Paakeejiin fooyya’aa eksiteenshinii fayyaa waggaa 15f turuu hojiirra oole

 Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Eksiteenshinoonni fayyaa akka biyyaatti jiran kuma 37 ol yoo ta’an ogummaa itti leenji’aniin tajaajila fayyaa si’ataafi qulqullina qabu dhogoomsuuf humnasaanii guutuu hojjetaa turaniiru.

Keessumaa dhibeewwan daddarboo ittisuurratti, du’aatii haadholii hir’isuufi qulqullina naannawaa eegsisuurratti hojii eksiteenshinoonni fayyaa hojjetaa jiran jajjabeessaa ta’uusaatiin paakeejii fooyya’aa hojiirra akka oolu taasifamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeera Fayyaa Itoophiyaa Doktar Liyaa Taaddasaa sochiin eksiteenshinoota kanneenii bu’aa qabeessa waan ta’eef paakeejii fooyya’aan deeggaramuu akka qabu waliigalamee hojiirra akka oolu ta’eera jedhan.

Sirna paakeejii eksiteenshinii fayyaa fooyya’aa hojiirra akka oolu taasifameefi waggoota 15f turu kun dheengadda ifoomeera.

Kaayyoon fooyya’insa paakeejii eksiteenshinii fayyaa taasifame kanaa tajaajilli fayyaa si’ataan aa waliin gahamu, hubannoo ittisa dhibeewwan daddarboorratti lammiileen qaban daran akka cimu kan taasisu ta’uu himaniiru.

Kenniinsi tajaajila fayyaa eksiteenshinii fayyaan gaggeeffamu kamuu teknolojii diijitaalaatiin akka deeggaramu taasifama jedhaniiru.

Hawaasnis hubannoo fayyaasaaf qabu cimsatee ittisa dhibeewwan daddarboorratti ga’umsa bilchataa akka qabaataniifs hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan paakeejiin fooyya’insa eksiteenshinii fayyaa haaraa kun bara 2013-2027

 hojiirra akka oolu kan taasifamu yoo ta’u, hojicharratti abbummaan kan bobba’u ogeessota kanneeni jedhameera.

Kun ta’us dhimmi fayyaa gahee eksiteenshinoota fayyaafi ogeessota fayyaa qofa miti kan jedhan ministirittiin, hawaasni mataasaan fayyaasaaf abbaa akka ta’u kan taasifamu ta’uu eeraniiru.

Sirna paakeejii eksiteenshinii fayyaa haaraa iftoomsuu kanarratti Ministirri Muummee Ittaanaafi Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon taasisaniin fooyya’insa tajaajila fayyaa argameef eksiteenshinoonni fayyaa adda dureedha jedhan.

Ogeeyyonni kunneen rooba, bosona, baddaa, gammoojjii osoo hinjedhiin fayyaa lammiileef of kennanii hojjechuusaaniif kabajni isaaniif mala jedhaniiru.

Paakeejiin haaraa amma qorannoon mirkanaahee bahe kun tajaajilli fayyaa manaa manaa hojiirra akka oolu waan taasisuuf ni jajjabeeffama jedhan.

Yeroo dhibeewwan daddarboo hammataa jiru kanatti shoorri eksiteenshinoota fayyaan taphatamaa tureefi bu’aan galmaahaa jiru ga’umsasaanii gadibaaseera jedhaniiru.

Fooyya’insa paakeejii kanaan daeen fayyaa jijjiirama addaa akka agarsiisu abdii qaban ibsaniiru.

Bariisaa gurandhala 27/2013

Recommended For You

3 Comments to “Paakeejiin fooyya’aa eksiteenshinii fayyaa waggaa 15f turuu hojiirra oole”

  1. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *