keessatti waggoota 18f koree misoomaa keessatti tajaajileera. Isa keessaa ba’ee gara pirezdaantummaa kanin dhufe namoonni tokko tokko utuu Daani’eeljooteenfaa gara gaggeessummaatti dhufanii mootummaan isaan hinfudhatu jedhanii odeessaa waan turaniif, animmoo Itoophiyummaakoo agarsiisuu waanin barbaadeefan akkasumas mootummaas falmuu waaniin barbaadeefin dhufe. Utuun biyyaaf hojjechaa jiruu maaliif mootummaan na dhorka inni jedhu xiiqii waan natti uumeef pirezdaantummaaf dorgomee mo’adhe.
Bariisaa: Erga prezidaantummaan waldicha tajaajiluu eegaltanii waggaa meeqa ta’eree?
Lij Daani’eeljootee: Akka seerasaatti waggaa shaniif ture. Garuu waggaa lama dabalataan hojjedheera. Sababnisaas yeroonsaa yeroo manni seenaa akka jigu itti barbaadamu waan tureef dhiibbaa ture dandamachuufi. Manni seenaammoo akka jigu kan barbaadamuuf seenaa durii isa, dhugaa waan dubbannuufi.
Achi keessattis gootummaa, tokkummaafi wajjummaa Itoophiyaa waan ibsinuufi. Mootummaan yeroosimmoo waan adda baasuufi waldhabsiisu barbaada. Yeroo haati warraafi abbaan warraa qomoo garagaraallee adda itti ba’an taasifamu ture. Yoo ummata waldhabeefi tasgabbii dhabe ta’e bituuf waan isaaf toluuf kana godha.
Turtiikoo keessattis yeroowwan garagaraa himanni narratti banameera. Inni duraa namoota Ameerikaa jiran waliin ta’uun sirna moototaa deebisuuf tattaafata jedhamee himatameera. Dhimmicharratti gaafa waamanii na gaafataniis, “Eeyyee dhuguman sirna moototaa deebisuuf tattaafataa jira. Garuu gaafan Hayilasillaasee bilbilee
gaafadhu waan, “Nuti dadhabneerra” naan jedhaniifin dhiisee” jedheen deebiseef. Isa booda takkaan na dhiisan.
Ammas yeroo biraammoo himata biraa natti fidan. anga’oonni saba Amaaraa yeroos turan “Amaara hinkeessummeessu” jedhanii na himatan. Kan jechuun Daani’eeljooteen sabummaadhaan hojjeta jechuu barbaadaniiti. Anga’oonni Oromoommoo, ‘Oromoo hinkeessummeessu” jedhanii na himatan. Wanti kun karaa tokko na aarsa; karaa biraammoo na dinqa.
Maaliif na dinqa seete? Bara ani guddadhetti waan akkanaa hinjiru. Yeroon ummanni Oromoofi Amaaraa waraana walitti bananii walwaraananis seenaa keessa hinjiru. Ani kanin beeku waliin ta’anni gaggeessitoota waraanaa ta’anii diina gaafa ofirraa qolachuusaaniiti.
Eenyuyyuu yoo dhufe tokkummaadhaan lolanii gaafa injifataniin beeka. Saboota warra kaan caalaa walfuudhanii waliin jiraataa turan, Oromoon Amaariffa, Amaarri Afaan Oromoo baratee yommuu waliin jiraatun beeka.
Amma garuu duudhaan sun amma waan laafe natti fakkaata. Kun anaan na cinqa. Sababnisaa gaafa ijikoo tokko dha’amu tokkommoo ni bo’a. Tarii saba lamarraa dhalachuukoof ta’uu mala. Garuu kan akkakoo meeqa akka jirummoo dagachuu hinqabnu. Maaliif akkas ta’a jedhee ofiin gaafadha; kanin hubadhe garuu yeroo dheeraa booda.
Bariisaa: Sababiin kanaa maali jettu?
Lij Daani’eeljootee: Inni guddaan seenaa keenya beekuu dhabuurraa kan maddeedha. Yunvarsiitiin muummee seenaa cufuun barnoota seenaa barsiisuu dhaabee ture. Hayyoonni seenaallee bakka dhabuu qofa osoo hintaane haalota garagaraatiin dararamaa turan. Sadarkaa godaattis akkasuma hinturre. Inumaayyuu naamusni badee barattoonni barsiisotasaanii arrabsuufi sodaachisuu eegalanii turan.
Rakkoolee akkanaafi kanneen biroo deebisuuf waldaan keenya sochii ni taasisa. Keessumaa mana seenaa ta’uusaatiin gama seenaatiin walqabatee ayyaanoota guguddoo sadii waggaatti kabajuun dhaloota barsiisaa jira.
Inni duraa, injifannoo ayyaana Adwaa (Guraandhala 23), inni lammataa, yaadannoo guyyaa kitimamtootaa, Guraandhala 12 yaadatamee ooluufi kan namoonni kuma 33 guyyaa sadii hanga shanii gidduutti dhuman, akkasumas sadaffaan Ebla 27 guyyaa injifannooti.
Guyyoonni kunniin bara Dargiitii kaasee kabajamuu eegalanillee waggoota 17f abbootiidhumatu guyyicha yaadata malee bal’inaan kabajamee akka dhaloonni baratu taasifamaa hinturre. ADWUIn ammoo gaafa aangootti dhufu ayyaanota kanneen haala isa fayyaduun qofa kabajaa ture.
Nuti jiraachuu keenyaan dhaloonni seenaa darbe hinbeekne fuulduree Itoophiyaa odeessuu hindanda’u jennee waan amannuuf barbaachisummaa ayyaanichaa hubachiisuun akka kabajamu taasisaa turreerra.
Waantota nuyiifi faranjoota adda taasisan keessaa inni ijoon, isaan waan har’a raawwatame barreessanii kaa’u, nutimmoo oduu qofa odeessina. Oduun ammoo yeroo muraasa booda ni dagatama. Namoota guguddoo meeqatu seenaasaanii barreesse jennee yoo ilaalle daran muraasa. Hayyoota seenaa meeqatu seenaa Itoophiyaa durirraa kaasee sirriitti barreesse yoo jennes muraasa. Aadaa waa barreessuu osoo hintaane afaaniin dubbachuu qabna.
Kanarraa ka’uun waldaan keenya yoodhuma ayyaanota kanneen kabaju carraa argameen hiriirootarratti mootummaaf beeksisuu ni dandeenya. Ummanni, dargaggoonni seenaasaanii hinbeekan, waa’ee alaabaasaaniillee sirriitti hinbeekan.
Jireenyumasaa qofa adeemsifata. Hammuma jireenyi ulfaataa deemummoo dargaggeessi tattaafachuufi osoo waan baay’ee hojjechuu danda’uu jireenyasaa mo’achuuf jecha seenaasaa waliin waldagachaa deemeera. Kanaafiim nageenyi kan dhibee waldhabdeen baay’atuuf. Itoophiyaan biyya badhaate turteem kan tokkummaashee diigee akka itti hojjettu ishee dhabsiiseetu baay’ate malee.
Biyya gaarii namni baay’ee hawwu qabna. Utuu miira tokkoon kaanee tokkummaan walqabannee deemnee diinonni keenya nu sodaatu. Nuti garuu sana hinhubannu. Nuti kan injifanne waraana Adwaa qofa miti. Waggaa 600 har’aa gaafa warri Misir al tokko qofa osoo hintaane al lama gaafa Itoophiyaa weeraruuf socho’an, ummatatu ofirraa deebise. Yeroos Oromoo, Amaaraa, Tigree, Walaayittaafi kkf osoo hinjedhiin hunduu tokkummaadhaan biyyisaa tuqamnaan ka’e.
Dur saboonni lafa, haadha warraafi kkf irratti waldhabuu danda’u, ammayyuu rakkoon akkanaa inuma jira. Ta’us garee uumanii yeroo isaan walirratti duulan hinturre. Seenaadhaanis barreeffamee hinjiru.
Yoo jiraatellee faranjoonni kan barreessan ta’a. Maqaa nuu kennamaa “Yaa Oromoo akkana kan siin jedhaniif akkana siin jechuu waan barbaadaniifim” jechaa haala dhokataa ta’een waggoota dheeraa fudhachuun ummata bira akka qaqqabu kan taasisan faranjoota.
Ingilizoonni gara Itoophiyaa dhufanii gaafa Gondar deeman hidhamtoota gad dhiisifna jedhanii dhufan. Miti garuu; osoo Tediroos qabataniiru ta’ee Itoophiyaa weeraruuf turan. Silaa waggaa 500 nu bitu turan. Hindi biyyi seenaa guddoo qabduuyuu waggaa 300 bitamte mitiiree? Guddummaa akka biyya Hindii qabaannus teknolojii hinqabnu waan tureef.
Boodarra Tediroos of haa ajjeesan malee waldhabdee Atsee Yohaannis waliin qabaniin Ingilizootaaf karaa kan bane isaani. Waldhabdeewwan akkanaa ni jiru turan. Garuu yeroon ummanni Tigree ka’ee Amaara ykn Amaarri Tigree itti waraane hinjiru. Ammas hinjiru.
Yommuu Maahadistoonni karaa Sudaan Itoophiyaa weeraruuf yaalan kan ofirraa qolate ummata Tigraay qofa miti. Duulicha Atsee Yohaannis haa gaggeessan malee, Oromoon, Amaarri, Walaayittaan, Sidaamni, Somaaleeniifi kanneen biroo Itoophiyaan akka hintuqamne ummanni barbaadu hundi ka’aniiru.
Namoonni seenaa barreessaa turan gootummaa Atsee Yohaannis barreessan malee eenyu wajjin hiriiranii akka mo’atan garuu hinbarreessine. Seenaan gootummaa moototaa biyya kanaa yommuu himamu qoodni ummattootaa himamuu baatus, shakkii tokko malee saboonni garagaraa duuba jiru.
Dhaloonni ammaa kana beekuu dhiisuu mala. Abbootiin keenya saboota biroo ta’an Afaan Oromoo, Oromoo caalaa dubbatan ni jiru. Kana jechuun dhiigasaanii keessa bakka ta’e ni jira jechuudha. Hunduu fedhasaatiin barataa ture malee dirqamaan baradhu jedhamee kan ajjeefame hinturre. Kun kan agarsiisu tokkommaafi wajjummaa tureedha.
Yeroo Atsee Minilikis yoo fudhanne, gaafa Adwaatti duulan dibbee rukuchiisanii “ka’i” jedhaniitu kan labsan. Yetoo kanas hundumatu kallattiilee afran biyyattiirraa ka’e. Barreeffamarratti garuu akka waan sabni tokko qofti duulee injifatetti barreeffame.
Kanarraa ka’uun injifannoon Adwaa injifannoo waraana Amaaraa qofa taasifamee fudhatamaa ture. Dhaloonni haaraas akkasittii yaadaa ture.
Sababnisaas dargageessi biyya kanaa waggaa 17 bara Dargiifi waggaa 27 ADWUI seenaasaarraa fagaatee adda ba’ee waan tureefi. Namoonni mindeeffamanii abaluufi abalu walitti buusna jedhanii diraamaa taphatanis ni jiru. Waldhabdeefi jeequmsi xixiqqoon amma mul›atanis kamurraa maddan.
Gaafa waraana Adwaa lixarraa waraanni Dajjaazmaach Jootee Tulluu galaa, warqeefi ilka arbaa waliin ergamanii qawwee bituun daangaa eeganiiru. Dirqama Adwaa deemuu qofa osoo hintaane diina duubaan dhufu eeganii qoachuun qaamuma duulichaa ture.
Gaafa gara Naqamtee ol dhuftummoo Dajjaazmaach Kumsaa Morodaa akkasuma daangaa eegsisaa turan. Walaayittaarraas mootii Xoonaan hiriiraniiru. Nigus Mikaa’eel Walloorraa fardeeniifi loltoota Oromoo kuma 30-40 ta’an fudhatanii seenaniiru.
Kaabarraa waraanni Gondar duuleera. Aaka waliigalaatti waraana kanarratti Beenishaangul Gumuuz, Somaaleen, Gaambeellaan, Sidaamaan, Affaar, Harariifi kanneen biroon duulaniiru. Kana garuu dhalootaaf hinbarsiisne.
Atsee Hayilasillaaseen
dhiigasaanii keessa dhiigni Oromoo jira. Garuu ani kana ani sana waanti jedhamu
hinturre. Waraqaan eenyummaakee Itoophiyaa jedha taanaan dhumataadha. Boodana
garuu waraqaa eenyumaakeerratti qomoo abbaakeetiin galmoofta.
Asirratti waan narra ga’een sitti hima. Gaafan Ameerikaadhaa dhufu waraqaa eenyummaa baafachuuf gara ganda tokkoo deeme. Unka akkan guutuu naa kennamerra gaaffiin qomoo haadhaafi abbaa gaafatu ni jira.
Anis achirratti lammii Itoophiyaa jedheen barreeffadhe. Namichi yeroos ture, maatiikoo seenaadhaan waan beekuuf “sirrii hinguunne, bakka qomoo jedhutti Amaara jettee guutuu qabda” naan jedhe. “Warri haadhakootiiwoo?” jedhee gaafannaan, “si lolu” jedhee naa deebise. Yeroo kana alaa dhufuu kootti nan gaabbe.
Gaafa waraana Adwaarratti namoonni kuma 100 ol ji’oota sadiif socho’anii duulan, Oromoon Afaan Tigree, Tigreen Afaan Amaaraa, Amaarri Afaan Oromoo, saboonni kaanis afaan saba biroo osoo hinbeekiin ture.
Yeroo kana tokkummaadhaan socho’aa turan. Gidduusaanii turjumaanni jira jedhee hin yaadu. Garuu Itoophiyummaan hunda bira waan jirtuuf waliin ka’an. Seenaan Itoophiyaa bara 1888 eegale miti; isa dura kan tureedha.
Tokkummaa waggoota dheeraaf ijaarame waan qabuuf diinni gaafa dhufu tokkummaadhaan ka’a malee iccitii biraan hinjiru. Gaafa dirree waraanaa ga’anis miiruma sanaan waraanan. Ani saba kanarraati jedhanii osoo hintaane ani lammii Itoophiyaati jedhaniiti kan duulan. Iccitiin injifannoosaaniis kanuma ture.
Wanti dagatamuu hinqabne gaafa Minilik “ka’aa” jedhanii waraana labsan kan isaan jaalatan akkuma jiran kan isaan jibbanis turaniiru.
Fakkeenyaaf gaafa isaan gara aangoo dhufan gareen Atsee Yohaannis isaan jibbu. Gaafa diinni biyya weeraru garuu namni jibba sana ilaale hinjiru. Itoophiyaatti bu’amnaan hunduu miira tokkoon hiriiree injifate. Meeshaa ammayyaallee hinqaban.
Bariisaa: Dhaloonni har’aa kanarraa maal barachuu qaba? Maalis Gochuu qaba?
Lij Daaani’eeljootee: Ministira Muummee Doktar Abiyyi jedhamu qabna. Waan inni hojjetu dinqisiifachaa, waan inni hojjechuu qabummoo gorsaa deemuu mannaa yeroo yerootti nuti mataan keenya gaafa warri cinaasaatii ba’an isa tumataniifi duubatti isa harkisan wajjuma yaadasaa jalaa bittinneessaa jirra. Injifannoon akka bara Adwaa yoo barbaachise baraafi yeroo ammaa ummanniifi dhaloonni isa duuba hiriiruu qaba. Har’a michuun keenya bara dheeraafi kan yeroo rakkinaasheetti qaqqabneef Sudaan nurratti kaateetti.
Kanaaf dargaggoonni dhiibbaawwan karaa garagaraa biyyattiirratti uumamaa jiru mootummaa cina tokkummaadhaan hiriiranii biyyasaanii oolchuu qaba. Meeshaa dijitaalaatiin waan nageenya ummataa booressu barreessuun ummata addaan baasuuf socho’uu dhiisanii “jabaadhu duubakee jirra” jedhanii hojjechuu qabu. Yoo nageenyi biyyattii keessa jiraate malee oolanii galuun, socho’anii hojjechuun hindanda’amu mee.
Wanti dagatamuu hinqabne tokko yommuu Doktar Abiyyifaa gara aangoo dhufan akka mana citaa abidda biraa turre. Isa keessaa baaneetu yoona geenye; jsa kana faranjoonni ni barbaadu; akka gubannuufi waljeeqnu jechuudha.
Sababnisaa injifannoo Adwaa booda waggaa 40 boodas isaaniin lollee waan isaan injifanneef haaloo qabu. Biyyoonni gita bittaatiin bitamanillee sababa Itoophiyaatiin waan bilisa ba’aniif kun isaaniif gammachuu hinkennu. Ammammoo gaafa waa’een ijaarsa hidha Abbayyaa dhufu bowwoosaanii dabaleera.
Dargaggeessi ammaa yoo hojii hojjetamaa jiru cina hiriire carraa hojii ni argata, ni barata, addunyaa kaan waliis walqixxaata jedheen amana.
Bariisaa: Paartiileen siyaasaawoo maal gochuu qabu jettu?
Lij Daani’eeljootee: Ani nama siyaasaa miti. Garuu gabaabaadhumatti isaanis keessumaa yeroo ammaa kana rakkoo Itoophiyaan keessa jirtu keessaa baasuuf hojjechuu qabu. Aangoo walsaamuuf socho’uu qofa osoo hintaane mootummaadhumayyuu cimsuuf socha’uu qabu.
Bariisaa: Haalli amma Itoophiyaa keessa deemaa jiru, waldhabdeen iddoo iddootti mul’atu Itoophiyaaf yaaddoo akkamii ta’a? Biyyattii hoo garamitti geessa jettu?
Lij Daani’eeljootee: Homaa waan nama sodaachisu hinqabu. Sababnisaas waan yeroonsaa hindhufneef malee ummanni Itoophiyaa keessasaatti tokko. Ummanni Itoophiyaa natti hinbu’iinaadha kan jedhu.
Yoo itti bu’amemmoo akka kanniisa gaagurrishee tuqameeti. Akka yaadakootti gaafa jijjiiramni dhufu qaamni aangoo hinarganne namoota faayidaadhaan qabuun tasgabbiin akka hinuumamne waan socho’aniifi.
Warri amma biyya jeeqaa jiran waggaa 27tti hojii waggaa lamaan kana hojjetame hinhojjenne. Ummanni kun mootummoonni dhufanii gaafa darban gadadoo hedduu isa ammaa caalu dabarseera. Inni amma jiru isa darbe waan hincaalleef yaaddoo uumu hinqabu.
Bariisaa: Rakkoo gamaa gamasii uumamu kanaaf sababni eenyu?
Lij Daani’eeljootee: Nu, warra barate malee ummanni bal’aan nagaqabeessa. Warri baranne seenaa qorachuufi dubbisuu dhiisnee oduu dhaggeeffachuu eegalleerra. Intarneetii bannee waanuma hintaane dubbisaa oolla.
Utuu dubbisnee callisneemmoo gaariidham. “Hindhageenyeeyii jenneemmoo nama biraatti daddabarsaa akka gaafa dhagaa bishaan keessatti darban geengoo uumuu sanaa uumaa deema jechuudha. Kana malees daa’imman keenya naamusaan hinguddisnu. Gaafa isaan dhagaa darbatanii galan “ishoo” jennee jajjabeessina. Kanneen fa’i rakkoo uumaa kan jiran.
Bariisaa: Moggaasi maqaa keessanii Daani’eeljooteen walitti waamama, kun maaliif? Ittiwaamamni Lij jedhuwoo maalirraa madda?
Lij Daani’eeljootee: Ijoollummaakootti maqaakoo maqaa akaakileekoo Dajjaazmaach Jootee Tulluutiin naa moggaafamee ture. Booda waan yeroonsaa sirrii hinturreefi maqaa Macaafa Qulqulluu Daani’eel jedhamummoo naa moggaasan. Animmoo lammansaa walitti fidee akka maqaa tokkootti ittiin waamama. Inni “Li” jedhummoo yeroo sana ijoolleen anga’ootaa “Lij” jedhamanii waamamu, isumarraa kan dhufeedha.
Bariisaa: Mootii Jootee Tulluun karaa abbaamoo haadha keessanii akaakilee isiniif ta’u?
Lij Daani’eeljootee: Haatikoo Yashimmabeet Gumaa Aagaa jedhamtti. Haati haadhakoommoo Jaallee Jootee jedhamu. Dajjaazmaach Jooteen ilmaan gara 20 horan. Akkoonkoos ilmaansaanii keessaa tokko jechuudha.
Bariisaa guraandhala 27/2012
3 Comments to ““Warra barannetu seenaa qorachuufi dubbisuu dhiisnee oduu dhaggeeffachuutu rakkoo uume” – Lij Daani’eeljootee Masfin”